Namoota Ayyaana Yaadannoorratti Argaman Akkamitti Gargaaruu Dandeenya?
1 Addunyaa maratti Bitootessa 22, 2008, namoonni miliyoonaan lakkaa’aman barumsa guddaa argatu. Namoonni Ayyaana Yaadannoorratti argaman kun, Yihowaan ilmaan namootaatiif furii dhiheessuudhaan jaalala guddaa argisiisuusaa baratu. (Yoh. 3:16) Waa’ee Mootummichaafi Yihowaan kaayyoo lafaaf qabu galmaan ga’uuf Mootummaa kanatti akkamitti akka fayyadamu ni baratu. (Mat. 6:9, 10) Jaalalaafi tokkummaa saba Waaqayyoo gidduu jiruu ofumasaaniitii kan argan ta’uusaarrayyuu, miira ho’aadhaan akka namoota simannu ni qalbeeffatu.—Far. 133:1.
2 Barattoota Macaafa Qulqulluu: Namoonni ayyaana kanarratti argaman tokko tokko, warra dhiheenyatti nuu wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqaban ta’uu danda’u. Obbolootaa wajjin wal isaan barsiisi. Walga’iiwwan torbanitti goonu itti himi; akkasumas Galma Mootummaa yeroo gabaabaadhaaf daawwachiisi. Obboleessi haasawicha dhiheessu namoonni akkasii karaa hafuuraa guddina gochuusaanii akka itti fufan ni jajjabeessa. Yaadawwan inni kennerratti hundaa’uudhaan baraticha jajjabeessuu dandeessa.
3 Warra Karaa Hafuuraa Dadhaban: Namoonni ayyaana kanarratti argaman tokko tokko babal’istoota karaa hafuuraa dadhaban ta’uu danda’u. Dursa fudhachuudhaan ho’isii nagaa isaan gaafadhu. Dhimma dhuunfaasaanii gaafachuu ykn dubbii isaan qaanessuu danda’u dubbachuurraa of qusadhu. Guyyaa ayyaanichaa booda utuu hin turin, jaarsoliin babal’istoota karaa hafuuraa dadhabaniifi ayyaanicharratti argaman daawwachuudhaan walga’icharratti argamuuf carraaqqii godhaniif isaan galateeffatu. Akkasumas walga’ii gumii itti aanurratti akka argaman miira ho’aadhaan isaan afeeru.
4 Keessummoota: Namoonni ayyaana kanarratti argaman tokko tokko warra wal beeknuufi miseensota maatii keenyaa dhuunfaatti afeerre ta’uu danda’u. Warri kaanimmoo yeroo duulli addaa godhamu kan afeeraman ta’uu danda’u. Namoota hin beekne yoo argite, dursa fudhattee wal baruudhaan isaan simadhu. Kanaan dura walga’iiwwan keenyarratti argamanii hin beekan ta’a. Haasawaa waliin gootan keessatti akkamitti lammata wal arguu akka dandeessan hubachuu dandeessa ta’a. Ayyaana Yaadannoo booda baay’ee utuu hin turin dhuunfaatti daawwachuudhaan ykn bilbilaan fedhiisaanii guddisuufi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka jalqaban afeeru dandeessa.
5 Barumsa haasawaa Ayyaanaa Yaadannoo kanaarratti dhihaatutti fayyadamuudhaan, yommuu deddeebii gaaffii goonu kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu beeksisuu dandeenya. Fakkeenyaaf, obboleessi haasawaa dhiheessu Isaayaas 65:21-23 ni dubbisa. Yommuu deddeebii gaaffii gootu haasicha caqasuudhaan, “eebbaawwan garabiraa furichi argamsiisu sitti argisiisuun barbaada” jechuu dandeessa. Achiis Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu fuula 4-5rratti mari’achiisi. Yookiinimmoo akkas jechuu dandeessa, “Namoonni baay’een raajiin Isaayaas yoom raawwatama jedhanii yaadu.” Achiis boqonnaa 9 keeyyata 1-3rratti mari’achiisi. Karaan qayyabannaa jalqabsiisuu itti danda’amu kan biraammoo, wanta obboleessi haasawaa dhiheesse dubbate caqasuu, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu isaa kennuufi akkamitti qayyabannaan akka geggeeffamu itti argisiisuudha.
6 Hundi keenya Barattoota Macaafa Qulqulluu, babal’istoota karaa hafuuraa dadhabaniifi keessummoota walga’icharratti argaman gargaaruuf dammaqoo haataanu. (Luq. 22:19) Yihowaan sochii guddaa tajaajila Mootummichaarratti goonu akka nuu eebbisu homaa hin shakkinu.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Bitootessa 22, 2008 barumsa guddaa akkamiitu dhihaata?
2. Barattoota Macaafa Qulqulluu ayyaanicharratti argaman akkamitti gargaaruu dandeenya?
3. Babal’istoota karaa hafuuraa dadhabaniifi ayyaana kanarratti argaman jajjabeessuuf maal gochuu dandeenya?
4. Hundi keenya keessummoota akkamitti gargaaruu dandeenya?
5. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akkamitti jalqabsiisuu dandeenya?
6. Ajaja Yesus du’asaa akka kabajnu kenne yommuu raawwannu, carraawwan akkamii arganna?