Saanduqa Gaaffii
◼ Dhugaa Baatonni Yihowaa haasaa sagaleedhaan waraabame ykn waraqaarratti maxxnfame raabsuu qabuu?
Haasaawwan Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an dhaggeeffachuudhaan jabinaafi jajjabina arganna. (HoE. 15:32) Kanaaf, obboloota walga’iirratti hin argamneef haasaa nama jajjabeessu akkasii kennuun waanuma jirudha. Yeroo har’aa meeshaawwan sagalee waraabuuf gargaaran hedduun waan jiraniif, haasaa waltajiirraa dhihaate tokko salphaadhumatti waraabanii warra kaaniif kennuun salphaadha. Obboloonni tokko tokko haasaa waggoota dheeraa dura kennaman dabalatee haasaa hedduu waraabanii kaa’atan kan qaban si’a ta’u, kanas garaa qulqulluudhaan kaka’anii hiriyootasaaniif ergisu ykn waraabanii kennu. Warri kaanimmoo namni barbaade kamiyyuu koppii akka godhatuuf jecha Weeb saayitii bananii haasaa isarratti fe’u.
Haasaa waltajjiirra dhihaate tokko ofii keenyaaf ykn miseensota maatii keenyaatiif waraabuun dogoggora akka hin taane beekamaadha. Kana malees, jaarsoliin miseensota gumii haalli fayyaasaanii gumiirratti argamuun isaaniif hin heyyamneef haasaan akka waraabamu qophii gochuu danda’u. Haata’u malee, waraqaa haasaan irraa dhihaatu ykn haasaa waraabame raabsuu dhiisuudhaaf sababa ga’aa qabna.
Haasaan tokko, yeroo baay’ee wanta gumii tokkoof barbaachisu tilmaama keessa galchuudhaan dhihaata. Haata’u malee, nutti wantoota haasaan sun akka dhihaatu sababa ta’an waan hin beekneef, yaadawwan haasaa waraabamerra jiran dogoggoraan hubachuu dandeenya. Kana malees, odeeffannoon haasicharratti dhihaate kan yeroon itti hin darbineefi sirrii ta’uusaa mirkaneessuuf, haasicha eenyu akka dhiheesseefi yoom akka dhihaate adda baasnee beekuun ulfaataa ta’uu danda’a. (Luq. 1:1-4) Akkasumas, waraqaa haasaan irra dhihaatu ykn haasaa waraabame raabsuun, namoonni tokko tokko xiyyeeffannaafi kabaja hedduu kennuu ykn fudhachuuf akka qoraman gochuu danda’a.—1 Qor. 3:5-7.
Hojjetaan amanamaafi ogeessi nyaata hafuuraa ‘ga’aa’ ta’e ‘yeroosaatti’ dhiheessuuf jabaatee hojjeta. (Luq. 12:42) Kunis haasaa gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti dhihaataniifi Weeb saayitii jw.org jedhamurraa sagaleedhaan waraabamuu danda’u kan dabalatudha. Hojjetaan amanamaaniifi ogeessi, akkasumas Qaamni Olaanaan inni bakka bu’aasaa ta’e, amantii keessatti akka jabaannuuf wanta nu barbaachisu dhiheessuusaa akka itti fufu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.—HoE. 16:4, 5.