LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb20 Guraandhala ful. 5
  • Hiriyoonni Gaaʼelaa, Gaaʼela Isaanii Cimsuu kan Dandaʼan Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hiriyoonni Gaaʼelaa, Gaaʼela Isaanii Cimsuu kan Dandaʼan Akkamitti?
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gaaʼela Keessaniif Eegumsa Godhaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Guyyaa Cidhaa Booda
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • Gaaʼelli Kennaa Waaqayyo Biraa Argame Dha
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
  • Gaa’elli Kennaa Waaqa Jaalala Qabeessarraa Kennamedha
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
mwb20 Guraandhala ful. 5
Abraamii fi Saaraayi Uriin gadhiisanii deemuuf qophaaʼaa jiru. Abraam jooniyaa guddaa baatee Saaraayiin jajjabeessaa jira; ishiin immoo miʼoota tokko tokko guuboo keessa kaaʼaa jirti.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Hiriyoonni Gaaʼelaa, Gaaʼela Isaanii Cimsuu kan Dandaʼan Akkamitti?

Abrahaamii fi Saaraan hiriyoota gaaʼelaa wal jaallatanii fi wal kabajan waan taʼaniif fakkeenyaa gaarii taʼu. (Uma 12:11-13; 1Ph 3:6) Haa taʼu malee, gaaʼelli isaaniis mudaa kan hin qabne waan hin taaneef jireenya isaanii keessatti rakkoowwan tokko tokko dandamachuun isaan barbaachiseera. Hiriyoonni gaaʼelaa fakkeenya Abrahaamii fi Saaraa qoruudhaan barumsa akkamii argachuu dandaʼu?

Akka gaariitti waliin haasaʼaa. Hiriyaan gaaʼelaa inni tokko aaree ykn abdii kutatee yoo dubbate illee gad of qabuudhaan suuta jedhaatii deebii kennaa. (Uma 16:5, 6) Yeroo waliin dabarsuuf yeroo ramadaa. Jechaanis taʼe gochaan hiriyaa gaaʼelaa keessan akka jaallattan isatti argisiisaa. Hunda caalaa immoo, waliin qoʼachuu, kadhachuu fi waaqeffachuudhaan yeroo hunda Yihowaan gaaʼela keessan keessa akka jiraatu godhaa. (Lal 4:12) Gaaʼelli cimaa taʼe, Yihowaa isa Madda qophii qulqulluu taʼe kanaaf ulfina argamsiisa.

VIIDIYOO HIRIYOONNI GAAʼELAA WALITTI DHUFEENYA ISAANII CIMSUU KAN DANDAʼAN AKKAMITTI? JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Viidiyoo kana irratti, Shaanii fi Kiiyaaraan wal irraa fagaachaa akka turan wantoonni argisiisan tokko tokko isaan kamfaʼi?

  • Gaaʼela keessatti dhugaa jiru ifatti waliin dubbachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

  • Fakkeenyi Abrahaamii fi Saaraa, Shaanii fi Kiiyaaraa kan gargaare akkamitti?

  • Shaanii fi Kiiyaaraan gaaʼela isaanii cimsuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhataniiru?

  • Abbaan manaas taʼe haati manaa gaaʼelli isaanii mudaa kan hin qabne taʼuu qaba jedhanii eeguu kan hin qabne maaliifi?

Suuraawwan garaa garaa: Suuraawwan viidiyoo ‘Hiriyoonni Gaaʼelaa Walitti Dhufeenya Isaanii Cimsuu kan Dandaʼan Akkamitti?’ jedhamu irraa fudhataman. Shaanii fi Kiiyaaraan gaaʼela isaanii cimsuuf tarkaanfiiwwan tokko tokko fudhataniiru. 1. Soofaa tokko irraa walii irraa fagaatanii taaʼaa jiru. 2. Harka lamaan isaanii walii irra kaaʼanii jiru. 3. Gammachuudhaan waliin tajaajilaa jiru.

Gaaʼela keessan cimsuu dandeessu!

Karaa gaaʼelaa keessan cimsuu itti dandeessan irratti odeeffannoo dabalataa argachuu yoo barbaaddan, mata dureewwan birooshura, Dammaqaa! fi jw.org® irratti baʼan armaan gadii ilaalaa:

  • “Yeroo Ijoolleen Guddatanii Manaa Baʼaan”—g17.4 10-11

  • “Rakkina Irratti Mariʼachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?”—g16.3 10-11

  • “Walii Keessaniif Amanamaa”—hf Kutaa 2

  • “Qarshiitti Sirriitti Fayyadamuu”—hf Kutaa 4

  • “Haalli Gaddisiisaan Yommuu Isin Mudatu”—hf Kutaa 8

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi