LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • kr boq. 20 ful. 236-247
  • Hojiin Gargaarsaa Yihowaaf Ulfina Argamsiisa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hojiin Gargaarsaa Yihowaaf Ulfina Argamsiisa
  • Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Hojiin Gargaarsaa “Tajaajila Qulqulluu” Kan Taʼe Akkamitti?
  • Hojii Gargaarsaa Kaayyoo Ifa Taʼeen Raawwatamu
  • Hojiin Gargaarsaa Faayidaa Guddaa Argamsiisa
  • Isinoo Hojii Gargaarsaarratti Hirmaachuu Ni Dandeessuu?
  • Balaan Erga Gaʼee Booda Gargaaruun kan Dandaʼamu Akkamitti?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Yeroo Balaan Uumamutti Dhugaa Baatonni Yihowaa Gargaarsa Ni Godhuu?
    Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • Gargaarsa Yeroo Balaa Bara 2023—“Jaalala Yihowaa . . . Jireenya Keenya Keessatti Argineerra”
    Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa Kan Jiru Akkamitti?
  • Gargaarsa Yeroo Balaa 2021—Obbolootaafi Obboleettota Keenya hin Ganne
    Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa Kan Jiru Akkamitti?
Dabalataan Ilaaluuf
Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
kr boq. 20 ful. 236-247

BOQONNAA 20

Hojiin Gargaarsaa Yihowaaf Ulfina Argamsiisa

YAADA IJOO BOQONNAA KANAA

Waaʼee jaalala obboloonni keenya yeroo balaan uumamutti argisiisanii ilaalla

1, 2. (a) Kiristiyaanota Yihudaa keessa turan rakkina akkamiitu mudate? (b) Kiristiyaanonni Yihudoota taʼan jaalala akkamii argisiisan?

YEROONSAA Dh.K.B. bara 46 yommuu taʼu, Yihudaan beela cimaadhaaf saaxilamteetti. Midhaan jiru muraasa waan taʼeef gatiin midhaanii baayʼee miʼaayee ture; kanaaf bartoonni Yesus bitachuu hin dandeenye. Gama nyaataatiin rakkinni guddaan isaan mudateera. Haataʼu malee, Yihowaan eegumsa guddaa kanaan dura godheefii hin beekne isaaniif gochuuf jedha. Eegumsa akkamii isaaniif godha laata?

2 Kiristiyaanonni Yihudoota taʼaniifi Yerusaalemiifi Yihudaa jiraatan akkasumas, Kiristiyaanonni biyya Anxokiyaafi Sooriyaa Yihudoota taʼaniifi hin taane, rakkina Yihudoonni keessa jiran hubachuudhaan, gargaarsa isaan barbaachisu walitti qabuufii eegalan. Achiis Barnaabaasiifi Saaʼoliin filachuudhaan, gargaarsa walitti qabame sana gara jaarsolii gumii Yerusaalemitti argamanitti akka geessan itti gaafatamummaa isaaniif kennan. (Hojii Ergamootaa 11:27-30; 12:25 dubbisi.) Obboloonni Yihudaa keessa jiraniifi gargaarsi isaan barbaachisu kun, obboloonnisaanii Anxokiyaatti argaman yommuu isaan gargaaranitti hammam akka gammadan tilmaamaa!

3. (a) Sabni Waaqayyoo yeroo harʼaa jiran fakkeenya Kiristiyaanota biyya Anxokiyaa kan hordofan akkamitti? Fakkeenya kenni. (Saanduqa “Hojii Gargaarsaa Guddaa Bara Keenyatti Raawwatame” jedhus ilaali.) (b) Boqonnaa kana keessatti gaaffiiwwan kamfaa ilaalla?

3 Kiristiyaanonni biyya tokko keessa jiraatan Kiristiyaanota biyya kan biraa jiraataniif gargaarsa yommuu godhan kun isa jalqabaa ture. Nutis yeroo harʼaa fakkeenya obboloonni keenya Anxokiyaa nuu kaaʼan hordofna. Obboloota keenya naannoo kan biraa jiraatanirra balaan ykn qorumsi tokko ennaa gaʼu gargaarsa isaaniif goona.a Hojiin gargaarsaa nuti raawwannu, hojii lallabaa wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu hubachuuf, hojii gargaarsaa ilaalchisee gaaffiiwwan sadii haa qorru: Hojii gargaarsaa akka tajaajilaatti kan ilaallu maaliifi? Kaayyoon hojii gargaarsaa maalfaʼi? Hojii gargaarsaa kanarraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

Hojiin Gargaarsaa “Tajaajila Qulqulluu” Kan Taʼe Akkamitti?

4. Phaawulos hojii Kiristiyaanotaa ilaalchisee obboloota gumii Qorontos keessa turaniin maal jedhe?

4 Phaawulos xalayaa isa lammaffaa gumii Qorontosiif barreesserratti, tajaajilli Kiristiyaanonni raawwatan kutaa lama akka qabu ibseera. Phaawulos xalayaa sana kan barreesse Kiristiyaanota dibamoodhaaf taʼus, wanti inni dubbate “hoolota kan biraa” yeroo harʼaa jiraniifis ni hojjeta. (Yoh. 10:16) Kutaan tajaajilaa keenya inni tokko “hojii araarsuu” siʼa taʼu, kunis lallabuufi barsiisuu kan dabalatudha. (2 Qor. 5:18-20; 1 Xim. 2:3-6) Kutaan inni lammaffaanimmoo tajaajila obboloota keenyaaf jennee raawwannu kan dabalatudha. Phaawulos adda baasee waaʼee ‘hojii gargaarsaa’ dubbateera. (2 Qor. 8:4) Yaadawwan “hojii araarsuu” fi ‘hojii gargaarsaa’ jedhan keessatti jechi “hojii” jedhu jecha afaan Giriikii diyaakoniyaa jedhuu wajjin tokkodha. Jecha kanatti fayyadamuun kan barbaachise maaliifi?

5. Phaawulos hojiin gargaarsaa kutaa tajaajila keenyaa akka taʼetti ibsuunsaa sirrii kan taʼe maaliifi?

5 Phaawulos hojiiwwan lamaaniifuu jecha tokkotti fayyadamuudhaan, hojii gargaarsaa hojii gumii keessatti hojjetamu kaanii wajjin ramadeera. Xalayaasaa kanaan duraarratti akkas jechuudhaan dubbatee ture: “Ergaa garaa garaatu jira, gooftaan ergamaniif garuu tokkichuma. Hojii garaa garaatu jira, Waaqayyo inni hojii hundumaa adduma addaan yaada namaa keessa kaaʼu garuu tokkicha.” (1 Qor. 12:4-6, 11) Phaawulos hojii gumii keessatti hojjetamu “tajaajila qulqulluu” (NW) wajjin walbira qabee ibseera.b (Rom. 12:1, 6-8) Kanaaf, yeroo ramaduudhaan warra Waaqayyoof qullaaʼan tajaajiluun sirrii akka taʼe itti dhagaʼamuunsaa kan nama ajaaʼibsiisu miti!—Rom. 15:25, 26.

6. (a) Akkuma Phaawulos ibse, hojiin gargaarsaa kutaa waaqeffannaa keenyaati kan jennu maaliifi? (b) Yeroo harʼaa hojiin gargaarsaa keenya addunyaa maratti hojjetamaa kan jiru akkamitti akka taʼe ibsi. (Saanduqa “Balaan Uumamuusaa Dura Qophaaʼuu!” jedhuufi fuula 242⁠rratti argamu ilaali.)

6 Phaawulos, obboloonni gumii Qorontos jiran, hojiin gargaarsaa kutaa tajaajilaafi kutaa waaqeffannaasaanii taʼuusaa akka hubatan isaan gargaareera. Kana ilaalchisee ragaa inni dhiheesse hubadhaa! Kiristiyaanonni ‘wangeela Kiristosiif abboomaman’ namoota ni gargaaru. (2 Qor. 9:13) Kanaaf, barumsa Kiristos hojiirra oolchuuf fedhii waan qabaniif obboloota hidhatasaanii taʼan ni gargaaru. Phaawulos, gaarummaan isaan obbolootasaaniitiif oolan, ‘ayyaana Waaqayyoo isa isaan keessa jiru’ kan mulʼisu taʼuusaa ibseera. (2 Qor. 9:14; 1 Phe. 4:10) Masaraan Eegumsaa Muddee 1, 1975, obboloota keenya warra rakkinni isaan mudate gargaaruu ilaalchisee, “Yihowaaniifi Ilmisaa Yesus Kiristos tajaajila gaarummaarratti hundaaʼe akkasiitiif bakka guddaa akka kennan matumaa hin shakkinu” jechuudhaan dubbateera. Eeyyee, hojiin gargaarsaa tajaajila qulqulluu keessaa isa tokkodha.—Rom. 12:1, 7; 2 Qor. 8:7; Ibr. 13:16.

Hojii Gargaarsaa Kaayyoo Ifa Taʼeen Raawwatamu

7, 8. Kaayyoon hojii gargaarsaa keenyaa inni jalqabaa maalidha? Ibsi.

7 Kaayyoon hojii gargaarsaa keenyaa maalfaʼi? Phaawulos xalayaa isa lammaffaa gumii Qorontosiif barreesserratti gaaffii kanaaf deebii kenneera. (2 Qorontos 9:11-15 dubbisi.) Caqasa kanarratti, namoota kan gargaarru kaayyoo gurguddaa sadiirratti hundoofnee akka taʼe addeesseera. Mee sadansaanii tokko tokkoon haa ilaallu.

8 Tokkoffaa, hojiin gargaarsaa keenya Yihowaaf ulfina fida. Caqasa armaan oliirratti Phaawulos waaʼee Waaqayyoo siʼa meeqa akka caqase qalbeeffadhaa. ‘Waaqayyoof galata galchuufi’ ‘galata Waaqayyoof dhiheessuu’ akka qaban isaa hubachiiseera. (Lakkoofsa 11fi 12) Hojiin gargaarsaa Kiristiyaanonni ‘guddina Waaqayyoo akka himaniifi’ ‘ayyaana Waaqayyoo isa isaan keessatti caalaa adeemu’ ilaalchisee galata akka galchan isaan yaadachiiseera. (Lakkoofsa 13fi 14) Akkasumas, yaada hojii gargaarsaa ilaalchisee dubbate kan xumure, “Waaqayyoof galanni haa taʼu” jechuudhaan ture.—Lakkoofsa 15; 1 Phe. 4:11.

9. Hojiin gargaarsaa ilaalcha namoonni qabanirratti jijjiirama akkamii fida? Fakkeenya kenni.

9 Akkuma Phaawulos, Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiranis, hojii gargaarsaarratti hirmaachuun carraa Yihowaadhaafis taʼe barumsasaatiif bakka guddaa akka kennan itti argisiisan kan isaaniif banu akka taʼetti ilaalu. (1 Qor. 10:31; Tit. 2:10) Dhugumayyuu, hojiin gargaarsaa namoonni ilaalcha dogoggoraa Yihowaafi Dhugaa Baatotasaatiif qaban akka sirreessan godheera. Kana fakkeenyaan ibsuuf: Dubartiin naannoo obomboleettiidhaan miidhame tokko keessa jiraattu, balbala manasheerratti barreeffama, “Dhugaa Baatonni Yihowaa manakoo hin dhufinaa!” jedhu rarraastee turte. Sana booda guyyaa tokko obboloonni hojii gargaarsaarratti hirmaatan mana obomboleettiidhaan miidhameefi manashee fuuldura jiru yommuu suphan argite. Guyyoota muraasaaf namoota jaalala qabeeyyii taʼan kana erga ilaaltee booda eenyummaasaanii baruuf garasaanii deemte. Namoonni hojii gargaarsaa sanarratti hirmaachaa jiran Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuusaanii ennaa bartu, “Ilaalcha sirrii isiniif hin qabun ture” isaaniin jette. Achiihoo maal goote? Barreeffama balbalasheerratti rarraastee turte sana kaaste.

10, 11. (a) Kaayyoo hojii gargaarsaa keenya isa lammaffaa fiixaan baasaa akka jirru fakkeenyonni argisiisan kamfaʼi? (b) Barreeffamni obboloota hojii gargaarsaarratti hirmaatan gargaaru kami? (Saanduqa “Barreeffama Obboloota Hojii Gargaarsaarratti Hirmaatan Gargaaru” jedhu ilaali.)

10 Lammaffaa, obboloota hidhata keenya taʼaniif ‘qaawwaa dhabasaanii duuchina.’ (2 Qor. 9:12b) Obboloota keenyaaf dafnee gargaarsa gochuudhaan miidhaan isaanirra gaʼe akka isaaniif salphatu goona. Maaliif? Sababiinsaas, miseensonni gumii Kiristiyaanaa hundi ‘dhagna tokko’ waan taʼaniifi kutaawwan ‘dhagnaa kana keessaa inni tokko yoo dhiphate, hundinuu isaa wajjin waan dhiphataniifidha.’ (1 Qor. 12:20, 26) Kanaafuu, jaalalli obbolummaa obboloonni kun qaban, sagantaasaanii sirreessuudhaan meeshaaleesaanii fudhatanii, naannoo balaan itti uumame dhaquudhaan obboloota hidhatasaanii taʼan gargaaruuf isaan kakaasa. (Yaq. 2:15, 16) Fakkeenyaaf, sunaamiin bara 2011⁠tti Jappaaniin yommuu miidhetti, waajjirri damee Yuunaayitid Isteetis, Koree Ijaarsaa Naannoo biyyattii keessatti argamuuf xalayaa barreessuudhaan “obboloonni gaʼumsa qaban muraasni” Galma Mootummaa achitti argamu deebisanii ijaaruurratti gargaarsa akka godhan gaafate. Yeroo kanatti koreen kun deebii akkamii kenne? Torban muraasa keessatti, obboloonni gara 600 taʼan baasii mataasaaniitiin gara Jaappaan deemanii gargaarsa gochuuf fedhiisaaniitiin of dhiheessan! Waajjirri damee Yuunaayitid Isteetis, “Tarkaanfii obboloonni fudhatan baayʼee nu ajaaʼibsiisee ture” jechuudhaan dubbateera. Obboleessi Jaappaan keessa jiraatu, obboleessa gargaarsa gochuuf gara biyyattii dhaqe tokko, maaliif akka inni dhaqe isa gaafatee ture. Obboleessi sunis, “Obboloonni Jaappaan keessa jiran kutaa ‘dhagna’ keenyaati. Dhukkubbiiniifi dhiphinnisaanii nuttis ni dhagaʼama” jechuudhaan deebii kenneera. Obboloonni hojii gargaarsaa hojjetaniifi jaalala qabeeyyii taʼan, fedhiisaanii aarsaa gochuudhaan jireenyasaanii balaarra buusanii obbolootasaanii gargaaru.c—1 Yoh. 3:16.

Obboleettin Dhugaa Baatu Yihowaa taate tokko wantoota gargaarsa obboloota Siwiizarlaanditti argamaniif taʼu yeroo qindeessaa jirtu, bara 1946tti

Siwiizarlaandi, bara 1946

HOJII GARGAARSAA GUDDAA BARA KEENYATTI RAAWWATAME

FULBAANA 1945⁠tti, Awurooppaa keessatti Waraanni Addunyaa Lammaffaan dhaabatee jiʼoota muraasa booda, obboleessi keenya Noor “obboloota keenya giddu galeessa Awurooppaatti argamaniif gargaarsa gochuuf” hojiin gargaarsaa guddaan jalqabamuuf akka jedhu beeksise.

Beeksisni kun himamee torban muraasa booda, Dhugaa Baatonni Yihowaa Kaanaadaa, Yuunaayitid Isteetisiifi biyyoota kan biraa keessa jiran uffataafi nyaata bakka jiruu walitti qabuu jalqaban. Amajjii 1946 eegalee, meeshaaleen gargaarsaa obboloota keenya Ostiriyaa, Beeljiyam, Bulgaariyaa, Chaayinaa, Chekoslovaakiyaa, Deenmaarki, Ingilaandi, Fiinlaandi, Faransaay, Jarman, Giriik, Hangaarii, Xaaliyaan, Neezarlaandi, Noorweey, Filippiinsi, Poolaandiifi Rumaaniyaa keessa jiraataniif ergamuu jalqabe.

Gargaarsi kun kan godhame yeroo tokkoof qofa miti. Hanga waggaa lamaaf walakkaatti gargaarsi godhamaa tureera! Yeroo sanatti obboloonni 85,000 taʼan nyaata gara kiilogiraama 300,000 taʼu, uffata gara kiilogiraama 450,000 taʼu, akkasumas kophee 124,000 ol taʼu obboloota biyyoota waraanaan miidhaman keessa jiraniif erganiiru. Hagayya 1948⁠tti, hojii gargaarsaa guddaan kun ni dhaabate. Masaraan Eegumsaa bara 1949⁠tti maxxanfame akkas jedheera: “Kun jaalala obboloonni waliisaaniitiif qaban sirriitti kan argisiisedha. Gargaarsi obboloonni godhan kun obboloonni hedduun waaqeffannaa dhugaa akka hin daganne waan godheef Gooftaadhaaf ulfina akka argamsiise beekamaadha. Obboloonni kun, obbolootasaanii haala kanaan gargaaruu akka mirga guddaatti ilaalu.” Hojiin gargaarsaa kun Yihowaan akka galateeffatamu, obboloonni boqonnaa akka argataniifi tokkummaan obboloota addunyaa maratti argamanii akka cimu godheera.

11 Namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa hin taanes, hojii gargaarsaa nuti hojjennuuf dinqisiifannaa qaban ni ibsu. Fakkeenyaaf, bara 2013⁠tti balaan tokko bulchiinsa Arkaasas, Yuunaayitid Isteetis erga miidhee booda, gaazexaan tokko gargaarsa Dhugaa Baatonni Yihowaa fedhaan of dhiheessan godhan akkas jechuudhaan gabaasee ture: “Jaarmiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa namoota fedhaan of dhiheessaniifi yeroo balaan uumamutti gargaarsa barbaachisaa taʼe gochuu dandaʼan akka gaariitti qindeesseera.” Dhugumayyuu akkuma Phaawulos ergamaan jedhe ‘warra Waaqayyoof qulqullaaʼaniif qaawwa dhabasaanii ni duuchina.’

12-14. (a) Kaayyoon hojii gargaarsaa keenyaa inni sadaffaan baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (b) Yaadawwan sochii hafuuraa itti fufuun barbaachisaa akka taʼe ibsan warra kamfaʼi?

12 Sadaffaa, obboloonni miidhaan irra gaʼe sagantaan waaqeffannaasaanii akka addaan jalaa hin cinne ni gargaarra. Kun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Phaawulos namoonni gargaarsa argatan ‘galata Waaqayyoof dhiheessan caalaatti akka baayʼisan’ dubbateera. (2 Qor. 9:12a) Karaan inni guddaan namoonni kun Yihowaa akka galateeffatan gochuun itti dandaʼamummoo, sagantaan waaqeffannaasaanii akka jalaa hin cinne gargaaruudha. (Filp. 1:10) Bara 1945⁠tti Masaraan Eegumsaa akkas jedhee ture: ‘Phaawulos, Kiristiyaanonni gargaarsa isaan barbaachisu argachuudhaan hojii dhugaa baatota Yihowaa taʼuudhaan raawwatan ofirraa buʼanii kakaʼumsa guddaadhaan hojjechuu akka dandaʼaniif gargaarsi isaaniif godhamuunsaa sirrii akka taʼe ibseera.’ Harʼas kaayyoon obboloota keenya itti gargaarru kanumadha. Obboloonni keenya yommuu deebiʼanii tajaajilarratti hirmaatan, ollaawwansaanii miidhaan wal fakkaatu irra gaʼe jajjabeessuu qofa utuu hin taʼin, ofiis jajjabina argatu.—2 Qorontos 1:3, 4 dubbisi.

13 Obboloonni sababa balaatiin tajaajillisaanii addaan citee ture gargaarsa argachuudhaan kan itti fufan siʼa taʼu, kunimmoo jajjabina guddaa isaaniif kenneera. Obboleessi tokko akkas jedheera: “Maatiidhaan tajaajilarratti hirmaachuun keenya nuuf eebba guddaadha. Namoota kaan jajjabeessuuf yommuu yaalii goonu yaaddoo nutti dhagaʼamurraa boqonnaa arganna.” Obboleettiin tokkommoo, “Sochii hafuuraarratti xiyyeeffachuunkoo balaa na marsee jiru akkan irraanfadhu godha. Tasgabbiin akka natti dhagaʼamu godha” jechuudhaan dubbatteetti. Obboleettiin kan biraanimmoo akkas jetteetti: “Wantoonni hedduun toʼannaa keenyaa ala yommuu taʼan, tajaajilarratti hirmaachuun keenya qajeelfama maatii keenyaaf taʼu argachuuf nu gargaara. Addunyaa haaraa ilaalchisee abdii qabnu namoota kaanitti himuun keenya wanti hundi haaraa akka taʼu amanamummaa qabnu nuuf cimsa.”

14 Obboloonni keenya sababa balaatiin walgaʼiinsaanii addaan cites hamma dandaʼametti dafanii itti fufuu qabu. Obboleettii Kiyookoo jedhamtuufi yeroo balaan isheerra gaʼetti xumura umrii waggoota 50⁠nii keessa turte akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Sunaamiin uumamee ture kopheefi uffata isheen uffattee turterraa kan hafe waan tokkoyyuu isheedhaaf hin hambisne ture. Yeroo sanatti balaa sanarraa ooluunsheeyyuu ishee yaaddessee ture. Achiis jaarsi gumii tokko konkolaataasaa keessatti walgaʼii gumii geggeeffachuu akka qaban itti hime. Kiyoookoon akkas jetteetti: “Jaarsi gumii suniifi haati manaasaa, akkasumas aniifi obboleettiin tokko konkolaataa keessatti walitti qabamne. Walgaʼii keenya haala salphaa taʼeen kan geggeeffanne taʼus, sunaamii kaʼee ture akkan irraanfadhu godheera. Nagaa sammuu argachuufis na gargaareera. Walgaʼiin geggeeffanne sun, walgaʼii Kiristiyaanaarratti argamuun jabina guddaa akka kennu na hubachiiseera.” Obboleettiin tokko, balaan erga gaʼee booda walgaʼii geggeeffatanii turan tokko ilaalchisee, “Miidhaa balaan sun geessise moʼuuf na gargaareera!” jetteetti.—Rom. 1:11, 12; 12:12.

Hojiin Gargaarsaa Faayidaa Guddaa Argamsiisa

15, 16. (a) Obboloonni gumii Qorontosiifi gumiiwwan kan biraa keessa turan hojii gargaarsaa deggeruudhaan faayidaa akkamii argatan? (b) Yeroo harʼaahoo hojii gargaarsaa irraatti hirmaachuudhaan faayidaa akkamii arganna?

15 Phaawulos, yaada hojii gargaarsaa ilaalchisee obboloota gumii Qorontositti himerratti, hojii kanarratti hirmaachuunsaanii isaaniifis taʼe obbolootasaaniitiif faayidaa akkamii akka argamsiise ibseera. Akkas jedheera: “Ayyaana Waaqayyoo isa isin keessatti caalaa adeemuuf, [Yihudoonni Yerusaalem keessatti argamaniifi gargaarsi isaaniif godhame] isin yaadaa, isiniifis kadhachaa jiru.” (2 Qor. 9:14) Eeyyee, arjummaan obboloonni gumii Qorontos Yihudoota Kiristiyaanota taʼanitti argisiisan, Yihudoonni sun, obboloota gumii Qorontosiin dabalatee, obboloota Yihudoota hin taane kaaniif akka kadhataniifi jaalalli isaan obboloota kanaaf qaban akka dabalu godheera.

16 Masaraan Eegumsaa Muddee 1, 1945, yaada Phaawulos hojii gargaarsaa ilaalchisee dubbate caqasuudhaan, “Sabni Waaqayyoo obboloota hidhatasaanii taʼan yommuu gargaaran, tokkummaan akkamii akka argamu mee yaadaa!” jechuudhaan ibseera. Obboloonni yeroo harʼaa hojii gargaarsaarratti hirmaatanis kun dhugaa taʼuusaa arganiiru. Jaarsi gumii obboloota lolaadhaan miidhamaniif gargaarsa godhe tokko, “Hojii gargaarsaarratti hirmaachuun isa kanaan duraa caalaa obboloota kootti akkan dhihaadhu na gargaareera” jedheera. Obboleettiin gargaarsa isheedhaaf godhameef galateeffannaa qabdu ibsite tokkommoo, “Obbolummaan keenya abdii jannataa qabnuu wajjin tokkodha” jetteetti.—Fakkeenya 17:17 dubbisi.d

17. (a) Yaanni Isaayaas 41:13⁠rratti argamu hojii gargaarsaa keenyaaf kan hojjetu akkamitti? (b) Fakkeenyota hojiin gargaarsaa Yihowaaf ulfina akka argamsiiseefi tokkummaa keenya akka cimse argisiisan tokko tokko caqasaa. (Saanduqa “Obboloonni Addunyaa Maratti Fedhiidhaan Hojjetan Jajjabina Argamsiisu” jedhus ilaali.)

17 Obboloonni hojii gargaarsaa hojjetan bakka balaan itti uumame sana yommuu gaʼan, obboloonni keenya abdiin Waaqayyo, “Ani Waaqayyo gooftaa kee isa harka kee mirgaa qabee ‘Hin sodaatin! Ani sin gargaaraʼo’ siin jedhuu dha” jechuudhaan dubbate dhugaa taʼuusaa hubatu. (Isa. 41:13) Obboleettiin tokko balaa uumame jalaa erga ooltee booda, “Balaan sun yommuu gaʼetti abdii kutadheen ture, Yihowaan garuu harka na qabeera. Obboloonni gargaarsa guddaa naaf godhaniiru” jetteetti. Balaan tokko naannoosaanii erga miidhee booda, jaarsoliin gumii lama obboloota gumiisaanii bakka buʼuudhaan akkas jechuudhaan barreessanii turan: “Sochoʼi lafaa miidhaa guddaa geessiseera, taʼus Yihowaan obboloota keenyatti fayyadamuudhaan gargaarsa guddaa nuuf godheera. Kanaan dura waaʼee hojii gargaarsaa dubbisnee turre, amma garuu ija keenyaan argineerra.”

Peeter Joonsan hojii ijaarsaa irratti yeroo hirmaatu

AKKAATAA JIREENYAASAA JIJJIIREERA

HOJII gargaarsaarratti hirmaachuun dargaggootarratti jijjiirama akkamii fida? Mee Peeter Joonsan isa umriisaa waggaa 18⁠tti yeroo jalqabaatiif hojii kanarratti hirmaate haa ilaallu. Akkas jedheera: “Galateeffannaa obboloonni qabaniifi gammachuu kennuudhaan argamu arguunkoo baayʼee na tuqeera. Jireenyakoo guutuu Yihowaa tajaajiluuf akkan murteessu na godheera.” Kanaaf, Peeter qajeelchaa taʼee tajaajiluu eegale. Betʼel keessas kan tajaajile siʼa taʼu, yeroo boodammoo miseensa Koree Ijaarsaa Naannoo taʼeera. Peeter, “Bara 1974⁠tti yeroo jalqabaatiif hojii gargaarsaarratti hirmaachuunkoo akkaataa jireenyaakoo jijjiireera” jechuudhaan dubbateera. Atoo dargaggeessadhaa? Fakkeenya Peeter hordofuuhoo ni dandeessaa? Maaltu beeka, tarii hojii gargaarsaarratti hirmaachuun tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessitu keessatti akkaataa jireenyaakee ni jijjiira taʼa!

Isinoo Hojii Gargaarsaarratti Hirmaachuu Ni Dandeessuu?

18. Hojii gargaarsaarratti hirmaachuu yoo barbaaddan maal gochuu qabdu? (Saanduqa “Akkaataa Jireenyaasaa Jijjiireera” jedhus ilaali.)

18 Gammachuu hojii gargaarsaarratti hirmaachuun argamsiisu argachuu ni barbaadduu? Taanaan, obboloonni hojii gargaarsaarratti hirmaatan yeroo baayʼee kan filataman warra ijaarsa Galma Mootummaarratti hirmaatan keessaa akka taʼe hin dagatinaa. Foormii guutuudhaan ijaarsa Galma Mootummaarratti hirmaachuu akka barbaaddan jaarsolii gumii keessanitti himaa. Jaarsi gumii hojii gargaarsaarratti waggoota hedduudhaaf hirmaate tokko, “Koreen Hojii Gargaarsaa yoo isin afeere malee naannoo balaan uumametti gargaarsa gochuuf hin deeminaa” jechuudhaan hubachiiseera. Akkas yoo taʼe, hojiin gargaarsaa karaa naamusa qabuun hojjetamuu ni dandaʼa.

19. Obboloonni hojii gargaarsaarratti hirmaatan bartoota Kiristos warra dhugaa taʼuu keenya argisiisuurratti gumaacha akkamii godhan?

19 Hojiin gargaarsaa karaa gorsa Kiristos ‘akka wal jaallannuuf’ nuu kenne hojiirra itti oolchinu keessaa isa guddaadha. Jaalala akkasii waliif qabaachuudhaan, bartoota Kiristos warra dhugaa taʼuu keenya argisiisuu ni dandeenya. (Yoh. 13:34, 35) Yeroo harʼaa, obboloota fedhiidhaan of dhiheessanii hojii gargaarsaarratti hirmaachuudhaan Yihowaadhaaf ulfina fidan hedduu qabaachuun keenya eebba guddaadha!

a Boqonnaan kun waaʼee gargaarsa obboloota hidhata keenya taʼaniif godhamee ibsa. Haataʼu malee, haalawwan hedduu keessatti, hojiin gargaarsaa nuti raawwannu namoota kaanis ni fayyada.—Gal. 6:10.

b Phaawulos asirratti, jecha afaan Giriikii diyaakonoos (tajaajilaa) jedhuufi ‘diiyaaqonoota’ ykn tajaajiltoota gumii argisiisutti fayyadameera.—1 Xim. 3:12.

c Mataduree, “Obboloota Keenya Boosniyaa Keessatti Argaman Gargaaruu” jedhuufi Masaraa Eegumsaa Sadaasa 1, 1994, fuula 23-27⁠rratti baʼe ilaali. (Amaariffa)

d Fakkeenya 17:17 (Hiika bara 1899): “Michuun bara hundumaa jaallata; yeroo gidiraatiif obboleessi in dhalata.”

Mootummichi Isiniif Hammam Dhugoomeera?

  • Hojiin gargaarsaa tajaajila qulqulluu Yihowaadhaaf dhiheessinu keessaa isa tokko akka taʼe akkamitti beekna?

  • Kaayyoon gurguddaan hojii gargaarsaa keenyaa sadan maalfaʼi?

  • Hojiin gargaarsaa faayidaa akkamii argamsiisa?

  • Hojiin gargaarsaa abboommii Yesus isa Yohannis 13:34⁠rratti argamuu wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba?

OBBOLOONNI ADDUNYAA MARATTI FEDHIIDHAAN HOJJETAN JAJJABINA ARGAMSIISU

GIDDU GALEESSAAFI DHIHA AFRIIKAA

Bara 1994⁠tti walitti buʼiinsa qomoo gidduutti uumameen Ruwaandaatti namoonni 800,000 ykn isaa ol taʼan ajjeefamaniiru. Dhumiinsa sana booda biyyoota Giddu Galeessa Afriikaa kaan keessatti jeequmsi guddaan waan uumameef bakki baqattoonni buufatan namootaan guutamee ture. Obboloota hidhatasaanii taʼan gargaaruuf jecha Dhugaa Baatonni Yihowaa biyyoota Beeljiyam, Faransaayiifi Siwiizarlaandi qoricha, dunkaana, nyaataafi miʼawwan garaagaraa gara toonii 300 taʼu xiyyaaraan naannoo kanatti ergan. Wantoonni kun torban muraasa gidduutti obboloota keenya gaʼaniiru.

Akkasumas doktooronniifi narsonni Dhugaa Baatota Yihowaa taʼaniifi Faransaayii dhufan obboloota keenya sababa waraana walii waliitiin, beelaafi dhukkubaan dhiphatan yaaluuf gara Afriikaa dhufanii turan. Tuutni kun waggaa lama keessatti namoota 10,000 ol taʼaniif gargaarsa yaalii fayyaa godheera. Hojiinsaanii Yihowaafi jaarmiyaasaatiif ulfina fideera. Isaan keessaa narsiin tokko, “Obboloota keenya gargaaruuf bakka sana yommuu geenyetti namoonni haala kabaja argisiisuun ‘Dhugaa Baatota Yihowaadha. Obbolootasaanii gargaaruu dhufan’ jedhu” jetteetti. Obboleettiin tokko narsii tokkorraa gargaarsa erga argattee booda, “Obboleettiiko, galatoomi! Yihowaa, sin galateeffadha!” jechuudhaan dubbatteetti.

Balaa cimaan yommuu gaʼuttis gargaarsa kennuun barbaachisaadha. Bara 2012⁠tti Naayijeeriyaatti balaa konkolaataa gaʼee tureen Dhugaa Baatonni Yihowaa miseensa gumii tokkoo taʼan 13 kan duʼan yommuu taʼu 54 kan taʼanirra immoo miidhaa cimaan gaʼee ture. Koreen gargaarsaa haala mijeessuudhaan halkaniif guyyaa utuu hin jedhin obboloota balaa kanaan miidhaman gargaareera. Dubartiin dhukkubsattee mana yaalaa galtee jirtu tokko gargaarsa obboloota miidhaman kanaaf godhamu yommuu argitu, geggeessaa amantiishee tokkotti bilbiluudhaan, “Waldaa keenyaa namni dhufee na gaafate tokkoyyuu hin jiru. Gara mana yaalaa kottuutii jaalala Dhugaa Baatota Yihowaa gidduu jiru ilaali!” jetteen.

Obboloota keenya gumii xinnoo sana keessa jiraatanirra rakkinni cimaan yoo gaʼeyyuu, jaalalli obboloonni hidhatasaanii taʼan isaanitti argisiisan akka isaan jajjabeesse dubbatu. Hunda caalaammoo, gargaarsa obboloonni hojii gargaarsaa keessaa hojjetan obboloota miidhaan isaanirra gaʼeef godha ilaaluudhaan, obboloonni hedduun gumii sana keessatti argaman hirmaannaa tajaajilarratti godhan guddisuuf murteessaniiru. Balaan uumamuusaa dura, gumicha keessa babalʼistoota 35tu ture. Waggaa tokko keessatti lakkoofsi babalʼistootaa 60 gaʼeera.

AWUSTIRAALIYAA

Bara 2013⁠tti, gartokkeen Kuwiinsilaandi gara qarqara galaanaatti argamuu lolaadhaan kan miidhame siʼa taʼu, obboloonni 70 taʼan manasaanii dhabaniiru. Hiriyoonni gaaʼelaa Maarkiifi Raandaa jedhaman intalasaanii wajjin manasaanii lolaadhaan miidhame dhiisanii iddoo balaan sun hin jirretti baqataniiru. Iddoon isaan itti baqatan sun namootaan guutamee ture. Raandaan, “Namoonni hedduun iddoo taaʼanillee hin qaban turan” jetteetti. Sagalee guddaan heliikooptaroonni yommuu qubataniifi kaʼan dhageessisan baayʼee nama dhiphisa ture. Yeroo kanatti baayʼee waan sodaatteef, “Maal gochuu nuu wayya?” jettee abbaa manaashee Maarkisiin gaafatte. Innis Yihowaan akka isaan gargaaru kadhate. Raandaan akkas jetteetti: “Daqiiqaa 30 booda konkolaataan tokko bakka nuti itti walitti qabamnee jirru kan dhufe siʼa taʼu, konkolaataa sana keessaas obboloonni sadii baʼanii dhufan. Akkuma nu arganiin, ‘Isin fudhannee deemna. Mana obboleessa tokkoo turtu’ nuun jedhan. Yeroo sanatti gargaarsa jaarmiyaan Yihowaa nuuf godhetti hammam akka gammanne ibsuun natti ulfaata.”

Obboloonni 250 ol taʼan, obboloota naannoo balaan itti uumame sana jiran gargaaruuf fedhaan of dhiheessanii turan. Obboleessi maanguddoo taʼan tokko, “Dhugaa Baatonni Yihowaa eessaa akka isaan dhufan ani hin beekne garaadhaa hojjechuudhaan manakoo isa miidhamee ture naaf suphan. Aniifi haati manaakoo gargaarsa isaan nuuf godhan matumaa hin irraanfannu” jedhaniiru.

BIRAAZIIL

Bara 2008⁠tti, bokkaa cimaa roobeen kan kaʼe dhoqqeefi lolaan bulchiinsa Saantaa Kaatariinaa miidhe, namoonni gara 80,000 taʼan manasaaniirraa akka buqqaʼan godheera. Namichi tokko “sunaamii suphee, dhoqqeefi mukkeen of keessatti qabate” akka taʼetti fudhachuun ni dandaʼama jedheera. Obboloonni tokko tokko gara Galma Walgaʼii Guddaa dhaquudhaan bakka buufatan argataniiru. Maaseyoo inni galma sana keessa jiraatu, “Wayyaa uffatanii turan qofaadhaan baqatanii baʼan, hundisaanii dhoqqeedhaan laaqamanii turan” jechuudhaan dubbateera. Obboleettiin tokko akkas jetteetti: “Manni keenya ni jige. Battaluma tokkotti yommuu kufu arguun nu gaddisiisee kan ture taʼus, obboloonni keenya baayʼee nu jajjabeessaniiru. Karaa addaddaatiin jaalalasaanii nuuf ibsaniiru! Haalli kun wantoota hafuuraatiif xiyyeeffannaa kennuun barbaachisaa akka taʼe na hubachiiseera.”

Dhugaa Baatonni Yihowaa wantoota gargaarsaa namoota balaan irra gaʼee fi Biraaziilitti argamaniif taʼu yeroo qindeessaa jiran

Galmi Walgaʼii Guddaa, Saantaa Kaatariinaa, Biraaziilitti argamu bakka gargaarsa itti godhaniifi meeshaalee gargaarsaa hedduu qabate taʼeera, bara 2009

Balaan kun jiraattota naannoo magaalaa Riyoo De Jeneeroo, tabbarra jiraatan hundarra miidhaa geessiseera. Balaan cimaan akkasii yommuu gaʼu gargaarsa gochuuf jecha obboloonni Koree Gargaarsaa dhaabbataa taʼe hundeessaniiru. Dhoqqeen balaa cimaa geessisu akkuma gaʼeen, obboloonni naannoo balaa sanaa jiraataniifi itti gaafatamummaan kun kennameef, koreen gargaarsaa dafee tarkaanfii akka fudhatu yaadachiisu. Battaluma sanatti, obboloonni gargaarsa godhan konkolaataa guddaa barreeffama, “Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaarsa Godhan” jedhu qabu qabatanii achi gaʼu. Hundisaanii meeshaalee barbaachisan kan qaban yommuu taʼu, ramaddii hojiisaaniis dursanii beeku. Hojjettoonni kun uffata Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuusaanii beeksisu uffatu. Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisuu wajjin taʼuudhaan obboloota miidhamaniif gargaarsa godhu. Obboloonni gargaarsa godhan nyaata, bishaan, qoricha, uffataafi wantoota qulqullinaaf gargaaran kaan dhiheessu. Dhoqqee mana keessa guute qulqulleessuun ulfaataadha. Balaa dhoqqee dhiheenya gaʼetti obboloonni gargaarsa godhaniifi 60 taʼan, mana tokko keessaa dhoqqee konkolaataa feʼumsaa afur baasaniiru!

BALAAN UUMAMUUSAA DURA QOPHAAʼUU

Qaamni Olaanaan waajjiroonni damee addunyaa maratti argaman jaarsolii gumiifi daawwattoota olaanaadhaaf balaan gaʼuusaa duraafi yeroo balaan gaʼutti maal gochuu akka qaban qajeelfama akka kennan ajajeera. Fakkeenyaaf, balaan tokko gaʼuusaa dura, jaarsoliin gumii hundi teessoo miseensota gumii hunda qabaachuusaanii mirkaneeffachuu qabu.

BALAAN YOMMUU UUMAMU

  1. Jaarsa gumii maatii tokko jajjabeessa jiru

    Jaarsoliin gumii miseensota gumii hundaa wajjin wal arguu qabu

  2. Jaarsoliin gumii qindeessaa qaama jaarsoliitiif gabaasa gochuu qabu

  3. Akkaataa marsaa Qindeessitoonni jaarsolii, daawwattoota ol aanaa aanaa, obboloota itti gaafatamummaa qabanii fi wajjirri dameen itti qunamaan argisiisu

    Qindeessaan qaama jaarsolii, daawwattoota olaanaafi obboloota waajjira damee wajjin wal qunnamuu dandaʼanitti gabaasa gochuu qaba

  4. Gargaarsa nyaataa fi dhugaati

    Hamma dandaʼametti, nyaanni, bishaan, uffanni, yaaliin fayyaafi deggersi karaa miiraas taʼe karaa hafuuraa obbolootaaf kennamuu qaba

  5. Gabaasni, gargaarsi iddoon balaan gaʼe irratti godhamee yeroo ilaalamaa jiru

    Waajjiroonni dameen, haala irra jiraniifi wanta barbaachisu Koree Qindeessitootaa Qaama Olaanaatiif gabaasa gochuu qabu

  6. Miʼoota gargaarsaaf taʼan iddoo balaan gaʼe irratti yeroo raabsamu

    Koreen Gargaarsaa, gargaarsa godhamu qindeessuudhaan obboloonni hamma haalli uumame tasgabbaaʼutti gargaarsa barbaachisu akka argatan godha

  7. Xiyyaara balaliʼaa jiru

    Koreen Qindeessitootaa, gargaarsa barbaachisu ilaaluudhaan obboloonni biyya garabiraa jiraataniifi fedhaan of dhiheessan hojii gargaarsaa kanarratti akka hirmaatan godha

BARREEFFAMA OBBOLOOTA HOJII GARGAARSAARRATTI HIRMAATAN GARGAARU

Qoola birooshuraa Dhugaa Baatota Yihowaa fi Hojii Gargaarsaa jedhamu

WAXABAJJII 2013⁠tti, birooshurri Dhugaa Baatota Yihowaafi Hojii Gargaarsaa (Ingiliffa) jedhamu qophaaʼeera. Birooshurri kun keessumaa abbootii taayitaa Yuunaayitid Isteetis keessa jiraniifi gargaarsa yeroo balaan uumamutti godhamu olaantummaadhaan toʼataniif kan qophaaʼedha. Birooshurri kun gargaarsa nuti walakkeessa bara 1940⁠nii kaasee gochaa turre ibsa. Akkasumas, kaartaa waaʼee hojii gargaarsaa guddaa nuti hojjennee ibsu qabateera. Jaarsi gumii hojii gargaarsaa qindeessuurratti hirmaatu tokko akkas jechuudhaan ibseera: “Obboloonni Koree Hojii Gargaarsaa keessaa hojjetan birooshura kanatti fayyadamuudhaan abbootii taayitaa naannoo balaan itti uumame jiranii wajjin wal qunnamuu dandaʼu. Abbootii taayitaa kanaa wajjin dursanii wal baruun, hojii gargaarsaa nuti raawwannu akka baran godha; kunimmoo heyyama argachuudhaan naannoo balaan itti uumame sana salphaatti dhaquuf nu gargaara.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi