Kitaaba “Jaalala Waaqayyoo” Jedhutti Fayyadamnee Macaafa Qulqulluu Qayyabsiisuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
1. Kaayyoon kitaaba “Jaalala Waaqayyoo” jedhuu maalidha?
1 Walga’ii Koonyaa, “Hafuura Waaqayyootiin Geggeeffamuu” jedhurratti kitaaba “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa” jedhu argachuun baay’ee nu gammachiiseera. Akkuma walga’icharratti ibsame, kitaabni kun barumsa bu’uuraa Macaafa Qulqulluu barachuuf utuu hin ta’in, seerawwan bu’uuraa Yihowaan amalaaf baase barachuufi jaallachuuf akka nu gargaaru kan qophaa’edha. Kitaaba kana, manaa gara manaattis ta’e karaarratti yommuu tajaajillu hin raabsinu.
2. Kitaaba kana kan itti fayyadamnu akkamitti? Eenyufa’ii wajjin?
2 Kitaabni kun nama Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu tokko, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhu qayyabatee erga xumuree booda, akka kitaaba lammaffaatti qayyabsiisuuf kan gargaarudha. Dhugaa baratanii guddina argisiisuurratti, dandeettiin namoonni hundi qaban addadda akka ta’e yaadadhaa. Qayyabannaan yeroo taasifamu suuta ykn saffisaan baratichaa wajjin haala walsimuun dhihaachuu qaba. Barumsi qayyabatamaa jiru sirriitti baratichaaf galuusaa mirkaneessaa. Kitaaba kana nama kanaan dura kitaabota hedduu qayyabateefi walga’iiwwan gumiirratti hin argamne, akkasumas dhugaa Macaafa Qulqulluu baratee wajjin walsimuudhaan jiraachuuf fedhii hin qabne, qayyabannaa jalqabsiisuuf itti hin fayyadamnu.
3. Yeroo ammaa kitaaba Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu jedhu qayyabsiisaa jirra taanaan maal gochuu dandeenya?
3 Yeroo ammaatti kitaaba Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu jedhu boqonnaawwan gara dhumaa qayyabsiisaa jirta taanaan, kitaabuma kana xumuruufi kitaaba “Jaalala Waaqayyoo” jedhummoo baratichi dhuunfaadhaan akka dubbisu jajjabeessuuf murteessuu dandeessa. Kun ta’uu baannaan, kitaaba haaraa kana jalqabaa kaasee akka qayyabatu gochuun gaariidha. Akkuma kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu, kutaa dabalataa kitaaba kanaarratti mari’achuun filannaaf kan dhiifamedha.
4. Namni Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluufi Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu jedhu, utuu hin xumurin yoo cuuphame maal gochuu dandeenya?
4 Namni Macaafa Qulqulluu qayyabsiistan kitaabota kana utuu hin xumurin kan cuuphame taanaan, hanga kitaaba “Jaalala Waaqayyoo” jedhu xumurutti qayyabannaasaa itti fufuu qaba. Barataan kun cuuphamus, sa’atii, deddeebii gaaffiifi qayyabannaa gabaasuu dandeessu. Babal’isaan isinii wajjin qayyabannaa kanarratti hirmaates sa’atii qayyabannichaa qabachuu danda’a.
5. Babal’istoota karaa hafuuraa yeroo murtaa’eef dadhaban kitaaba “Jaalala Waaqayyoo” jedhuun isaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?
5 Nama karaa hafuuraa dadhabe tokko gargaaruuf Miseensa Koree Tajaajilaatiin yoo ramadamte, kitaaba “Jaalala Waaqayyoo” jedhurraa boqonnaawwan murtaa’an akka qayyabsiistu gaafatamuu dandeessa. Qayyabannaa akkasii yeroo dheeraaf geggeessuun hin barbaachisu. “Jaalala Waaqayyoo keessatti” akka of eegnuuf, wanti kitaaba haaraa kana keessatti nuu dhihaate qophii gaarii mitii!—Yih. 21.