LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 5/14 ful. 3
  • Saanduqa Gaffii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Saanduqa Gaffii
  • Tajaajila Mootummaa—2014
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Maatiin Kee Gammachuu Qabaachuu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 2
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Warri, Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Ijoollee Keessan Barsiisuuf Weeb Saayitii Keenyatti Fayyadamaa
    Tajaajila Mootummaa—2013
  • Warra Kan Taatan Ijoollee Keessan Jaalalaan Leenjisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2014
km 5/14 ful. 3

Saanduqa Gaffii

◼ Ijoolleen karaa hafuuraa guddachuuf maal barachuu qabu?

Warri Kiristiyaana taʼan ijoolleesaanii “adabaafi barsiisa gooftaatiin” guddisuuf carraaqqii cimaa godhu. (Efe. 6:4) Fakkeenyaaf warri tokko tokko yeroo hundumaa caqasa guyyaa guyyaa ijoolleesaanii wajjin dubbisuun buʼaa qabaachuusaa hubataniiru. Yeroo waaqeffannaa maatii godhatanitti ykn yeroo kaanitti maatiiwwan waliin taʼanii viidiyoo tokko ilaalanii irratti mariʼachuu, matadureewwan Gaaffii dargaggootaa jalatti argaman keessaa filatanii irratti mariʼachuu, seenaa Macaafa Qulqulluu maatiidhaan akka diraamaatti waliin hojjechuu ykn sagantaa shaakalaa qopheessuu dandaʼu taʼa. Haataʼu malee, ijoolleen “warra gaʼan” akka taʼaniif dabalataan waaʼee dhugaa Macaafa Qulqulluu gadi fageenyaan barachuu qabu.—Ibr. 6:1.

Mee wanta namoota naannoo keenya keessatti argaman barsiisnu akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Guyyaa jalqabaatti ykn walitti fufiinsaan deddeebii gaaffii erga goonee booda kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamutti gargaaramuudhaan qayyabannaa akka isaan jalqaban isaan afeerra. Kitaaba kana erga isaan xumuranii boodammoo kitaaba“Jaalala Waaqayyoo Keessatti of eegaa” jedhamutti gargaaramna. Maaliif? Kitaabni Barumsa Macaafa Qulqulluu baratichaaf beekumsa buʼuuraa Macaafa Qulqulluu kan kennudha. Kitaabni “Jaalala Waaqayyoo” jedhamummoo jireenyasaanii guyyaa guyyaa keessatti seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuun akkamitti akka dandaʼamu isaan barsiisa. Namoonni haaraan kitaabota kana lamaan qayyabachuunsaanii Yesusitti ‘hundeesaanii akka gadi fageeffatan’ akkasumas ‘Amantiitti akka dhaabaman’ isaan gargaara. (Qol. 2:6, 7) Wantoonni kun ijoollee keenyahoo gargaaruu hin dandaʼanii? Isaanis waaʼee furii, waaʼee Mootummaa Waaqayyoo fi haala warri duʼan keessatti argaman barachuu qabu. Akkasumas, Waaqayyo rakkinni akka jiraatu maaliif akka heyyameefi guyyoota bara dhumaa akkamittiin beekuun akka dandaʼamu beekuu qabu. Dhugaa Baatonni Yihowaa dhugaa akka barsiisan mirkanaaʼoo taʼuu qabu. Akkasumas seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hubachuufi ‘hamaafi gaarii adda baasanii beekuuf’ leenjiʼuu qabu. (Ibr. 5:14) Dhugaadha, warri umriifi dandeettii hubannaa ijoolleesaanii tilmaama keessa galchuu akka qaban beekamaadha. Haataʼu malee, ijoolleen utuma xinnoo taʼanii jiranii dhugaa Macaafa Qulqulluu gadi fagoo taʼe barachuu jalqabuuf dandeettii qaban hedduun jiru.—Luq. 2:42, 46, 47.

Qajeelfamoonni kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu qayyabachuuf gargaaran warra gargaaruudhaaf jecha jw.org irratti ni baʼu. Maatiiwwan Weeb saayitii keenyarraa mataduree BIBLE TEACHINGS > TEENAGERS jedhu jalaa kana argachuu dandaʼu. Gara fuulduraattimmoo qajeelfamoonni dabalataa kitaaba “Jaalala Waaqayyoo” jedhamu qayyabachuuf gargaaran ni qophaaʼu. Akkasumas kitaabota maxxanfamanii of harkaa qabnuttis gargaaramuun ni dandaʼama. Warri meeshaa kanatti gargaaramuu kan qaban yoom akka taʼe murteessuu dandaʼu. Tarii yeroo waaqeffannaa maatii godhatanitti, ijoolleesaanii dhuunfaatti yeroo qayyabsiisanitti ykn mucaan isaanii qayyabannaa dhuunfaa akka godhatu yeroo leenjisanitti itti fayyadamuu dandaʼu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi