LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • we ful. 14-19
  • Gaddakoo Dandaʼuuf Maaltu Na Gargaara?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gaddakoo Dandaʼuuf Maaltu Na Gargaara?
  • Namni Jaallattan Yeroo Du’u
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gadda Ibsuun Kan Danda’amu Akkamitti?
  • Komii Namatti Dhaga’amu Danda’uu
  • Aarii Danda’uu
  • Gargaarsa Waaqayyoo
  • Gaddi Akkasii Sirriidhaa?
    Namni Jaallattan Yeroo Du’u
  • Gadda Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Gaddi Maal Geessisuu Dandaʼa?
    Dammaqaa!—2018
  • Gadda Kee Dandamachuuf Tarkaanfiiwwan Amma Fudhachuu Dandeessu
    Dammaqaa!—2018
Dabalataan Ilaaluuf
Namni Jaallattan Yeroo Du’u
we ful. 14-19

Gaddakoo Danda’uuf Maaltu Na Gargaara?

MAAYIK, “Miirakoo to’achuuf baay’ee yaaleera” jechuudhaan wanta yeroo abbaansaa du’etti isatti dhaga’ame yaadata. Maayik gadda isatti dhaga’ame to’achuun dhiirummaa isatti fakkaatee ture. Booda garuu akka dogoggore hubateera. Kanaafuu, yeroo akaakayyuun hiriyaasaa du’an maal jedhee akka isa jajjbeessu barateera. Akkas jedha: “Waggoota muraasa dura utuu ta’ee, gatiittiisaa rurrukuteen, ‘Dhiira ta’i!’ isaan jedha ture. Amma garuu harkasaa qabeen, ‘Wanta sitti dhaga’amu kamiyyuu hin dhoksin. Kana gochuun gaddakee mo’uuf si gargaara. Akkan deemu yoo barbaadde nan deema. Akkan si bira turu yoo barbaaddemmoo si bira nan tura. Wanta sitti dhaga’amu garuu dubbachuu hin sodaatin’ nan jedheen.”

Meerii’aanis yeroo abbaan manaashee du’e gadda isheetti dhaga’ame dhoksuuf yaaltee turte. Akkas jetti: “Namoota kaaniif fakkeenya ta’uun qaba jedhee waanan dhiphadhuuf gaddakoo ibsuurraa of qusadheen ture. Yeroo booda garuu, namoota kaaniif jecha akka utubaa jabaadhee dhaabachuuf yaaluunkoo akka na hin gargaarre hubadheera. Haalakoo madaaluudhaan, ‘Yoo boo’uun sirra jiraate boo’i. Baay’ee jabduu fakkaachuuf hin yaalin. Gaddikee siif haa ba’u’ ofiin jechuun jalqabe.”

Maayikis ta’e Meerii’aan, Gadda keessan hin ukkaamsinaa! jechuudhaan gorsa kennuunsaanii sirriidha. Dhugaasaaniiti. Kan akkas jennu maaliifi? Gaddi karaa barbaachisaa miira ofii ittiin ibsan waan ta’eefi. Gaddi keessan akka isiniif ba’u gochuun, dhiphina isinitti dhaga’amu hir’isuu danda’a. Wanta isinitti dhaga’amu akka isinii dhufetti yoo ibsitan, akkasumas hubannaafi odeeffannoo sirrii yoo qabaattan, miira keessan karaa sirrii ta’een ibsuu dandeessu.

Karaan namoonni gaddasaanii itti ibsan akka wal hin fakkaanne beekamaadha. Namni jaallatan sun akka tasaa kan du’e ykn yeroo dheeraaf dhukkubsatee kan du’e ta’uunsaa ykn haalli kan biraan, nama gaddu sanarratti jijjiirama fiduu danda’a. Haata’u malee, gadda keessan ukkaamsuun qaamaafi miira keessan miidhuu akka danda’u haaluun hin danda’amu. Gadda keessan ibsuun fayyaa keessanirratti jijjiirama guddaa fida. Akkamitti? Kana ilaalchisee Caaffanni Qulqullaa’oon gorsa gaarii qabataniiru.

Gadda Ibsuun Kan Danda’amu Akkamitti?

Dubbachuun gadda ibsuuf karaa gaarii ta’uu danda’a. Abbaa amantaa bara durii kan ture Iyoob, ijoolleensaa kurnan erga jalaa du’aniifi balaawwan gaddisiisaan kan biraan erga isarra ga’anii booda akkas jedheera: “Ani jireenya koo nan jibba, of gad dhiisees gadda koo nan dhageessifadha; isa jireenyi koo keessa ba’ee anatti hadhaa’e nan dubbadha.” (Iyoob 1:2, 18, 19; 10:1) Iyoob wanta isatti dhaga’ame ukkaamsuu hin dandeenye. Of gadhiisee ‘dubbachuu’ isa barbaachisee ture. Haaluma wal fakkaatuun, qopheessaa tiyaatirii Ingiliiz kan ture Sheekispiir kitaaba diraamaa Maakbeez jedhamerratti, “Gaddikee akka dubbatu heyyamiif; gaddi hin dubbatamne onnee namaarratti fe’amee isa hurreessa” jedheera.

Miira keessan “michuu” dhugaa obsaafi gara laafinaan isin dhaggeeffatutti dubbachuun keessan, hamma tokko boqonnaa isiniif argamsiisuu danda’a. (Fakkeenya 17:17, hiika bara 1899) Haalawwan nama mudataniifi miira ofii dubbachuun, yeroo baay’ee wantoota kana hubachuufi mo’uuf gargaara. Namni dhaggeeffatu sun gaddi isarra ga’ee kan beekuufi gaddasaa kana haala gaariidhaan kan mo’e taanaan, gorsa gaarii gadda keessan mo’uuf isin gargaaru isinii kennuu danda’a. Haati mucaashee du’aan dhabde tokko dubartii gaddi wal fakkaatu isheerra ga’e haasofsiisuunshee, gaddashee mo’uuf akkamitti akka ishee gargaare yeroo dubbattu, “Dubartiin gaddi akka kootii irra ga’eefi gaddashee mootee jireenyashee itti fufuu dandeesse jiraachuushee beekuunkoo baay’ee na jajjabeesseera” jetteetti.

Dubartiin gaddite tokko miira ishiitti dhagaʼamu yommuu barreessitu

Fakkeenyawwan Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman, miira isinitti dhaga’amu barreessuun gadda keessan ibsuuf akka isin gargaaru argisiisu

Wanta isinitti dhaga’amu dubbachuun kan isinitti hin tolle yoo ta’ehoo? Daawit, Saa’oliifi Yonaataan akka du’an yeroo dhaga’e gaddasaa walaloo miira namaa tuquun ibseera. Walaloon inni gaddasaa ibsuuf barreesse kun, yeroo booda kutaa Macaafa Qulqulluu macaafa Saamu’el Isa Lammaffaa ta’eera. (2 Saamu’el 1:17-27; 2 Seenaa 35:25) Haaluma wal fakkaatuun, namoonni tokko tokko yaadasaaniifi miirasaanii barreeffamaan ibsuun isaanitti salphata. Dubartiin abbaan manaa irraa du’e tokko wanta isheetti dhaga’amu hundumaa barreessitee, guyyoota muraasa booda deebistee akka dubbistu ibsiteetti. Kun jajjabaachuuf ishee gargaareera.

Dubbachuudhaanis ta’e barreessuudhaan miira keessan ibsuun gadda keessan irraanfachuuf isin gargaara. Walitti bu’iinsa uumame hiikuufis gargaaruu danda’a. Haati gaddi irra ga’e tokko akkas jetteetti: “Aniifi abbaan manaakoo, hiriyoonni gaa’elaa erga mucaansaanii jalaa du’ee booda wal hiikan akka jiran kan dhageenye ta’us, kun akka nurra ga’u hin barbaanne. Kanaaf, yeroo aarruufi wal komachuu barbaannutti dhimma sanarratti mari’achuudhaan furmaata tokkorra geenya turre. Akkas gochuun keenya caalaatti walitti kan nu dhiheesse natti fakkaata.” Kanaaf, gaddi isinirra ga’e tokko ta’uyyuu wanta isinitti dhaga’ame dubbachuun keessan, haalliifi yeroon namni tokko gaddasaa itti ibsu isa kaanirraa adda ta’uusaa hubachuuf isin gargaaruu danda’a.

Gadda namatti dhaga’ame ibsuuf wanti gargaaru kan biraan boo’uudha. Macaafni Qulqulluun, “Boo’uun yeroo qaba” jedha. (Lallaba 3:1, 4) Michuun keenya tokko yeroo du’u akka boonyu beekamaadha. Imimmaan dhangalaasuun, gadda keenyarraa jajjabaachuuf kan nu gargaarudha.

Shamarreen tokko yeroo haatishee duutetti hiriyaanshee tokko akkamitti akka ishee jajjabeessite ibsiteetti. Akkas jechuudhaan waan yaadattu dubbatti: “Hiriyaankoo narraa addaan baatee hin beektu. Anaa wajjin boossi turte. Na haasofsiisti turte. Miirakoo ifatti baasuu kanan danda’e si’a ta’u, kunis barbaachisaa ture. Boo’uun na hin yeellaasifne.” (Roomaa 12:15 ilaali.) Isinis boo’uun isin yeellaasisuu hin qabu. Akkuma kanaan dura ilaalle, Macaafni Qulqulluun Yesus Kiristosiin dabalatee, fakkeenya dhiirotaafi dubartoota amanamoo ta’aniifi yeelloo tokko malee imimmaan dhangalaasuudhaan gaddasaanii ibsan hedduu qabateera.—Uumama 50:3; 2 Saamu’el 1:11, 12; Yohannis 11:33, 35.

Namoonni gaddan warra kaaniin jajjabeeffamuu dandaʼu

Namoonni aadaansaanii kan akkamiiyyuu yoo ta’e, nama gaddasaaniirraa isaan jajjabeessu barbaadu

Yeroo muraasaaf miirri keessan hamma tokko jijijjiiramuu danda’a. Utuma isinitti hin beekamin imimmaan keessan ni dhangala’a ta’a. Dubartiin abbaan manaashee irraa du’e tokko galma gabaatii mi’a bituu yeroo adeemtu, (yeroo baay’ee abbaa manaashee wajjin deemti turte) keessumaa nyaatawwan abbaan manaashee jaallatu harkashee bareen yeroo fuutu imimmaanshee to’annaasheetii ala ta’a ture. Akkas isinitti dhaga’amuusaatiif of hin ceepha’inaa. Imimmaan keessan to’achuu akka qabdan isinitti dhaga’amuu hin qabu. Boo’uun uumama namaa akka ta’eefi gadda ofii ibsuuf barbaachisaa ta’uusaa hin dagatinaa.

Komii Namatti Dhaga’amu Danda’uu

Akkuma kanaan dura ibsame, namoonni namni jaallatan yeroo jalaa du’u of komatu. Yaaqoob inni amanamaa ture ilmasaa Yoseef “bineensa hamaatu” isa nyaate jedhee akka amanu yeroo dirqame, baay’ee kan gadde maaliif akka ture hubachuu dandeenya. Yoseef obboloonnisaa nagaa ta’uusaanii akka ilaalu kan isa erge Yaaqoob ture. Kanaaf ‘Yoseefiin maaliifan qofaasaa erge? Bakka bineensoonni baay’atanitti kanan isa erge maaliifi?’ jedhee of ceepha’uu hin oolu.—Uumama 37:33-35.

Namni jaallattan sun kan du’e hamma tokko waan isin dantaa dhabdaniif akka ta’e isinitti dhaga’ama ta’a. Dhugaa ta’us ta’u baatus, komiin karaa sirrii gaddi itti ibsamu keessaa tokko ta’uusaa hubachuun keessan qofti isin gargaaruu danda’a. Yeroo kanattis miira keessan ukkaamsuun barbaachisaa miti. Hangam akka of komattan ibsuun keessan, gadda keessanirraa akka jajjabaattan gochuu danda’a.

Haata’u malee, nama tokko hammamiyyuu kan jaallannu yoo ta’e jireenyasaa to’achuu ykn wanta “yerooniif walittidhufuun” fidurraa isa eeguu akka hin dandeenye hubachuu qabna. (Lallaba 9:11, hiika bara 1899) Kana malees, isa miidhuuf wanti gootan akka hin jirre beekamaadha. Fakkeenyaaf, yeroo dhukkubsate daftanii mana yaalaa kan isa hin geessine akka du’u waan barbaaddaniifii? Matumaa akkas miti! Du’a nama sanaatiif of komachuu qabduuree? Hin qabdan.

Haati tokko intallishee balaa konkolaataatiin erga duutee booda, komii isheetti dhaga’ame akkamitti mo’u akka dandeessu hubatteetti. Akkas jechuudhaan ibsiti: “Kan ishee erge ana waan ta’eef of komadheen ture. Kun garuu gowwummaa akka ture hubadheera. Abbaashee wajjin dhimma tokkoof ishee erguunkoo dogoggora hin qabu ture. Balaa akka tasaa uumamedha.”

‘Garuu wantan dubbachuu ykn gochuu barbaadu baay’een jira ture’ jettanii yaaddu ta’a. Haata’u malee, nu keessaa abbaan ykn haati ykn mucaan tasumaa hin dogoggorre jiraa? Macaafni Qulqulluun, “Nuyi hundumti keenya baay’ee irraa in kaanna; namni dubbii isaatiin irraa hin kaanne nama fiixaan ba’ee dha” jedha. (Yaaqoob 3:2; Roomaa 5:12) Kanaaf cubbuu kan dhaaltan ta’uu keessan amanaa. “Utuun akkas godheera ta’ee” jedhanii sababii tarreessuun, gadda keessanirraa daftanii akka hin jajjabaanne godha malee bu’aa tokkoyyuu hin qabu.

Dhugumaan balleessaa raawwachuu keessaniif sababii ga’aa yoo qabaattan, wanta akka of hin komanne godhu isa guddaa jechuunis dhiifama Waaqayyoo akka argattan yaadadhaa. Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan nuu mirkaneessa: “Yaa Waaqayyo, utuu ati irra-daddarbaa namatti lakkooftee, silaa eenyutu si dura dhaabata, yaa gooftaa? . . . Cubbuu namaaf dhiisuun si bira jira.” (Faarfannaa 130:3, 4) Duubatti deebi’uus ta’e haala uumame jijjiiruu hin dandeessan. Balleessaa kanaan dura raawwattaniif garuu Waaqayyo dhiifama akka isinii godhu kadhachuu dandeessu. Achiihoo? Waaqayyo balleessaa hojjettan guutummaatti isinii dhiisuuf waadaa erga galee, isinoo ofiif dhiifama gochuu hin qabdanii?—Fakkeenya 28:13; 1 Yohannis 1:9.

Aarii Danda’uu

Kana malees doktoorota, narsoota, michoota ykn nama du’e sanatti aartaniittuu? Kunis miira nama michuusaa du’aan dhabe tokkotti dhaga’amu ta’uusaa hubadhaa. Tarii kan aartan baay’ee waan miidhamtaniif ta’uu danda’a. Barreessaan tokko akkas jedheera: “Tarkaanfii fudhachuudhaan utuu hin ta’in, akka aartan hubachuudhaan qofa balaa aariin keessan isinirraan geessisurraa walaba ta’uu dandeessu.”

Aarii keessan ibsuu ykn nama kan biraatti himuunis isin gargaaruu danda’a. Akkamitti? To’annaa tokko malee iyyuudhaan akka hin taane beekamaadha. Macaafni Qulqulluun aariin yeroo dheeraaf turu balaa akka geessisu akeekkachiisa. (Fakkeenya 14:29, 30) Michuu miira keessan isinii hubachuu danda’utti yoo himattan garuu jajjabaachuu dandeessu. Namoonni tokko tokkommoo yeroo aaran, sochii qaamaa jabaa ta’e gochuun aariisaanii akka isaanirraa galchu hubataniiru.—Efesoon 4:25, 26 dabalataan ilaali.

Miira keessan ifatti dubbachuun gaarii ta’us, of eeggannoo gochuun barbaachisaadha. Miira keessan ibsuufi dheekkamsaan aarii keessan warra kaanitti ba’uun garaagarummaa guddaa qaba. Aaruufi abdii kutachuu keessaniif warra kaan komachuun barbaachisaa miti. Kanaaf wanta isinitti dhaga’amu warra kaanitti himuun sirrii ta’us, aariidhaan ta’uu hin qabu. (Fakkeenya 18:21) Wanti gadda namatti dhaga’amu mo’uuf gargaaru guddaan tokko jira; ittaansinee isarratti mari’anna.

Gargaarsa Waaqayyoo

Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhi’oo dha, warra yaadni isaanii caccabee bullaa’es in fayyisa” jechuudhaan mirkaneessa. (Faarfannaa 34:18) Eeyyee, namni jaallattan tokko yeroo du’u wanta kamiyyuu caalaa kan isin jajjabeessuu danda’u hariiroo Waaqayyoo wajjin qabdanidha. Akkamitti? Yaadawwan hanga ammaatti ibsaman hundi, Macaafa Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo ta’erratti kan hundaa’an ykn isaa wajjin kan walsimanidha. Hojiirra isaan oolchuun keessan isin gargaaruu danda’a.

Faayidaa kadhannaan qabus salphistanii hin ilaalinaa. Macaafni Qulqulluun, “Wanta yaada sitti ta’u Waaqayyotti gatii dhiisi, inni akka ati hin kufnetti si irkisa” jechuudhaan nu gorsa. (Faarfannaa 55:22) Nama miira keessan isinii hubatu tokkotti dubbachuun keessan isin gargaaruu erga danda’ee, “Waaqayyo jajjabina hundumaaf” wanta garaa keessan keessa jiru dhangalaasuun caalaatti isin hin gargaaruu?—2 Qorontos 1:3.

Kadhannaan qofaasaatti miirri gaariin akka nutti dhaga’amu godha jechuu miti. ‘Inni kadhata namaa dhaga’u,’ tajaajiltootasaa garaadhaa isa kadhataniif hafuura qulqulluu akka kennu waadaa galeera. (Faarfannaa 65:2; Luqaas 11:13) Hafuurri Waaqayyoo ykn humnisaa inni hojiirra jiru, ‘humna humna gararraa’ guyyaa tokkoo gara guyyaa isa kaanitti ce’uuf gargaaru isinii kennuu danda’a. (2 Qorontos 4:7) Waaqayyo tajaajiltootasaa amanamoo, rakkina isaan mudatu kamiyyuu akka mo’an isaan gargaaruu akka danda’u yaadadhaa.

Dubartiin mucaashee du’aan dhabde tokko, isheeniifi abbaan manaashee gaddasaanii danda’uuf kadhannaan akkamitti akka isaan gargaare yaadatti. Akkas jetteetti: “Galgala galgala yeroo mana keenya keessa taanu gaddisaa humnaa ol yommuu nutti ta’u sagalee keenya guddisnee kadhanna turre. Yeroo jalqabaatiif utuu isheen nu duukaa hin jiraatin walga’ii gumiirratti yeroo argamnu, walga’ii koonyaarratti yeroo argamnuufi sochii kamiyyuu yeroo goonu hundatti Waaqayyo humna akka nuu kennu ni kadhanna turre. Ganama ganama kaanee mucaa keenyarraa akka adda baane amanuun yeroo nu rakkisu, Yihowaan akka nu gargaaru ni kadhanna turre. Qofaakoo gara manaatti yeroon deebi’u gadda guddaatu natti dhaga’ama. Kanaaf, qofaakoo gara manaatti yeroon deebi’u hundatti Yihowaan tasgabbii akka naa kennu nan kadhadhan ture.” Dubartiin amanamtuu taate kun kadhannaan guddaa akka ishee gargaare ni amanti; amanuunshees sirriidha. Isinis kadhannaa gochuu keessan yoo itti fuftan, “nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa keessanii fi yaada keessan in eega.”—Filiphisiiyus 4:6, 7; Roomaa 12:12.

Gargaarsi Waaqayyo kennu gadda keessanirraa isin jajjabeessuu danda’a. Phaawulos ergamaan, Waaqayyo “rakkina attamii keessatti iyyuu warra kaan akka jajjabeessinuuf, inni rakkina keenya hundumaa keessatti nu in jajjabeessa” jechuudhaan dubbateera. Gargaarsi Waaqayyoo gadda keessan guutummaatti hambisuu baatus, isiniif salphisuu danda’a. Kana jechuun, sana booda hin boossan ykn nama jaallatan sana tasumaa hin yaadattan jechuu utuu hin ta’in, jajjabaachuu dandeessu jechuudha. Yoo jajjabaattanimmoo, namoota akkuma keessan gaddi isaanirra ga’e, rakkinasaanii hubattanii gara laafinaan isaan gargaaruu dandeessu.—2 Qorontos 1:4.

Gaaffiiwwan Irratti Yaannu

  • Gadda ofii ibsuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

  • Gadda keessan ibsuu kan dandeessan akkamitti?

  • Caaffanni Qulqullaa’oon komiifi aarii isinitti dhaga’amu mo’uuf isin gargaaru kan danda’an akkamitti?

  • Hariiroon Waaqayyoo wajjin qabdan, gadda namni jaallatan du’uusaatiin isinitti dhaga’amurraa jajjabaachuuf isin gargaaru kan danda’u akkamitti?

  • Wantoonni gadda keessan irraa jajjabaachuuf isin gargaaran tokko tokko maalfa’i?

Gorsa Nama Gargaaru

Michoota keessanirratti amantaa qabaadhaa: Gargaarsi waan isin barbaachisuuf, warri kaan isin gargaarra yeroo jedhan hin didinaa. Kun karaa itti wanta isaanitti dhaga’ame ibsan ta’uusaa hubadhaa; maal jechuu akka qaban wallaalanii ta’uu danda’a.—Fakkeenya 18:24.

Fayyaa keessan kunuunsaa: Keessumaa jalqabarratti gaddi isin dadhabsiisuu danda’a. Qaamni keessan yeroo kamiyyuu caalaa boqonnaa ga’aa, sochii jabina qaamaa gaariifi nyaata madaalamaa barbaada. Yeroo yerootti yaalii fayyaa gochuunis gaarii ta’uu danda’a.

Murtoowwan gurguddaa ta’an yeroo biraatti dabarsaa: Danda’amnaan, murtoowwan akka mana keessan gurguruu ykn hojii jijjiirrachuu jiran murteessuu keessan dura, hanga sirriitti yaaduu jalqabdanitti yoo xinnaate yeroo muraasaaf turaa. (Fakkeenya 21:5) Dubartiin abbaan manaa irraa du’e tokko, meeshaawwan abbaa manaashee namootaaf kennuushee kan hubatte guyyoota baay’ee booda ture. Booda garuu, meeshaawwan yaadannoo bakka guddaa laattuuf kennuushee hubatte.

Of obsaa: Yeroo baay’ee gaddi hanga namoonni hedduun yaadan caalaa turuu danda’a. Wantoonni waggaa waggaadhaan nama du’e sana akka yaadannu taasisan gadda keenya kakaasuu danda’u. Suuraawwan adda ta’an, sirbiifi urgaan tokko tokko imimmaan keessan isinitti fiduu danda’a. Qo’annaan saayinsii gaddarratti godhame tokko akkas jedha: “Namni gaddu sun akkuma tasaafi saffisaan miirrisaa yeroo jijijjiiramu hubatamuu danda’a. Al tokko tokko wantoota nama du’e sana isaan yaadachiisan ofirraa fageessuuf kan carraaqan si’a ta’u, yeroo biraammoo ta’e jedhanii wantoota nama du’e sana isaan yaadachiisan barbaadu.” Yeroo kanatti abdiiwwan gati jabeessa Yihowaan kenne yaadadhaa.—Filiphisiiyus 4:8, 9.

Namootarraa baay’ee hin eeginaa: Namoota kaanitti obsa argisiisuuf carraaqaa. Haalli keessan namoota kaanitti bitaa akka ta’u hubadhaa. Maal dubbachuu akka qaban waan hin beekneef, utuu hin beekin wanta dogoggora ta’e isinitti dubbachuu danda’u.—Qolosaayis 3:12, 13.

Gadda keessan irraanfachuuf qoricha ykn dhugaatii alkoolii akka hin fudhanne of eeggadhaa: Qorichi ykn dhugaatiin alkoolii gadda keessan kan isin irraanfachiisu yeroo muraasaaf qofadha. Qorichi fudhatamuu kan qabu yoo ogeessi fayyaa isinii ajaje qofadha. Qorichawwan hedduun araada waan nama qabsiisaniif of eeggannoo godhaa. Kana malees, gadda keessanirraa daftanii akka hin jajjabaanne gochuu danda’u. Paatoolojistiin (namni waa’ee dhukkubaa qoratu) tokko akkas jechuudhaan akeekkachiiseera: “Gadda obsuuf, dhiphina geessisu danda’uufi suuta suutaan amananii fudhachuun barbaachisaadha. Namni tokko qoricha sammuu namaa hadoochuun gaddasaa irraanfachuuf yaalii gochuunsaa, gaddasaa dafee akka hin irraanfanne ykn karaa sirrii hin taaneen akka ibsu gochuu danda’a.” Boqonnaa barabaraa kan argamsiisu kaayyoowwan Yihowaa gurguddaa ta’anirratti xiinxaluudha.—Faarfannaa 1:2; 119:97.

Sochii kanaan dura gootan itti fufaa: Jalqabarratti gara hojii adeemuuf, gabaa dhaquuf ykn itti gaafatamummaa kaan raawwachuuf of dirqisiisuun isin barbaachisa ta’a. Booda garuu, sochii keessan durii jalqabuun baay’ee akka isin gargaaru hubachuu dandeessu. Yeroo hundumaa sochiiwwan Kiristiyaanaatiin qabamaa.— 1 Qorontos 15:58.

Gadda cimaa isinitti dhaga’ame irraanfachuu hin sodaatinaa: Kun baay’ee kan hin baramne ta’us, namoonni nama jaallatan du’aan dhaban tokko tokko, gadda keenya dhiisuun jaalalli nama du’e sanaaf qabnu akka hir’ate kan argisiisu fakkaata jedhanii yaadda’u. Kun garuu dhugaa miti. Gadda keessan irraanfachuun, yeroowwan gaarii nama isin jalaa du’e sanaa wajjin dabarsitaniifi yoomiyyuu hin irraanfatamne akka yaadattan godha.—Lallaba 3:1, 4.

Garmalee hin dhiphatinaa: ‘Kana booda maalan ta’a?’ jettanii dhiphattu ta’a. Macaafni Qulqulluun waa’ee borii yaadda’uu akka hin qabne nu gorsa. Dubartiin abbaan manaa irraa du’e tokko, “Waa’ee borii yaadda’uu dhiisee guyyuma har’aatiif qofa yaaduunkoo na gargaareera” jetteetti. Yesusis ergamootasaatiin, “Waa’ee boriifis hin yaadda’inaa, guyyaan borii ofii isaatiif iyyuu in yaadda’atao” jedheera.—Maatewos 6:25-34.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi