Gaddi Akkasii Sirriidhaa?
NAMICHI gaddi irra ga’ee ture tokko akkas jechuudhaan barreesseera: “Kanan guddadhe biyya Ingilizitti si’a ta’u, gadda natti dhaga’amu namootatti akkan hin mul’isne leenjifameen ture. Abbaankoo inni loltuu ture yeroo wanti tokko nadhukkubsu ilkaansaa ciniinnatee, ‘Hin boo’in!’ naan jechaa akka ture nan yaadadha. Haatikoo anaanis ta’e obbolootakoo (ijoollee afur turre) kaan yeroo itti dhungatte ykn hammatte hin yaadadhu. Yeroo abbaankoo du’u umriinkoo waggaa 56 ture. Abbaakoo dhabuun baay’ee na gaddisiisus, jalqabarratti imimmaan naa dhufuu dide.”
Aadaawwan tokko tokko keessatti, namoonni miirasaanii ni ibsu. Gaddasaaniis ta’e gammachuusaanii namoonni beekuu danda’u. Karaa biraammoo, kutaawwan addunyaa tokko tokkotti, fakkeenyaaf namoonni kaaba Awurooppaafi Biritaaniyaa jiraatan keessumaa dhiironni, ilkaansaanii ciniinnatanii miirasaanii dhoksuudhaan gammachuusaaniis ta’e gaddasaanii akka hin mul’isne ni leenjifamu. Garuu namni jaallattu tokko yeroo du’u gaddakee ibsuun dogoggoradhaa? Kana ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal jedha?
Namoota Macaafa Qulqulluu Keessatti Akka Boo’an Ibsaman
Macaafni Qulqulluun, Ibroota naannoo baha Mediteraaniyaa jiraniin kan barreeffame si’a ta’u, isaanimmoo warra miirasaanii ibsan turan. Macaafni kun fakkeenya namoota gaddasaanii ifatti ibsan hedduu qabateera. Daawit Mootichi ilmisaa Amnoon ajjeefamuusaatti baay’ee waan gaddeef, ‘boo’icha guddaasaa boo’eera.’ (2 Saamu’el 13:28-39) Ilmisaa Abiishaalom inni gantuun, mootummaasaa isarraa fudhachuuf yaalii godhee ture yeroo du’ellee boo’eera. Seenaan Macaafa Qulqulluu akkas jechuudhaan nutti hima: “[Daawit] Mootichi kana yommuu dhaga’e raafamee, gara kutaa isa bantii karra kellichaarra jiruutti ol ba’ee in boo’e; yeroo ol ba’e, ‘Yaa ilma ko, Abiishaalom! Yaa ilma ko, yaa ilma ko, Abiishaalom! Ani iddoo kee utuun du’eera ta’ee, anaaf wayya ture! Wayyoo! Yaa Abiishaalom ilma ko, ilma ko!’ jedha ture.” (2 Saamu’el 18:33) Daawit akkuma abbaa tokkootti gaddeera. Warri bakka ijoolleesaanii utuu du’anii fedhan hedduudha! Mucaan tokko warrasaa dura du’uunsaa kan yaadamu hin fakkaatu.
Yesus yeroo michuunsaa Alaazaar du’etti maaltu itti dhaga’ame? Bakka inni itti awwaalametti yeroo dhihaatu boo’eera. (Yohannis 11:30-38) Booddees Maariyaam isheen Magdalaa, bakka Yesus itti awwaalametti yeroo dhihaattu boosseetti. (Yohannis 20:11-16) Namoonni haala warri du’an keessa jiran ilaalchisee ragaa Macaafni Qulqulluun kennu hin beekne garmalee gaddu; Kiristiyaanni abdii du’aa ka’uu Macaafni Qulqulluun ibsu hubate tokko garuu, hamma jajjabaachuu hin dandeenyetti akka hin gaddine beekamaadha. Haata’u malee, Kiristiyaanni dhugaa tokko abdii du’aa ka’uu beekus, nama waan ta’eef hamma tokko nama jaallatu du’aan dhabuusaatti ni gadda.—1 Tasaloniiqee 4:13, 14.
Boo’uumoo Dhiisuu Wayya?
Yeroo ammaattoo miira keenya ibsuumoo dhiisuutu gaariidha? Miirakee ibsuun sitti ulfaataa? Yookiin si qaanessaa? Gama kanaan namoonni gorsa kennan maal jedhu? Ilaalchi isaan yeroo ammaatti qaban, yaada Macaafa Qulqulluu geggeessaa hafuuraatiin dur barreeffame keessa jiruu wajjin kan walsimudha. Namoonni kun, gadda nutti dhaga’ame ibsuu qabna malee ukkaamsuu hin qabnu jedhu. Kun namoota amanamoo bara durii akka Iyoob, Daawitiifi Ermiyaas jiran nu yaadachiisa; akkaataan isaan gaddasaanii itti ibsan Macaafa Qulqulluu keessatti argama. Isaan waan isaanitti dhaga’ame hin dhoksine. Atis namootarraa fagaachuunkee gaarii miti. (Fakkeenya 18:1) Gaddi, aadaafi amantii naannoo tokkotti babal’aterratti hundaa’ee karaa garagaraa akka ibsamu beekamaadha.a
Yoo boo’uu barbaadde maal gootaree? Boo’uun uumama namaati. Yeroo Alaazaar du’etti, Yesus “hafuuratti dhiphatee . . . imimmaan isaa dhangalaase[e]” akka ture yaadadhu. (Yohannis 11:33, 35) Karaa kanaan, yeroo namni jaallatan tokko du’u boo’uun waanuma jiru ta’uusaa argisiiseera.
Wanti haadha Aan jedhamtuufi mucaashee Raachel dhukkuba SIDS (Sadan Infaanti Deez Siindiram) jedhamuun dhabde tokkorra ga’e yaada kana kan deggerudha. Abbaan manaashee akkas jedha: “Kan nama ajaa’ibsiisu sirna awwalchaarratti anis ta’e haati manaakoo Aan hin boonye. Namoonni kaan hundi garuu ni boo’u turan.” Aanis akkas jetti: “Eeyyee, haata’u malee boo’icha lamaan keenyaaf ga’u boo’eera. Gaddisaa hangam ulfaataa akka ta’e kan natti dhaga’ame, erga mucaankoo duutee torban muraasa booda qofaakoo yeroon mana keessa turetti natti fakkaata. Gaafa sana guyyaa guutuu boo’aan oole. Boo’uunkoo garuu na gargaareera jedheen amana. Isa booda gaddikoo akka naa hir’ate natti dhagaa’ameera. Mucaakoo waanan dhabeef boo’uun qaba ture. Namoonni gaddan akka boo’an heyyamuufii qabdu jedheen amana. Namoonni ‘Hin boo’in!’ jechuunsaanii baramaa ta’us, bu’aa argamsiisu hin qabu.”
Namoonni Tokko Tokko Maal Jedhu?
Namoonni tokko tokko nama jaallatan yeroo du’aan dhaban maaltu isaanitti dhaga’amee ture? Haala Waanitaa mudate akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Duuti mucaa hangam akka nama gaddisiisu beekti. Al shan ulfi irraa ba’eera. Achii boodas deebitee ulfoofte. Yeroo kanatti balaan konkolaataa ishee mudatee mana yaalaa akka galtu yeroo dirqamtu baay’ee dhiphatte. Torban lama booda guyyaan itti deessu utuu hin ga’in ciniinsuun ishee qabe. Baay’ee utuu hin turin intala kiiloogiraama tokko hin guunneefi Vanees jedhamtu deesse. Waanitaan, “Baay’ee gammadeen ture. Dhumarratti haadhan ta’e!” jetti.
Gammachuunshee garuu yeroo dheeraadhaaf itti hin fufne. Guyyaa afur booda Vanees ni duute. Waanitaan akkas jechuudhaan haalasaa yaadatti: “Gatii akkan hin qabne natti dhaga’ame. Haadhummaankoo narraa fudhatame. Hir’uu akkan ta’e natti dhaga’aame. Yeroon gara manaatti deebi’u kutaa Vaneesiif qopheessineefi qomeewwan xixinnoon isheef bitee ture ilaaluun gaddakoo natti caalsiseera. Ji’oota lamaan ittaananiif guyyaa isheen itti dhalatte nan yaadadhan ture. Nama tokko wajjinillee wal arguu hin barbaadun ture.”
Kun gadda gara dhabedhaa? Namoonni kaan hubachuu haa dadhabaniyyuu malee, namoonni akka Waanitaa gaddi akkasii isaanirra ga’e, mucaasaaniitiif kan gaddan hammuma nama yeroo muraasa jiraatee du’e tokkoof gaddan akka ta’e dubbatu. Mucaan tokko utuu hin dhalatin yeroo dheeraa duraa kaasee warrisaa akka isa jaallatan dubbatu. Haadhasaa wajjin hariiroo addaa qabaata. Yeroo mucaan du’u haadhasaatti akkuma namni guddaan tokko du’etti itti dhaga’ama. Namoonni kaanis kana hubachuu qabu.
Aaruufi Of Komachuun Isin Miidhuu Danda’a
Haati kan biraa tokkommoo, ilmishee waggaa ja’aa dhukkuba onnee isaa wajjin dhalateen akka tasaa du’uusaa yeroo dhageessu wanta itti dhaga’ame akkas jechuudhaan ibsiteetti: “Fajajuu, amanuu dhabuufi of komachuurra darbee, abbaan manaakoofi doktoorichi haallisaa hammam cimaa ta’uusaa waan hin hubanneef baay’ee isaanitti aareen ture.”
Aariinis karaa gaddi itti ibsamu ta’uu danda’a. Doktooronniifi narsonni nama du’e sanaaf kunuunsa barbaachisaa ta’e hin gooneef jedhanii aaru ta’a. Yookiin michootaafi firoota wanta sirrii hin taane dubbataniiru ykn raawwataniiru jedhamanitti aaruu danda’u. Kaanimmoo, namni du’e sun fayyaasaatiif kunuunsa gaarii hin goone jedhanii isatti aaru. Isteellaan akkas jechuudhaan yaadatti: “Abbaan manaakoo utuu caalaatti of eeggannoo godheera ta’ee akka hin duune waanan beekuuf isatti aareen ture. Utuu baay’ee dhukkubsatee jiruu akeekkachiisa doktooronni kennaniif hin fudhatu ture.” Al tokko tokkommoo, namoonni lubbuudhaan jiran namni sun du’uunsaa ba’aa dabalataa waan isaanitti fideef isatti aaru.
Namoonni tokko tokko nama du’e sanatti aaruunsaanii sirrii akka hin taane waan isaanitti dhaga’amuuf of ceepha’u. Kaanis namni sun sababii isaaniitiin akka du’e yaaduudhaan of ceepha’u. “Atattamaan utuun mana yaalaa isa geesseera ta’ee” ykn “doktoorri kan biraan akka isa ilaalu utuun godheera ta’ee” ykn “fayyaasaatiif caalaatti akka of eeggatu utuun godheera ta’ee hin du’u ture” jedhanii of ceepha’u.
Mucaan tokko du’uunsaa gadda guddaa kan geessisu waan ta’eef, warraaf garaadhaa gadduufi miirasaanii hubachuun isaan gargaaruu danda’a
Warri tokko tokkommoo, namni jaallatan sun keessumaa akka tasaa kan du’e taanaan kana caalaa of ceepha’u. Yeroo nama du’e sanatti aaran ykn isaa wajjin wal morman yaadachuu jalqabu. Yookiin nama du’e sanaaf waan gochuu qaban hundaa akka hin goone isaanitti dhaga’ama ta’a.
Gaddi haadhotii baay’ee yeroo dheeraaf kan turu ta’uunsaa, akka hayyoonni baay’een jedhanitti, duuti mucaa tokkoo warrarratti keessumaammoo haadharratti gadda tasumaa hin irraanfatamne akka geessisu mirkaneessa.
Yeroo Hiriyaan Gaa’elaakee Du’u
Yommuu hiriyaan gaa’elaa du’u, keessumaa waan baay’ee kan waliin dabarsan taanaan gadda guddaatu namatti dhaga’ama. Sana booda waliin adeemuun, waliin hojjechuun, waliin bashannanuufi wal gargaaruun hin jiru jechuudha.
Riikaardoon haati manaasaa du’uusheetiin wanta isatti dhaga’ame akkas jechuudhaan ibsa: “Ishee dhabuu kootiin baay’ee waanan gaddeef maaloo anis utuun du’ee obbaafadhee jedhee hamman hawwutti ga’een ture.” Itti fufuudhaanis akkas jedheera: “Erga haati manaakoo duutee booda namootarraa fagaadheen ture; akkas gochuunkoo garuu gadda natti caalchisuu malee haadhamanaakoo akka naa hin deebisne hubachuuf yeroo baay’ee natti hin fudhanne.” Riikaardoon walga’iiwwan gumiirratti argamuufi ergaa Macaafa Qulqulluu warra kaanitti himuusaa itti fufeera.
Riikaardoon akkas jedha: “Gargaarsi Yihowaa jaalalarratti hundaa’e akka narraa hin fagaanne yommuu natti dhaga’amuufi wantoota xixinnoo fakkaatanittillee kadhannaa kootiif yommuu deebii naa kennu arguunkoo, caalaatti garasaatti akkan dhihaadhu na godheera. Qorumsa guutummaa jireenyakoo keessatti na mudate hundumaa caalu kana akkan mo’u kan na gargaare, Waaqayyo akka na jaallatu beekuu kooti. Haadha manaakoo dhabuun ammas baay’ee natti dhaga’ama; ta’us wanti Yihowaan akka nurra ga’u heyyamu kamiyyuu, miidhaa barabaraa nurra geessisuu akka hin dandeenye hubadheera.”
“Warri Kaan Akka Isinii Murteessan Hin Heyyaminaa”
Qopheessitoonni kitaaba Liivteekiingi—Ween eendi Haawu tuu Seeyi Gudbaayi jedhamuu akkas jechuudhaan gorsa kennaniiru: “Maal gochuu akka qabdaniifi wanta isinitti dhaga’amu warri kaan akka isinii murteessan hin heyyaminaa. Namni hundinuu gaddasaa kan ibsu karaa addaddaati. Namoonni garmalee akka gadditan ykn gaddi keessan akka xinnaate isinitti himuu danda’u. Dhiifama isaanii godhaa; waa’eesaas irraanfadhaa. Namoonni ykn hawaasni sun akka isaan barbaadanitti akka gadditan yoo isin dirqisiisan, gadda keessanirraa daftanii jajjabaachuu hin dandeessan.”
Namoonni hundi gaddasaanii kan ibsan karaa addaddaa ta’uunsaa beekamaadha. Nama hundumaaf karaa kanaan gadduutu sirriidha jennee gorsa kennuu keenya miti. Haata’u malee, namni gadde sun jajjabaachuu yeroo diduufi haala haaraa uumame kana fudhachuu yeroo dadhabu rakkinni uumamuu danda’a. Yeroo kanatti michoonni gara laafina qaban isa gargaaruunsaanii barbaachisaadha. Macaafni Qulqulluun, “Michuun bara hundumaa jaallata, yeroo gidiraatti obboleessindhalata” jedha. Kanaaf gargaarsa gaafachuu, namootatti himuufi boo’uu hin sodaatinaa.—Fakkeenya 17:17, hiika bara 1899.
Nama jaallatan du’aan dhabuun kan nama gaddisiisu waan ta’eef, gaddi keessan namootatti beekamuunsaa dogoggora hin qabu. Gaaffiiwwan deebii barbaadan kan biraas jiru: ‘Gaddakoo danda’uuf maaltu na gargaara? Of komachuufi aaruun waanuma jirudhaa? Miirawwan kana mo’uu kanan danda’u akkamitti? Nama du’e sanarraa adda ba’uu koofi gadda narra ga’e mo’uuf maaltu na gargaaruu danda’a?’ Kutaan ittaanu gaaffiiwwan kanaafi kanneen birootiif deebii kenna.
a Aadaawwan tokko tokko keessattimmoo namoonni gaddisaanii akka isaaniif beekamu godhu. Yesus garuu, seera bu’uuraa yeroo akkasiitti hojiirra ooluu danda’u dubbateera. Akkas jedhe: “Yeroodhuma soomtanitti immoo, akka warra of argisiiftuu nyaara keessan hin guurinaa! Isaan soomuun isaanii namootatti akka mul’atutti, fuula isaanii in boosomsu; dhuguman isinitti hima, isaan gatii isaanii fudhataniiru.” (Maatewos 6:16) Aadaawwan kaanimmoo, amantii yeroo namni du’u wanti hin duune jirti jedhu qabu. Haata’u malee Macaafni Qulqulluun, “Warri du’an garuu waan tokko iyyuu hin beekan” jedha. (Lallaba 9:5) Dhugaa Baatonni Yihowaa, aadaawwan Macaafa Qulqulluu wajjin wal faallessan kana keessaa tokkoyyuu hin hordofan.