LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lffi barumsa 2
  • Kitaabni Qulqulluun Abdii Kenna

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaabni Qulqulluun Abdii Kenna
  • Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Beeksisa Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • CAALAATTI BARADHU
  • MAAL BARATTE?
  • QORANNOO DABALATAA GODHI
  • Kitaabni Qulqulluun Abdii Kenna
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Beeksisa Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu
  • Abdii Amansiisaa Gara Fuulduraatti Raawwatamu
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Sababiiwwan Bara 2023 Abdiidhaan Eeggachuuf Nu Kakaasan—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Bara 2024tti Abdii Qabaachuu—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
Dabalataan Ilaaluuf
Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Beeksisa Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu
lffi barumsa 2
Barumsa 2. Aduun maasii balʼaa qamadii irratti yommuu baatu.

BARUMSA 02

Kitaabni Qulqulluun Abdii Kenna

Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru

Namoonni addunyaa maratti argaman rakkoowwan akka gaddan, akka yaaddaʼanii fi akka dhiphatan isaan taasisan isaan mudatu. Haalli miirri akkasii akka sitti dhagaʼamu godhu si mudatee beekaa? Tarii waan dhukkubsatteef ykn nama jaallattu duʼaan waan dhabdeef dhiphachaa jirta taʼa. ‘Yeroo itti jireenyi fooyyaʼu ni dhufaa laata?’ jettee gaafatta taʼa. Kitaabni Qulqulluun gaaffii kanaaf deebii nama jajjabeessu kenna.

1. Kitaabni Qulqulluun abdii kan kennu akkamitti?

Kitaabni Qulqulluun addunyaan rakkinaan kan guutame maaliif akka taʼe ibsuu qofa utuu hin taʼin, misiraachoo rakkoowwan kun yeroo muraasaaf akka turanii fi dhiheenyatti akka badan ibsus qabateera. Kitaabni Qulqulluun, ‘egeree gaarii fi abdii nuuf kenna.’ (Ermiyaas 29:11, 12 dubbisi.) Abdiiwwan kunis rakkoowwan yeroo ammaatti nu mudatan akka dandamannu, ilaalcha sirrii akka qabaannuu fi gammachuu bara baraa akka argannu nu gargaaru.

2. Yeroo gara fuulduraa ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun abdii akkamii kenna?

Yeroo gara fuulduraa ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun, “Duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu” jedha. (Mulʼata 21:4 dubbisi.) Rakkoowwan yeroo ammaatti abdii nu kutachiisan kanneen akka hiyyummaa, jalʼina haqaa, dhukkubaa fi duʼaa hin jiraatan. Kana malees, ilmaan namootaa lafa Jannata taatu irra bara baraaf akka jiraatan abdii kenna.

3. Abdiiwwan Kitaabni Qulqulluun kennu akka raawwataman mirkanaaʼaa taʼuu kan dandeessu akkamitti?

Namoonni hedduun haalli addunyaa ni fooyyaʼa jedhanii abdatu, wantoonni abdatan kun garuu akka raawwataman mirkanaaʼoo taʼuu hin dandaʼan. Haa taʼu malee, abdiiwwan Kitaabni Qulqulluun kennu dhugumaan ni raawwatamu. ‘Kitaabota Qulqulluu of eeggannoodhaan qoruudhaan,’ amanannaa wanta inni jedhu irratti qabnu cimsachuu dandeenya. (Hojii Ergamootaa 17:11) Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa yommuu deemtu, wanta inni waaʼee gara fuulduraa dubbatu amanuu fi dhiisuuf ofuma keetii murteessuu dandeessa.

CAALAATTI BARADHU

Wantoota Kitaabni Qulqulluun gara fuulduraatti akka raawwataman abdii kenne tokko tokko qoradhu. Abdiin Kitaabni Qulqulluun kennu yeroo ammaatti akkamitti namoota gargaaraa akka jiru ilaali.

Fakkiiwwan: Haalawwan yeroo ammaatti argamanii fi abdiiwwan gara fuulduraa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman yommuu wal bira qabaman. Haalli kun fakkiiwwan gajjallaa jiran irrattis ibsameera.

4. Kitaabni Qulqulluun rakkina tokko malee bara baraaf jiraachuu akka dandeenyu abdii kenna

Abdiiwwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman armaan gadii ilaali. Abdiiwwan kanneen keessaa isa kam caalaatti jaallatta? Maaliif?

Caqasoota abdiiwwan kanneenitti aansanii argaman dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Caqasoonni kun kan si fayyadan sitti fakkaataa? Maatii fi michoonni kee hoo caqasoota kana irraa fayyadamuu kan dandaʼan sitti fakkaataa?

Addunyaa akkasii keessa jiraachuun maal akka fakkaatu yaadaan ilaali

NAMNI KAM IYYUU . . .

NAMNI HUNDI . . .

  • hin gaddu, hin dulloomu ykn hin duʼu.—Isaayyaas 25:8.

  • namni jaallatu duʼaa kaʼee yeroo deebiʼee lafa irra jiraatu ni arga.—Yohaannis 5:28, 29.

  • hin dhukkubsatu ykn hirʼina qaamaa hin qabaatu.—Isaayyaas 33:24; 35:5, 6.

  • fayya buleessa taʼa, akkasumas humna dargaggummaa qabaata.—Iyyoob 33:25.

  • jalʼinni haqaa isa hin mudatu.—Isaayyaas 32:16, 17.

  • nyaata hedduu, mana mijataa fi hojii gammachiisaa qabaata.—Faarfannaa 72:16; Isaayyaas 65:21, 22.

  • sababa waraanaatiin hin rakkatu.—Faarfannaa 46:9.

  • nagaa guutuu argata.—Faarfannaa 37:11.

  • wantoota isa dhiphisaa turan hin yaadatu.—Isaayyaas 65:17.

  • haala mijataa keessa bara baraaf jiraata.—Faarfannaa 37:29.

Mucaan dhukkubsatee ture tokko fayyee haadha isaa hammachaa jira. Namni dulloomee ture tokko dargaggeessa taʼee gaarii kuduraadhaan guutame oofaa jira. Ijoolleen beelaʼanii fi dirqamaan hojii humnaa hojjechaa turan amma biqiltuu dhaabaa fi kubbaa miilaa taphachaa jiru. Dubartiin teessee gaddaa turte amma kaatee seeqaa jirti.

5. Abdiin Kitaaba Qulqulluu jijjiirama fida

Namoonni hedduun rakkoowwan naannoo isaaniitti arganiin kan kaʼe abdii kutatu, akkasumas ni aaru. Namoonni tokko tokko immoo haala jiru fooyyessuuf carraaqqii guddaa godhu. Abdiin Kitaabni Qulqulluun wantoonni hundi gara gaariitti akka jijjiiraman kenne yeroo ammaatti namoota kan gargaare akkamitti akka taʼe hubadhu. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

VIIDIYOO: Jalʼina Haqaa Mormuu Nan Barbaadan Ture (4:07)

Fakkiiwwan: Suuraawwan viidiyoo ‘Jalʼina Haqaa Mormuu Nan Barbaadan Ture’ jedhu irraa fudhataman. 1. Raafikaan ijoollummaa ishiitti namoota sanyii ishii taʼanii wajjin jirbii funaanaa jirti. 2. Raafikaan yeroo jalqabaatiif walgaʼii naannoo Dhugaa Baatota Yihowaa irratti yommuu argamtetti namoonni sanyii garaa garaa qaban achitti argamuu isaaniitti baayʼee dinqisiifatte.
  • Viidiyicha irratti akkuma mulʼatu jalʼina haqaa akkamiitu Raafikaa jeeqaa ture?

  • Jalʼinni haqaa ishiin argaa turte kan hin jijjiiramne taʼus, Kitaabni Qulqulluun kan ishii gargaare akkamitti?

Abdiin Kitaabni Qulqulluun gara fuulduraa ilaalchisee kenne miira abdii kutachuu akka moonuu fi rakkoowwan keenya milkaaʼinaan akka dandamannu nu gargaaruu dandaʼa. Fakkeenya 17:22 fi Roomaa 12:12 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

  • Ergaan abdii Kitaaba Qulqulluu keessa jiru yeroo ammaatti jireenya kee irratti jijjiirama kan fidu sitti fakkaataa? Maaliif?

NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Abdiiwwan Kitaabni Qulqulluun gara fuulduraa ilaalchisee kenne ni raawwatamu jedhanii yaaduun ulfaataa dha.”

  • Ragaa abdiiwwan Kitaabni Qulqulluun kenne akka raawwataman ibsu ofuma keetiin qoruun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

MAAL BARATTE?

Kitaabni Qulqulluun waadaa yeroo gammachiisaa gara fuulduraatti dhufu ilaalchisee galame hedduu qabateera, kun immoo abdii akka qabaannuu fi yeroo ammaatti jireenyi keenya akka fooyyaʼu godha.

Irra Deebii

  • Namoonni abdiin kan isaan barbaachisu maaliifi?

  • Yeroo gara fuulduraa ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

  • Gara fuulduraatti abdii akka qabdu beekuun kee yeroo ammaatti kan si fayyadu akkamitti?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Abdiin humna akkamii akka qabu caalaatti baradhu

“Abdii—Eessaa Argachuu Dandeessa?” (Dammaqaa!, Ebla 22, 2004)

Abdiin gara fuulduraa namoota dhukkuba yeroo dheeraadhaaf turu qaban gargaaruu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe hubadhu.

“Dhukkuba Yeroo Dheeraadhaaf Turu yoo Qabaatte Kitaabni Qulqulluun Si Gargaaruu Dandaʼaa?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Muuziqaa viidiyoodhaan qophaaʼe kana yommuu ilaaltu, atii fi maatiin kee Jannata Kitaabni Qulqulluun abdachiise keessa yommuu jiraattan yaadaan ilaali.

Sitti haa Mulʼatu (3:37)

Namni jijjiirama hawaasaatiif falmu tokko, abdii Kitaabni Qulqulluun yeroo gara fuulduraa ilaalchisee kenne erga dubbisee booda jireenyi isaa akkamitti akka jijjiirame dubbisi.

“Amma Addunyaa Jijjiiruu Akkan Qabu Natti hin Dhagaʼamu” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi