Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Fulbaana 2019
FULBAANA 2-8
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IBROOTA 7-8
“Akka Malkiisedeqitti Bara Baraaf Luba Dha”
(Ibroota 7:1, 2 dubbisi.)
it-2-E 366
Malkiisedeq
Malkiisedeq Mootii Saalem ishii durii fi ‘luba Waaqayyoo isa hundumaa gararraa jiruu’ ture. (Uma 14:18, 22) Malkiisedeq luba yeroo jalqabaaf Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamee fi DH.K.D. bara 1933 dura luba taʼuudhaan tajaajile dha. Malkiisedeq mootii Saalem ishii hiikni ishii “Nagaa” jedhu waan taʼeef, Phaawulos mootii kanaan “Mootii Nagaa” jedhee waameera; akka hiika maqaa isaatiitti immoo “Mootii Qajeelinaa” jedhee isa waameera. (Ibr 7:1, 2) Saalem ishiin durii handhuura magaalaa ishii yeroo booda Yerusaalem jedhamtee waamamtee akka taatetti amanama, akkasumas maqaan ishii maqaa Yerusaalem ishii yeroo tokko tokko “Saalem” jedhamtee waamamtu keessaatti ni argama.—Far 76:2.
Abraam (Abrahaam) Kador-Laa’omerii fi mootota isa wajjin turan erga injifatee booda, namni amantii kun gara dachaa Shaawwee isa “Dachaa mootii” jedhamuu deemee ture. Yeroo kanatti Malkiisedeq, Abraamiif “buddeenaa fi daadhii waynii fide”; achiis, “Waaqayyo inni hundumaa gararraa jiru, inni waaqaa fi lafa uume, Abraamiin haa eebbisu! Waaqayyo inni hundumaa gararraa jiru, inni diinota kee harka kee keessa buuse, haa jajamu!” jechuudhaanis isa eebbise. Abrahaam immoo “wanta hundumaa irraa harka kudhan keessaa harka tokko,” jechuunis mootota diinota isaa taʼan injifatee “wanta boojiʼe” keessaa Malkiisedeq isa lubaa fi mootii taʼe sanaaf ni kenne.—Uma 14:17-20; Ibr 7:4.
(Ibroota 7:3 dubbisi.)
it-2-E 367 key. 4
Malkiisedeq
Malkiisedeq “barri isaa jalqaba hin qabu, jireenyi isaas dhuma hin qabu” kan jedhame maaliifi?
Phaawulos Malkiisedeq ilaalchisee dhugaa jiru akkana jechuudhaan ibseera: “Inni abbaa, haadhaa fi hidda dhalootaa hin qabu, barri isaa jalqaba hin qabu, jireenyi isaas dhuma hin qabu; kanaa mannaa, akka Ilma Waaqayyoo akka taʼu waan godhameef yeroo hundumaa luba taʼee jiraata.” (Ibr 7:3) Malkiisedeq akkuma namoota kaanii dhalateera, akkasumas duʼeera. Haa taʼu malee, maqaan abbaa isaa fi haadha isaa, akkasumas hiddi dhaloota isaa fi sanyiin isaa warri gara boodaa hin galmeeffamne, Kitaabni Qulqulluunis yeroo itti jiraachuu jalqabees taʼe dhuma jireenya isaa hin ibsu. Kanaafuu, Malkiisedeq Yesuus Kiristoos isa lubummaan isaa dhuma hin qabneef gaaddidduudha. Akkuma Malkiisedeq nama irraa dhaalee fi nama dhaalchisu hin qabne, lubni ol aanaa akka Kiristoos taʼe kana dura hin turre; akkasumas Kitaabni Qulqulluun qaamni isa irraa dhaalu akka hin jirre dubbata. Kana malees, Yesuus gosa Yihudaa keessaa kan dhalatee fi hiddaa dhalootaa Daawit Mootichaa kan qabu taʼus, abbootiin isaa warra foonii mirgaa lubummaa hin qaban turan; akkasumas namni tokko dhalootaan mirga lubummaa fi mootii taʼuu wal faana qabaachuu akka hin dandeenye ifa dha. Kun kan taʼe waadaa Yihowaan isaaf galeen kan kaʼe dha.
(Ibroota 7:17 dubbisi.)
it-2-E 366
Malkiisedeq
Lubummaa Kiristoos Argisiisa. Akkuma beekamu raajiin masiihicha ilaalchisee dubbatame inni Yihowaan “gooftaa” Daawitiif waadaa gale akkana jedha: “Akkuma lubummaa Malkiisedeqitti, ati luba bara baraa ti.” (Far 110:1, 4) Faarfannaan geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame kun warri Ibrootaa Masiihichi inni abdachiifame mirga lubummaa fi mootii taʼuu wal faana akka qabaatu sababa itti amanan isaaniif kenneera. Phaawulos ergamaan xalayaa warra Ibrootaaf erge irratti ‘inni akka Malkiisedeqitti bara baraan luba ol aanaa taʼee’ fi inni waaʼeen isaa dursee dubbatame Yesuus akka taʼe sirriitti mirkaneesseera.—Ibr 6:20; 5:10; KAKUU (COVENANT) isa jedhu ilaali.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Ibroota 8:3 dubbisi.)
w00-AM 8/15 14 key. 11
Aarsaa Waaqayyoon Gammachiisu
11 Phaawulos Ergamaan, “lubni ol aanaan hundi kennaa fi aarsaa dhiheessuuf muudama” jechuudhaan dubbateera. (Ibroota 8:3) Phaawulos aarsaa lubni ol aanaa Israaʼel durii tokko dhiheessu bakka lamatti qoodee ibseera. Isaanis:- “kennaa” fi “aarsaa” ykn ‘aarsaa cubbuudhaaf dhihaatu’ jedhamu. (Ibroota 5:1) Namoonni hedduun jaalala fi dinqisiifannaa isaanii argisiisuuf, michummaa isaanii guddisuuf, akkasumas suuraa ykn fudhatama argachuuf jedhanii kennaa kennu. (Uumama 32:20; Fakkeenya 18:16, NW) Haaluma wal fakkaatuun aarsaawwan karaa Seerichaa akka dhihaatan ajajaman hedduun “kennaa” Waaqa duratti suuraa fi fudhatama argachuuf kennaman akka taʼanitti ilaalamuu dandaʼu. Namni Seera cabse tokko, beenyaa kaffaluu fi ‘cubbuudhaaf aarsaa dhiheessuu’ qaba. Kitaabonni Peentatuuki (Kitaabonni Museen barreesse shanan) keessumaa kitaabonni kanneen akka Seera Baʼuu, Seera Lewwootaa fi Seera lakkoofsaa aarsaawwan garaagaraa dhihaatan ilaalchisee ibsa balʼaa taʼe kennu. Ibsawwan kana hunda qabachuu fi yaadachuun baayʼee ulfaataa taʼus, qabxiiwwan barbaachisoo aarsaawwan garaagaraa ilaalchisee dhihaatan irratti xiyyeeffachuun keenya gaarii dha.
(Ibroota 8:13 dubbisi.)
it-1-E 523 key. 5
Kakuu
Kakuun Seerichaa “yeroon kan itti darbe” kan taʼe akkamitti?
Haa taʼu malee, kakuun Seerichaa kan “yeroon itti darbe” kan jedhame yommuu Waaqayyo karaa Ermiyaas raajichaa kakuun haaraa akka hundeeffamu beeksisetti ture. (Er 31:31-34; Ibr 8:13) Dh.K.B. bara 33tti yeroo Kiristoos muka dhiphinaa irratti fannifamu kakuun Seerichaa hojii irra ooluun isaa hafeera; (Qol 2:14) kakuu haaraan immoo isa bakka buʼeera.—Ibr 7:12; 9:15; HoE 2:1-4.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Ibroota 7:1-17 dubbisi.)
FULBAANA 9-15
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IBROOTA 9-10
“Gaaddidduu Wantoota Gaggaarii Dhufuuf Jiranii”
(Ibroota 9:12-14 dubbisi.)
it-1-E 862 key. 1
Dhiifama Argachuu
Seerri Waaqayyoo Israaʼelootaaf kenne akka jedhutti namni Waaqa irrattis taʼe nama kan biraa irratti cubbuu hojjete, jalqaba dogoggora isaa sirreessuu qaba; achiis akkuma yeroo baayʼee taʼu immoo aarsaa dhiigaa Yihowaadhaaf dhiheessuu qaba ture. (Lew 5:5–6:7) Kanaaf, Phaawulos, “Eeyyee, akka Seerichaatti wantoonni hundi dhiigaan qulqulleeffamu jechuun ni dandaʼama; dhiigni yoo dhangalaʼe malee dhiifamni cubbuu hin argamu” jedhee dubbateera. (Ibr 9:22) Haa taʼuu malee, aarsaan horii cubbuu balleessuu hin dandaʼu, akkasumas namni hundi guutummaatti qalbii qulqulluu akka qabaatu gochuu hin dandaʼu. (Ibr 10:1-4; 9:9, 13, 14) Faallaa kanaatiin garuu, kakuu haaraan inni waaʼeen isaa dursee dubbatame aarsaa furii Yesuus Kiristoos irratti hundaaʼuudhaan dhugumaan dhiifama cubbuu argamsiisa. (Er 31:33, 34; Mat 26:28; 1Qo 11:25; Efe 1:7) Yesuus yeroo lafa irra turetti illee nama qaamni isaa lamshaaʼe fayyisuudhaan cubbuu dhiisuudhaaf aangoo akka qabu argisiiseera.—Mat 9:2-7.
(Ibroota 9:24-26 dubbisi.)
“Na Duukaa Buʼuukee Itti Fufi!”
4 Macaafni Qulqulluun, haala Yesus samii itti gaʼe, simannaa achitti isaaf godhames taʼe, gammachuu Abbaasaa wajjin wal arguusaatti itti dhagaʼame ilaalchisee wanta dubbatu hin qabu. Haataʼu malee, Yesus gara samiitti erga deebiʼee booda utuu baayʼee hin turin wanta achitti raawwatame Macaafni Qulqulluun nutti hima. Yihudoonni jaarraawwan 15 ol taʼaniif, sirna qulqulluu taʼe tokko hordofaa turaniiru. Waggaatti guyyaa tokko, angafni lubootaa mana qulqullummaa keessaa Iddoo Hundumaa Caalaa Qulqullaaʼaa Taʼe seenee, dhiiga aarsaawwan Guyyaa Araaraatti dhihaatanii saanduqa kakuu duratti facaasa ture. Guyyaa sanatti angafni lubootaa sun Masiihichaaf gaaddidduu taʼa. Kaayyoon sirna kanaa cubbuudhaaf dhiifama argamsiisuudha. Yesus garuu, ilmaan namootaatiif dhiifama cubbuu argamsiisuuf gatii barbaachisu yeroo kaffaletti, al tokkicha yeroo hundumaaf dhiifama argamsiiseera. Yeroo kanatti samiirratti bakka ulfina qabeessa Yihowaan itti argamu, jechuunis iddoo uumama cufa keessatti hunda caalaa qulqulluu taʼe seenuudhaan, gatii aarsaa fureesaa Abbaasaatti dhiheesseera. (Ibroota 9:11, 12, 24) Yihowaan gatii aarsaa kanaa fudhateeraa?
(Ibroota 10:1-4 dubbisi.)
it-2-E 602-603
Mudaa kan hin Qabne Taʼuu
Karaa Seera Musee Mudaa kan hin Qabne Taʼuu. Seerri karaa Musee Israaʼelootaaf kenname qophii lubummaa fi aarsaa horii garaagaraa dhiheessuu of keessatti kan qabatedha. Akkuma ergamichi hafuuraan gaggeeffamee barreessetti Seerichi Waaqayyoo biraa kan dhufee fi mudaa kan hin qabne taʼus, Seerichis taʼe tajaajilli lubummaa Seericha keessatti ibsame, akkasumas aarsaawwan warra Seericha jala jiran mudaa irraa bilisa akka taʼan gochuu hin dandaʼan. (Ibr 7:11, 19; 10:1) Seerichi cubbuu fi duʼa jalaa bilisa baasuu mannaa, cubbuun maal akka taʼe sirriitti beeksiseera. (Rom 3:20; 7:7-13) Haa taʼu malee, Seerri Waaqayyoon kenname kun “guddiftuu” namoota gara Kiristoositti geessuu fi “gaaddidduu wantoota gaggaarii dhufuuf jiranii” taʼuudhaan kaayyoo kennameef galmaan gaʼeera. (Gal 3:19-25; Ibr 10:1) Kanaafuu Phaawulos ‘foon dadhabaa taʼuu isaatiin kan kaʼe wanta Seerichi raawwachuu hin dandeenye’ (Rom 8:3) ilaalchisee yommuu dubbatu, waaʼee dadhabina luba ol aanaa Yihudoota keessaa dhufee fi (inni karaa Seerichaa qophii aarsaa akka geggeessuuf muudamee fi Guyyaa Araaraatti dhiiga aarsaa taʼee dhihaatu qabatee gara Iddoo Hundumaa Caalaa Qulqullaaʼaa Taʼetti seenu) inni bakka isaanii buʼee isaaniif tajaajila dhiheessu akka Ibroota 7:11, 18-28 irratti ibsameetti “guutummaatti oolchuu” akka hin dandeenye dubbachuu isaa ture. Dhugaadha, aarsaan karaa lubummaa Aaroniin dhihaatu namoonni Waaqayyo duratti ejjennoo qulqulluu akka qabaatan kan gargaare taʼu illee guutummaatti ykn sirriitti cubbuu irraa walaba akka taʼan gochuu hin dandeenye. Phaawulos ergamaan kana ilaalchisee yommuu dubbatu, aarsaawwan Araaraa sun qalbii “namoota Waaqayyotti dhihaatan sana matumaa mudaa kan hin qabne” gochuu akka hin dandeenye dubbachuu isaa ture. (Ibr 10:1-4; Ibr 9:9 wajjin wal bira qabii ilaali.) Lubni ol aanaan furii cubbuu irraa guutummaatti walaba baasuuf taʼu dhiheessuu hin dandaʼu. Kun taʼuu kan dandaʼu karaa tajaajilaa lubummaa Kiristoos isa bara baraatiinii fi aarsaa inni dhiheesseen qofa dha.—Ibr 9:14; 10:12-22.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Ibroota 9:16, 17 dubbisi.)
w92-AM 3/1 31 key. 4-6
Gaaffii Dubbistootaa
Phaawulos, duuti kakuuwwan namootaa fi Waaqayyo gidduutti galaman mirkaneessuuf akka barbaachisu ibseera. Kakuun Seerichaa kanaaf fakkeenya gaarii taʼa. Museen, waliigaltee Waaqnii fi Israaʼeloonni foonii godhan gidduutti, gidduu galeessa taʼee tajaajileera. Akka kanaan Museen shoora guddaa taphachuudhaan yommuu Israaʼeloonni kakuu keessa galanitti isaan bakka buʼee ture. Kanaaf Museen kakuu Seerichaa isa maddii isaa Yihowaa taʼeef nama kakuu gale akka taʼetti ilaalamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Museen kakuun Seerichaa hojii irra akka ooluuf dhiiga isaa dhangalaaseeraa? Lakki. Kanaa mannaa dhiigni horii dhiiga Musee bakka buʼuudhaan aarsaa taʼee dhihaachaa ture.—Ibroota 9:18-22.
Waaʼee kakuu haaraa isa Yihowaa fi Israaʼeloota hafuuraa gidduutti galame ilaalchisee hoo maal jechuutu dandaʼama? Yesuus Kiristoos inni ulfina qabeessa taʼe Yihowaa fi Israaʼel hafuuraa gidduutti, gidduu galeessa taʼee tajaajila. Maddi kakuu kanaa Yihowaa taʼus, kan raawwatu garuu Yesuus Kiristoosi dha. Yesuus gidduu galeessa taʼee tajaajiluu malees, namoota jalqaba irratti kakuu kanatti makamanii wajjin qaamaan jiraateera. (Luq 22:20, 28, 29) Kana malees, kakuun kun hojii irra akka oolu gochuuf aarsaa barbaachisu kaffaluuf gaʼumsa qaba. Aarsaan kun immoo aarsaa horii utuu hin taʼin aarsaa namni mudaa hin qabne dhiheessu dha. Kanaaf Phaawulos, kakuu haaraa keessatti Kiristoos nama kakuu gale akka taʼetti isa ibseera. Yesuus ‘nuuf jedhee Waaqayyo duratti mulʼachuuf kallattiidhaan gara samiitti erga seenee’ booda kakuun haaraan sun hojii irra ooluu jalqabeera.—Ibroota 9:12-14, 24.
Phaawulos, Yesuusii fi Museen namoota kakuu galan akka taʼanitti yeroo dubbatu maddi kakuu sanaa isaani jechuu isaa miti; maddi kakuuwwan lamaan sanaa Waaqayyo dha. Kanaa mannaa, namoonni lamaan kun gidduu galeessa taʼanii tajaajiluudhaan kakuuwwan sun hojii irra akka oolan godhaniiru. Kakuuwwan lamaan irratti iyyuu duʼuun barbaachisee ture; horiin Musee akka bakka buʼaniif kan dhihaatan yeroo taʼu, Yesuus immoo namoota kakuu haaraa keessatti hammatamaniif dhiiga isaa dhangalaaseera.
(Ibroota 10:5-7 dubbisi.)
it-1-E 249-250
Cuuphaa
Luqaas, Yesuus yeroo cuuphametti kadhatee akka ture galmeesseera. (Luq 3:21) Dabalataanis, barreessaan xalayaa warra Ibrootaa, Yesuus Kiristoos “gara addunyaa yommuu dhufe” jechuudhaan kan dubbate (jechoota kana kan dubbate yeroo itti dhalateettii fi dubbisuu hin dandeenyetti utuu hin taʼin, yeroo cuuphamuuf of dhiheesseettii fi tajaajila isaa jalqabetti dha) karaa wanta Faarfannaa 40:6-8 irra jiru wajjin wal simuun, “Ati aarsaa fi kennaa hin barbaadne, kanaa mannaa dhaqna anaaf qopheessite. . . . ‘Yaa Waaqayyo, kunoo ani (akkuma maraa kitaabaa keessatti waaʼeen koo barreeffame) fedhii kee raawwachuuf dhufeera” jechuudhaan ture. (Ibr 10:5-9) Yesuus dhalootaan miseensa lammii Yihudii yeroo taʼu, Yihudoonni immoo warra kakuu seerichaan Waaqayyoo wajjin kakuu galanii dha. (Bau 19:5-8; Gal 4:4) Kanaan kan kaʼe Yesuus, yommuu cuuphamuuf gara Yohaannis deemetti iyyuu karaa kakichaan Yihowaa wajjin hariiroo qaba ture. Taʼus Yesuus wanta Seerichi irraa barbaadu caalaa raawwateera. Yesuus dhaqna isaa isa ‘qophaaʼe’ aarsaadhaaf dhiheessuudhaan “fedhii” Abbaa isaa raawwachuuf Abbaa isaa Yihowaadhaaf of dhiheesseera; karaa kanaan aarsaa horii akka Seerichaatti dhihaachaa ture hambiseera. Phaawulos ergamaan, “Nutis ‘fedhii’ kanaan, karaa kennaa dhaqna Yesuus Kiristoosiin yeroo hundumaaf akka taʼutti al tokkicha qulqulloofneerra” jechuudhaan dubbateera. (Ibr 10:10) Yesuusiif fedhii Abbaa raawwachuu jechuun sochii hojii Mootummichaa wajjin wal qabate raawwachuu kan dabalatudha; Yesuus kan of dhiheesses tajaajila kanaafi. (Luq 4:43; 17:20, 21) Yihowaan, Yesuus of dhiheessuu isaa fudhachuudhaan beekamtii isaaf kenneera; achiis hafuura qulqulluudhaan isa dibuudhaan akkana isaan jedhe: “Ati Ilma koo isa jaallatamaa dha; ani sitti nan gammada.”—Mar :9-11; Luq 3:21-23; Mat 3:13-17.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Ibroota 9:1-14 dubbisi.)
FULBAANA 16-22
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IBROOTA 11
“Amantiin Baayʼee Barbaachisaa Dha”
(Ibroota 11:1 dubbisi.)
Amantii Waadaawwan Yihowaan Gale Irratti Qabdan Hojiidhaan Argisiisaa
6 Ibsi Kitaabni Qulqulluun amantiidhaaf kennu Ibroota 11:1 (dubbisi) irratti argama. Amantiin, wantoota nutti hin mulʼanne lama irratti xiyyeeffata: (1) “Wanta abdatan”—kun wantoota hamma yoonaatti hin raawwatamnee fi gara fuulduraatti akka raawwataman waadaan nuuf galame kan dabalatu dha; fakkeenyaaf hammeenyi hundi badee addunyaa haaraan akka dhufu hin shakkinu. (2) ‘Wantoota dhugaa taʼanii fi hin mulʼanne.’ Yaada naannoo caqasa kanaa jiru irratti jechi Afaan Giriikii “ragaa” jedhamee hiikame, “ragaa amansiisaa” wantoonni hin mulʼanne jiraachuu isaanii argisiisu dha; fakkeenyaaf Waaqayyo, Yesuus Kiristoos, ergamoonnii fi wantoonni Mootummaan Waaqayyoo samii irratti raawwachaa jiru kan hin mulʼanne taʼanis kan jiran taʼuu isaa amanuu argisiisa. (Ibr. 11:3) Abdiin keenya jiraataa taʼuu isaa, akkasumas wantoota ijaan hin mulʼannee fi Dubbii Waaqayyoo keessatti dubbatamanitti akka amannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Dubbii keenyaa fi gocha keenyaan argisiisna; kana taʼuu baannaan amantiin keenya guutuu hin taʼu.
(Ibroota 11:6 dubbisi.)
w13-AM 11/1 11 key. 2-5
“Warra Cimsanii Isa Barbaaddataniif Gatii Isaanii Isaaniif ni Kenna”
Yihowaa gammachiisuuf maal gochuu dandeenya? Phaawulos, “amantii malee Waaqayyoon gammachiisuun hin dandaʼamu” jechuudhaan barreesseera. Phaawulos as irratti amantii malee Waaqayyoon gammachiisuun ulfaataadha akka hin jenne qalbeeffadhu. Kanaa mannaa, ergamichi amantii malee Waaqayyoon gammachiisuun hin dandaʼamu jechuudhaan dubbateera. Karaa biraatiin Waaqayyoon gammachiisuuf amantiin wanta baayʼee barbaachisaa taʼe dha.
Amantii akkamiitu Yihowaa gammachiisa? Amantiin Waaqayyo irratti qabnu wantoota lama of keessaa qabaachuu qaba. Tokkoffaa, “inni jiraachuu isaa amanuu qabna.” Hiikkaawwan tokko tokko “ inni jiraataa taʼuu isaa amanuu” jedhanii hiikaniiru. Waaqayyo jiraachuu isaa utuu shakkinuu akkamitti isa gammachiisuu dandeenya? Haa taʼu malee, amantiin dhugaa kana caalaa wanta dabalatu qaba; sababiin isaas jinniiwwan illee Yihowaan jiraachuu isaa ni amanu. (Yaaqoob 2:19) Amantiin Waaqayyo jiraachuu isaa irratti qabnu hojiidhaan akka argisiisnu kan nu kakaasu taʼuu qaba; kun immoo karaa isa gammachiisuun argisiifamuu qaba.—Yaaqoob 2:20, 26.
Lammaffaa, Waaqayyoo, ‘Waaqa gatii keenya nuuf kennu taʼuu isaa amanuu qabna.’ Namni amantii dhugaa qabu tokko carraaqqiin inni karaa Waaqayyoon gammachiisuun jiraachuuf godhu gatii kan hin qabne akka hin taane guutummaatti ni amana. (1 Qorontos 15:58) Waaqayyo gatii keenya nuuf kennuu kan dandaʼuu fi kan barbaadu taʼuu isaa utuu shakkinuu akkamitti isa gammachiisuu dandeenya? (Yaaqoob 1:17; 1 Pheexiros 5:7) Namni Waaqayyo akka namaaf hin yaadne, akka hin dinqisiifannee fi arjaa akka hin taanetti amanu tokko Waaqa isa Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasamee beekuu hin dandaʼu.
Waaqayyo gatii isaanii kan kennu eenyufaʼiifi? Phaawulos “warra cimsanii isa barbaaddataniif” akka taʼe dubbateera. Barreeffamni qorannaa hiiktota Kitaaba Qulqulluutiif qophaaʼe tokko, gaaleen Giriikii ‘cimsanii barbaaduu’ jedhu akkasumaan “argachuuf deemuu” jechuu utuu hin taʼin, “waaqeffannaadhaaf” gara Waaqayyoo dhaquu yaada jedhu kan argisiisuu akka taʼe dubbateera. Barreeffamni qorannaa kan biraan tokko immoo jechi Giriikii kun garaadhaa tattaaffii gochuu fi ciminaan carraaquu argisiisa jechuudhaan ibseera. Dhugaadha, Yihowaan warra amantii isa irratti qabaniin kakaʼanii garaadhaa isa jaalatanii fi hinaaffadhaan isa waaqeffataniif gatii isaanii ni kenna.—Maatewos 22:37.
(Ibroota 11:33-38 dubbisi.)
Amantii Wanta Abdattan Irratti Qabdan Jabeeffadhaa
10 Phaawulos ergamaan Ibroota boqonnaa 11 irratti, waaʼee qorumsa tajaajiltoonni Waaqayyoo hedduun maqaan isaanii hin caqasamne obsaan keessa darbanii dubbateera. Fakkeenyaaf, Phaawulos dubartoonni amantii qaban tokko tokko ilmaan isaanii akka jalaa duʼanii fi yeroo booda duʼaa akka kaafaman dubbateera. Itti fufee immoo, namoonni kaan ‘duʼaa kaʼuu isa caalu argachuuf jecha furii kaffalanii gadhiifamuu akka didan’ caqaseera. (Ibr. 11:35) Phaawulos waaʼee eenyuu dubbachaa akka jiru mirkanaaʼoo taʼuu baannus, namoonni akka Naabotii fi Zakaariyaas, Waaqayyoof ajajamuu fi fedhii isaa raawwachuu isaaniitiin kan kaʼe dhagaadhaan ajjeefamaniiru. (1 Mot. 21:3, 15; 2 Sen. 24:20, 21) Daaniʼelii fi michoonni isaa ejjennoo isaanii laaffisanii ‘gadhiifamuuf’ carraa qabu turan. Isaan garuu, humna Waaqayyoo irratti amantii waan qabaniif, ‘afaan leencotaa cufuu’ fi ‘humna ibiddaa dhaamsuu’ dandaʼaniiru.—Ibr. 11:33, 34; Dan. 3:16-18, 20, 28; 6:13, 16, 21-23.
11 Raajonni kan akka Miikiyaasii fi Ermiyaas sababa amantii isaaniitiin kan kaʼe, “itti qoosamuu fi . . . mana hidhaa galuudhaan qoramaniiru.” Warri akka Eliyaas immoo, “lafa onaa keessa, gaarota irra, akkasumas holqaa fi boolla keessa jooraniiru.” Hundi isaanii iyyuu ‘wanta abdatan mirkanaaʼaa taʼanii waan eeggataniif,’ jabaatanii dhaabachuu dandaʼaniiru.—Ibr. 11: 1, 36-38; 1 Mot. 18:13; 22:24-27; Er. 20:1, 2; 28:10, 11; 32:2.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Ibroota 11:4 dubbisi.)
it-1-E 804 key. 5
Amantii
Fakkeenyawwan Amantii Bara Durii. Phaawulos “dhugaa baatota duumessa guddaa” warri jedhee isaan ibse hundi (Ibr 12:1) namoota fakkeenya amantii cimaa taʼani dha. Fakkeenyaaf, Abeel abdii Waaqayyoo ‘sanyii mataa bofichaa buruqsu’ ilaalchisee kenne sirriitti akka beeku homaa hin shakkisiisu. Kana malees, murtiin Waaqayyo Eeden keessatti warra isaa irratti murteesse raawwatamuu isaa ija isaatiin arguu dandaʼeera. Eeden keessaa erga baʼanii booda Addaamii fi maatiin isaa lafti abaaramtee qoree fi baalaanwaraantee waan biqilchiteef dhamaʼanii fi dafqanii buddeena nyaachaa turan. Abeel, Hewaan abbaa manaa ishii akka hawwituu fi innis aangoo ishii irratti akka qabaate argees taʼuu dandaʼa. Kana malees, haati isaa yeroo ciniinsuutti dhukkubbii ishiitti dhagaʼame isaanitti himtee taʼuu akka dandaʼuu homaa hin shakkisiisu. Akkasumas, balballi dhaaba Eeden kiruubelotaa fi billaa ibidda bobaʼuu qabuun ni eegama ture. (Uma 3:14-19, 24) Abeeliif, wantoonni kun hundi, bilisummaan karaa ‘sanyii abdachiifamee’ sanaa akka argamu “ragaa” argisiisu isaaf taʼaniiru. Kanaan kan kaʼes, amantiidhaan kakaʼee “aarsaa” isa kan Qaayin irra caalaa gatii akka qabutti ibsame ‘Waaqayyoof dhiheesseera.’—Ibr 11:1, 4.
(Ibroota 11:5 dubbisi.)
‘Inni Akka Gaariitti Waaqayyoon Gammachiiseera’
Maarree Henok ‘duʼa akka hin argineef iddoo kan biraatti kan fudhatame’ akkamitti? Yihowaan tarii Henok utuu hin dhiphatin tasgabbiidhaan akka duʼu gochuudhaan jireenya irraa gara duʼaatti isa fudhatee taʼuu dandaʼa. Jalqaba garuu Henok, “akka gaariitti Waaqayyoon akka gammachiise dhugaa isaaf baʼameera.” Akkamitti? Tarii Henok duʼuu isaa yeroo muraasa dura, Waaqayyo lafa jannata taate mulʼataan isatti argisiisee taʼuu dandaʼa. Henok mallattoo Yihowaa biratti fudhatama argachuu isaa ifatti argisiisu kana utuma ilaaluu duʼaan boqote. Phaawulos ergamaan waaʼee Henokii fi waaʼee dhiirotaa fi dubartoota amanamoo taʼan kaanii yommuu barreessu, ‘Namoonni kun hundi amantii isaanii eeganii duʼan’ jedheera. (Ibroota 11:13) Sana booda diinonni isaa reeffa isaa barbaadanii taʼuu dandaʼa; haa taʼu malee, Yihowaan reefficha waan balleesseef “iddoo kamitti iyyuu hin argamne”; tarii akkana kan godhe namoonni sun reefficha akka hin salphisne ykn amantii sobaa akka ittiin hin babalʼisne eeguuf taʼuu dandaʼa.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Ibroota 11:1-16 dubbisi.)
FULBAANA 23-29
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IBROOTA 12-13
“Adabni Jaalala Yihowaan Nuuf Qabu Argisiisa”
(Ibroota 12:5 dubbisi.)
Wantoota ‘Gara Booddeetti’ Hafan Hin Ilaalinaa
18 Gorsa cimaa. Gorsa nuu kennamee ture tokko yaanne haaloo qabachuuf kan qoramnu yoo taʼe maal gochuu qabna? Yaanni akkasii nu miidhuu qofa utuu hin taʼin, ‘abdii nu kutachiisuu’ dandaʼa. (Ibr. 12:5, hiika bara 1899) Gorsicha ‘tuffannee’ fudhachuu yoo dhiisne ykn erga fudhannee booda ‘abdii waan nu kutachiiseef’ yoo hojiirra oolchuu dhiisne, gorsichi dhugumaan akka nu fayyaduufi akka nu qulqulleessu waan hin heyyamneef buʼaansaa tokkumadha. Wanta Solomoon, “Gorsa siif kennamtetti jabaadhu, gad ishee hin dhiisin! Isheen jireenya kee waan taateef, baʼeessa godhii eeggadhu!” jechuudhaan dubbate hordofuun keenya baayʼee barbaachisaadha. (Fak. 4:13) Akkuma konkolaachisaa milikkita karaatiif ajajamu tokkoo, gorsa haa fudhannu, hojiirra haa oolchinu, akkasumas fuulduratti haa adeemnu.—Fak. 4:26, 27; Ibroota 12:12, 13 dubbisi.
(Ibroota 12:6, 7 dubbisi.)
w12-AM 7/1 21 key. 3
Yeroo Kadhattan Hundatti ‘Yaa Abbaa’ Jedhaa
Abbaan jaalala qabeessa taʼe tokko ijoolleen isaa yeroo guddatanitti nama akkamii akka taʼan waan isa yaaddessuuf isaan adaba. (Efesoon 6:4) Abbaan akkasii ejjennoo cimaa kan qabu taʼu illee ijoollee isaa gara jabinaan hin adabu. Haaluma wal fakkaatuun, yeroo tokko tokko Abbaan keenya inni samii nu adabuun isaa gaarii akka taʼe isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Waaqayyo kan nu adabu nu miidhuuf utuu hin taʼin, yeroo hundumaa jaalalaan kakaʼee ti. Yesuusis fakkeenya Abbaa isaa hordofeera; yeroo barattoonni isaa sirreeffama inni isaaniif kenne dafanii hojii irra hin oolchin hafanitti illee gaarummaadhaan isaan qabeera.—Maatewos 20:20-28; Luqaas 22:24-30.
(Ibroota 12:11 dubbisi.)
“Adaba Dhagaʼaa, Ogeessotas Taʼaa”
18 Adabni miidhaa geessisuu kan dandaʼu taʼus, wanti kana caalaa miidhaa guddaa geessisu jira; kunis miidhaa adaba fudhachuu diduudhaan dhufu dha. (Ibr. 12:11) Mee waaʼee Qaayinii fi Zedeqiiyaa Mootichaa akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Qaayin yommuu jibbaan kakaʼee Abeeliin ajjeesuu yaadetti Waaqayyo akkana jechuudhaan isa akeekkachiisee ture: “Maaliif aartee bobaate? Maaliifis mataa buufte? Wanta gaarii utuu hojjettee, ol jetta turte mitii ree? Wanta gaarii hin hojjettu yoo taʼe garuu, cubbuun balbala kee dura riphee si eeggata, si argachuus in kajeela; ati garuu isa irratti aboo godhadhu!” (Uma. 4:6, 7) Qaayin garuu hin dhageenye. Achiis cubbuun isa ni moʼe. Qaayin miidhaa hin barbaachisnee fi rakkina ofitti fideera! (Uma. 4:11, 12) Qaayin Yihowaa utuu dhagaʼeera taʼee, rakkinni kun hundi isa irra hin gaʼu ture.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Ibroota 12:1 dubbisi.)
Dorgommicha Obsaan Fiigaa!
11 “Dhuga-baatota akka duumessaa lafa uffisan” kan jedhaman, namoota akkasumaan dhaabatanii ilaalan, atleetiin ykn tuutni isaan deggeran tokko yommuu moʼu daawwatan miti. Kanaa manaa, namoonni kun fakkeenyaan dorgommeerratti kan hirmaatan turan jechuun ni dandaʼama. Isaan hamma dhumaatti fiiganii dorgommicha xumuraniiru. Namoonni kun kan duʼan taʼaniyyuu, fiigaa akka jiraniifi namoota dorgommee fiigichaa sana jalqaban jajjabeessuu akka dandaʼanitti ibsamaniiru. Namni fiigaa jiru tokko warra dhaabatanii isa ilaalan keessaa tokko tokko namoota dorgommee kana moʼuudhaan beekamaan taʼuusaanii yommuu hubatu wanta isatti dhagaʼamu yaadi! Hamma humnasaa ykn humnasaatii ol fiiguuf hin kakaʼuu? Dorgommeen fakkeenyaan ibsame kun cimaa yoo taʼeyyuu, dhugaa baatonni durii kun moʼuun akka dandaʼamu mirkaneessaniiru. Kanaaf, Ibroonni Kiristiyaana taʼaniifi jaarraa jalqabaatti turan, fakkeenya “dhuga-baatota akka duumessaa” kana yaadatti qabachuudhaan, jabina ‘obsaan fiiguuf isaan gargaaru argachuu dandaʼaniiruʼ; nuyis yeroo harʼaa akkas gochuu dandeenya.
(Ibroota 13:9 dubbisi.)
w89-E 12/15 22 key. 10
Aarsaa Waaqayyoon Gammachiisu Dhiheessaa
10 Obboloonni Ibrootaa ‘barumsawwan garaa garaa fi barumsawwan keessummaa [warri Yihudoonni barsiisaa turaniin] karaa irraa akka hin maqfamne’ of eeggachuun isaan barbaachisa ture. (Galaatiyaa 5:1-6) Dhugaa keessatti jabaatanii dhaabbachuuf “garaan namaa” barumsawwan akkasiitiin utuu hin taʼin, “gaarummaa guddaadhaan yoo jabaate gaarii dha.” Isaan tokko tokko immoo nyaataa fi aarsaa irratti wal falmaa waan turaniif Phaawulos garaan “nyaataan” akka hin jabaannee fi ‘namoonni nyaata irratti xiyyeeffatan faayidaa akka hin arganne’ dubbateera. Eebba karaa hafuuraatiin argamu argachuun kan dandaʼamu Waaqayyoof buluudhaanii fi furichaaf dinqisiifannaa akka qabnu argisiisuudhaan malee waaʼee nyaatawwan ykn guyyoota tokko tokkoo kabajuu yaaddaʼuudhaan miti. (Roomaa 14:5-9) Hunda caalaa immoo, aarsaan Kiristoos aarsaan Lewwootaa hojii irra akka hin oolle godheera.—Ibroota 9:9-14; 10:5-10.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Ibroota 12:1-17 dubbisi.)
FULBAANA 30–ONKOLOOLESSA 6
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | YAAQOOB 1-2
“Karaa Gara Cubbuu fi Duʼaatti Geessu”
(Yaaqoob 1:14 dubbisi.)
Qorumsa
Yeroo wanti tokko, keessumaa immoo wanti dogoggora taʼe si hawwatu ni qoramta. Kana fakkeenyaan ibsuuf, utuu miʼa bitaa jirtuu wanta ija keetti tolu tokko argite haa jennu. Yeruma sana miʼa sana hatuu fi namni tokko iyyuu si arguu akka hin dandeenye yaadda. Haa taʼu malee, qalbiin kee si morma. Kanaaf, yaadicha of keessaa baastee deemsa kee itti fufta. Yeroo kanatti, qorumsa kana waan darbiteef injifannoo argatteetta jechuu dha.
KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?
Qorumsi kan si irra gaʼu nama hamaa waan taateef miti. Kitaabni Qulqulluun hunda keenya irra qorumsi akka gaʼu dubbata. (1 Qorontos 10:13) Wanti caalaatti nu yaaddessuu qabu tarkaanfii yeroo qorumsi nu irra gaʼu fudhannu dha. Namoonni tokko tokko wanta sirrii hin taane waan hawwaniif utuu baayʼee hin turin ykn yeroo booda qorumsatti galuun isaanii hin oolu. Kaan immoo yeruma sana yaada hamaa akkasii of keessaa baasu.
“Namni hundi yommuu fedha ofii isaatiin harkifamuu fi gowwoomfamu qorama.”—Yaaqoob 1:14.
(Yaaqoob 1:15 dubbisi.)
Qorumsa
Kitaabni Qulqulluun tarkaanfii suutuma suutaan gara qorumsaatti nama geessu ifatti ibseera. Yaaqoob 1:15, “Fedhiin [dogoggoraa] erga ulfooftee booda cubbuu dhalti” jedha. Gabaabumatti, fedhii dogoggoraa irratti yoo xiinxalle, akkuma dubartiin ulfoofte tokko daʼuun ishii hin oolle, nutis gocha dogoggoraa raawwachuun keenya hin oolu. Haa taʼu malee, fedhii sirrii hin taaneef garba taʼuu irraa fagaachuu ni dandeenya. Eeyyee, injifannoo argachuu ni dandeenya.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Yaaqoob 1:17 dubbisi.)
it-2-E 253-254
Ifa
Yihowaan “Abbaa ifa samii” ti. (Yaq 1:17) Akkas kan jedhame Inni Waaqa “biiftuun guyyaa akka ibsituuf, jiinii fi urjoonni immoo halkan akka ibsan” (Er 31:35) godhu waan taʼef qofa utuu hin taʼin, Madda ifaa qaamawwan hafuuraa hundaa waan taʼeefiisi. (2Qo 4:6) Seerri isaa, murtiin qajeelinaa isaa fi dubbiin isaa warra isaan geggeeffamuu barbaadaniif ifa dha. (Far 43:3; 119:105; Fak 6:23; Isa 51:4) Faarfatichi, “ifa keetiin ificha in argina” jechuudhaan dubbateera. (Far 36:9; 27:1; 43:3 wajjin wal bira qabii ilaali.) Akkuma ifti biiftuu “ittumaa ifaa ol adeemuu” daandiin qajeelotaas ogummaa Waaqaatiin ifni isaa ittuma dabalaa deema. (Fak 4:18) Karaa Waaqayyoo barbaaduun jiraachuu jechuun ifa isaatiin deemuu jechuudha. (Isa 2:3-5) Karaa biraatiin immoo namni wantoota karaa sirrii hin taaneen ykn hamminaan ilaalu karaa hafuuraa dukkana guddaa keessa jira. Yesuus kana ilaalchisee akkana jedheera: “Iji kee kan hinaafu yoo taʼe garuu, guutummaan qaama kee dukkana taʼa. Ifni si keessa jiru dhuguma dukkana yoo taʼe, dukkanni sun hammam guddaa taʼa laata!”—Mat 6:23; Kes 15:9; 28:54-57 wajjin wal bira qabii ilaali; Fak 28:22; 2Ph 2:14.
(Yaaqoob 2:8 dubbisi.)
it-2-E 222 key. 4
Seera
“Seera Mootichaa.” Akkuma mootiin tokko warra isa jalatti bulaniif kan baayʼee iddoo guddaa qabuu fi barbaachisaa taʼe, seerri namoota akka jaallannu ajajus ajajawwan kaan caalaa kan iddoo guddaa qabuu fi barbaachisaa taʼe taʼuusaa ibsuuf seerri kun “seera Mootichaa” jedhameera. (Yaq 2:8) Kakuun Seerichaa kan jaalalaan kennamee dha, akkasumas guutummaan Seerichaa fi Raajonni ajaja isa lammaffaa, “Nama akka ofii keetti jaalladhu” (seera mootichaa) jedhu irratti kan hundaaʼanii dha.” (Mat 22:37-40) Nuti Kiristiyaanonni kakuu Seerichaa jala kan hin jirre taʼus, kakuu haaraa jalatti Seera Yihowaa isa Mootii taʼee fi Ilmi isaa Yesuus Kiristoos inni Mootii taʼe baasaniif ni bitamna.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Yaaqoob 2:10-26 dubbisi.)