LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 11/10 ful. 1-2
  • Midhaan Bilchaatee Haamaan Ga’eera

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Midhaan Bilchaatee Haamaan Ga’eera
  • Tajaajila Mootummaa—2010
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Buʼaa Lallabuun Argamsiise—‘Midhaan Addaatee Haamaadhaaf Gaʼeera’
    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
  • Midhaan Hafuuraa Sassaabuu Isa Guddaarratti Guutummaatti Hirmaadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Hojii Makaraarratti Gammachuudhaan Hirmaachuu!
    Yihowaa Faarfadhaa
  • Tajaajilakee Bal’ifachuu Dandeessaa?
    Tajaajila Mootummaa—2009
Tajaajila Mootummaa—2010
km 11/10 ful. 1-2

Midhaan Bilchaatee Haamaan Ga’eera

1. Yeroo ammaatti hojii barbaachisaa akkamiitu hojjetamaa jira?

1 Yesus dubartii Samaariyaatiif erga dhugaa ba’ee booda, ‘Ija keessaniin maasicha ilaalaa! Midhaan ammumayyuu bilchaatee haamaan ga’eera’ jechuudhaan bartootasaatti himeera. (Yoh. 4:35, 36) Karaa hafuuraa haamaan kan jalqabame si’a ta’u, Yesus hojiin kun addunyaa maratti akka hojjetamu dubbateera. Yesus samiirra taa’ee aboosaa kan qabate si’a ta’u, hojii haamaarrattis qooda guddaa fudhachaa jira. (Mat. 28:19, 20) Wantoonni hojiin kun guyyoota gara dhumaatti caalaatti hojjetamuusaa akka itti fufu argisiisan tokko tokko maalfa’i?

2. Addunyaa maratti hojiin haamaa kun saffisaan hojjetamaa akka jiru kan argisiisu guddina isa kamidha?

2 Hojii Haamaa Addunyaa Maratti Raawwatamu: Waggaa tajaajilaa 2009⁠tti addunyaa maratti lakkoofsi babal’istootaa dhibbeentaa 3.2n dabaleera. Biyyoottan hojiin lallabaa ittisamettimmoo dhibbeentaa 14n dabaleera. Lakkoofsi namoota ji’a ji’aan Macaafa Qulqulluu qayyabatanii 7,619,000 ol ta’uunsaa gabaafameera. Kunimmoo, lakkoofsa guddaa babal’istoota jiran hundarra kan caaluufi namoota waggaa darbe Macaafa Qulqulluu qayyabachaa turanirra gara miliyoona walakkaa kan caaludha. Naannoowwan hedduutti hojichi saffisaan guddachaa waan jiruuf, Misiyoononni Giil’aadii eebbifaman baay’een akka isaaniif ergaman gaafachaa jiru. Biyyoota hedduutti naannoo namoonni biyya alaatii dhufan jiraatanitti lallabuun bu’aa gaarii argamsiisaa jira. Yihowaan yeroo dhumaa kanatti hojiin haamaa kun saffisaan akka hojjetamu gochaa akka jiru ifadha. (Isa. 60:22) Atoo ‘maasii’ naannoo tajaajilaa keetti argamuuf ilaalcha gaarii qabdaa?

3. Obboloonni tokko tokko waa’ee hojii haamaa naannoosaaniitti raawwatamu maal jedhanii yaaduu danda’u?

3 Hojii Haamaa Naannoo Keessanii: Obboloonni tokko tokko, “Naannoo tajaajilaakoo namoonni fedhii qaban hedduun hin jiran” jedhu ta’a. Naannoowwan tokko tokko, akka naannoowwan garabiraa ykn akka kanaan duraa namoonni fedhii qaban hedduun kan keessa hin jirre ta’uu akka danda’an beekamaadha. Kanaan kan ka’es, Dhugaa Baatonni tokko tokko, naannoowwan kanatti hojiin haamaa akka xumurameefi yeroo ammaatti hojiinsaanii qarmii muraasa funaanuu qofa akka ta’e itti dhaga’amuu danda’a. Haata’u malee yaanni kun sirriidhaa?

4. Tajaajila keenyaaf ilaalcha gaarii akkamii qabaachuu qabna? Maaliif?

4 Hojiin haamaa jalqabaa hanga xumuraatti saffisaan kan hojjetamudha. Yesus, “Midhaan sassaabamu baay’ee dha, hojjetoonni sassaaban garuu muraasa; egaa hojjetoota warra midhaan sassaaban itti haa yaafatuuf, abbaa midhaanichaa kadhadhaa!” jechuudhaan hojiin kun ariifachiisaa ta’uusaa akka ibse qalbeeffadhaa. (Mat. 9:37, 38) Oomishni yoomiifi eessatti akka argamu kan murteessu Abbaa midhaanichaa kan ta’e Yihowaadha. (Yoh. 6:44; 1 Qor. 3:6-8) Hojiin keenya maalidharee? Macaafni Qulqulluun, “Sanyii midhaanii kee ganama facaasi, galgalas harki kee facaasuuttii hin boqotin!” jechuudhaan deebii kenna. (Lal. 11:4-6) Eeyyee, yeroo hojiin haamaa raawwatamuuf jedhu kanatti harka keenya marannee taa’uu hin qabnu!

5. Naannoowwan bu’a qabeessa hin fakkaannettillee hinaaffaadhaan lallabuu keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi?

5 Hojii Haamaarratti Hirmaachuu Keessan Itti Fufaa: Naannoon tajaajilaa keenya irra deddeebi’amee kan hojjetameefi firii kan hin qabne fakkaatus, hojii keenya hinaaffaafi miira ariifannaatiin hojjechuuf sababii ga’aa qabna. (2 Xim. 4:2) Jeequmsi guddaan biyya lafaarratti argamu namoonni ilaalchasaanii akka jijjiiraniifi waa’ee gara fuulduraa of eeggannoodhaan akka yaadan isaan godha. Ijoolleen yommuu guddatan tasgabbiifi nageenya sammuu argachuun akka isaan barbaachisu itti dhaga’amuu danda’a. Utuu hin nuffin hojii keenya itti fufuun keenyas warri kaan dhugaa akka fudhatan kakaasuu danda’a. Namoonni kanaan dura nu dhaggeeffachuu hin barbaanne gara fuulduraatti nu dhaggeeffachuu danda’u. Namoota ta’e jedhanii ergaa keenya mormaniifis akeekkachiisni kennamuu qaba.—His. 2:4, 5; 3:19.

6. Naannoon tajaajilaa keenya rakkisaa yoo ta’e, hinaaffaadhaan tajaajiluu keenya itti fufuuf maaltu nu gargaaruu danda’a?

6 Naannoon tajaajilaa keenya rakkisaa yoo ta’e, hinaaffaadhaan lallabuu keenya itti fufuuf maaltu nu gargaaruu danda’a? Tarii manaa gara manaatti tajaajiluu qofa utuu hin ta’in, bifawwan tajaajilaa garabiraa kan akka naannoo daldalaafi bilbilaan dhugaa ba’uuf yaalii gochuu dandeenya. Yookiin xiyyeeffannaa namootaa argachuuf akkaataa dhiheenyaa keenya jijijjiiruus ni dandeenya. Sagantaa keenya sirreessinee gara galgalaa ykn yeroo namoonni manasaaniitti argaman kaanitti tajaajiluu dandeenya. Tariimmoo namoota hedduudhaaf misiraachicha lallabuuf qooqa garabiraa barachuu dandeenya. Qajeelchitoota ta’uudhaanis tajaajila keenya bal’isuu dandeenya. Yookiin naannoo namoonni hojii haamaarratti hirmaatan hedduun hin jirre dhaqnee hojjechuu ni dandeenya. Hojii haamaatiif ilaalcha gaarii yoo qabaanne, hanga dandeenye hojii barbaachisaa ta’e kanarratti guutummaatti hirmaachuuf carraaqqii goona.

7. Hojii sassaabuurratti hirmaachuu keenya itti fufuu kan qabnu hanga yoomiitti?

7 Qonnaan bultoonni midhaan sassaabuuf yeroo xinnoo qofa waan qabaniif, hanga hojichi xumuramutti miira ariifannaatiin hojjetu. Karaa hafuuraa hojii haamaarratti hirmaachuunis miira ariifannaa akkasii qabaachuu gaafata. Hojii sassaabuu kanarratti hirmaachuu keenya itti fufuu kan qabnu hanga yoomiitti? “Hamma dhuma baraatti,” akkasumas hanga ‘dhumaatti’ hojjechuu qabna. (Mat. 24:14; 28:20) Nuyis akkuma Yesus, hojii adaraadhaan nutti kenname raawwachuu barbaanna. (Yoh. 4:34; 17:4) Kanaaf hinaaffaadhaan, gammachuufi ilaalcha gaarii qabaachuudhaan hanga dhumaatti tajaajiluu keenya itti haa fufnu. (Mat. 24:13) Hojiin haamaa ammayyuu hin dhumne.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 2rra jiru]

Hojiin haamaa jalqabaa hanga xumuraatti saffisaan kan hojjetamudha

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi