AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Lallabuu fi Barsiisuu ni Dandeessu!
Museen jalqaba irratti hojii Yihowaan isaaf kenne hojjechuuf gaʼumsa akka hin qabne isatti dhagaʼamee ture. (Bau 4:10, 13) Ati hoo akkas sitti dhagaʼamee beekaa? Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa jirtaa? Manaa gara manaa tajaajiluun akka sitti ulfaatutti sitti dhagaʼamaa? Tarii immoo barataa mana barumsaatti dhugaa baʼuun si sodaachisu taʼuu dandeessa. Yookiin immoo bilbilaan ykn iddoo namoonni baayʼatanitti dhugaa baʼuun si sodaachisa taʼa. Taanaan Yihowaan hafuura qulqulluu akka siif kennu kadhadhu. (1Ph 4:11) Hojii siif kennu kam irratti iyyuu gaʼumsa akka qabaattu akka si gargaaru amantii guutuu qabaadhu.—Bau 4:11, 12.
VIIDIYOO IJA JABEEYYII TAʼAA . . . BABALʼISTOONNI JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
Obboleettiin keenya Aawoyaamaan rakkina akkamii moʼuun ishii barbaachisee ture?
Ciminaa fi ija jabina argachuuf maaltu ishii gargaare?—Er 20:7-9
Tajaajila Yihowaa keessatti wantoota dabalataa akkamii gochuutu ishii fayyade?
Yihowaan rakkoowwan tajaajila kee irratti si mudatan akkamii moʼuu akka dandeessu si gargaara?