LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwbr20 Sadaasa ful. 1-8
  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Sadaasa 2020

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Sadaasa 2020
  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2020
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • SADAASA 2-8
  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
  • SADAASA 9-15
  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
  • (Hisqiʼel 43:24 dubbisi.)
  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
  • SADAASA 16-22
  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
  • SADAASA 23-29
  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
  • (Lewwoota 6:25 dubbisi.)
  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
  • SADAASA 30–MUDDEE 6
  • (Lewwoota 9:1-5 dubbisi.)
  • (Lewwoota 9:23, 24 dubbisi.)
  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
  • (Lewwoota 8:14-17 dubbisi.)
  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2020
mwbr20 Sadaasa ful. 1-8

Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Sadaasa 2020

SADAASA 2-8

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BAʼUU 39-40

“Museen Qajeelfama Isaaf Kenname Of Eeggannoodhaan Hordofeera”

(Baʼuu 39:32 dubbisi.)

w11 9/15 27-28 key. 13

Yihowaa Biratti Ni Beekamtaa?

13 Haala kanarraa faallaa taʼeenimmoo Museen, “namoota biyya lafaa irra jiran hundumaa caalaa nama gara-laafessa, [“nama gad of deebisu,” NW] ture.” (Lak. 12:3) Museen nama gad of deebisu taʼuusaa kan argisiise, qajeelfama Yihowaa hordofuuf murteessuudhaan ture. (Bau. 7:6; 40:16) Museen, karaa Yihowaan waan tokko itti raawwatu akka shakke ykn qajeelfama Yihowaan isaa kenne hordofuun akka isa aarse wanti argisiisu hin jiru. Fakkeenyaaf, Yihowaan godoo qulqullaaʼaa ijaaruu wajjin haala wal qabateen, boffee halluu akkamiitti, akkasumas dunkaana itti wal gaʼan hojjechuuf gurroo meeqa fayyadamuu akka qabu ilaalchisee qajeelfama hedduu kenneefii ture. (Bau. 26:1-6) Jaarmiyaa Waaqayyoo keessatti ilaaltuu qajeelfama garmalee baayʼee fakkaatan sii kennu yoo jiraate, yeroo tokko tokko abdii kutatta taʼa. Yihowaan garuu ilaaltuu olaanaa tajaajiltootasaatiif hojii kennuufi akka hojjetanis isaanitti amanamudha. Qajeelfama hedduu kan kennu sababii gaʼaa yommuu qabaatu qofattidha. Taʼus Museen, Yihowaan qajeelfama hedduu isaa kennuunsaa, akka isa tuffate ykn dandeettii waa uumuuf qabu ykn mirga filannaasaatti akka hin fayyadamne akka isa dhowwetti akka itti hin dhagaʼamne hubadhaa. Kanaa manaa, Museen hojjettoonni sun qajeelfama Waaqayyoo hordofuudhaan, ‘akkuma Waaqayyo abboometti hojjechuusaanii’ mirkaneesseera. (Bau. 39:32) Kun Museen kan gad of deebisu taʼuusaa kan argisiisu mitii? Museen hojichi kan Yihowaa akka taʼeefi inni meeshaa hojicha hojjechuuf gargaaru qofa akka taʼe hubatee ture.

(Baʼuu 39:43 dubbisi.)

(Baʼuu 40:1, 2 dubbisi.)

(Baʼuu 40:16 dubbisi.)

w05-AM 7/15 26-27 key. 3

Waan Hundumaan Amanamoodhaa?

3 Ibroonni 3:5, akka jedhutti, ‘Museen akka tajaajilaa tokkootti amanamaa’ ture. Wanti Musee raajicha amanamaa akka taʼu godhe maali dha? Godoo qulqullaaʼaa ijaaruu fi qopheessuu wajjin haala wal qabateen, ‘Museen wanta Waaqayyo isa abboome hundumaa akkuma sanatti akka hojjete’ ibsameera. (Baʼuu 40:16) Waaqeffattoota Yihowaa waan taaneef, karaa akka ajajamnu argisiisuun isa tajaajiluudhaan amanamoo taʼuu keenya argisiisna. Kun immoo yommuu qorumsi cimaan nu mudatutti Yihowaaf amanamoo taʼuu akka dabalatu beekamaa dha. Taʼus, amanamoo taʼuun keenya qorumsa cimaa dandamachuu qofa irratti kan hundaaʼe miti. Yesuus, “Namni wanta xinnoo irratti amanamaa taʼe, wanta guddaa irrattis amanamaa taʼa,” “namni wanta xinnoo irratti amanamaa hin taane, wanta guddaa irrattis amanamaa hin taʼu” jedheera. (Luqaas 16:10) Wantoota xixinnoo fakkaatan irratti illee amanamoo taʼuu qabna.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Baʼuu 39:34 dubbisi.)

it-2-E 884 key. 3

Raroo hoolaa bishaanii

Israaʼeloonni Akkamitti Argatu Turan? Jechi Kitaaba Qulqulluu taahaash (taʹchash) jedhu gosa hoolaa bishaanii tokko kan argisiisu yoo taʼe, Israaʼeloonni gogaa hoolaa bishaanii akkamitti argatu gaaffiin jedhu kaʼuu dandaʼa. Hoolonni bishaanii yeroo baayʼee naannoo Arkitikii fi Antaarkitikitti akka argaman kan ibsamu taʼus, hoolonni bishaanii tokko tokko qilleensa hoʼaa filatu. Yeroo harʼaa illee hoolonni bishaanii moonk jedhaman muraasni kutaa Galaana Meeditiraaniyaa tokko tokkoo fi bishaanota hoʼaa kaan keessa ni jiraatu. Jaarraawwan hedduu keessatti namoonni lakkoofsi hoolaa bishaanii baayʼee akka hirʼatu godhaniiru; bara duriitti bineensonni kun Meeditiraaniyaanii fi Galaana Diimaa keessatti baayʼinaan ni argamu turan. Kitaabni Calmet’s Dictionary of the Holy Bible jedhamu maxxansi Ingiliffaa (ful. 139) akka ibsetti, hanga dhuma bara 1832⁠tti, “odoolawwan Galaana Diimaa xixinnoo taʼan hedduu irratti, gara naannoo Siinaatti hoolonni bishaanii ni argamu.”—Dabalataanis The Tabernacle’s Typical Teaching, A. J. Poolookiin, Londonitti qophaaʼe, ful. 47 ilaali.

(Baʼuu 40:34 dubbisi.)

w15 7/15 21 key. 1

Hojiin Ati Hojjettu Namoota Biratti Beekamuu Dhiisuun Isaa Jijjiirama Fidu Qabaa?

Ijaarsi godoo qulqullaaʼaa yeroo xumurametti, “duumessis dunkaana itti wal gaʼanitti uffise, ulfinni Waaqayyoo godicha keessa guute.” (Bau. 40:34) Kun Yihowaa biratti fudhatama akka argate kan mirkaneessu ture! Bazaaliʼelii fi Aholiiyab yeroo sanatti maaltu waan itti dhagaʼame sitti fakkaata? Hojii harkaa isaanii kana irratti maqaan isaanii barreeffamuu baatus, Waaqayyo carraaqqii isaanii akka isaaniif eebbise yeroo beekanitti akka gammadan hin shakkisiisu. (Fak. 10:22) Waggoottan itti aananitti hojiin harkaa isaanii kun tajaajila Yihowaa keessatti faayidaa irra ooluu isaa akka itti fufe yeroo argan baayʼee akka gammadan beekamaa dha. Bazaaliʼelii fi Aholiiyab addunyaa haaraa keessatti yeroo duʼaa kaʼan, godoo qulqullaaʼaan sun gara waggaa 500tiif waaqeffannaa dhugaatiif akka tajaajile yeroo beekan akka gammadan hin shakkisiisu!

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Baʼuu 39:1-21 dubbisi.)

SADAASA 9-15

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LEWWOOTA 1-3

“Kaayyoo Aarsaawwanii”

(Lewwoota 1:3 dubbisi.)

(Lewwoota 2:1 dubbisi.)

(Lewwoota 2:12 dubbisi.)

it-2-E 525

Aarsaawwan

Qalma gubamu. Qalmi gubamu guutummaatti Waaqayyoof dhihaata; kutaan qaama horichaa kam iyyuu nama dhiheesse sanaaf hin hafu. (Abo 11:30, 31, 39, 40 wajjin wal bira qabii ilaali.) Yihowaan aarsaa cubbuu isa al tokko tokko kennaawwan kana waliin dhihaatu akka fudhatu ykn fudhachuu isaa akka argisiisu isa kadhachuuf dhihaata. Yesuus Kiristoos akka ‘qalma gubamuutti’ guutummaatti of kenneera.

it-2-E 528 key. 4

Aarsaawwan

Kennaa midhaanii. Kennaan midhaanii qalma araaraa, qalma gubamuu fi aarsaa cubbuu waliin, akkasumas akka firii jalqabaatti dhihaata; yeroo kaanitti immoo kophaa isaa dhihaata. (Bau 29:40-42; Lew 23:10-13, 15-18; Lak 15:8, 9, 22-24; 28:9, 10, 20, 26-28; boqonnaa 29) Kennaawwan kun eebbaa fi badhaadhina Waaqayyo arjummaadhaan kenneef beekamtii kennuuf dhihaatu. Yeroo baayʼee zayitii fi ixaanaa wajjin dhihaatu. Kennaan midhaanii bifa daakuu bullaaʼaatiin, bifa midhaan akaaʼameen, bifa bixxilleetiin ykn maxinoo haphiitiin eeleedhaan tolfamee ykn xuwweetti bilcheeffamee dhihaachuu dandaʼa. Kennaawwan midhaanii tokko tokko iddoo aarsaa qalma gubamuu irratti dhihaatu, kaan immoo, lubootatu nyaata, akkasumas qalma araaraa irratti namni dhiheesse irraa ni nyaata. (Lew 6:14-23; 7:11-13; Lak 18:8-11) Kennaa midhaanii iddoo aarsaatti dhihaatu kamitti iyyuu raacitiin ykn “dammi” (cuunfaa harbuu ykn muduraa) akka danfu godhu itti dabalamuu hin qabu.—Lew 2:1-16.

(Lewwoota 3:1 dubbisi.)

it-2 526 key. 1

Aarsaawwan

Qalma araaraa. Qalmi araaraa Yihowaa biratti fudhatama qabu isaa wajjin nagaa qabaachuu argisiisa. Namni dhiheessee fi maatiin isaa (mooraa godoo qulqullaaʼaatti, akka barsiifataatti immoo daasiiwwan golgaa mooraatti naannaʼee jiru keessatti ijaaramanitti, mana qulqullummaatti immoo kutaawwan nyaataa keessatti) nyaatu turan. Lubni dhiheesse gaʼee isaa fudhata, luboonni dabaree isaanii hojjetan kaan immoo gaʼee isaanii fudhatu. Yihowaan immoo aara cooma gubamu sanaa isa urgaaʼuu fudhata. Dhiigni inni jireenya bakka buʼu akka kan isaatti Waaqayyoof kennama. Kanaafuu luboonni, namoonni dhiheessanii fi Yihowaan akka waliin nyaatanitti ilaalama; kunis hariiroo gaarii qabaachuu isaanii argisiisa. Namni (xuraaʼummaa Seericha keessatti ibsame kam irraa iyyuu) utuu hin qulqullaaʼin nyaatu ykn yeroo ramadamee alatti (qilleensa hoʼaa keessatti turtoruu jalqaba) nyaatu saba isaa keessaa balleeffama. Inni qulqulluu waan hin taaneef ykn Yihowaa duratti waan tortore nyaachuudhaan wanta qulqulluudhaaf kabaja waan hin argisiisneef, nyaaticha xureesseera.—Lew 7:16-21; 19:5-8.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Lewwoota 2:11, 12 dubbisi.)

w04-AM 5/15 21 key. 5

Yaadawwan Ijoo Kitaaba Lewwootaa

2:11, 12—Yihowaan, ‘aarsaa ibiddaan gubamee dhihaatu’ irratti dammi akka hin dabalamne kan dhowwe maaliif ture? Dammi as irratti caqasame kan kanniisa irraa argamu miti. Dammi kun ‘aarsaa ibiddaan gubamee dhihaatu’ irratti akka dabalamu kan hin heyyamamne taʼus, “oomisha maasii . . . firiiwwan jalqabaa” jedhaman keessaa tokko ture. (2 Seenaa 31:5, NW) Dammi as irratti ibsame cuunfaa muduraa akka taʼe haala isa irraa hubachuu dandeenya. Danfuu waan dandaʼuuf iddoo aarsaa irratti aarsaa fudhatama qabu taʼee dhihaachuu hin dandaʼu.

(Lewwoota 2:13 dubbisi.)

(Hisqiʼel 43:24 dubbisi.)

w04-AM 5/15 22 key. 1

Yaadawwan Ijoo Kitaaba Lewwootaa

2:13—“Kennaa . . . hundumaatti” soogidda naquun kan barbaachisu maaliif ture? Soogiddi kan itti naqamu aarsicha miʼeessuuf hin turre. Addunyaa maratti soogiddi nyaanni utuu hin badin akka turu gochuuf tajaajila. Aarsaa wajjin kan dhihaatu faalama ykn mancaʼiinsa irraa bilisa taʼuu kan argisiisu waan taʼeefi.

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Lewwoota 1:1-17 dubbisi.)

SADAASA 16-22

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LEWWOOTA 4-5

“Yihowaadhaaf Isa Hunda Irra Caalu Kenni”

(Lewwoota 5:5, 6 dubbisi.)

it-2-E 527 key. 9

Aarsaawwan

Aarsaa sababii yakkaatiif dhihaatu. Yakki kam iyyuu cubbuu waan taʼeef, aarsaan sababii yakkaatiif dhihaatus, aarsaa sababii cubbuutiif dhihaatu dha. Aarsaan kun cubbuuwwan addaa namni tokko yakkamaa akka taʼu isa godhaniif dhihaatu dha; mirga sarbame tokko iddootti kan deebisu waan fakkaatuuf, aarsaawwan cubbuu kaan irraa hamma tokko adda dha. Mirgi sarbame kun kan Yihowaa ykn kan saba isaa warra qulqulluu taʼanii taʼuu dandaʼa. Aarsaan yakkaa mirga Yihowaa sarbamee ture deebisuuf dhihaata; yookiin cubbamaa yaada geeddarate tokkoof mirgoota kakuu seerichaa keessa jiran tokko tokko deebisuudhaan adaba cubbuu irraa boqonnaa akka argatu gochuuf dhihaata.—Isa 53:10 wajjin wal bira qabii ilaali.

(Lewwoota 5:7 dubbisi.)

w09 7/1 31 key. 3

Inni Rakkina Keenya Ni Hubata

Seerichi Yihowaan baayʼee akka nuuf yaadu yommuu ibsu akkas jedha: “Namichi cubbuu isa hojjete sanaaf aarsaa sababii yakkaatiif dhiʼaatuuf xobbaallaa hoolaa dhiʼeessuu yoo dadhabe, gugee horaa lama yookiis gugee ishee kaan sosokkee lama, . . . ana Waaqayyoof haa dhiʼeessu!” (Lakkoofsa 7) Jechi “dhiheessuu yoo dadhabe” jedhu, “harka qalleessa yoo taʼe” jedhamees hiikamuu ni danda’a. Namni Israaʼel tokko hiyyeessa xobbaallaa hoolaa dhiheessuu hin dandeenye yoo taʼe, wanta humnisaa danda’e, jechuunis gugee horaa lama ykn gugee sosokkee lama yoo dhiheesse Waaqayyo aarsaa kanatti ni gammada ture.

(Lewwoota 5:11 dubbisi.)

w09 7/1 31 key. 4

Inni Rakkina Keenya Ni Hubata

Namni tokko simbirroota lamallee dhiheessuu hin danda’u yoo taʼe maal godha? Seerichi, “Aarsaa isaatiif daakuu qamadii baʼeessaa eefaa tokko keessaa harka kurnaffaa haa dhiʼeessu!” jedha. (Lakkoofsa 11) Yihowaan, namoonni harka qalleeyyii taʼan aarsaa dhiiga hin qabne akka dhiheessan heyyamuudhaan, qophii adda taʼe godheera. Israaʼel durii keessatti hiyyummaan, namni tokko dhiifama cubbuu akka hin arganne ykn Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii akka hin qabaanne gochuu hin danda’u ture.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Lewwoota 5:1 dubbisi.)

w16.02 30 key. 14

Tajaajiltoota Yihowaa Warra Amanamoo Taʼan Irraa Baradhaa

14 Gaarummaan eenyuuf amanamaa taʼuu akka qabdu murteessuun yommuu si rakkisu si gargaaruu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Dhugaa Baatuun tokko cubbuu cimaa akka hojjete akka gaariitti ni beekta taʼa. Keessattuu namni sun michuu ykn fira kee yoo taʼe, isaaf amanamaa taʼuu akka qabdu sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Cubbuu namni sun hojjete kan dhoksitu yoo taʼe garuu, Waaqayyoof amanamaa taʼaa hin jirtu jechuu dha. Hunda dura Yihowaadhaaf amanamaa taʼuu akka qabdu beekamaa dha. Kanaafuu, akkuma Naataan gaarummaa argisiisi, akkasumas ejjennoo cimaa qabaadhu. Michuun ykn firri kee gargaarsa jaarsolii akka gaafatu jajjabeessi. Inni ykn ishiin yeroo murtaaʼe keessatti yoo kana gochuu baatan, Waaqayyoof amanamaa taʼuun kee dhimma sana jaarsoliitti akka himtu si kakaasuu qaba. Akkana yoo goote jaarsoliin nama kana garraamummaadhaan sirreessuuf waan yaalaniif, Yihowaadhaaf amanamaa taata, akkasumas michuu ykn fira kee sanattis gaarummaa argisiista.—Lewwoota 5:1; Galaatiyaa 6:1 dubbisi.

(Lewwoota 5:15, 16 dubbisi.)

it-1-E 1130 key. 2

Qulqullummaa

Beeladootaa fi Oomisha. Loon, hoolonnii fi reʼoonni jalqaba dhalatanii fi kormaa taʼan Yihowaadhaaf akka qulqulleeffamanitti waan ilaalamaniif, hin furaman ykn wantoota kan birootiin bakka hin buufaman. Aarsaa taʼanii kan dhihaatan yeroo taʼu, foon isaanii irraa hammi tokko luboota qulqulleeffamanitti kennama ture. (Lak 18:17-19) Akkuma aarsaawwanii fi kennaawwan tajaajila godoo qulqullaaʼaatiif qulqulleeffamaniitti, firiiwwan jalqabaa fi kurnoonis qulqulluu dha. (Bau 28:38) Wantoonni Yihowaadhaaf adda baafaman hundi qulqulluu dha; akka laayyootti ilaaluun ykn kaayyoo biraatiif itti fayyadamanii xureessuun hin dandaʼamu. Seerri kurnoo ilaalchisee kenname kanaaf fakkeenya taʼa. Fakkeenyaaf, namni tokko ykn miseensi maatii isaa tokko qamadii kurnoodhaaf adda baafame irraa utuu hin beekin hamma tokko fudhee nyaataaf utuu bilcheeffatee seera Waaqayyo wantoota qulqulluu taʼan ilaalchisee kenne akka cabsetti ilaalama. Akka seerichi ajajutti namni akkasii wanta sana dhibbeentaa 20 itti dabalee gara godoo qulqullaaʼaatti fiduu qaba; akkasumas korbeessa hoolaa mudaa hin qabne aarsaa godhee dhiheessuu qaba. Akka kanaan wantoota Yihowaadhaaf qulqulleeffamaniif ulfinni guddaan ni kennama ture.—Lew 5:14-16.

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Lewwoota 4:27–5:4 dubbisi.)

SADAASA 23-29

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LEWWOOTA 6-7

“Aarsaa Galata Galchuuf Dhihaatu”

(Lewwoota 7:11, 12 dubbisi.)

w19.11 22 key. 9

Kitaaba Lewwootaa Irraa Barumsa Akkamii Argachuu Dandeenya?

9 Barumsa lammaffaa: Yihowaa kan tajaajillu isa galateeffachuu waan barbaannuufi. Kana sirriitti ibsuuf mee waaʼee qalma araaraa isa waaqeffannaa Israaʼel durii keessatti iddoo guddaa qabuu haa ilaallu. Kitaaba Lewwootaa keessatti namni Israaʼel tokko “galata galchuuf” qalma araaraa akka dhiheessu hubanna. (Lew. 7:11-13, 16-18) Kana kan godhu dirqama waan qabuuf utuu hin taʼin, akkas gochuu waan barbaadeefi. Kanaafuu, aarsaan kun kennaa namichi sun Waaqa isaa Yihowaa waan jaallatuuf fedhiidhaan dhiheessu dha. Namni aarsaa kana dhiheessu, maatiin isaa fi luboonni foon beeyilada aarsaa taʼe sanaa ni nyaatu. Haa taʼu malee, kutaa qaama beeyilada aarsaa taʼee dhiheeffamu sanaa keessaa tokko tokko Yihowaa qofaaf dhihaata ture. Yihowaa qofaaf kan dhihaatan kutaa qaamaa kamfaadha?

(Lewwoota 7:13-15 dubbisi.)

w00-AM 8/15 15 key. 15

Aarsaawwan Waaqayyoon Gammachiisan

15 Kennaan fedhaan kennamu kan biraan immoo qalma araaraa Lewwoota boqonnaa 3 irratti ibsame dha. Maqaan kun “kennaa nagaa” jedhamee hiikamuus ni dandaʼa. Afaan Ibrootaatiin jechi “nagaa” jedhu waraana ykn jeequmsa irraa bilisa taʼuu caalaa waan argisiisu qaba. Kitaabni Studies in the Mosaic Institutions jedhamu akka jedhetti, ‘Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi kun yaada olitti ibsame argisiisa, akkasumas Waaqayyoo wajjin hariiroo nagaa qabaachuu, badhaadhinaa fi gammachuu qabaachuu argisiisa.’ Kanaafuu, qalmi araaraa, akka waan aarii isaa tasgabbeessuuf godhamuutti, Waaqayyoo wajjin nagaa uumuuf kan dhihaatu miti, kanaa mannaa, namoonni Waaqayyoo biratti fudhatama argachuudhaan isaa wajjin nagaa qaban, eebba argataniif isa galateeffachuuf dhiheessani dha. Dhiignii fi coomni Yihowaaf erga dhihaatee booda, luboonnii fi namni dhiheesse sun aarsicha irraa ni hirmaatu. (Lewwoota 3:17; 7:16-21; 19:5-8) Karaa nama hawwatuun akka fakkeenyaatti namni dhiheesse, luboonnii fi Yihowaan maaddii tokko irraa hirmaatu; kun immoo gidduu isaanii nagaan akka jiru argisiisa.

(Lewwoota 7:20 dubbisi.)

w00-AM 8/15 19 key. 8

Aarsaawwan Jajannaa Yihowaa Gammachiisan

8 Nama aarsaa dhiheessu irraa hoo maaltu eegama? Seerichi namni Yihowaa duratti dhihaatu kam iyyuu qulqulluu fi kan hin xuroofne taʼuu akka qabu ibsa. Namni sababii akkamiitiin iyyuu xuraaʼe, qalmi gubamu ykn qalmi araaraa inni dhiheessu akka isaaf fudhatamuuf, jalqaba aarsaa cubbuu ykn yakkaa ejjennoo qulqulluu inni Yihowaa duratti qabu isaaf deebisu dhiheessuu qaba. (Leewwota 5:1-6, 15, 17) Maarree, nuti barbaachisummaa yeroo hundumaa Yihowaa duratti ejjennoo qulqulluu qabaachuutiif iddoo guddaa ni kenninaa? Waaqeffannaan keenya Waaqayyo duratti fudhatama akka argatu yoo barbaanne, seera Waaqayyoo cabsine kam iyyuu ilaalchisee dafnee sirreeffama gochuu qabna. Gargaarsa Waaqayyo karaa “jaarsolii gumii” fi Yesuus Kiristoos isa ‘cubbuu keenyaaf aarsaa araaraa taʼee dhihaate’ irraa dafnee fayyadamuu qabna.—Yaaqoob 5:14; 1 Yohaannis 2:1, 2.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Lewwoota 6:13 dubbisi.)

it-1-E 833 key. 1

Ibidda

Godoo qulqullaaʼaa fi mana qulqullummaa wajjin haala wal qabateen. Waaqeffannaa godoo qulqullaaʼaa fi booda immoo mana qulqulluutti raawwatamu keessatti ibiddi gaʼee qaba ture. Ganama yeroo hundaa fi yommuu dimimmisaaʼutti lubni ol aanaan iddoo ixaanni itti aarfamu irratti ixaana aarsuu qaba ture. (Bau 30:7, 8) Seerri Waaqayyoo ibiddi iddoo aarsaa, aarsaa gubamuu irra jiru yeroo hunda akka bobaʼu ajaja ture. (Lew 6:12, 13) Yihudoonni ilaalcha ‘ibidda iddoo aarsaa jalqaba dinqiidhaan kan qabsiise Waaqayyoo dha’ jedhuu fi aadaa irratti hundaaʼe qabu turan; ilaalchi kun balʼinaan fudhatama kan argate taʼus, deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabu. Akka qajeelfama Yihowaan jalqaba Museef kenneetti, ilmaan Aaron, iddoo aarsaa irraa aarsaa kaaʼuu isaanii dura, ‘iddoo aarsaa irratti ibidda qabsiisanii, ibiddicha irratti qoraan naquu’ qabu turan. (Lew 1:7, 8) Ibiddi baʼee aarsaa iddoo aarsaa irra jiru kan nyaate, erga sirni lubummaa Aaron hundeeffamee booda, jechuunis aarsaan hundeeffamuu sirnichaa erga dhihaatee booda dha; tarii ibiddichi kan baʼe duumessa godoo qulqullaaʼaa irra jiru keessaa taʼuu dandaʼa. Kana irraa kaʼuudhaan, ibiddichi dinqiidhaan ofii isaatiin kan mulʼate, qoraan iddoo aarsaa irra jiru bobeessuudhaan utuu hin taʼin, “aarsaa gubamuu fi cooma iddoo aarsaa irra jiru sana nyaachuudhaan” ture. Ibiddi yeroo sana iddoo aarsaa sana irratti bobaʼaa ture, makaa ibidda Waaqayyo biraa dhufee fi ibidda iddoo aarsaa irra ture sanaa taʼuu hin oolu. (Lew 8:14–9:24) Haaluma wal fakkaatuun, yeroo manni qulqullummaa murteeffametti akkuma Solomoon kadhannaa dhiheessee xumureen ibiddi Yihowaa biraa dhufe aarsaa dhihaate nyaateera.—2Sen 7:1; fakkeenyota kan biroo Yihowaan yommuu aarsaa tajaajiltoota isaa fudhatu dinqiidhaan ibiddatti akka fayyadame argisiisan, Abo 6:21; 1Mot 18:21-39; 1Sen 21:26 irraa ilaali.

(Lewwoota 6:25 dubbisi.)

si-E 27 key. 15

Kitaaba Kitaaba Qulqulluu 3⁠ffaa—Lewwoota

15 (3) Aarsaan cubbuu, cubbuu utuu hin beekin ykn dogoggoraan hojjetameef dhihaata. Gosti horii aarsaa taʼee dhihaatu, qaama cubbuun isaa isaaf dhiifamu irratti kan hundaaʼu dha; luba, guutummaa sabichaa, dura buʼaa tokko ykn nama kam iyyuu taʼuu dandaʼa. Qalma gubamuu fi qalma araaraa namoonni fedhaan dhiheessan irraa haala adda taʼeen aarsaan cubbuu aarsaa dirqama dhihaachuu qabu dha.—4:1-35; 6:24-30.

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Lewwoota 6:1-18 dubbisi.)

SADAASA 30–MUDDEE 6

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | LEWWOOTA 8-9

“Ragaa Eebba Yihowaa Mirkaneessu”

(Lewwoota 8:6-9 dubbisi.)

(Lewwoota 8:12 dubbisi.)

it-1-E 1207

Muudama

Museen, miʼa bishaanii sibiila diimaa mooraa keessa jiru biratti Aaronii fi ilmaan Aaron Naadaab, Abihuu, Eleʼazaarii fi Itaamaar erga dhiqee (ykn akka dhiqatan erga isaan ajajee) booda, Aaronitti uffata luba ol aanaa isa ulfina qabeessa uwwise. (Lak 3:2, 3) Uffanni miidhagaan adda taʼe kun tajaajilli Aaroniif kenname itti gaafatamummaa guddaa akka taʼe kan argisiisuu dha. Achiis Museen godoo qulqullaaʼaa, miʼawwan isaa hundumaa, iddoo aarsaa qalma gubamuu, akkasumas miʼa bishaanii fi miʼawwan isaanii wajjin wal qabatan ni dibe. Kun immoo qulqulluu akka taʼan, jechuunis hojii fi tajaajila Waaqayyootiif guutummaatti adda akka baʼan godha. Dhuma irratti Museen zayitii mataa isaa irratti dhangalaasuudhaan Aaroniin dibe.—Lew 8:6-12; Bau 30:22-33; Far 133:2.

(Lewwoota 9:1-5 dubbisi.)

it-1-E 1208 key. 8

Muudama

Guyyaa saddeettaffaatti, sirni lubummaa guutummaatti hojii irra waan ooleef, sabichi yeroo jalqabaatiif karaa tajaajila lubummaa (gargaarsa Musee malee) araara argateera; cubbuu dhaalaniif qofa utuu hin taʼin, keessumaa dibicha warqii isa Yihowaa ittiin gaddisiisanii wajjin haala wal qabateen utuu hin ajajamin waan hafanii fi qulqullaaʼuun waan isaan barbaachisuuf tajaajila kana irraa fayyadamaniiru. (Lew 9:1-7; Bau 32:1-10) Xumura tajaajila luboonni haaraan kun yeroo jalqabaatiif dhiheessan irratti, Yihowaan dinqiidhaan ibidda ergee aarsaa iddoo aarsaa irratti hafe akka nyaatu gochuudhaan tajaajila isaanii fudhachuu fi raggaasisuu isaa argisiiseera; ibiddi kun kan baʼe utubaa duumessaa godoo qulqullaaʼaa irra jiru keessaa akka taʼe hin shakkisiisu.—Lew 9:23, 24.

(Lewwoota 9:23, 24 dubbisi.)

w19.11 23 key. 13

Kitaaba Lewwootaa Irraa Barumsa Akkamii Argachuu Dandeenya?

13 Barumsa arfaffaa: Yihowaan kutaa jaarmiyaa isaa isa lafa irraa eebbisaa jira. Mee Dh.K.D. bara 1512⁠tti yeroo godoo qulqullaaʼaan Tulluu Siinaa jalatti dhaabbatu wanta taʼe haa ilaallu. (Bau. 40:17) Museen sirna Aaronii fi ilmaan isaa luboota akka taʼan muuduuf godhamu geggeessaa jira. Sabni Israaʼel luboonni kun aarsaa beeyiladaa isa jalqabaa yommuu dhiheessan ilaaluuf walitti qabamaniiru. (Lew. 9:1-5) Yihowaan luboonni haaraan muudaman kun isa biratti fudhatama akka argatan kan argisiise akkamitti? Aaronii fi Museen sabicha yommuu eebbisan Yihowaan ibiddi aarsaa iddoo aarsaa irra jiru sana guutummaatti akka fixu ykn akka nyaatu godhe.—Lewwoota 9:23, 24 dubbisi.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Lewwoota 8:6 dubbisi.)

w14 11/15 9 key. 6

Qulqulluu Taʼuu Kan Qabnu Maaliifi?

6 Luboonni Israaʼel keessa turan qaamaan qulqulluu akka taʼan kan irraa eegamu taʼuunsaa, saba Yihowaa yeroo harʼaa jiraniif hiika guddaa qaba. Namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu, yeroo baayʼee bakki waaqeffannaa keenya qulqulluu taʼuusaafi nuyis qulqulluufi seeraan kan uffannu taʼuu keenya ni hubatu. Haataʼu malee, qulqullummaan lubootaa, namni tulluu Yihowaa isa ol kaʼaatti ol baʼu hundinuu ‘garaa qullaaʼaa’ qabaachuu akka qabu nu hubachiisa. (Faarfannaa 24:3, 4 dubbisi; Isa. 2:2, 3.) Tajaajilli qulqulluun Waaqayyoof dhiheessinu, sammuu, garaafi qaama qulqulluudhaan dhihaachuu qaba. Kunimmoo yeroo yeroodhaan of qoruu kan gaafatu siʼa taʼu, namoonni tokko tokko erga akkas godhanii booda qulqulluu taʼuuf jijjiirama gochuun akka isaan barbaachisu hubatu. (2 Qor. 13:5) Fakkeenyaaf, namni cuuphame tokko taʼe jedhee poornoogiraafii kan ilaalu yoo taʼe, ‘Qulqulluu taʼuukoo argisiisaan jiraa?’ jedhee of gaafachuu qaba. Achii, gochasaa isa gadhee kana dhiisuuf gargaarsa gaafachuu qaba.—Yaq. 5:14.

(Lewwoota 8:14-17 dubbisi.)

it-2-E 437 key. 3

Musee

Waaqayyo kakuu Seerichaa Israaʼelii wajjin galeef Museen araarsaa akka taʼu gochuudhaan, aangoo guddaa Yesuus Kiristoos isa araarsaa kakuu haaraa taʼeen alatti namni kam iyyuu Waaqayyo duratti argatee hin beekne isaaf kenneera. Museen kitaaba kakuu irrattii fi sabicha irratti dhiiga horii facaaseera; kitaabni kakuu Yihowaa bakka buʼa; haala isa irraa hubachuun akka dandaʼamutti sabichi immoo jaarsoliidhaan bakka buufameera. Museen kitaaba kakuu sana sabichaaf kan dubbise yeroo taʼu, isaanis, “Wanta Waaqayyo dubbate hundumaa in dhageenya, in goonas” jedhanii deebisan. (Bau 24:3-8; Ibr 9:19) Museen araarsaa taʼee waan tajaajiluuf, akka pilaanii Waaqayyo isaaf kenneetti, ijaarsa godoo qulqullaaʼaa fi hojii miʼawwan isaa toʼachuuf, sirna lubummaa hundeessuuf, akkasumas godoo qulqullaaʼaa fi Aaron isa luba ol aanaa taʼe zayitii makaa addaatiin qophaaʼeen dibuuf mirga argatee ture. Achiis tajaajila jalqabaa sirni lubummaa haaraa hundeeffame raawwatu ol aantummaadhaan geggeesseera.—Baʼu boqonnaa 25-29; Lew boqonnaa 8, 9.

Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

(Lewwoota 8:31–9:7 dubbisi.)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi