Ijoo Gabaasa Tajaajilaa
Caamsaa 2011tti gabaasni tajaajilaa Itoophiyaa baayʼee kan nama jajjabeessu ture. Lakkoofsi babalʼistootaa haaraan 9,192 gaʼu galmeeffameera. Isaan keessaa 1,383 kan taʼan qajeelchitoota turan. Fulbaana dhufuu jalqabees babalʼistoonni hedduun tajaajila kana jalqabuuf akka yaadan homaa hin shakkinu. Koreen tajaajilaa gumii keessanii yeroodhaan nuu erguu akka dandaʼutti, iyyata keessan daftanii akka guuttan isin jajjabeessina. Akkasumas, jiʼa Caamsaatti walumaa galatti qayyabannaan Macaafa Qulqulluu 7,311 kan geggeeffame siʼa taʼu, kunimmoo babalʼistoota gumiitiif yeroo hiramu giddu galeessaan 0.3 taʼa. Ati qayyabannaa Macaafa Qulqulluu qabdaa? Tajaajilarratti hinaaffaadhaan hirmaachuu keessaniif hunda keessan ni galateeffanna.