LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • th qayyabannaa 13 ful. 16
  • Faayidaa Barumsichaa Ifa Gochuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Faayidaa Barumsichaa Ifa Gochuu
  • Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ittiin Lixa Gaarii
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Garaa Tuquuf Carraaquu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Miira Hoʼaa Qabaachuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Barumsa Dabalataa kan Kennu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
Dabalataan Ilaaluuf
Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
th qayyabannaa 13 ful. 16

QOʼANNAA 13

Faayidaa Barumsichaa Ifa Gochuu

Caqasa kenname

Fakkeenya 3:21

YAADA IJOO: Dhaggeeffattoonni barumsi kee jireenya isaanii irratti dhiibbaa akkamii akka godhu akka hubatan gargaari, akkasumas wanta barataniin maal akka godhan isaanitti argisiisi.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Waaʼee dhaggeeffattoota keetii yaadi. Odeeffannoon ati isaaniif kennaa jirtu dhaggeeffattoota keetiif maaliif akka barbaachisu xiinxali, akkasumas mata duree sana keessaa caalaatti kan isaan gargaaru isa kam akka taʼe yaadi.

  • Guutummaa haasaa kee keessatti wanta dhaggeeffattoonni kee gochuu qaban argisiisi. Jalqabumaa kaasee dhaggeeffattoonni hundi, ‘Kun wanta na ilaallatu dha’ jechuu qabu. Tokkoon tokkoon qabxiiwwan guguddaa yommuu ibsitu akkamitti hojii irra akka oolchan argisiisi. Walitti qabaatti dubbachuu irraa of qusadhu.

    Gorsa gaarii

    Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu akkamitti akka hojii irra oolan jaalalaan akkasumas akka namaaf yaaddu karaa argisiisuun ibsi. Namoonni kaan balleessan akka isaanitti dhagaʼamu gochuu mannaa, garaan isaanii wanta sirrii taʼe raawwachuuf akka isaan kakaasu amanannaa qabaachuudhaan jaalalaa fi amantii isaanii cimsi.

TAJAAJILA IRRATTI

Tajaajilaaf yommuu qophooftu, oduu sabqunnamtii irratti dhihaatee fi mata dureewwan namoota naannoo tajaajilaa kee keessa jiran hawwachuu dandaʼan yaadi. Yaada dubbachuuf qophoofte haala yeroo sanaa fi iddoo sana jiruu wajjin akka wal simu godhi. Gaaffiiwwan itti yaadamanii fi namni sun wanta isa yaaddessuu fi isa hawwatu akka dubbatu godhan gaafadhu. Achiis deebii isaa dhaggeeffachuudhaan, ergaa kee akka haala isaatti sirreessi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi