BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | HOJII ERGAMOOTAA 21-22
“Fedhiin Yihowaa haa Raawwatamu”
Phaawulos bakka rakkinni isa irra gaʼu, jechuunis gara Yerusaalem akka deemu isa geggeessaa kan ture, hafuura qulqulluu akka taʼe isatti dhagaʼameera. (HoE 20:22, 23) Kanaaf, yommuu Kiristiyaanonni garaa qajeelaadhaan kakaʼanii akka hin deemne isa kadhatan, “Maaliif boossanii ejjennoo koo laaffisuuf yaalii gootu?” jedhee isaaniif deebise. (HoE 21:13) Nutis obboloonni Yihowaa tajaajiluuf jecha fedhii ofii isaanii aarsaa godhan, tajaajila isaanii akka dhiisan isaan sossobuuf yaalii hin goonu.