BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 119
‘Akka Seera Waaqayyootti Jiraadhaa’
Akka seera Yihowaatti jiraachuu jechuun, fedhiidhaan qajeelfama Waaqayyootiif bitamuu jechuu dha. Kitaaba Qulqulluu keessa namoota fakkeenyota gaggaarii nuuf taʼanii fi akka faarfatichaa seera Yihowaa hordofan, akkasumas isatti amanaman hedduutu jira.
Gammachuu dhugaa argachuuf, akka seera Waaqayyootti jiraachuu qabna
Iyaasuun qajeelfama Yihowaa irratti amanannaa guutuu akka qabu argisiiseera. Gammachuu fi milkaaʼina argachuuf, garaa isaa guutuudhaan Yihowaatti amanamuu akka qabu hubatee ture
Dubbiin Waaqayyoo ija jabina rakkoowwan nu mudatan damdamachuuf nu barbaachisu nuu kenna
Ermiyaas haalawwan ulfaatoo taʼan yeroo isa mudatanitti ija jabina akka qabuu fi Yihowaatti akka amanamu argisiiseera. Jireenya isaa salphaa godheera; akkasumas hojii isaaf kenname obsaan raawwachuu isaa itti fufeera
Beekumsa Dubbii Waaqayyoo isa sirrii qabaachuun amanannaadhaan lallabuuf nu gargaara
Phaawulos ergaa Waaqayyoo nama kamiif iyyuu lallabuu hin sodaatu ture. Yommuu Feeliks isa Bulchaa taʼeef lallabetti Yihowaan akka isa gargaaru amanannaa guutuu qaba ture
Warra kaaniif yommuun lallabutti haalawwan akkamii keessattan amanannaa akkan qabu argisiisuu dandaʼa?
Mana Barumsaatti
Bakka Hojiitti
Miseensota Maatiitiif
Bakka Biraatti