LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwbr24 Bitootessa ful. 1-13
  • Barreeffamoota Qorannaa, “Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barreeffamoota Qorannaa, “Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa”
  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2024
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • BITOOTESSA 4-10
  • BITOOTESSA 11-17
  • BITOOTESSA 18-24
  • BITOOTESSA 25-31
  • EBLA 1-7
  • EBLA 8-14
  • EBLA 15-21
  • EBLA 22-28
  • EBLA 29–CAAMSAA 5
Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2024
mwbr24 Bitootessa ful. 1-13

Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa

© 2023 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania

BITOOTESSA 4-10

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 16-17

“Yihowaa, Madda Gaarummaa”

w18.12 26 key. 11

Dargaggoota, Jireenya Gammachuu Qabu Jiraachuu ni Dandeessu

MICHOOTA DHUGAA QABAADHAA

11 Faarfannaa 16:3 dubbisi. Daawit iccitii michoota dhugaa argachuu beekee ture. Namoota Yihowaa jaallatanii wajjin taʼuudhaan ‘guutummaatti gammachuu’ argatee ture. Namoonni kun ‘warra qulqullaaʼan’ jedhamanii waan ibsamaniif, gama naamusaatiin qulqulluu fi qajeeloo turan. Faarfataan kan biraanis filannaa michoota isaa ilaalchisee akkasuma isatti dhagaʼameera. “Ani warra si sodaatan hundumaaf, warra ajaja kee eeganiifis hidhata” jedhee barreesseera. (Far. 119:63) Akkuma mata duree darbe irratti ilaalle, isinis namoota Yihowaa sodaatanii fi isaaf ajajaman keessaa michoota gaggaarii hedduu argachuu ni dandeessu. Dhugaa dha, kun warra umurii adda addaa qabanis ni dabalata.

w14 2/15 29 key. 4

‘Gaarummaa Waaqayyo Hojjetu Ilaali’

Daawit, “Yaa Waaqayyo, ati qooda koo isa anaaf kennamee dha, ati xoofoo anaaf hiixatamee dha, gaʼaan koos si harkaa in dhufa; funyoon safaraa iddoo gammachiisaa irra anaaf buʼe” jechuudhaan Yihowaa faarfateera. (Far. 16:5, 6) Daawit “qooda” isaatiif, jechuunis walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabuuf, akkasumas mirga isa tajaajiluudhaaf argateef galateeffateera. Nuyis akkuma Daawit rakkoowwan addaddaa kan nu mudatan taʼus, eebbawwan hafuuraa hedduu arganneerra! Kanaaf, waaqeffannaa dhugaatti gammaduu keenyaafi mana qulqullummaa hafuuraa “dinqisiifannaadhaan ilaaluu” keenya itti haa fufnu.

w08 2/15 3 key. 2-3

Yeroo Hunda Yihowaa Fuulakee Dura Kaaʼadhu

2 Hundi keenya muuxannoo namoota beekamoo akka Abrahaam, Saaraa, Musee, Ruut, Daawit, Asteer, Phaawulosiifi warra Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman kaanirraa barumsa hedduu argachuu dandeenya. Haataʼu malee, seenaa namoota baayʼee beekamoo hin taanerraas faayidaa guddaa argachuu dandeenya. Seenaawwan Macaafa Qulqulluurratti argamanirratti xiinxaluun keenya, wanta Faarfatichi jedhee wajjin haala wal simuun jiraachuuf nu gargaara. Faarfatichi akkas jedhe: “Waaqayyo yeroo hundumaa fuula koo dura anaaf jira, inni mirga koo waan jiruufis ani hin shishu.” (Far. 16:8) Hiikni jechoota kanaa maalidha?

3 Loltuun tokko yeroo baayʼee billaasaa harkasaa mirgaatiin waan qabatuuf, qaamnisaa inni gara mirgaa gaachana harka bitaatiin qabameen hin eegamu. Haataʼu malee, hiriyaansaa karaa mirgasaatiin dhaabatee lolu eegumsa isaa godha. Yeroo hunda Yihowaa kan yaadannuufi jaalalasaa kan raawwannu yoo taane, inni eegumsa nuu godha. Mee Seenaawwan Macaafa Qulqulluu qorachuun keenya ‘Waaqayyoon yeroo hundumaa fuula keenya dura akka keenyuuf’ akkamitti amantaa keenya akka nuu jabeessu haa ilaallu.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

it-2-E 714

Qaroo

Jechi afaan Ibrootaa ʼi·shohnʹ jedhamu (Kes 32:10; Fak 7:2), jecha ʽaʹyin (ija) jedhamuu wajjin yommuu faayidaa irra oolu, kallattiidhaan “nama xinnoo ija keessa jiru” jechuudha; haaluma walfakkaatuun, jechi bath (intala) jedhuu fi Faaruu Ermiyaas 2:18 irra jiru, ergaa “intala ijaa” jedhu dabarsa, jechoonni kun lamaanuu qaroo ijaa argisiisu. Jechoonni kun lamaan ergaa isaa cimsuuf Faarfannaa 17:8 irratti walitti makamaniiru (ʼi·shohnʹ bath-ʽaʹyin), kallattiidhaan, “nama xinnoo, intala ijaa” (‘qaroo ijaa,’ NW) jedhamee hiikama. Ibsi as irratti kenname yommuu ija nama kan biraa keessatti of ilaallu xinnaannee akka mulʼannu kan argisiisu taʼuu hin oolu.

Ijji baayʼee laafaa fi tuttuqaa kan hin dandeenyedha; rifeensi ykn awwaarri xinnoon illee qola ijaa fi ija keenya gidduu yoo seene dafee nutti beekama. Kutaan ija keenyaa inni ifa of keessa dabarsuu (koorniyaan) fi qaroo ija keenya haguugee jiru sirriitti eegamuu fi kunuunfamuu qaba; kutaan kun miidhamuudhaan yoo godaannisa godhate ykn dhukkubaan moora yoo uffate sirriitti arguu dadhabuu ykn jaamuu dandeenya. Kitaabni Qulqulluun wanta eegumsi cimaan godhamuufii qabu ibsuuf, jecha humna guddaa qabu garuummoo wanta of eeggannoo barbaadu ibsu, jechuunis ‘qaroo ijaa’ jedhutti fayyadama. Seerri Waaqayyoo akkasitti ilaalamuu qaba. (Fak 7:2) Yihowaan kunuunsa akka abbaatti Israaʼelootaaf godhu ibsuuf, Keessa Deebii 32:10​rratti “akka qaroo ija isaatti” akka isaan eegu dubbateera. Daawit Yihowaan akka “qaroo ija” isaatti akka isa eeguu fi akka isa kunuunsu kadhateera. (Far 17:8) Daawit diinonni isaa yeroo isa haleelan Yihowaan dafee tarkaanfii akka isaaf fudhatu barbaadee ture. (Zak 2:8 wajjin wal bira qabii ilaali; iddoo kanatti jechi afaan Ibrootaa ba·vathʹ ʽaʹyin, jedhu “ija” jedhameera.)—EYE isa jedhu ilaali.

BITOOTESSA 11-17

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 18

“Yihowaan . . . Isa na Oolchu dha”

w09-AM 5/1 14 key. 4-5

Dubbii Qolaa Kitaaba Qulqulluu Keessatti Argamu ni Hubattaa?

Kana malees, Kitaabni Qulqulluun Yihowaa wantoota lubbuu hin qabnee wajjin wal bira qabee ibsa. Yihowaan ‘qarsaa Israaʼel,’ “kattaa” akkasumas “dahoo” akka taʼe ibsameera. (2 Saamuʼel 23:3; Faarfannaa 18:2; Keessa Deebii 32:4) Wanti Yihowaa wantoota kanaa wajjin wal fakkeessu maalidha? Akkuma qarsaan tokko iddoo isaatii hin sochoone, Yihowaanis dahoo amansiisaa siif taʼa.

5 Kitaabni Faarfannaa, dubbiiwwan qolaa amalawwan Yihowaa adda addaa ibsaniin kan guutamedha. Fakkeenyaaf, Yihowaan madda ifaa, jireenyaa, humnaa fi eegumsaa waan taʼeef, Faarfannaa 84:11 irratti “aduu fi gaachana” akka taʼe ibsameera. Faarfannaan 121:5 immoo “Yihowaan karaa harka mirgaa keetiin gaaddisa siif taʼa” jedha. Akkuma gaaddisni aduu cimaarraa nu eegu, Yihowaanis tajaajiltoota isaa ‘harka’ ykn “qoochoo” isaa jala galchuudhaan rakkina akka hoʼa cimaa nama waxaluu taʼe irraa gaaddisa isaaniif taʼa.—Isaayyaas 51:16; Faarfannaa 17:8; 36:7.

it-2-E 1161 key. 7

Sagalee

Waaqayyo sagalee tajaajiltoota isaa ni dhagaʼa. Namoonni hafuuraa fi dhugaadhaan Waaqa tajaajilan, afaan kamiinuu yoo isa waammatan sagalee isaanii akka inni dhagaʼu mirkanaaʼoo taʼuudhaan isa waammachuu dandaʼu. Kana malees, sagalee utuu hin dhageessisin yoo isa kadhannellee, Waaqni inni garaa namaa beeku nu ‘dhagaʼa’ ykn xiyyeeffannaa nuu kenna. (Far 66:19; 86:6; 116:1; 1Sa 1:13; Nah 2:4) Waaqayyo iyya namoonni rakkatan gargaarsaaf dhageessisan ni dhagaʼa; akkasumas sagalee namoota isa mormanii fi tajaajiltoota isaarratti hamaa raawwachuu barbaadanii ni dhagaʼa, yaada isaaniis beeka.—Uma 21:17; Far 55:18, 19; 69:33; 94:9-11; Er 23:25.

w22.04 3 key. 1

Dhiphina Dandamachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

2. Xiinxali. Duubatti deebitee waaʼee jireenya keetii yeroo yaaddu, gargaarsa Yihowaa utuu argachuu baattee rakkinoota si mudatan matumaa dandamachuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼamaa? Yihowaan nuunis taʼe tajaajiltoota isaa kan biroo akkamitti akka gargaare xiinxaluun keenya, keessa keenyatti cimina akka qabaannu godha, akkasumas amanannaa isarratti qabnu nuuf guddisa. (Far. 18:17-19) Jaarsi gumii Joshuwaa jedhamu, “Kadhannaawwan koo keessaa warra deebii argatan nan galmeeffadha. Akkana gochuun koo Yihowaa maalfaa akkan gaafadhee fi innis wantuma na barbaachisu akka naaf kenne na yaadachiisa” jedheera. Eeyyee, wanta Yihowaan nuu godhe irratti yaaduun keenya cimina dhiphina keenya dandamachuuf nu barbaachisu nuuf argamsiisa.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

it-1-E 432 key. 2

Kiruubel

Akka namoonni tokko tokko jedhanitti bocni Kiruubelotaa kun, qaamota sodaachisoo uumamawwan qoochoo qaban fakkeeffamanii hojjetamanii fi saboonni waaqolii tolfamoo waaqeffatan waaqeffachaa turan kan argisiisan miti. Akka aadaan Yihudootaa namoonni baayʼeen irratti walii galan ibsutti (Kitaabni Qulqulluun dhimma kana irratti homaayyuu hin jedhu) Kiruubelonni kun nama fakkaatu. Bocawwan kun baayʼee miidhagfamanii kan hojjetaman yommuu taʼu maleekota ulfina guddaa qaban argisiisu; kan hojjetamanis “akkuma pilaanii” Yihowaan Museetti kenneetti ture. (Bau 25:9) Phaawulos ergamaan bocawwan kana ‘kiruubelota ulfina qabeeyyii taʼanii fi qadaada araaraa golgan’ jedhee ibseera. (Ibr 9:5) Kiruubelonni kun mulʼachuu Yihowaa wajjin wal qabatee kan ibsaman siʼa taʼu, isaaniin ilaalchisee Yihowaan, ‘achitti isatti akka mulʼatu; qadaadicha gubbaa irraas isaa wajjin akka dubbatuu fi Kiruubelota lamaan warra taabota Dhugaa Baatuu sana irra jiran gidduudhaa akka isatti dubbatu’ ibseera. (Bau 25:22; Lak 7:89) Kanaaf Yihowaan ‘kiruubelotaa ol [ykn, gidduu] taaʼa’ jedhameera. (1Sa 4:4; 2Sa 6:2; 2Mo 19:15; 1Se 13:6; Far 80:1; 99:1; Isa 37:16) Kiruubelonni “gaarii fardaa” Yihowaan gulufu, (1Se 28:18) qoochoowwan kiruubelotaa immoo eegumsa gochuu fi saffisaan imaluuf akka tajaajilan fakkeenyaan ibsameera. Kanaafuu Daawit, faarfannaa isaa irratti saffisa Yihowaan ittiin isa gargaaruuf dhufe argisiisuuf, Yihowaan ‘kiruubelirra’ ykn ‘qoochoowwan uumama hafuuraa irra taaʼee barrisaa akka dhufe’ ibseera.—2Sa 22:11; Far 18:10.

BITOOTESSA 18-24

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 19-21

“Samiiwwan Ulfina Waaqayyoo Labsu”

w04-AM 1/1 8 key. 1-2

Namni Hundi Ulfina Yihowaa Haa Labsu

DAAWIT naannoo Beetaliheemitti kan guddate siʼa taʼu tiksee ture. Halkan yeroo sagaleen tokkollee hin dhagaʼamnetti, hoolota abbaasaa yommuu eegu yeroo hedduu urjiiwwan samiirra guutan ilaaluudhaan dinqisiifatee taʼuu qaba! Hafuura Waaqayyootiin geggeeffame faarfannaa 19 yeroo qindeessee fi yeroo faarfatetti, wantoonni inni ilaale kun gara sammuusaatti dhufanii taʼuu hin oolu. Akkas jedhee faarfateera: “Samiiwwan ulfina Waaqayyoo ni labsu; hawaan hojii harka isaa ni lallaba. Sagaleen isaanii guutummaa lafaa irratti, ergaan isaaniis hamma andaara lafaatti dhagaʼameera.”—Faarfannaa 19:1, 4.

2 Samiiwwan warri Yihowaan ajaaʼibsiisoo godhee isaan uume, sagalee utuu hin dhageessisin, akkasumas utuu hin dubbatin halkanii fi guyyaa ulfina isaa labsu. Samiiwwan utuu addaan hin kutin ulfina Yihowaa labsu; namni hundi akka dhagaʼutti labsii isaan “guutummaa lafaa” irratti labsan kanarratti xiinxaluun keenya akka gad of qabnu nu godha. Taʼus dhugaa baʼiinsi uumamni utuu sagalee hin dhageessisin kennu gaʼaa miti. Namoonni amanamoonis sagalee isaanii dhageessisuudhaan dhugaa baʼiinsa uumamni kennuuf deggersa akka godhan gorfamaniiru. Faarfataan maqaansaa hin ibsamne tokko, “Ulfinaa fi jabina isaatiif wanta isaaf malu Yihowaadhaaf kennaa. Ulfina maqaa isaatiif malu Yihowaadhaaf kennaa” jechuudhaan tajaajiltoota amanamoo jajjabeesseera. (Faarfannaa 96:7, 8) Namoonni Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qaban gorsa kana gammachuudhaan fudhatu. Haataʼu malee, Yihowaadhaaf ulfina kennuun maalfaa dabalata?

w04-AM 6/1 10-11 key. 8-10

Uumamni Ulfina Waaqayyoo Labsa!

8 Daawit itti aansuudhaan waaʼee uumama Yihowaa dinqisiisaa taʼe kan biraa dubbateera. Akkas jedheera: “Inni samii irratti aduudhaaf dunkaana dhaabeera; ishiin akka misirroo diinqa misirroo keessaa baʼuu ti; Akka goota dorgommii fiigichaa fiigaa jiruuttis ni gammaddi. Ishiin fiixee samii isa tokko irraan baatee gara fiixee isa kaaniitti naannofti; wanti hoʼa ishii jalaa dhokatu tokko illees hin jiru.”—Faarfannaa 19:4-6.

9 Aduun urjiilee kan biroo wajjin yommuu wal bira qabamtu hangi ishee giddu galeessadha. Taʼus uumama ajaaʼibaa waan taateef pilaanetoonni isheetti naannaʼan ishee wajjin yommuu wal bira qabaman baayʼee xixinnoodha. Qorannoon tokko ulfaatinni ishee toonii biliyoona 2 siʼa biliyoona siʼa biliyoona akka taʼe ibseera. Kunimmoo ulfaatina wantoonni sirna aduu keenya keessa jiran walumatti qaban keessaa parsantii 99.9 dha. Humni harkisaa aduun qabdu lafti isheen kiilomeetira miliyoona 150 irraa fagaattee jirtu utuu baayʼee itti hin dhihaatin, akkasumas utuu irraa hin fagaatin oorbiitii ishee eeggattee akka naannoftu godha. Humna aduun maddisiistu keessaa gara lafa keenyaa kan dhufu biliyoona lama keessaa harka tokko qofadha; haataʼu malee kun jireenyi lafarratti akka itti fufu gochuuf gaʼaadha.

10 Faarfatichi aduun “goota” guyyaa andaara samii tokkoo gara isa kan biraatti fiigdu, yeroo dhihu immoo “dunkaana” keessa seentu akka taatetti fakkeenyaan ibseera. Urjii guddoon kun yeroo lixxu nama lafa dhaabbatee ilaalutti boqochuuf “dunkaana” keessa kan seentu fakkaatti, yeroo bariʼu immoo “misirroo diinqa misirroo keessaa baʼu” fakkaatee mulʼatti. Daawit tiksee waan tureef galgala baayʼee akka qorru beeka. (Uumama 31:40) Carallaan aduu isas taʼe naannoo isaa dafee akka hoʼisu ni yaadata ture. Aduun bahaa dhihatti ‘naannaʼuu’ dadhabdee hin beektu, kanaa mannaa, akka ‘gootaa’ irraa deebitee naannaʼuuf yeroo hundumaa qophooftuudha.

g95-E 11/8 7 key. 3

Bara Keenyatti Artiistii Baayʼee Dagatame

Dinqisiifannaa aartii uumama irratti mulʼatuuf qabnu guddifachuun keenya, Uumaa keenya isa hojiin harkasaa nutti marsee jiru beekuuf nu gargaaraa. Yesuus yeroo tokko abaaboowwan dirree keessaa naannoo Galiilaa jiran sirriitti akka ilaalan barattoota isaatti himee ture. “Abaaboowwan dirree keessaa akkamitti akka guddatan ilaalaatii irraa baradhaa; isaan hin dhamaʼan, hin foʼanis; ani garuu isinitti nan hima, Solomoon illee ulfina sana hundumaa utuu qabuu, isaan keessaa hamma ishii tokkoo hin miidhagne” isaaniin jedheera. (Maatewos 6:28, 29) Miidhaginni abaaboo dirree keessa jirtu tokkorratti mulʼatu Waaqayyo fedhii namootaatiif akka yaadu nu yaadachiisu dandaʼa.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

it-1-E 1073

Afaan Ibrootaa, II

Malli walaloon afaan Ibrootaa ittiin barreeffamuu fi sinteetik (ykn, foormaal, konstiraaktiiv) paaralaliizim jedhamu jira. Yeroo akkasiitti yaadni toora isa lammaffaa irra jiru yaada toora isa jalqabaarra jiru wajjin wal hin fakkaatu ykn faallaasaa miti. Kanaa mannaa yaada jalqabaa babalʼisa ykn yaada haaraa itti dabala. Faarfannaan 19:7-9 kanaaf fakkeenyadha:

Seerri Yihowaa mudaa hin qabu,

humna namaa haaressa.

Yaadachiisni Yihowaa kan amanamu dha,

isa muuxannoo hin qabne ogeessa godha.

Qajeelfamni Yihowaa qajeelaa dha,

garaa namaa gammachiisa;

Ajajni Yihowaa qulqulluu dha,

ija namaa ibsa.

Yihowaa sodaachuun taliila,

bara baraaf jiraata.

Murtiiwwan Yihowaa dhugaa dha;

guutummaatti qajeeloo dha.

Himni ykn gaaleen inni lammataa hundi yaadicha guutuu godha; kanaafuu, guutummaan walalichaa yaada lamaan walitti fiduudhaan guutuu taʼa. Namni dubbisu tokko ‘seerri Yihowaa mudaa akka hin qabne’ fi ‘yaadachiisni Yihowaa kan amanamu’ akkamitti akka taʼe beekuu kan dandaʼu, toora warra lammaffaa kan akka ‘humna namaa haaressaa’ fi “isa muuxannoo hin qabne ogeessa godha” jedhan yoo dubbise qofadha. Mala sinteetik paaralaliizim jedhamu akkasii irratti, kutaan inni jalqabaa fi inni lammataa waliin taʼuudhaan buufata uumu. Haala kanaan yaadichi gabbataa deemee walaloo bifa tokko qabu taʼuudhaan paaralal isa jedhamu uuma. Kanaan kan kaʼes, malli kun yeroo tokko tokko foormaal ykn konstiraaktiiv paaralaliizim jedhama.

BITOOTESSA 25-31

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 22

Kitaabni Qulqulluun Wantoota Duʼa Yesuusii Wajjin Wal Qabatan Hedduu Dursee Dubbateera

w11 8/15 15 key. 16

Masiihicha Argataniiru!

16 Masiihichi Waaqayyo kan isa dhiise fakkaata ture. (Faarfannaa 22:1 dubbisi.) Akkuma raajiidhaan dubbatame, “Saʼaatii sagalittis Yesus sagalee guddaadhaan, ‘Eloʼii, Eloʼii lamaa sabaktanii?’ jedhee waammate; kunis, ‘Waaqayyo ko, Waaqayyo ko maaliif na dhiifte?’ jechuutti in hiikama.” (Mar. 15:34) Yesus kana kan dubbate amantaa Abbaasaa isa samiirratti qabu waan dhabeef hin turre. Waaqayyo Yesusiif eegumsa gochuu dhiisuudhaan diinotasaatti dabarsee kan isa dhiise, amanamummaansaa guutummaatti akka qoramuuf jedhee taʼuu dandaʼa. Yesus sagalee guddaadhaan yeroo dubbatetti raajiin Faarfannaa 22:1​rra jiru raawwatameera.

w11 8/15 15 key. 13

Masiihicha Argataniiru!

13 Daawit, Masiihichatti akka gaʼifamu raajii dubbatee ture. (Faarfannaa 22:7, 8 dubbisi.) Yesus mukarratti fannifamee utuu dhiphachaa jiruu akka arrabsame Maatewos yeroo ibsu akkas jedhee dubbateera: “Warri achiin darbanis mataa isaanii raasanii, ‘Ati isa mana qulqullummaa jigsitee, guyyaa sadiitti ijaartu, ilma Waaqayyoo yoo taate mee of oolchi! Fannoo irraas gad buʼi!’ jedhanii in arrabsu turan.” Luboonni warri angafoonni, barsiisonni seeraafi maanguddoonnis akkas jedhanii itti gaʼisan: “Inni namoota biraa oolcheera, ofii isaa immoo oolchuu hin dandaʼu. Inni mootii Israaʼel erga taʼee, mee amma fannoo irraa gad haa buʼu nus isatti in amanna. Inni Waaqayyoon amanateera, Waaqayyo immoo yoo isatti gammade isa haa oolchu; innumtuu ‘Ani ilma Waaqayyoo ti’ jedheera jedhan.” (Mat. 27:39-43) Yesus dhiphatus, wanta isarra gaʼe hunda obseera; wanti hamaanis afaansaa keessaa hin baane. Inni fakkeenya guddaa nuuf taʼa!

w11 8/15 15 key. 14

Masiihicha Argataniiru!

14 Wayyaa Masiihichaa fudhachuuf muka buufatu. Faarfatichi, “Isaan uffata koo in hirmaatan, wayyaa koottis muka in buufatan” jedhee barreesseera. (Far. 22:18) Wanti raawwatames kanuma ture: “[Loltoonni Roomaa] erga isa fannisanii booddee muka buufatanii uffata [Yesus] hirmaatan.”—Mat. 27:35; Yohannis 19:23, 24 dubbisi.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w06 11/1 28 key. 7

Walgaʼiiwwan Keenya Warra Qulqulluu Taʼaniif Ulfina Kennuu

7 Walgaʼiiwwan keenyaaf ulfina akka kenninu karaawwan adda addaatiin ifatti argisiisuu dandeenya. Karaan inni tokko, yeroodhaan argamanii faarfannaa Mootummichaarratti hirmaachuudha. Faarfannaawwan kun baayʼeensaanii akka kadhannaatti kan dhihaatan waan taʼaniif ulfina guddaadhaan faarfatamuu qabu. Phaawulos ergamaan Faarfannaa 22​rraa caqasuudhaan waaʼee Yesus akkas jechuudhaan barreesseera: “Obboloota kootti maqaa kee nan beeksisa, waldaa keessattis sin faarfadha.” (Ibroota 2:12) Kanaaf, dura taaʼaan sagantichaa faarfannaa faarfatamu utuu hin beeksisin teessuma keenya qabachuufi yeroo faarfannu hiika jechoota achirra jiranirratti xiinxalaa faarfachuuf murtoo gochuu qabna. Faarfannaan keenya miira faarfatichaa isa akkas jedhu kan argisiisu haa taʼu: “Walgaʼii gara-qajeelotaa keessatti, waldicha keessattis Waaqayyoon garaa guutuudhaan nan galateeffadha!” (Faarfannaa 111:1) Eeyyee, faarfannaan galataa Yihowaadhaaf dhiheessinu, utuu saʼaatiin walgaʼiiwwan keenyaa hin gaʼin dursanii argamuufi hanga xumuraatti turuuf sababii gaarii taʼa.

w03-AM 9/1 20 key. 1

“Gumii Gidduutti” Yihowaa Jajadhaa

Akkuma bara duriitti ture, Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiranis “gumii gidduutti” amantii isaanii ibsachuuf carraa qabu. Kiristiyaanonni hundi walgaʼii gumiirratti gaaffii dhihaatuuf deebii kennuudhaan amantii isaani ibsuu dandaʼu. Faayidaa walgaʼiirratti yaada kennuun qabu matumaa salphisnee ilaaluu hin qabnu. Fakkeenyaaf, yaadawwan rakkoowwan akkamitti dandamachuu ykn hambisuun akka dandaʼamu ilaalchisee kennaman murtoo obboloonni qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu hordofuuf godhan isaaniif cimsu. Caqasoota boqonnaa fi lakkoofsi isaanii qofti kenname ibsuun, akkasumas yaada dhuunfaatti qorannaa gochuudhaan arganne itti daballee yaada kennuun obboloonni barsiifata qoʼannaa gaarii akka qabaatan isaan jajjabeessa.

EBLA 1-7

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 23-25

“Yihowaan Tiksee Koo Ti”

w11-AM 5/1 31 key. 3

“Yihowaan Tiksee Koo Ti”

Yihowaan hoolota isaa ni geggeessa. Hoolonni tiksee hin qabne baduu dandaʼu. Nutis daandii jireenyaa isa sirrii argachuuf gargaarsi nu barbaachisa. (Ermiyaas 10:23) Akkuma Daawit ibse Yihowaan saba isaa gara “kaloo lalisaa” fi “iddoo boqonnaa bishaan baayʼee qabutti” ni geessa. Kana malees, ‘daandii qajeelummaa irra isaan ni geggeessa.’ (Lakkoofsa 2, 3) Yaadni waaʼee kaloo lalisaa ibsu kun Yihowaatti amanamuu akka dandeenyu nuuf mirkaneessa. Akkuma Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame, qajeelfama hafuura isaa kan hordofnu yoo taʼe, jireenyi keenya gammachiisaa taʼa, boqonnaa arganna, akkasumas tasgabbii ni qabaanna.

w11-AM 5/1 31 key. 4

“Yihowaan Tiksee Koo Ti”

Yihowaan hoolotasaa ni eega. Hoolonni tiksee hin qaban taanaa ni rifatu, akkasumas balaa ofirraa ittisuu hin dandaʼan. Yihowaan sabnisaa sodaachuu akka hin qabne dubbateera, ‘sulula dukkanaaʼaa keessa yoo deemanillee,’ jechuunis jireenyasaanii keessatti wanti baayʼee abdii nama kutachiisu yoo isaan mudatellee sodaachuu akka hin qabne ibseera. (Lakkoofsa 4) Yihowaan isaan gargaaruuf yeroo hundumaa qophaaʼaa waan taʼeef ija isaatiin isaan hordofa. Ogummaa fi jabina tajaajiltoonni isaa qorumsa isaan mudatu moʼuuf isaan barbaachisu isaaniif kennuu ni dandaʼa.—Filiphisiyus 4:13; Yaaqoob 1:2-5.

w11-AM 5/1 31 key. 5

“Yihowaan Tiksee Koo Ti”

Yihowaan hoolotasaa ni soora. Hoolonni ofuma isaaniitiin bakka nyaanni jiru deemuu waan hin dandeenyeef tikseen isaan barbaachisa. Nutis fedhii hafuuraa keenya guuttachuu kan dandeenyu gargaarsa Waaqaatiin qofadha. (Maatewos 5:3) Kan nama gammachiisu garuu Yihowaan arjaa waan taʼeef, tajaajiltoota isaatiif nyaata hedduu ni kenna. (Lakkoofsa 5) Kitaabni Qulqulluunii fi barreeffamoonni Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf si gargaaran kan akka amma dubbisaa jirtuu, nyaata hafuuraa waan taʼaniif, kaayyoo jireenyaa fi kaayyoo Waaqayyo nuuf qabu beekuuf nu gargaaru.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w11 2/15 24 key. 1-3

Garaakee Guutuu Qajeelina Jaalladhu

YIHOWAAN Dubbiisaafi hafuura qulqulluutti fayyadamee sabasaa “daandii qajeelaa irra” isaan geggeessa. (Far. 23:3) Haataʼu malee, cubbamoota waan taaneef, daandii kanarraa jalʼachuutti ariifanna. Wanta sirrii taʼe hojjechuutti deebiʼuun carraaqqii cimaa gaafata. Gama kanaan milkaaʼina argachuuf maaltu nu gargaara? Akkuma Yesus wanta qajeelaa hojjechuu jaallachuu qabna.—Faarfannaa 45:7 dubbisi.

2 “Daandii qajeelaa” kan jedhame maalidha? Daandiin asirratti caqasame karaa miillaa dhiphaa taʼedha. ‘Daandiin’ kun, seera buʼuuraa Yihowaan qajeelummaadhaaf baaserratti kan hundaaʼedha. Jechi afaan Ibrootaafi afaan Giriikii “qajeelina” jedhu, wanta “sirrii” taʼe kan argisiisu yommuu taʼu, kunis seerawwan buʼuuraa amala ilaalchisee baʼan cimsanii hordofuu argisiisa. Yihowaan “qajeelaa” waan taʼeef, waaqeffattoonnisaa karaa amalaa daandiin sirrii taʼeefi hordofuu qaban isa kam akka taʼe isaaniif murteessuunsaa isaan gammachiisa.—Far. 11:7.

3 Guutummaatti Waaqayyoon gammachiisuu kan dandeenyu, seerawwan buʼuuraa inni qajeelinaaf baasee wajjin walsimuuf garaadhaa kan carraaqnu yoo taʼe qofadha. (Kes. 32:4) Kunis, Macaafa Qulqulluu keessaa waaʼee Yihowaa hamma dandeenye barachuudhaan jalqaba. Waaʼeesaa caalaatti barachaa yommuu adeemnu, guyyaa guyyaadhaan caalaatti isatti dhihaachuudhaan, qajeelinasaa jaallachaa adeemna. (Yaq. 4:8) Jireenya keenya keessatti murtoo cimaa gochuun yommuu nu barbaachisuttis, qajeelfama Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame keessa jiru fudhachuu qabna.

EBLA 8-14

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 26-28

Daawit Amanamummaa Isaa Cimsachuuf Maal Godhe?

w04-AM 12/1 14 key. 8-9

Amanamaa Taʼii Jiraadhu

8 Daawit, “Yaa Yihowaa, na sakattaʼi, na qoris; yaada keessa koo jiruu fi garaa koo qulqulleessi” jedhee kadhateera. (Faarfannaa 26:2) Kaleen kutaa qaama keenyaa isa keessaa keessatti argama. Kaleen akka fakkeenyaatti yaadaa fi miira namaa argisiisa. Garaan inni fakkeenyaan ibsames keessa nama tokkoo, jechuunis yaadasaa, miirasaa fi dandeettii isaa argisiisa. Daawit Yihowaan akka isa qoru yeroo kadhatu, yaada isaa fi miirasaa sirriitti akka isaaf ilaalu gaafachuu isaa ture.

9 Daawit Yihowaan kaleesaa fi garaa isaa akka isaaf qulqulleessu kadhateera. Yihowaan keessa keenya kan nuuf qulqulleessu akkamitti? Daawit, “Yihowaa isa gorsa naaf kenne nan jajadha. Halkan illee yaanni keessa koo jiru na sirreessa” jedhee faarfateera. (Faarfannaa 16:7) Kana jechuun maal jechuudha? Gorsi Yihowaan kenne keessa isaa seenee achi taaʼuudhaan yaadasaa fi miirasaa akka isaaf sirreessu kadhachuusaa taʼuu dandaʼa. Nutis gorsa Yihowaan karaa dubbisaa, karaa namoota inni itti fayyadamuu fi karaa jaarmiyaasaa nuu kennu irratti kan xiinxalluu fi keessa keenya akka taaʼu kan goonu yoo taʼe keessa namummaa keenya nuuf sirreessa. Haala kanaan Yihowaan akka nu qulqulleessu kan kadhannu yoo taʼe amanamoo taanee jiraachuu dandeenya.

w04-AM 12/1 15 key. 12-13

Amanamaa Taʼii Jiraadhu

12 Daawit wanta amanamummaa isaa isaaf cimse kan biraa yommuu dubbatu, “Namoota gowwoomsaa raawwatanii wajjin michuu hin taʼu, warra eenyummaa isaanii dhoksan irraas nan fagaadha. Namoota hamoo taʼanii wajjin taʼuu nan jibba, namoota jalʼoo taʼanii wajjin michuu taʼuus hin barbaadu” jedheera. (Faarfannaa 26:4, 5) Daawit hamootaa wajjin hin taaʼu ture. Namoota hamootti hin michoomne.

13 Nutoo? Namoota hamoo karaa televijiinii, karaa fiilmii, karaa Intarneetii ykn karaa kan biraatiin dhihaatanii wajjin taaʼuu ni didnaa? Namoota eenyummaa isaanii dhoksan irraa ni fagaannaa? Namoonni tokko tokko mana barumsaatti ykn bakka hojiitti kaayyoo isaanii isa dhokataa galmaan gaʼuuf michoota keenya fakkaatanii nutti dhihaachuu dandaʼu. Namoota dhugaa Waaqayyootiin hin jiraanne wajjin michummaa cimaa uumuu ni barbaannaa? Gantoonni qajeeloo ykn hammina kan hin qabne yoo fakkaatanillee, kaayyoon isaanii inni guddaan Yihowaa irraa nu fageessuudha. Gumii keessa namoonni fakkeessanii jiraatan yoo jiraatan hoo? Isaanis eenyummaa isaanii isa dhugaa ni dhoksu. Jeesan inni yeroo amma tajaajilaa gumii taʼe, dargaggeessa yeroo ture michoota akkasii qaba ture. Waaʼee isaanii akkas jedheera: “Hiriyoota koo kana keessaa inni tokko guyyaa tokko ‘sirni haaraan yommuu dhufu balleeffamuun keenya waan hin oolleef, amma maaliyyuu yoo goone jijjiirama hin qabu. Takkaa duunaan immoo sirna haaraa keessatti wanta nutti hafellee hin beeknu’ naan jedhe. Dubbiin isaa kun tarkaanfii fudhachuu akkan qabu na hubachiise. Animmoo sirni haaraan yommuu dhufu duʼuu hin barbaadu.” Jeesan hariiroo dargaggoota akkasii wajjin qabu addaan kute. Phaawulos ergamaan, “Hin dogoggorinaa. Hiriyummaa gadheen amala gaarii mancaasa” jedhee akeekkachiiseera. (1 Qorontos 15:33) Michoota hamoorraa fagaachuun keenya baayʼee barbaachisaadha!

w04-AM 12/1 16 key. 17-18

Amanamaa Taʼii Jiraadhu

17 Godoo qulqulluun bakki iddoon aarsaa itti argamu Israaʼel keessatti wiirtuu waaqeffannaa Yihowaa ture. Daawit gammachuu iddoo akkasiitti argamuun isaaf argamsiisu yommuu ibsu, “Yaa Yihowaa, mana ati keessa jiraattu, bakka ulfinni kee jirus nan jaalladha” jedheera.—Faarfannaa 26:8.

18 Bakka barumsi Yihowaa itti kennamutti walgaʼuun nu gammachiisaa? Tokkoon tokkoon Galma Walgaʼii bakka yeroo hundumaa barumsi hafuuraa itti kennamu waan taʼeef wiirtuu waaqeffannaa taʼee tajaajila. Kana malees waggaa waggaadhaan walgaʼii koonyaa, walgaʼii aanaa fi walgaʼii addaa ni godhannaa. Walgaʼiiwwan kanarratti “yaadachiisawwan” Yihowaa baranna. Yaadachiisawwan Yihowaa ‘baayʼee jaallanna’ yoo taʼe yeroo hunda walgaʼiirratti argamna, akkasumas xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffanna. (Faarfannaa 119:167) Obboloota nageenya keenyaaf yaadanii fi amanamoo taanee akka jiraannu nu jajjabeessanii wajjin walitti qabamuun nu gammachiisa!—Ibroota 10:24, 25.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w06 8/1 19 key. 15

Yihowaan Namoota Rakkatan Ni Gargaara

15 Daawit akkas jechuudhaan faarfateera: “Abbaan koo fi haati koo yommuu na dhiisan, Waaqayyo immoo simee ana in fudhata.” (Faarfannaa 27:10) Jaalalli Yihowaan nuuf qabu jaalala maatii kamiyyuu akka caalu beekuun baayʼee kan nama gammachiisu mitii? Warrikee si dhiisuunsaanii, si miidhuunsaanii ykn miirakeerratti dhiibbaa geessisuunsaanii ulfaataa taʼus, haalli akkasii kun jaalala Yihowaan siif qaburratti jijjiirama hin fidu. (Roomaa 8:38, 39) Yihowaan namoota jaallatu garasaatti akka harkisu yaadadhu. (Yohaannis 3:16; 6:44) Ilaalchi namoonni siif qaban maaliyyuu yoo taʼe, Abbaankee inni samii si jaallata!

EBLA 15-21

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 29-31

Adabni, Karaa Waaqayyo Jaalala Itti Argisiisudha

it-1-E 802 key. 3

Fuula

‘Fuula dhoksuun’ akka haalasaatti hiika garaa garaa qaba. Yihowaan fuulasaa dhokse yommuu jedhamu yeroo baayʼee surraa isaa ykn humnasaa dhowwate jechuudha. Kana kan godhu namni tokko ykn gareen namootaa kan akka saba Israaʼel utuu hin ajajamin waan hafaniif taʼuu dandaʼa. (Iyo 34:29; Far 30:5-8; Isa 54:8; 59:2) Yeroo tokko tokkommoo yeroon inni murteesse waan hin geenyeef, gocha isaatiin ykn deebii kennuun of mulʼisuu dhiisuusaa argisiisa. (Far 13:1-3) Daawit “Fuula kee cubbuu koo irraa garagalchi” jedhee yommuu kadhatu Waaqayyo cubbuu isaa akka isaaf dhiisu ykn haqu gaafachuusaa ture.—Far 51:9; Far 10:11 wajjin wal bira qabii ilaali.

w07-AM 3/1 19 key. 1

Gammachuudhaan Yihowaa eeggadhu

Faayidaan adaba Yihowaan nuu kennurraa argannu karaa itti firiin tokko bilchaatuu wajjin wal fakkaata. Adaba Waaqayyo kennu ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun, “warra ittiin leenjifamaniif firii qajeelummaa isa nagaa isaaniif argamsiisa” jedha. (Ibroota 12:11) Akkuma firiin tokko bilchaachuuf yeroon isa barbaachisu nutis leenjii waaqayyo nuu kennu fudhannee ilaalcha keenya sirreessuuf yeroo nutti fudhata. Fakkeenyaaf, Yihowaa eeggachuuf fedhii qabaachuun keenya, balleessaa raawwachuu keenyaan kan kaʼe mirgawwan gumii keessatti qabnu tokko tokko yoo dhabne akka abdii hin kutanne nu gargaara. Haalawwan akkasii keessatti yaadni Daawit geggeessaa hafuuraatiin, “dheekkamsi [Waaqaa] yeroo muraasaaf qofa tura, gaarummaan isaa garuu bara baraaf tura. Galgala booʼichi dhufuu dandaʼa, ganama garuu ililchatu jira” jechuudhaan barreesse nu jajjabeessa. (Faarfannaa 30:5) Yihowaa obsaan eeggachuu yoo barannee fi gorsa Dubbiisaa fi jaarmiyaa isaarraa argannu yoo hojiirra oolchine yeroon itti ‘ililchinu’ ni dhufa.

w21.10 6 key. 18

Garaadhaa Yaada Geddarachuu Jechuun Maal Jechuu Dha?

18 Namni gumiidhaa baafame tokko garaadhaa yaada geddarachuu isaa argisiisuuf yeroo hundumaa walgaʼii irratti argamuu fi gorsa jaarsoliin yeroo hundumaa akka kadhatuu fi qoʼannaa dhuunfaa akka godhatu isaaf kennan hojii irra oolchuu qaba. Wanta cubbuu duraan raawwatetti akka deebiʼu isa gochuu dandaʼu irraa fagaachuufis carraaqqii cimaa gochuu qaba. Michummaa Yihowaa wajjin qabu haareffachuuf jabaatee yoo hojjete, inni guutummaatti dhiifama akka isaaf godhuu fi jaarsoliin gara gumiitti akka isa deebisan mirkanaaʼaa taʼuu dandaʼa. Jaarsoliin dhimma nama balleessaa raawwate tokkoo yeroo ilaalanitti dhimma hundumaa karaa tokkoon ilaaluu akka hin qabne ni hubatu, murtoo gara jabinaa dabarsuu irraas of qusatu.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w06-E 5/15 19 key. 13

Yaadawwan Ijoo Kutaa Tokkoffaa Kitaaba Faarfannaa

31:23—Yihowaan nama of tuulu tokko akka malee ykn adabbii guddaa kan adabu akkamitti? Yihowaan namni qajeelaan tokko dogoggora yommuu raawwatu gorsa isaaf kennuudhaan isa adaba. Namni of tuulu garuu daandii dogoggoraa irraa waan hin deebineef akka malee ykn adaba guddaa adabama.—Fakkeenya 11:31; 1 Pheexiros 4:18.

EBLA 22-28

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 32-33

Cubbuu Cimaa Himachuu Kan Qabnu Maaliifi?

w93-AM 3/15 9 key. 7

Gara Laafinni Yihowaa Abdii Kutachuurraa nu Oolcha

7 Cubbuu cimaa hojjennee turre taanaan cubbuu keenya Yihowaatti himachuun illee nutti ulfaachuu dandaʼa. Haala akkasii keessa yoo seenne maaltu nurra gaʼuu dandaʼa? Daawit Faarfannaa 32​rratti, “Yommuun calluma jedhetti [himachuu dhiiseetti], guyyaa guutuu aaduu kootiin kan kaʼe lafeen koo ni dhume. Sababiin isaas, halkanii fi guyyaa harki [Yihowaa] natti ulfaateera. Jabinni koo akkuma bishaan hoʼa bonaa keessa jiruutti hurkeera” jechuudhaan miira isatti dhagaʼame dubbateera. (Lakkoofsa 3, 4) Daawit daandii Waaqaarraa yeroo goretti cubbuu raawwate dhoksuuf yaaluunsaa fi qalbiinsaa yeroo isa ceephaʼu callisee bira darbuuf yaaluunsaa isa dadhabsiisee ture. Dhiphinni isatti dhagaʼame guutummaatti humnasaa jalaa fixee waan tureef, akkuma muka gogee taʼee ture. Yeroo kanatti sammuun isaa fi qaamni isaa fayyaa dhabee taʼuu hin oolu. Sanas taʼe kana gammachuusaa dhabee ture. Haala akkasii keessa yoo seenne maal gochuu qabna?

cl 314 key. 8

Waaqa ‘Dhiifama Gochuuf Qophaaʼaa’ Taʼe

8 Daawit inni yaada geddarate, “Dhuma irratti cubbuu koo sitti nan himadhe; dogoggora koo hin dhoksine; . . . Atis dogoggora koo fi cubbuu koo naaf dhiiste” jedheera. (Faarfannaa 32:5) Jechi “dhiiste” jedhame, afaan Ibrootaatiin “kaasuu” ykn “baachuu” yaada jedhu dabarsa. As irratti jechi kun, “miira balleessaa, cubbuu fi irra daddarbaa” nama irraa kaasuu argisiisa. Kanaaf, Yihowaan cubbuu Daawit hojjete isa irraa kaasee fageessee gateera jechuu dha. Kun immoo miira balleessaa Daawit irratti feʼamee ture akka salphise hin shakkisiisu. (Faarfannaa 32:3) Nutis, Waaqa keenya isa namoota aarsaa furii Yesuusitti amanuudhaan dhiifama argachuu barbaadaniif cubbuu isaanii fageessee gatu irratti amantii cimaa qabaachuu dandeenya.—Maatewos 20:28.

w01-AM 6/1 30 key. 1

Cubbuu Himachuun Fayyina Argamsiisa

Daawit cubbuusaa erga himatee booda gatii akka hin qabne isatti hin dhagaʼamne. Faarfannaawwan waaʼee cubbuu himachuu barreesse keessatti ibsawwan inni itti fayyadame boqonnaa akka argatee fi amanamummaadhaan Waaqa tajaajiluuf akka murteesse argisiisu. Fakkeenyaaf Faarfannaa 32 ilaali. Lakkoofsi 1, “Namni balleessaan isaa isaaf dhiifame, cubbuun isaas isaaf haguugame gammadaa dha” jedha. Namni tokko cubbuun inni hojjete hammam iyyuu yoo guddaa taʼe, garaadhaa yaada yoo geddarate gammachuu argachuun isaa hin oolu. Karaan itti garaadhaa yaada akka geddaranne argisiisnu inni tokko akkuma Daawit balleessaa raawwanneef guutummaatti kan itti gaafatamu numa akka taʼe amannee fudhachuudha. (2 Saamuʼel 12:13) Daawit balleessaa tokkollee akka hin raawwanne amansiisuuf yaaluudhaan Yihowaa duratti qulqulluu of gochuuf ykn warra kaanitti qabachuuf hin yaalle. Lakkoofsi 5, “Dhuma irratti cubbuu koo sitti nan himadhe; dogoggora koo hin dhoksine. Ani, ‘balleessaa koo Yihowaatti nan himadha’ nan jedhe. Atis dogoggora koo fi cubbuu koo naaf dhiiste” jedha. Namni tokko dhugumaan yaada geddarachuun isaa cubbuu kanaan dura raawwateen kan kaʼe qalbiin isaa akka isa hin ceephaane isa gargaara.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w06-AM 5/15 20 key. 1

Yaadawwan Ijoo Kutaa Tokkoffaa Kitaaba Faarfannaa

33:6—‘Hafuurri’ afaan Yihowaa keessaa baʼu maalidha? Hafuurri kun humna Yihowaan samii ittiin uume ykn hafuura qulqulluu argisiisa. (Uumama 1:1, 2) Hafuura afaan isaatiin jedhamuun isaa akkuma hafuura cimaa, bakka fagoo deemee wanta barbaachisaa taʼe raawwachuu akka dandaʼu argisiisa.

EBLA 29–CAAMSAA 5

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 34-35

‘Yeroo Hundumaa Yihowaa Jajadhaa’

w07 3/1 23 key. 11

Walii Wajjin Maqaa Yihowaa Ol Haa Kaafnu

11 “Ani yeroo hundumaa maqaa Waaqayyoo [Yihowaa, NW] nan eebbisa, jajuun isaas takkaa afaan koo keessaa hin buʼu.” (Faarfannaa 34:1) Daawit hawaasarraa fagaatee waan jiraatuuf soora isa barbaachisu argachuu ilaalchisee wantoonni isa yaaddessan hedduun jiraachuu dandaʼu. Taʼus, yaada caqasawwan kanarratti argamanirraa hubachuun akka dandaʼamutti wantoonni kun Yihowaa akka hin jajanne isa hin dhowwine. Kun yeroo rakkoon nu mudatu dhimmawwan akkamiitiif dursa kennuu akka qabnu fakkeenya kan nuu taʼu mitii? Mana barumsaatti, bakka hojiitti, obboloota hidhata amantaa keenyaa taʼanii wajjin yeroo jiraannus taʼe, tajaajilarratti yeroo hirmaannu fedhiin keenya inni guddaan Yihowaa jajachuu taʼuu qaba. Sababiiwwan hedduu akkas akka goonu nu kakaasan mee yaadi! Fakkeenyaaf, gammachuun wantoota dinqisiisoo Yihowaan uume beekuudhaan argannu dhuma hin qabu. Kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa lafarratti argamuun wantoota hojjetaman mee yaadi! Bara keenyattis, Yihowaan hojii guddaa akka hojjetaniif namoota amanamoo gonkummaa hin qabnetti fayyadameera. Hojiin Waaqayyoo kun, hojii namoota addunyaarratti beekamoo taʼan hojjetanii wajjin yeroo waliin ilaalamu maal fakkaata? Yaada Daawit: “Waaqayyolii keessa kan akka kee tokko illee hin jiru, yaa gooftaa [“Yihowaa,” NW ]! Waan hojjetame keessaas kan akka hojii kee hin jiru” jechuudhaan barreessee wajjin walii hin galtuu?—Faarfannaa 86:8.

w07 3/1 24 key. 13

Walii Wajjin Maqaa Yihowaa Ol Haa Kaafnu

13 “Lubbuun koo Waaqayyoon of in jajji, warri gadadamanis kana dhagaʼanii haa gammadan!” (Faarfannaa 34:2) Asirratti akka ibsametti Daawit wanta hojjete caqasuudhaan of hin jajne. Fakkeenyaaf, mootii Gaatiin akkamitti akka gowwoomse of tuuluudhaan hin dubbanne. Yeroo biyya Gaat keessa ture Yihowaan akka isa eege, miliquu kan dandaʼes gargaarsa Yihowaatiin taʼuusaa hubatee ture. (Fakkeenya 21:1) Kanaaf, Daawit Yihowaa jaje malee of hin jajne. Daawit Yihowaa jajachuunsaa namoonni gad of deebisan kaanis Yihowaatti akka dhihaatan godheera. Yesusis maqaa Yihowaa jajachaa kan ture yommuu taʼu, akkas gochuunsaas namoonni gad of deebisaniifi barachuuf fedhii qaban Yihowaatti akka dhihaatan godheera. Yeroo ammaattis namoonni gad of deebisaniifi saba gara garaa keessaa bobbaʼan gara gumii Kiristiyaanota dibamoo addunyaa maratti argamutti yaaʼaa kan jiran yommuu taʼu, Mataan gumii kanaas Yesusidha. (Qolosaayis 1:18) Namoonni gad of deebisan akkasii kun, tajaajiltoonnisaa yommuu maqaasaa jajan arguunsaaniifi ergaa Macaafa Qulqulluu keessatti argamu geggeessaa hafuura qulqulluutiin yommuu hubatan garaansaanii ni xuqama.—Yohaannis 6:44; Hojii Ergamootaa 16:14.

w07 3/1 25 key. 15

Walii Wajjin Maqaa Yihowaa Ol Haa Kaafnu

15 “Ani Waaqayyoon barbaaddadhe, innis ana jalaa owwaate, sodaa koo hundumaa keessaas na baase.” (Faarfannaa 34:4) Daawit wanta Yihowaan isaaf godheef bakka guddaa kenna ture. Kanaan kan kaʼes akkas jedhe: “Namichi gadadamaan kun yommuu iyyate, Waaqayyo isaaf dhagaʼe, rakkina isaa hundumaa keessaas isa in oolche.” (Faarfannaa 34:6) Nutis yommuu namoota hidhata amantaa keenyaa taʼanii wajjin taanu, haalawwan rakkisoo taʼan akka moonu Yihowaan akkamitti akka nu gargaare muuxannoowwan argisiisan dubbachuuf carraa baayʼee arganna. Wantoonni Daawit dubbate amantaa namoota isaa wajjin turanii akkuma jabeesse, nutis akkas gochuun keenya amantaa namoota hidhata amantaa keenya taʼan jabeessa. Namoonni Daawitii wajjin turaniifi ‘gara Yihowaa ilaalan, fuullisaanii ifeera! Deebiʼaniis qaaniidhaan lafa hin ilaalle.’ (Faarfannaa 34:5) Namoonni kun Saaʼol Mooticha duraa baqachaa kan turan taʼanillee hin qaanofne. Waaqayyo Daawitii wajjin akka ture waan amananiif fuullisaanii ni ifa ture. Haaluma wal fakkaatuun, namoonni haaraan fedhii argisiisanis taʼan, Kiristiyaanonni dhugaa yeroo dheeraadhaaf amanamummaasaanii eeganii jiraatan gargaarsa argachuuf gara Yihowaa ilaalu. Yihowaan dhuunfaatti waan isaan gargaareef, murtoon isaan hanga dhumaatti amanamummaasaanii eeganii jiraachuuf godhan fuulasaaniirraa calaqqisa.

Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

w06-AM 5/15 20 key. 2

Yaadawwan Ijoo Kutaa Tokkoffaa Kitaaba Faarfannaa

35:19—Daawit, namoonni isa jibban “ijaan akka walitti himan” Yihowaan akka hin heyyamne yommuu kadhatu maal jechuusaa ture? Diinonnisaa ijaan walitti himuun isaanii dabni isaan isa irratti qopheessan milkaaʼuu isaatiin akka gammadan waan argisiisuuf Daawit kun akka hin taaneef kadhateera.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi