LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • th qayyabannaa 2 ful. 5
  • Bifa Mariitiin Dhiheessuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Bifa Mariitiin Dhiheessuu
  • Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Miira Hoʼaa Qabaachuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Akkaataa Uumamaatiin Dubbachuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Amantii Guutuudhaan Dubbachuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Jaalala Qabaachuu fi Miira Namootaa Hubachuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
Dabalataan Ilaaluuf
Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
th qayyabannaa 2 ful. 5

QOʼANNAA 2

Bifa Mariitiin Dhiheessuu

Caqasa kenname

2 Qorontos 2:17

YAADA IJOO: Akkuma yeroo kaan dubbattutti, miira barumsa kee fi dhaggeeffattoota keetiif qabdu haala argisiisuun garaadhaa dubbadhu.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Kadhannaa fi of eeggannoodhaan qophaaʼi. Ofii kee irratti utuu hin taʼin, ergaa kee irratti xiyyeeffachuuf akka si gargaaru kadhadhu. Qabxiiwwan ijoo dabarsuu barbaaddu sammuutti qabadhu. Yaadicha jecha mataa keetiin ibsi; jechoota barreeffamicha irra jiran akkuma jiranitti dubbisuudhaan hin dhiheessin.

    Gorsa gaarii

    Kitaaba Qulqulluu ykn barreeffama kan biraa irraa dubbisuu yoo barbaadde yaadicha utuu hin guggufatin dubbisuuf barreeffamicha sirriitti hubadhu. Yaadni namootaa yoo caqasame, jechoota isaanii garmalee diraamaa utuu hin fakkeessin miiraan dubbisi.

  • Garaadhaa dubbadhu. Dhaggeeffattoonni kee ergicha dhagaʼuun kan isaan barbaachisu maaliif akka taʼe yaadi. Xiyyeeffannaa isaaniif kenni. Yoo kana goote akkaataan itti dhaabbattu, fuulli kee fi sochiin qaamaa kee garaadhaa dubbachaa akka jirtuu fi miira michoomaa akka qabdu argisiisu.

    Gorsa gaarii

    Akka uumama ofiitti dubbachuu jechuun dantaa dhabuu jechuu miti. Dubbii ifa taʼee fi seer-luga afaanii sirrii taʼetti fayyadamuudhaan ergaa keetiif kabaja akka qabdu argisiisi.

  • Gara dhaggeeffattoota keetii ilaali. Bakka akkas gochuun nama hin mufachiisnetti ija dhaggeeffattoota keetii ilaalaa dubbadhu. Yommuu haasaa kennitu dhaggeeffattoota kee hundumaa ariitiidhaan ilaaluu mannaa yeroo tokkotti nama tokko ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi