BOQONNAA KUDHA TORBA
Mirga Kadhannaa
‘Waaqayyo inni waaqaa fi lafa uume’ kadhannaa keenya dhagaʼuu ni barbaada.—Faarfannaa 115:15
1, 2. Kadhannaan kennaa guddaa akka taʼe kan sitti dhagaʼamu maaliifi? Kitaabni Qulqulluun waaʼee kadhannaa maal akka jedhu beekuun kan nu barbaachisu maaliifi?
LAFTI hawaa wajjin yeroo wal bira qabamtee ilaalamtu baayʼee xinnoo dha. Yihowaan lafa yeroo ilaalu, sabni lafa irraa hundi copha qodaa bishaanii irraa cophuu wajjin wal fakkaatu. (Faarfannaa 115:15; Isaayaas 40:15) Hawaa wajjin yeroo wal bira qabamnee ilaalamnu baayʼee xinnoo taanus, Faarfannaan 145:18, 19 akkana jedha: “Waaqayyo warra isa waammatan hundumaatti, warra dhugaadhaan isa waammatan hundumaatti dhiʼoo dha. Inni fedha warra isa sodaatanii fiixaan in baasa; iyya isaaniis immoo in dhagaʼa, isaan in oolchas.” Dhuguma iyyuu mirga guddaa qabna! Yihowaa inni Uumaan waan hundumaa dandaʼu, nutti dhihaachuu fi kadhannaa keenya dhagaʼuu barbaada. Eeyyee kadhannaan mirga, jechuunis kennaa addaa Yihowaan tokkoon tokkoon keenyaaf kenne dha.
2 Haa taʼu malee, Yihowaan kan nu dhagaʼu karaa isa biratti fudhatama qabuun yoo isa kadhanne qofa dha. Akkana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Kitaabni Qulqulluun waaʼee kadhannaa maal akka jedhu haa ilaallu.
YIHOWAA KAN KADHANNU MAALIIFI?
3. Yihowaa kadhachuu kan qabdu maaliifi?
3 Yihowaan akka isa kadhannu ykn akka isatti dubbannu barbaada. Kana akkamitti beekna? Filiphisiyus 4:6, 7 dubbisi. Waaʼee afeerraa gaarummaadhaan dhihaate kanaa yaadi. Bulchaan uumama cufaa xiyyeeffannaa guddaa kan sii kennu siʼa taʼu, miiraa fi rakkoowwan kee akka isatti himtu barbaada.
4. Yeroo hunda Yihowaa kadhachuun michummaa isaa wajjin qabdu kan cimsu akkamitti?
4 Kadhannaan michuu Yihowaa akka taanu nu gargaara. Michoonni yeroo hunda yaada, yaaddoo fi miira isaanii yommuu waliin dubbatan michummaan isaanii ni cima. Yihowaa kadhachuunis kanaa wajjin wal fakkaata. Karaa Kitaaba Qulqulluu, yaadaa fi miira isaa, akkasumas wanta gara fuulduraatti raawwatu sitti himeera. Yeroo hunda isaa wajjin dubbachuudhaan miira keessa kee jiru illee isatti himuu dandeessa. Akkana yeroo gootu, michummaan Yihowaa wajjin qabdu caalaatti cimaa deema.—Yaaqoob 4:8.
WAAQAYYO AKKA NU DHAGAʼUUF MAAL GOCHUU QABNA?
5. Yihowaan kan dhagaʼu kadhannaa hunda akka hin taane akkamitti beekna?
5 Yihowaan kadhannaa hunda ni dhagaʼaa? Lakki. Yihowaan bara Isaayaas raajichaatti Israaʼelootaan, “Harka keessan keessa dhiigni waan guuteef, kadhata yoo baayʼiftan iyyuu ani isiniif hin dhagaʼu” jedhee ture. (Isaayaas 1:15) Kanaaf, of hin eeggannu taanaan wanta Yihowaa irraa nu fageessu raawwachuu dandeenya; kun immoo kadhannaa keenya akka inni hin dhageenye godha.
6. Amantiin baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Amantii akka qabdu akkamitti argisiista?
6 Yihowaan kadhannaa keenya akka dhagaʼu yoo barbaadne isatti amanuu qabna. (Maarqos 11:24) Phaawulos ergamaan akkana jedheera: “Amantii malee Waaqayyoon gammachiisuun hin dandaʼamu; sababiin isaas namni Waaqayyotti dhihaatu hundi, inni akka jiruu fi warra cimsanii isa barbaaddataniif gatii isaanii akka kennu amanuu qaba.” (Ibroota 11:6) Taʼus, amantii akka qabnu dubbachuun qofti gaʼaa miti. Guyyaa guyyaatti Yihowaadhaaf ajajamuudhaan amantii keenya ifatti argisiisuu qabna.—Yaaqoob 2:26 dubbisi.
7. (a) Yihowaa yeroo kadhannu gad of qabuu fi ulfina isaaf kennuu kan qabnu maaliifi? (b) Yeroo kadhannu garaadhaa akka kadhannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
7 Yihowaa yeroo kadhannu gad of qabuu fi ulfina isaaf kennuu qabna. Maaliif? Mootii ykn pireezidaantii tokkotti yeroo dubbannu, karaa ulfina qabuun akka dubbannu beekamaa dha. Yihowaan Waaqa Hundumaa Dandaʼu dha; kanaaf yeroo isatti dubbannu caalaatti ulfina kennuu fi gad of qabuu hin qabnuu ree? (Uumama 17:1; Faarfannaa 138:6) Kana malees, jechoota wal fakkaatan irra deddeebiʼuu mannaa, garaadhaa Yihowaa kadhachuu qabna.—Maatewos 6:7, 8.
8. Waaʼee dhimma tokkoo yommuu kadhannu dabalataan maal gochuu qabna?
8 Kana malees, waaʼee dhimma tokkoo yommuu kadhannu wanti kadhanne akka milkaaʼuuf wanta nuuf dandaʼame hunda gochuu qabna. Fakkeenyaaf, wanta jireenya guyyaa guyyaatiif nu barbaachisu erga kadhannee booda, utuma hojjechuu dandeenyuu, harka marannee teenyee Yihowaan wanta hunda akka nuu kennu eeguu hin qabnu. Jabaannee hojjechuu fi hojii arganne utuu hin tuffatin hojjechuu qabna. (Maatewos 6:11; 2 Tasalonqee 3:10) Yookiin dogoggora hojjechuu irraa akka of qusannu akka nu gargaaru yoo kadhanne, haalawwan nu qoruu dandaʼan kam irraa iyyuu fagaachuu qabna. (Qolosaayis 3:5) Mee amma gaaffilee waaʼee kadhannaa yeroo baayʼee kaʼan tokko tokko haa qorru.
GAAFFILEE KADHANNAA ILAALCHISEE YEROO BAAYʼEE KAʼAN
9. Eenyuun kadhachuu qabna? Yohaannis 14:6 waaʼee kadhannaa maal nu barsiisa?
9 Eenyuun kadhachuu qabna? Yesuus, ‘Abbaa keenya isa samii irra jiraatu’ akka kadhatan duuka buutota isaa barsiiseera. (Maatewos 6:9) Kana malees, “Karaan, dhugaanii fi jireenyi ana. Karaa koo yoo taʼe malee, eenyu iyyuu gara Abbaa dhufuu hin dandaʼu” jedheera. (Yohaannis 14:6) Kanaaf, Yihowaa qofa karaa Yesuus kadhachuu qabna. Karaa Yesuus kadhachuu jechuun maal jechuu dha? Yihowaan kadhannaa keenya akka dhagaʼuuf, itti gaafatamummaa addaa Yihowaan Yesuusiif kenneef kabaja qabaachuu qabna. Akkuma kanaan dura baranne, Yesuus gara lafaa kan dhufe duʼaa fi cubbuu jalaa nu oolchuufi dha. (Yohaannis 3:16; Roomaa 5:12) Yihowaan Yesuusiin Luba Ol Aanaa fi Abbaa Murtii godhee muudeera.—Yohaannis 5:22; Ibroota 6:20.
Yeroo kamitti iyyuu kadhachuu ni dandeessa
10. Yeroo kadhannu haala addaatiin kadhachuu qabnaa? Ibsi.
10 Yeroo kadhannu haala addaatiin kadhachuu qabnaa? Lakki! Yihowaan yeroo kadhannu akka jilbeenfannu, akka teenyu ykn akka dhaabannu nu hin ajajne. Kitaabni Qulqulluun haala ulfina qabu kamiin iyyuu Yihowaa kadhachuu akka dandeenyu barsiisa. (1 Seenaa 17:16; Nahimiyaa 8:6; Daaniʼel 6:10; Maarqos 11:25) Wanti Yihowaa biratti iddoo guddaa qabu, haala nuti ittiin kadhannu utuu hin taʼin ilaalcha sirrii qabaannee kadhachuu keenya dha. Bakka kam iyyuu yoo jiraanne ykn halkanis taʼe guyyaa yeroo kamitti iyyuu sagalee keenya ol kaasnee ykn garaa keenyatti kadhachuu ni dandeenya. Yihowaa yeroo kadhannu, namni tokko iyyuu yoo nu dhagaʼuu baate illee, inni akka nu dhagaʼu amanuu dandeenya.—Nahimiyaa 2:1-6.
11. Wantoota Yihowaa kadhachuu dandeenyu keessaa tokko tokko maal faʼi?
11 Waaʼee maalii kadhachuu dandeenya? Waaʼee wanta Yihowaa biratti fudhatama qabu kamii iyyuu kadhachuu ni dandeenya. Kitaabni Qulqulluun, “Wanti kadhannu maal iyyuu yoo taʼe, akka fedhii isaatti yoo kadhanne inni nu dhagaʼa” jedha. (1 Yohaannis 5:14) Waaʼee dhimmoota dhuunfaa kadhachuu ni dandeenyaa? Eeyyee. Yihowaa kadhachuun michuu keenyatti dubbachuu wajjin tokko dha. Wanta sammuu fi garaa keenya keessa jiru kam iyyuu Yihowaatti himuu ni dandeenya. (Faarfannaa 62:8) Hafuura isaa humna guddaa qabuu fi wanta sirrii taʼe akka goonu nu gargaaru akka nuu kennu Yihowaa kadhachuu ni dandeenya. (Luqaas 11:13) Ogummaa murtoo gaarii gochuuf nu gargaaruu fi jabina rakkina damdamachuuf nu gargaaru akka nuu kennu kadhachuus ni dandeenya. (Yaaqoob 1:5) Cubbuu keenya akka nuu dhiisu Yihowaa kadhachuu qabna. (Efesoon 1:3, 7) Akkasumas, maatii keenya, obbolootaa fi obboleettota gumii keenyaa dabalatee, namoota kaaniif kadhachuu qabna.—Hojii Ergamootaa 12:5; Qolosaayis 4:12.
12. Kadhannaa keenya keessatti wanti iddoo guddaa kennuufii qabnu maali dha?
12 Kadhannaa keenya keessatti wanti iddoo guddaan kennamuufii qabu maali dha? Yihowaa fi fedha isaa ti. Wanta inni nuu godhe hundaaf garaadhaa isa galateeffachuu qabna. (1 Seenaa 29:10-13) Yesuus yeroo lafa irra turetti akkamitti kadhachuu akka qaban ilaalchisee wanta inni barattoota isaa barsiise irraa kana hubachuu ni dandeenya. (Maatewos 6:9-13 dubbisi.) Jalqaba irratti maqaan Waaqayyoo akka qulqullaaʼu akka kadhatan isaanitti himee ture. Achiis Mootummaan Waaqayyoo akka dhufuu fi fedhi Yihowaa guutummaa lafaa irratti akka raawwatamu kadhachuu akka qabnu nu hubachiiseera. Yesuus waaʼee dhimmoota dhuunfaa kadhachuu kan qabnu, waaʼee wantoota baayʼee barbaachisoo taʼan kanaa erga kadhannee booda akka taʼe ibseera. Kadhannaa keenya keessatti Yihowaa fi fedha isaatiif dursa yeroo kenninu, wanti iddoo guddaa kenninuuf maal akka taʼe argisiisna.
13. Kadhannaan keenya hammam dheerachuu qaba?
13 Kadhannaan keenya hammam dheerachuu qaba? Kitaabni Qulqulluun waaʼee kanaa hin dubbatu. Kadhannaan keenya akkuma haala isaatti gabaabaa ykn dheeraa taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, nyaata nyaachuu keenya dura kadhannaa gabaabaa dhiheessuu dandeenya; Yihowaa yeroo galateeffannuu fi yaaddoo keenya yeroo isatti himannu garuu kadhannaa dheeraa dhiheessina taʼa. (1 Saamuʼel 1:12, 15) Akkuma namoonni tokko tokko bara Yesuusitti gochaa turan, xiyyeeffannaa namootaa harkisuuf jecha kadhannaa dheeraa dhiheessuu hin barbaadnu. (Luqaas 20:46, 47) Kadhannaan akkasii xiyyeeffannaa Yihowaa hin harkisu. Wanti Yihowaan iddoo guddaa kennuuf garaadhaa kadhachuu keenya dha.
14. Yoom yoom kadhachuu qabna? Kun waaʼee Yihowaa maal nu barsiisa?
14 Yoom yoom kadhachuu qabna? Yihowaan yeroo hunda akka isa kadhannu nu afeereera. Kitaabni Qulqulluun, ‘yeroo hunda kadhachuu,’ ‘kadhannaatti jabaachuu,’ akkasumas ‘utuu gargar hin kutin kadhachuu’ akka qabnu dubbata. (Maatewos 26:41; Roomaa 12:12; 1 Tasalonqee 5:17) Yihowaan yeroo hunda nu dhagaʼuuf qophaaʼaa dha. Jaalalaa fi arjummaa isaatiif guyyaa guyyaatti isa galateeffachuu dandeenya. Qajeelfama, ciminaa fi jajjabina akka nuu kennus isa gaafachuu dandeenya. Mirga Yihowaatti kadhannaa dhiheessuuf arganneef dhuguma iddoo guddaa kennina taanaan, isatti dubbachuuf carraa arganne hundatti fayyadamna.
15. Xumura kadhannaa irratti “ameen” jechuu kan qabnu maaliifi?
15 Xumura kadhannaa irratti “ameen” jechuu kan qabnu maaliifi? “Ameen” jechuun “dhugumaan” ykn “haa taʼu” jechuu dha. Wanti kadhanne garaa keenyaa taʼuu isaa argisiisa. (Faarfannaa 41:13) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun xumura kadhannaa namoota duratti dhihaatuu irratti, walii galuu keenya argisiisuuf “ameen” yoo jenne gaarii akka taʼe barsiisa.—1 Seenaa 16:36; 1 Qorontos 14:16.
AKKAATAA ITTI WAAQAYYO KADHANNAA KEENYA DEEBISU
16. Yihowaan dhuguma kadhannaa keenyaaf deebii ni kennaa? Ibsi.
16 Yihowaan dhuguma kadhannaa keenyaaf deebii ni kennaa? Eeyyee. Kitaabni Qulqulluun, “Yaa isa kadhata namaa dhageessuu!” jedhee isa waama. (Faarfannaa 65:2) Yihowaan kadhannaa namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman garaadhaa dhiheessan ni dhagaʼa; akkana kan godhus karaa garaa garaatiini dha.
17. Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kennuuf maleekotaa fi tajaajiltoota isaa lafa irra jiranitti kan fayyadamu akkamitti?
17 Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kennuuf maleekotaa fi tajaajiltoota isaa lafa irra jiranitti fayyadama. (Ibroota 1:13, 14) Namoonni baayʼeen Kitaaba Qulqulluu akka hubatan akka isaan gargaaruuf kadhatanii, yeroo muraasa booda Dhugaa Baatonni Yihowaa isaan bira dhaqaniiru. Kitaabni Qulqulluun maleekonni “misiraachoo” guutummaa lafaatti labsuu irratti akka hirmaatan dubbata. (Mulʼata 14:6 dubbisi.) Kana malees, baayʼeen keenya rakkina ykn wanta nu barbaachisu tokko ilaalchisee Yihowaa erga kadhannee booda, gargaarsa nu barbaachisu obboloota ykn obboleettota keenya irraa arganneerra.—Fakkeenya 12:25; Yaaqoob 2:16.
Yihowaan obboloonni keenya akka nu gargaaran gochuudhaan kadhannaa keenyaaf deebii kennuu dandaʼa
18. Yihowaan kadhannaa dhihaatuuf deebii kennuuf, hafuura qulqulluu fi Kitaaba Qulqulluutti kan fayyadamu akkamitti?
18 Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kennuuf hafuura qulqulluuttii fayyadama. Rakkina tokko damdamachuuf akka nu gargaaru yommuu isa kadhannu, qajeelfamaa fi jabina nuu kennuuf hafuura isaatti fayyadama. (2 Qorontos 4:7) Yihowaan kadhannaa keenya deebisuu fi murtoo gaarii akka goonu nu gargaaruuf Kitaaba Qulqulluuttis ni fayyadama. Kitaaba Qulqulluu yommuu dubbisnu, caqasoota nu gargaaran argachuu dandeenya. Kana malees, Yihowaan namni tokko walgaʼii irratti yaada yeroo kennu wanta nu barbaachisu akka dubbatu ykn jaarsi gumii tokko yaada Kitaaba Qulqulluu tokko irratti nuu wajjin akka mariʼatu isa kakaasuu dandaʼa.—Galaatiyaa 6:1.
19. Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kan hin kennine fakkaachuu kan dandaʼu maaliif?
19 Haa taʼu malee al tokko tokko, ‘Yihowaan kadhannaa koo hamma yoonaatti maaliif naa hin deebisne?’ jennee gaafanna taʼa. Taʼus, Yihowaan yoomii fi akkamitti kadhannaa keenyaaf deebii kennuu akka qabu akka beeku yaadachuu qabna. Wanta nu barbaachisu beeka. Wanti kadhanne dhugumaan garaa keenyaa akka taʼe mirkaneessuu fi akka isatti amannu argisiisuuf kadhachuu keenya itti fufuu qabna taʼa. (Luqaas 11:5-10) Yihowaan al tokko tokko karaa nuti hin eegneen kadhannaa keenyaaf deebii kenna taʼa. Fakkeenyaaf, waaʼee haala rakkisaa tokkoo yommuu kadhannu, rakkina sana keessaa nu baasuu mannaa jabina rakkina sana damdamachuuf nu gargaaru nuu kennu dandaʼa.—Filiphisiyus 4:13 dubbisi.
20. Yeroo hunda Yihowaa kadhachuu kan qabnu maaliif?
20 Dhuguma iyyuu Yihowaatti kadhannaa dhiheessuun mirga guddaa dha! Inni akka nu dhagaʼus mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Faarfannaa 145:18) Yihowaatti yeroo hunda kadhannaa garaadhaa madde yommuu dhiheessinu, michummaan isaa wajjin qabnu caalaatti cimaa deema.