AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Waaqeffannaa Qulqulluudhaaf Bakka Guddaa Kennuu kan Qabdu Maaliifi?
Mulʼanni Hisqiʼel mana qulqullummaa ilaalchisee arge, waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee akka hundeeffamu waan abdachiiseef, Yihudoota boojuudhaan fudhatamanii turan jajjabeesseera. Guyyoota dhumaa kanatti, waaqeffannaa qulqulluun “tulloota hundumaa keessaa akka isa caaluutti jabaatee in dhaabata.” Nutis saboota gosa garaa garaa hundaa keessaa walitti qabaman keessatti argamna. (Isa 2:2) Mirga Yihowaa beekuu fi isa tajaajiluuf argatte irratti ni xiinxaltaa?
EEBBA WAAQEFFANNAA QULQULLUUN ARGAMSIISU:
Nyaata hafuuraa hedduu gaaffiiwwan guguddaa qabnuuf deebii argamsiisan, qajeelfamawwan gaggaarii itti jiraannuu fi abdii amansiisaa.—Isa 48:17, 18; 65:13; Rom 15:4
Waldaa obbolummaa jaalala qabeessa.—Far 133:1; Yoh 13:35
Mirga addaa Waaqayyoo wajjin hojii gammachiisaa irratti hirmaachuu.—HoE 20:35; 1Qo 3:9
‘Nagaa Waaqayyoo’ isa yeroo rakkinaatti jajjabina nuuf argamsiisu.—Flp 4:6, 7
Qalbii qulqulluu.—2Xi 1:3
‘Waaqayyoo wajjin hariiroo gaarii qabaachuu.’—Far 25:14
Waaqeffannaa qulqulluudhaaf bakka guddaa akkan kennu argisiisuu kanan dandaʼu karaawwan kamiini?