Namoonni Si Ilaaluudhaan Maal Baratu?
1 Yesus, “Waanjoo koo fuudhaatii baadhaa, ana irraas baraa” jedheera. (Mat. 11:29) Yesus, warra kaan kan barsiise dubbiisaa qofaan utuu hin ta’in fakkeenya ta’uudhaanis akka ta’e beekamaadha. Bartoonnisaa Yesusiin ilaaluudhaan isarraa maal akka baratan yaadi. Inni nama baay’ee garraamii, gaariifi jaalala qabu ture. (Mat. 8:1-3; Mar. 6:30-34) Yesus dhugumaan kan gad of deebise ture. (Yoh. 13:2-5) Bartoonnisaa isaa wajjin tajaajilarratti yommuu hirmaatan, Yesus karaa bu’a qabeessa ta’een warra kaan dhugaa barsiisuuf dadhabe utuu hin jedhin akka hojjetu arganiiru. (Luq. 8:1; 21:37, 38) Warri kaan tajaajilarratti nu ilaaluudhaan barachuu kan danda’an akkamitti?
2 Namoota Haasofsiisnu: Uffannaan keenya inni seera qabeessi, amalli keenya inni gaariiniifi namootaaf garaadhaa dhuunfaatti xiyyeeffannaa kennuun keenya dhiibbaa guddaa isaanirraan geessisuu danda’a. (2 Qor. 6:3; Filp. 1:27) Namoonni irra deddeebinee Macaafa Qulqulluutti akka fayyadamnu ni hubatu. Warri kaanimmoo, yommuu isaan dubbatan kabajaan dhaggeeffachuun keenya isaan ajaa’ibsiisa. Gama kanaan fakkeenya gaarii ta’uun, namoonni ergaa Mootummichaarratti akka xiyyeeffatan kan godhu ta’uusaa xiqqeessitanii hin ilaalinaa.
3 Obboloota Keenya: Dhiibbaa gaarii obboloota keenyarratti geessisnus yaadaa. Hinaaffaan tajaajilaaf qabnu warra kaanitti ni darba. Akkuma sibiilli sibiila qaru, yaanni seensaa keenya inni akka gaariitti itti yaannee qophoofne warri kaan dandeettii barsiisuusaanii akka fooyyeffatan isaan gargaaruu danda’a. (Fak. 27:17) Namoota fedhii argisiisan galmeessinee qabachuufi isa booda utuu hin turin deebinee gaafachuuf kan dhimminu ta’uun keenya warri kaanis akkasuma akka godhan isaan kakaasuu danda’a. Tajaajila keenya guutummaatti raawwachuudhaan, hojjetoota hidhata keenya ta’anirratti dhiibbaa gaarii geessisna.—2 Xim. 4:5.
4 Maal akka gootuufi akka dubbattu, akkasumas fakkeenya ta’uudhaan warra kaanirratti dhiibbaa akkamii akka geessistu yeroo yeroodhaan maaliif hin qortu? Fakkeenya gaarii ta’uun keenya Yihowaa ni gammachiisa, akkasumas akkuma Phaawulos ergamaa akkas jennee akka dubbannu nu gochuu danda’a: “Akkuma ani fakkeenya Kristos fudhadhee, isinis immoo fakkeenya koo fudhadhaa!”—1 Qor. 11:1.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Bartoonnisaa Yesusiin ilaaluudhaan isarraa maal baratanii turan?
2. Uffannaafi amalli keenya namoota haasofsiisnurratti dhiibbaa gaarii kan geessisu akkamitti?
3. Obboloota keenyaarratti dhiibbaa gaarii akkamii geessisuu dandeenya?
4. Fakkeenya akkamii akka taane yeroo yeroodhaan qoruu kan qabnu maaliifi?