AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Yihowaan Akkaataa Itti Ijoollee Keenya Guddisnu Nu Barsiiseera
Hiriyoonni gaaʼelaa karaa buʼa qabeessa taʼeen ijoollee isaanii guddisuuf, Yihowaa isa Abbaa isaanii isa samii taʼe irraa maal barachuu dandaʼu? Viidiyoo Yihowaan Akkaataa Itti Ijoollee Keenya Guddisnu Nu Barsiiseera jedhamu ilaalaa, achiis gaaffiiwwan waaʼee Aabiliiyoo fi Uulaa Aamooriim kaʼan armaan gadiitiif deebii kennuuf yaalaa:
Akkaataan isaan itti guddatan ijoollee isaanii guddisuuf hammam isaan qopheesseera?
Ijoolleen isaanii ijoollummaa isaaniitti yeroo nama gammachiisu akkamii dabarsaniiru?
Aabiliiyoo fi Uulaan qajeelfama Keessa Deebii 6:6, 7 irra jiru hojii irra oolchuuf kan carraaqan akkamitti?
Wanta gochuu qaban qofa ijoollee isaanii kan hin barsiisne maaliifi?
Ijoolleen isaanii jireenya isaanii keessatti murtoo gaarii akka godhan dursanii kan isaan qopheessan akkamitti?
Ijoolleen isaanii tajaajila yeroo guutuu akka hordofan yeroo hunda isaan jajjabeessu turan; taʼus kun aarsaa akkamii isaan kaffalchiiseera? (bt-AM 178 key. 19)