Kutaa 9
“Guyyoota Gara Dhumaa” Keessa Akka Jirru Akkamitti Beekuu Dandeenya?
1, 2. Guyyoota gara dhumaa keessa akka jirru attamittii beekuu dandeenyaa?
KAN jiraannu yeroo Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa namootaa isa amma jirurratti tarkaanfii fudhachuuf jedhu keessa ta’uusaa akkamitti mirkanaa’oo ta’uu dandeenya? Yeroon Waaqayyo rakkinaafi dhiphina itti balleessu baay’ee dhihaachuusaa attamitti beekuu dandeenya?
2 Bartoonni Yesusis waa’ee wantoota kanaa baruu barbaadanii turan. Yommuu Mootummaasaatiin argamu “milikkinni” attamii akka argamuufi milikkinni “dhuma barichaa” maal akka ta’e isa gaafatanii turan. (Maatewos 24:3) Yesus, ilmaan namootaa ‘bara gara dhumaafi’ “guyyoota gara dhumaa” keessa akka jiran hubachiisuuf, haalawwan biyya lafaafi gochawwan suukanneessoo yeroo sanatti raawwataman caqasuudhaan deebii isaaniif kenneera. (Daani’el 11:40; 2 Ximotewos 3:1) Mallattoowwan kun jaarraa kanatti yeroo raawwataman argineerraa? Eeyyee baay’inaan argineerra!
Waraana Adunyaa
3, 4. Waraanni jaarraa kanatti godhame raajii Yesus dubbatee wajjin kan wal simu akkamitti?
3 Yesus, “Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti in ka’a” jedhee dubbateera. (Maatewos 24:7) Addunyaan kun, bara 1914tti haala kanaan dura argamee hin beekneen waraana sabootaafi mootummootaatiin jeeqamteetti. Barreessitoonni seenaa yeroo sana turan, haala kana hubachuudhaan waraana kanaan Waraana Isa Guddaa jedhanii waamaniiru. Waraanni kun, seenaa keessatti waraana jalqabaa ykn waraana addunyaa isa tokkoffaa ture. Waraanicharratti, namoota kaan dabalatee, loltoonni 20,000,000 ta’an lubbuusaanii kan dhaban yeroo ta’u, lakkoofsi namoota waraana kanarratti du’aniis namoota waraana isaan dura godhame kamirrattiyyuu du’anirra baay’ee kan caaludha.
4 Waraanni addunyaa inni tokkoffaan mallattoo guyyoonni gara dhumaa itti jalqabanidha. Yesus, waraanni kuniifi wantoonni garabiraan “jalqaba ciniinsuu” ta’uusaanii dubbateera. (Maatewos 24:8) Waraanni addunyaa inni lammaffaan namoota kaan dabalatee, lubbuu loltoota 50,000,000 yeroo galaafatetti, jechi kun dhugaa ta’uunsaa mirkanaa’eera. Jaarraa 20ffaa dabarsinetti qofa, namoonni 100,000,000 ol ta’an waraanaan kan dhuman yeroo ta’u, kunis namoota waggaa 400 dura waraanaan dhuman hundumaa harka afuriin kan caaludha. Seenaan kun, bulchiinsi ilmaan namootaa balleeffamuu kan qabu ta’uusaa akka gaariitti kan argisiisu mitii?
Ragaawwan Garabiraa
5-7. Ragaawwan garabiraan guyyoota gara dhumaa keessa jiraachuu keenya argisiisan maal fa’i?
5 Yesus, guyyoota dhumaa ilaalchisee ragaawwan garabiraa dabaluudhaan: “Socho’i lafaa gurguddaan beellii fi dha’ichis biyya hundumaatti in ta’a” jechuudhaan dubbateera. (Luqaas 21:11) Bara 1914 jalqabee balaawwan akkasiitiin garmalee dhiphachuun dabalaa waan adeemeef, raajiiwwan kunis dhugaa ta’uunsaanii mirkanaa’eera.
6 Sochiiwwan lafaa gurguddaan irra deddeebi’anii uumamuudhaan lubbuu namoota hedduu galaafataniiru. Waraana addunyaa isa jalqabaatti aansee dhukkubni qufaa ykn influweenzaan qofti lubbuu namoota 20,000,000 ta’anii galaafateera; ragaawwan tokko tokkommoo namoonni 30,000,000 ykn isaa ol ta’an dhukkuba kanaan du’uusaanii dubbatu. EEDSIIN namoota kumaatama dhibbaan lakkaa’aman kan ajjeese yeroo ta’u, yeroo muraasa boodas namoota miiliyoonaan lakkaa’aman akka ajjeesu ni tilmaamama. Waggaa waggaadhaan namoonni miiliyoonaan lakkaa’aman dhukkuba onnee, dhukkuba sombaafi dhibeewwan garabiraadhaan lubbuusaanii dhabu. Namoonni miiliyoonaan lakkaa’amanimmoo sababa beelaatiin du’u. Dhugumayyuu bara 1914 jalqabee, ‘namoonni fardeenirra taa’an’ waraanaan, beelaafi dhukkubaan ilmaan namootaa hangana hin jedhamne fixaa jiru.—Mul’ata 6:3-8.
7 Yesus itti dabaluudhaanis bakka hundumaatti yakki akka baay’atu raajii dubbateera: “Seera malee jiraachuun waan baay’atuuf, jaalalli namoota baay’ee qabbanaa’aa in adeema.”—Maatewos 24:12.
8. Raajiin 2 Ximotewos boqonnaa 3rratti argamu wanta yeroo ammaatti arginuu wajjin kan wal simu akkamitti?
8 Kana malees, raajiin Macaafa Qulqulluu akkuma amma argaa jirru kana addunyaa maratti amalli namootaa manca’uusaa akkas jechuudhaan dubbateera: “Guyyoota gara dhumaatti yeroon sodaachisaan akka dhufu hubadhu! Namoonni warra ofittoo, sassatoota, of-jajoo, afuufamoo, arrabsituuwwan, warra abboota isaanii fi haadhota isaaniif hin abboomamne, galata hin qabnee, warra wanta qulqullaa’aadhaan morman in ta’u. Warra jaalala of keessaa hin qabne, warra araara hin jaallanne, warra maqaa namaa balleessan, warra of hin qabne, warra namatti hin madaqne, warra waan gaarii jibban, warra dabarsanii nama kennan, warra eeggannaa hin qabne, warra of arguu dhabuudhaan of bokoksan, Waaqayyoon jaallachuu caalaa, warra waan isaan gammachiisu jaallatan ta’uuf jiru. Akka bakkeedhaan mul’atutti nama Waaqayyoo in fakkaatu, humna isa nama akkasii keessa jiru garuu in ganu; . . . Namoonni hamoonni, warri ija namaa gowwoomsanis isa gadhee irraa gara isa caalaa gadheetti gad in adeemu; namoota in wallaalchisu ofii isaaniitiis in wallaalchifamu.” (2 Ximotewos 3:1-13) Wantoonni kun hundi yeroo raawwataman ija keenyaan argaa jirra.
Ragaa Garabiraa
9. Jalqaba guyyoota gara dhumaa wajjin haala wal qabateen wanti samiirratti raawwatame maalidha?
9 Bara keenya kanatti wanti rakkinni akka dabalaa adeemu godhe garabiraanis jira. Guyyoonni gara dhumaa bara 1914tti jalqabuusaanii wajjin haala wal qabateen, wanti ilmaan namootaa balaa guddaadhaaf saaxile tokkos raawwatameera. Raajiin kutaa Macaafa Qulqulluu isa dhumaarratti ibsame, wanta yeroo sanatti raawwatame ilaalchisee akkas jedha: “Kana booddees waaqa keessatti lolli in ka’e. Mikaa’el, [Kiristos inni samiirratti mootii ta’e] ergamoota isaa wajjin bineensa akka jawwee sana in lole; bineensichi akka jawwee [Seexanni] sunis ergamoota isaa [hafuurota hamoo] wajjin deebisee isa in lole. Bineensichi mirga hin arganne, deebi’ees isaaf ergamoota isaatiif waaqa keessatti iddoon hin argamneef. Bineensi guddichi akka jawwee sun, bofni bara durii, inni Diiyaabilos, Seexanas jedhame, inni guutummaa biyya lafaa wallaalchisu gara biyya lafaatti gad in darbatame; ergamoonni isaas isaa wajjin gad in darbataman.”—Mul’ata 12:7-9.
10, 11. Seexanniifi hafuuronni xuraa’oon gara lafaatti darbatamuunsaanii ilmaan namootaa kan tuqe akkamitti?
10 Kunoo ilmaan namootaarra maal geessise? Raajiin kun itti fufuudhaan: “Yaa lafaa, yaa galaanaa, Seexanni gara keessanitti waan gad bu’eef isiniif garuu wayyoo! Inni yeroo gabaabduu duwwaa akka qabu waan beekuuf, guddaa aareera!” jedha. Eeyyee, Seexanni sirnisaa yeroo muraasa booda akka badu waan beekuuf, inniifi biyyi lafaa inni seerratu utuu haxaa’amanii hin badin dura namoonni Waaqayyorratti akka ka’an gochuuf wanta danda’u hundumaa gochaa jira. (Mul’ata 12:12; 20:1-3) Dhugumayyuu, ergamoonni Waaqayyoo kun, wanta barbaadan filachuuf mirga isaaniif kennameen seeraan ala fayyadamuunsaanii akka yeellaasifaman isaan godheera! Keessumaa bara 1914 kaasee, dhiibbaasaaniitiin wantoonni biyya lafaarratti raawwatamaa turan baay’ee kan nama suukanneessanidha.
11 Bara keenya ilaalchisee Yesus akkas jechuudhaan raajii dubbachuunsaa kan nama dinqisiisu miti: “Lafa irratti sabni hundinuu in muddama . . . Namoonni naasuudhaaf isa biyya lafaatti dhufu sodaatanii eeggachuu irraa kan ka’e in laafu.”—Luqaas 21:25, 26.
Bulchiinsi Namootaafi Hafuurota Xuraa’oo Yeroo Dhihootti Ni Bada
12. Dhuma sirna wantootaa kana dura, raajiin dhumaa raawwiisaa argachuu qabu isa kami?
12 Waaqayyo sirna hamaa kana balleessuusaa dura raajiiwwan raawwiisaanii hin arganne hammamiitu hafe? Baay’ee xinnoodha. Raajiiwwan guyyoota gara dhumaatti raawwataman keessaa inni tokko, 1 Tasaloniiqee 5:3rratti kan argamu yeroo ta’u, innis akkas jedha: “Nagaa dha, gabii dhas utuma jedhanii, badiisi itti hin yaadamin . . . isaan irra in ga’a.” Kanarraa hubachuu akka dandeenyutti, badiisni sirna hamaa kun kan jalqabu “nagaadha gabii dhas utuma jedhanii” ti. Namoonni nagaafi gabii utuma eeggatanii, haala biyyi lafaa kun argee hin beekneefi yeroo tasumaa hin eegamnetti badiisni guddaan ni dhufa.
13, 14. Yesus yeroo rakkisaan akkamii akka dhufu dubbate? Rakkinni kun kan badu akkamitti?
13 Biyyi lafaa inni Seexanni seerratu kun yeroonsaa jalaa dhumaa jira. Sirni kun yeroo dhihootti ni bada. Yesus yeroo sirna rakkisaa kanarra ga’u ilaalchisee: “Yommus rakkinni guddaan ta’uuf jira; rakkinni akkasiis jalqaba biyya lafaatii jalqabee hamma ammaatti hin taane, deebi’ees hin ta’u” jedhee dubbateera.—Maatewos 24:21.
14 “Rakkinni guddaan” kun dhumnisaa Armaagedoon ta’a. Yeroon kun kan Daani’el, Waaqayyo: “Mootummoota sana hundumaa caccabsee in hurreessa, badduus isaan in baasa” jechuudhaan dubbateefidha. Kana jechuunis, yeroo sanatti mootummaan ilmaan namootaa inni Waaqayyorraa adda ba’ee ofiin of bulchuuf yaalii godhu hundi ni bada jechuudha. Mootummaansaa inni samiirra taa’ee bulchu dhimmawwan namootaa hunda guutummaatti to’ata jechuudha. Akkuma Daani’el raajessetti, sana booda mo’ichi mootummaa sanaa matumaa “saba biraatti” hin darbu.—Daani’el 2:44; Mul’ata 16:14-16.
15. Dhiibbaan Seexanaafi hafuurota hamoo maal ta’a?
15 Yeroo sanatti, dhiibbaan Seexanaafi hafuurota hamoo guutummaatti ni bada. Uumamoonni hafuuraa Waaqayyorratti ka’an waan badaniif, sana booda ‘guutummaa biyya lafaa wallaalchisuu’ hin danda’an. (Mul’ata 12:9; 20:1-3) Duuti waan isaanitti faradameef, badiisasaanii eeggachaa jiru. Ilmaan namootaa dhiibbaasaanii isa gadheerraa yeroo walaba ta’an gammachuu hangana hin jedhamne argatu!
Badiisarraa Kan Oolan Eenyu Fa’i? Kan Hin Oollehoo?
16-18. Badiisa sirna hamaa kanarraa kan oolan eenyu fa’i? Kan hin oollehoo?
16 Yeroo firdiin Waaqayyoo biyya lafaa kanarratti dhufutti, kan oolan eenyu fa’i? Kan hin oollehoo? Macaafni Qulqulluun, namoonni bulchiinsa Waaqayyoo barbaadan akka eegumsa argataniifi badiisa kanarraa akka oolan ibsa. Namoonni bulchiinsa Waaqayyoo hin barbaanne eegumsa hin argatan; kanaa mannaa, biyya lafaa isa Seexanni seerratuu wajjin badu.
17 Fakkeenyi 2:21, 22 akkas jedha: “Warri gara-qajeelonni [namoonni bulchiinsa Waaqayyootiif ajajaman] biyya keessa in jiraatu, namoonni balleessaa hin qabnes isa keessatti in hafu. Warri jal’oonni [namoonni bulchiinsa sanaaf hin ajajamne] garuu biyyicha keessaa in balleeffamu; warri hin amanamnes isa keessaa in buqqifamu.”
18 Faarfannaa 37:10, 11rrattis akkas jedhameera: “Inni jal’aan yeroo xinnoo booddee achitti hin argamu . . . Warri garraamonni garuu lafa in qabaatu, isaanis nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu.” Lakkoofsi 29 itti dabaluudhaan: “Warri qajeelonni biyya in qabaatu, yeroo hundumaafis keessa in taa’u” jedha.
19. Gorsa isa kam qalbeeffachuu qabna?
19 Kanaafuu gorsa Faarfannaa 37:34rratti kenname qalbeeffachuu qabna. Caqasichi akkas jedha: “Waaqayyoon abdiidhaan eeggadhu, karaa isaa irraa akka hin jal’annes eeggadhu! Biyya akka qabaattuuf ulfina siif in kenna, lafa irraa balleeffamuu warra jal’ootaas argitee in gammadda.” Lakkoofsi 37 fi 38 itti fufuudhaan akkas jedha: “Nama hir’ina hin qabne caqasi, nama yaada qajeelaas ilaali! Qacceen nama nagaa hin badu. Warri irra-daddarbituun garuu wal duukaa in duguugamu, qacceen warra jal’ootaas lafa irraa in balleeffamu.”
20. Yeroo ammaa kanatti jiraachuun, kan nama jajjabeessuufi kan nama gammachiisudha kan jennu maaliifi?
20 Dhugumaan, Waaqayyo akka nuu yaaduufi yeroo dhihoottis jal’inaafi rakkina hundaa akka balleessu beekuun akkam kan nama jajjabeessudhaa! Eeyyee, raajiiwwan gurguddaan kun yeroo dhihootti akka raawwataman beekuun baay’ee kan nama gammachiisudha!
[Fakkii fuula 20]
Macaafni Qulqulluun, “milikkinni” guyyoota gara dhumaa maal akka ta’an dubbateera
[Fakkii fuula 22]
Namoonni bulchiinsa Waaqayyootiif bitamuu didan, dhiheenyatti waraana Armaagedoonitti ni balleeffamu. Namoonni bulchiinsa Waaqayyootiif ajajaman garuu, badiisarraa oolanii addunyaa haaraa qajeelummaan keessatti dagaagetti galu.