LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lammata Dhalachuun Fayyina Argamsiisaa?
    Masaraa Eegumsaa—2009 | Adoolessa 1
    • Lammata Dhalachuun Fayyina Argamsiisaa?

      GAAFFII, “Lammata dhalateettaa?” jedhuuf deebii maalii kennita? Sabni Kiristiyaanaa miliyoonaan lakkaa’aman mamii malee “Eeyyee!” jedhanii deebisu. Lammata dhalachuun mallattoo Kiristiyaanonni dhugaa ittiin beekamaniifi karaa tokkicha fayyinni ittiin argamudha jedhanii amanu. Namoonni kun yaada geggeessaan amantii Rooberti Chaarlis Ispiraawul, “Namni tokko lammata dhalachuu baannaan, . . . Kiristiyaana hin jedhamu” jechuudhaan barreessee wajjin walii galu.

      Atoo lammata dhalachuun karaa fayyinaatti nama geessudha jettee amantaa? Taanaan, firoonniifi michoonnikee karaa kana argatanii akka irra deddeebi’an gargaaruu akka barbaaddu beekamaadha. Kana gochuuf garuu, garaagarummaa nama lammata dhalateefi hin dhalanne gidduu jiru beekuu isaan barbaachisa. Maarree lammata dhalachuun maal jechuu akka ta’e akkamitti ibsuufii dandeessa?

      Namoonni hedduun jechi “lammata dhalachuu” jedhu, nama Waaqayyoofi Kiristosiin tajaajiluuf waadaa cimaa galuudhaan hariiroo haaraa duraan hin qabne isaa wajjin uume kan argisiisudha jedhanii amanu. Galmeen jechootaa tokko akka ibsetti, namni lammata dhalate “Kiristiyaana keessumaa sirna amantii tokko booda, waadaa amantiisaatiif gale deebisee haaresse ykn akka haaraatti mirkaneessedha” jechuudhaan hiika.—Miiryaam-Weebistarsi Koollijeet Dikshinarii—Ilavanzi Eedishin.

      Hiikni galmeen jechootaa kun kenne Macaafa Qulqulluu wajjin kan wal faallessu ta’uusaa hubachuunkee si dinqisiisuu hin oolu. Lammata dhalachuu ilaalchisee barumsa sirrii Macaafni Qulqulluun barsiisu beekuu barbaaddaa? Dhimma kana gadi fageenyaan qoruunkee faayidaa akka sii argamsiisu homaa hin shakkisiisu. Maaliif? Lammata dhalachuu ilaalchisee hubannaa sirrii argachuunkee jireenyakeefi ilaalcha gara fuulduraatiif qabdu kan tuqu waan ta’eefidha.

      Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?

      Jechi lammata dhalachuu jedhu Macaafa Qulqulluu keessatti kan ibsame Yohannis 3:1-12⁠rratti qofa si’a ta’u, innis maree dinqisiisaa Yerusaalemitti Yesusiifi geggeessaa amantii tokko gidduutti godhamee ture kan ibsudha. Seenaa Macaafa Qulqulluu kana saanduqa fuula 4⁠rratti argatta. Caqasicha xiyyeeffannaadhaan akka dubbistu si jajjabeessina.

      Yesus, seenaa kana keessatti wantoota ‘haaraa dhalachuu’ wajjin walqabatan hedduu ibseera.a Mareen Yesus nama kanaa wajjin godhe gaaffiiwwan gurguddaa shaniif deebii argachuuf nu gargaara:

      Haaraa dhalachuun hangam barbaachisaadha?

      ◼ Haaraa dhalachuun filannoo dhuunfaarratti kan hundaa’edhaa?

      ◼ Kaayyoonsaa maalidha?

      ◼ Namni tokko lammata kan dhalatu akkamitti?

      ◼ Lammata dhalachuun hariiroo namni tokko Waaqayyoo wajjin qaburratti jijjiirama akkamii fida?

      Gaaffiiwwan kana tokko tokkoon haa qorru.

      [Miiljalee]

      a Jechi ‘haaraa dhalachuu’ jedhu 1 Phexros 1:3, 23⁠rratti argama. Jechi kunis, jecha Macaafni Qulqulluun jecha “lammata dhalachuu” jedhu ibsuuf itti fayyadamudha. Jechoonni lamaanuu jecha afaan Giriikii gochima argisiisuufi yannaa’oo jedhurraa kan argamanidha.

      [Saanduqa/Fakkii fuula 4rra jiru]

      “Lammata Dhalachuu Qabdu”

      “Fariisota keessa, namni Niqoodemos jedhamu tokko ture; inni dura-buutuu Yihudootaa ture. Inni kun halkaniin gara Yesus dhufee, ‘Rabbii akka ati barsiisaa taatee Waaqayyo biraa dhufte nuyi beekna; homtinuu yoo Waaqayyo isaa wajjin jiraate malee milikkita ati argisiiftu kana, danda’ee hin argisiisu’ ittiin jedhe. Yesus, ‘Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee olii [“lammata,” NW] yoo dhalachuu dhaabaate, mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda’u’ jedhee deebiseef. Niqoodemos immoo, ‘Namni erga qancaree attamitti dhalachuu danda’a? Gadameessa haadha isaatti lammaffaa galee, dhalachuu danda’a moo?’ jedhee Yesusin gaafate. Kanaaf Yesus, ‘Dhuguma, dhuguman sitti hima, eenyu illee bishaanii fi hafuura qulqulluuttii yoo dhalachuu dhaabaate, mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda’u. Nama fooniittii kan dhalate foon, hafuurattii kan dhalate hafuura. Olii dhalachuun isiniif in ta’a [“lammata dhalachuu qabdu,” NW] siin jechuu kootiif hin dinqifatin. Qilleensi gara fedhetti in qilleensa’a, qilleensa’uu isaa in dhageessa, eessaa akka inni dhufu, eessas akka inni dhaqu garuu hin beektu; egaa hafuurattii kan dhalate hundinuus akkuma kana’ jedhee deebiseef. Niqoodemos deebisee, ‘Kun attamitti ta’uu danda’a?’ jedhee Yesusin gaafate. Yesus deebiseefii, ‘Ati barsiisaa Israa’el kan taate, kana hin beektuu? Dhuguma, dhuguman sitti hima, nuyi isa beeknu in dubbanna, isa argines dhugaa in baana; utuma ta’uu iyyuu isin isa nuyi dhugaa baanu hin fudhattan. Waa’ee isa biyya lafaa isinitti himnaan erga hin amantan ta’ee, waa’ee isa biyya waaqaa yoon isinitti hime immoo attamitti amantu ree?”—Yohannis 3:1-12.

  • Haaraa Dhalachuun Hangam Barbaachisaadha?
    Masaraa Eegumsaa—2009 | Adoolessa 1
    • Haaraa Dhalachuun Hangam Barbaachisaadha?

      YESUS maree Niqoodemosii wajjin godhe hundaarratti haaraa ykn lammata dhalachuun baay’ee barbaachisaa ta’uusaa akka gaariitti ibseera. Dhimma kana ifa kan godhe akkamitti?

      Yesus maree Niqoodemosii wajjin godherratti haaraa dhalachuun hammam barbaachisaa ta’uusaa akkamitti akka ibse qalbeeffadhu. “Eenyu illee olii [“lammata,” NW] yoo dhalachuu dhaabaate, mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda’u” jedheera. (Yohannis 3:3) Jechoonni “eenyu illee” akkasumas “hin danda’u” jedhan, haaraa dhalachuun barbaachisaa ta’uusaa akka gaariitti ibsu. Fakkeenyaan ibsuuf: Namni tokko, “Aduun ba’uu baannaan, ifni jiraachuu hin danda’u” yoo jedhe, ifni akka jiraatuuf aduun ba’uunshee dirqama barbaachisaa ta’uusaa ibsuusaati. Haaluma walfakkaatuun, Yesusis Mootummaa Waaqayyoo arguuf lammata dhalachuun dirqama barbaachisaa akka ta’e dubbachuusaa ture.

      Dhumarrattis Yesus, shakkii dhimma kana ilaalchisee uumamuu danda’u hambisuuf, “Lammata dhalachuu qabdu” jechuudhaan dubbateera. (Yohannis 3:7, NW) Jecha Yesusirraa ifatti hubachuun akka danda’amutti, lammata dhalachuun, ulaagaa namni “mootummaa Waaqayyootti galu” dirqama guutuu qabudha.—Yohannis 3:5.

      Yesus lammata dhalachuun baay’ee barbaachisaa ta’uusaa waan dubbateef, Kiristiyaanonnis dhimma kana ilaalchisee hubannaa sirrii argachuuf carraaqqii gochuu qabu. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanni tokko lammata dhalachuuf ofumasaatii kan filatu sitti fakkaataa?

      [Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 5rra jiru]

      “Aduun ba’uu baannaan, ifni jiraachuu hin danda’u”

  • Haaraa Dhalachuun Filannoo Dhuunfaarratti Kan Hundaa’edhaa?
    Masaraa Eegumsaa—2009 | Adoolessa 1
    • Haaraa Dhalachuun Filannoo Dhuunfaarratti Kan Hundaa’edhaa?

      NAMNI tokko haaraa akka dhalatu kan taasisu eenyudha? Labsitoonni tokko tokko namoonni isaan dhaggeeffatan lammata akka dhalatan yeroo gorsan jecha Yesus, “Lammata dhalachuu qabdu” jechuudhaan dubbate caqasu. (Yohannis 3:7, NW) Labsitoonni kun “Lammata Dhaladhaa!” jechuudhaan jecha Yesus kana akka ajajaatti itti fayyadamu. Kanaaf, Yesusiif ajajamuudhaan haaraa dhalachuuf tarkaanfii barbaachisaa ta’e fudhachuu kan qabu namuma sanadha jedhanii barsiisu. Akka ilaalcha namoota kanaatti haaraa dhalachuun filannoo dhuunfaarratti kan hundaa’edha. Haata’u malee, wanti Yesus Niqoodemositti dubbate ilaalcha kanaa wajjin walsimaa?

      Wanta Yesus dubbate xiyyeeffannaadhaan yoo dubbisne, haaraa dhalachuun filannoo nama tokkoorratti kan hundaa’edha jedhee akka hin barsiisne qalbeeffachuu dandeenya. Akkas kan jennu maaliifi? Jechi afaan Giriikii “lammata dhalachuu” jedhu, Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo keessatti “olii dhalachuu” jedhamee hiikameera.a Kanaaf, akka hiika kanaatti haaraa dhalachuun “olii,” jechuunis “samiirraa,” ykn “Abbaa biraa” kan argamudha. (Yohannis 19:11; Yaaqoob 1:17) Eeyyee, akka haaraa dhalatan kan godhu Waaqayyodha.—1 Yohannis 3:9.

      Jechi “olii” jedhu ifa nuu taanaan, haaraa dhalachuun filannoo dhuunfaa namni tokko godhurratti kan hundaa’e akka hin taane hubachuun nutti hin ulfaatu. Akkamitti akka dhalattee mee yaadi. Filannookeetiin dhalattee? Waawuu! Dhalachuu keetiif sababii kan ta’e abbaakeeti. Haaraa dhalachuu kan dandeenyus Abbaan keenya inni samii haaraa akka dhalannu yoo godhe qofadha. (Yohannis 1:13) Kanaaf Phexros ergamaan akkas jechuunsaa sirrii ture: “Waaqayyo abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristosiif galanni haa ta’u! Inni araara isaa isa guddaadhaan, . . . haaraa godhee nu dhalachiiseera.”—1 Phexros 1:3.

      Ajaja Turee?

      Namoonni tokko tokko, ‘Namni tokko lammata dhalachuuf filannoo dhuunfaa gochuu hin danda’u taanaan, Yesus “Lammata dhalachuu qabdu” jedhe kan ajaje maaliifi?’ jedhanii gaafatu. Kun gaaffii gaafatamuu maludha. Wanti Yesus dubbate ajaja taanaan, wanta gochuu hin dandeenye akka raawwannu gaafachaa jira jechuu ta’a. Kunimmoo waan fakkaatu miti. Akkas taanaan, jechi “lammata dhalachuu” qabdu jedhu akkamitti hubatamuu qabaree?

      Afaan jalqaba ittiin barreeffameen, jechi kun karaa ajaja argisiisuun itti hin hojjetamne. Kanaa mannaa, dhugaa tokko ibsuuf kan dubbatamedha. Karaa biraatiin, Yesus “lammata dhalachuu qabdu” yommuu jedhu, dhugaa tokko ibsaa ture malee ajaja kennaa ture miti. Gabaabaadhumatti, “Olii dhalachuun isiniif in ta’a” jechuusaa ture.—Yohannis 3:7.

      Kun ajaja ta’uufi dhiisuusaa hubachuuf, fakkeenya armaan gadii ilaali. Mee waa’ee magaalaa manneen barumsaa hedduu qabdu tokko yaadi. Manneen barumsaa kana keessaa tokko barattoota magaalicharraa fagaatanii jiraataniif kan qophaa’edha. Gaaf tokko, mucaan naannoo magaalicharraa fagaatanii jiran kana keessatti hin dhalanne, “Mana barumsaa kana galuun barbaada” jedhee hogganaa mana barumsichaa gaafate. Hoggantichis, “Mana barumsaa kana galuuf namoota naannoo magaalicharraa fagaatanii jiran keessaa tokko taatee dhalachuu qabda” jedhee deebisaaf. Jechi hogganaa kanaa ajaja akka hin taane beekamaadha. “Naannoo kanatti dhaladhu!” ittiin jechuusaa hin turre. Kanaa mannaa mana barumsaa kana galuuf ulaagaansaa maal akka ta’e itti himuusaa ture. Haaluma wal fakkaatuun, Yesus “Lammata dhalachuu qabdu” yeroo jedhu, “Mootummaa Waaqayyootti” galuuf ulaagaan guutamuu qabu maal akka ta’e dubbachuusaa ture.

      Haala haaraa dhalachuu wajjin walqabateen dhimmi garabiraan Yesus dubbate waa’ee Mootummaa Waaqayyooti. Kunimmoo, kaayyoon haaraa dhalachuu maalidha? gaaffii jedhuuf deebii argachuuf nu gargaara. Deebii gaaffii kanaa beekuun keenya, lammata dhalachuu jechuun maal jechuu akka ta’e sirriitti hubachuuf nu gargaara.

      [Miiljaleewwan]

      a Hiikawwan Macaafa Qulqulluu hedduun Yohannis 3:3 karaa kanaan hiiku. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun afaan Oromoo “eenyu illee olii yoo dhalachuu dhaabaate, mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda’u” jedhee hiikeera.

      [Fakkii fuula 6rra jiru]

      Haaraa dhalachuufi nama ta’anii dhalachuu wanti wal fakkeessu maalidha?

  • Haaraa Dhalachuun Kaayyoonsaa Maalidha?
    Masaraa Eegumsaa—2009 | Adoolessa 1
    • Haaraa Dhalachuun Kaayyoonsaa Maalidha?

      NAMOONNI hedduun namni tokko fayyina barabaraa argachuuf lammata dhalachuu isa barbaachisa jedhanii amanu. Yesus kaayyoon haaraa dhalachuu maal akka ta’e yommuu ibsu akkas jechuusaa qalbeeffadhu: “Eenyu illee olii [“lammata,” NW] yoo dhalachuu dhaabaate, mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda’u.” (Yohannis 3:3) Kanaaf, namni tokko lammata dhalachuun kan isa barbaachisu, fayyina argachuuf utuu hin ta’in Mootummaa Waaqayyootti galuufidha. Haata’u malee namoonni tokko tokko, jechi ‘Mootummaa Waaqayyootti galuufi fayyina argachuu jedhu tokkuma mitii?’ jedhanii gaafatu ta’a. Lakki, tokko miti. Garaagarummaa gidduusaanii jiru hubachuuf, jalqaba jechi “mootummaa Waaqayyoo” jedhu maal akka ta’e haa ilaallu.

      Mootummaa jechuun bulchiinsa jechuudha. Kanaaf jechi “mootummaa Waaqayyoo” jedhu “bulchiinsa Waaqayyoo” jechuudha. Macaafni Qulqulluun, Mootiin Mootummaa kanaa Yesus Kiristos isa “ilma namaa” jedhame akka ta’eefi namoonni isaa wajjin bulchanis akka jiran barsiisa. (Daani’el 7:1, 13, 14; Maatewos 26:63, 64) Kana malees, mul’anni Yohannis ergamaan arge, namoonni Kiristosii wajjin bulchan “gosa hundumaa keessaa, afaan hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, saba hundumaa keessaa” filatamanii “lafa irratti mo’uuf jiru” jechuudhaan ibsa. (Mul’ata 5:9, 10; 20:6) Dubbiin Waaqayyoo, namoonni ‘biyya lafaa keessaa furamaniifi’ mootota ta’anii bulchan 144,000 akka ta’an, akkasumas “karra xinnayyoo” jedhamanii waamamuusaanii ilaalchisee ibsa dabalataa kenna.—Luqaas 12:32; Mul’ata 14:1, 3.

      Teessoon Mootummaa Waaqayyoo eessatti argama? “Mootummaan Waaqayyoo” “mootummaa waaqaa” jedhame waamamuunsaas Yesusiifi mootonni isaa wajjin jiran samiirraa akka bulchan kan argisiisudha. (Luqaas 8:10; Maatewos 13:11) Kanaaf, Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa samii, Yesus Kiristosiifi tuuta bulchitoota isaa wajjin ilmaan namootaa akka bulchaniif filataman kan qabatedha.

      Haata’u malee, Yesus namni tokko “mootummaa Waaqayyootti galuu[f]” lammata dhalachuu qaba yeroo jedhu maal jechuusaa ture? Namni tokko samiirraa Kiristosii wajjin bulchuuf lammata dhalachuun akka isa barbaachisu ibsuusaa ture. Salphaadhumatti, kaayyoon haaraa dhalachuu namoonni muraasni samiirratti mootota ta’anii akka bulchan qopheessuudha.

      Hanga ammaatti, haaraa dhalachuun barbaachisaa ta’uusaa, kan filatu Waaqayyo akka ta’eefi kaayyoonsaas garee namoota samiirraa ilmaan namootaa bulchan qopheessuu akka ta’e ilaalleerra. Haata’u malee, haaraa ta’anii dhalachuun akkamitti raawwatama?

      [Fakkii fuula 7rra jiru]

      Kaayyoon haaraa dhalachuu, garee namoota muraasaa samiirraa bulchan tokko qopheessuudha

      [Fakkii fuula 7rra jiru]

      Mootummaan Waaqayyoo, Yesus Kiristosiifi tuuta bulchitoota isaa wajjin ilmaan namootaa akka bulchaniif filataman kan qabatedha

  • Haaraa Dhalachuun Akkamitti Raawwatama?
    Masaraa Eegumsaa—2009 | Adoolessa 1
    • Haaraa Dhalachuun Akkamitti Raawwatama?

      YESUS yommuu Niqoodemos wajjin dubbate, haaraa dhalachuun barbaachisaa ta’uusaa, akka dhalatu kan taasisu eenyu akka ta’efi kaayyoonsaa maal akka ta’e caqasu qofa utuu hin ta’in, akkamitti akka raawwatamus ibseera. Yesus, “Eenyu illee bishaanii fi hafuura qulqulluuttii yoo dhalachuu dhaabaate, mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda’u” jedheera. (Yohannis 3:5) Kanaaf, namni tokko bishaaniifi hafuura qulqulluudhaan lammata dhalata jechuudha. Haata’u malee, jechi “bishaanii fi hafuura qulqulluu” jedhu maal argisiisa?

      ‘Bishaaniifi Hafuurri Qulqulluun’ —Maal Argisiisu?

      Niqoodemos hayyuu amantii Yihudii waan tureef, jechi “hafuura qulqulluu” jedhu Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa keessatti humna Waaqayyoo isa hojiirra jiruufi namoonni hojiiwwan gurguddaa akka raawwatan gargaaru ta’uusaa akka beeku hin shakkisiisu. (Uumama 41:38; Ba’uu 31:3; 1 Saamu’el 10:6) Kanaaf, Niqoodemos, Yesus yommuu “hafuura qulqulluu” jedhu humna Waaqayyoo isa hojiirra jiru, jechuunis waa’ee hafuura Waaqayyoo dubbachuusaa akka ture hubateera jechuudha.

      Yesus bishaan yommuu jedhu maal jechuusaa ture? Haalawwan haasawaa Yesus Niqoodemosii wajjin godhe duraafi duubaan galmaa’anii jiran haa ilaallu. Kunis, Yohaannis inni Cuuphaaniifi bartoonni Yesus bishaaniin cuuphaa akka turan argisiisa. (Yohannis 1:19, 31; 3:22; 4:1-3) Gochi kun Yerusaalem keessatti beekamaa ture. Kanaaf, Niqoodemos, Yesus yommuu waa’ee bishaanii dubbatu, akkasumaan waa’ee bishaanii utuu hin ta’in, waa’ee bishaan cuuphaa dubbachuusaa akka ta’e hubatee ture.a

      “Hafuura Qulqulluudhaan” Cuuphamuu

      ‘Bishaanittii dhalachuun’ bishaaniin cuuphamuu kan argisiisu erga ta’e, ‘hafuurattii dhalachuun’ maal jechuudha? Yesus Niqoodemosii wajjin marii gochuusaa dura, Yohaannis inni Cuuphaan bishaan qofa utuu hin ta’in, hafuurris cuuphaarratti ga’ee akka qabu yeroo dubbatu, “Ani bishaaniinan isin cuuphe; inni [Yesus] garuu hafuura qulqulluudhaan isin in cuupha” jedheera. (Maarqos 1:7, 8) Barreessaan Wangeelaa Maarqos cuuphaan akkasii jalqaba yeroo itti raawwatame ibseera. Akkas jechuun barreesseera: “Bara sanatti Yesus, Naazireet mandara Galiilaatii dhufee, Yohannis Yordaanositti isa cuuphe. Yohannis akkuma Yesus bishaanicha keessaa ba’een, bantiiwwan waaqaa saaqamuu isaanii, hafuurri qulqulluunis akka gugeetti dhufee isa irra bu’uu isaa arge.” (Maarqos 1:9, 10) Yesus yommuu bishaan Yordaanos keessa lixe bishaaniin cuuphame. Yeroo hafuurri qulqulluun samiirraa isarra bu’ettimmoo, hafuura qulqulluudhaan cuuphame.

      Erga cuuphaan kun raawwatamee gara waggaa sadii booda, Yesus bartootasaatiin, “Guyyaa baay’ee utuu hin turin hafuura qulqulluudhaan in cuuphamtu” jechuun waadaa galeefii ture. (Hojii Ergamootaa 1:5) Kun yoom raawwatame?

      Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti bartoonni Yesus 120 ta’an mana Yerusaalem jiru tokko keessatti walitti qabamanii turan. “Dingatas huursaan waaqa irraa akka bubbee bubbisuutti dhaga’amee, manicha isaan keessa jiranis guute. Arraba ibiddaa kan fakkaatan isaanitti mul’atan, . . . . yommus hundumti isaanii hafuura qulqulluudhaan guutaman.” (Hojii Ergamootaa 2:1-4) Guyyuma sana warri Yerusaalem jiran kaanis bishaaniin akka cuuphaman jajjabeeffaman. Phexros ergamaan namoota achitti walga’aniin akkas jedhe: “Yaada garaa keessanii geddaradhaa; cubbuun keessan akka isiniif dhiifamuuf, tokkon tokkon keessan maqaa Yesus Kristositti cuuphamaa; kennaa hafuura qulqulluus in fudhattu.” Namoonni sun maal godhan? “Warri dubbii isaa fudhatan in cuuphaman; kanaaf guyyaa sanatti akki lubbuu kuma sadii isaanitti in dabalaman.”—Hojii Ergamootaa 2:38, 41.

      Wantoota Haaraa Dhalachuuf Barbaachisan Lamaan

      Cuuphaawwan kun lamaan waa’ee haaraa dhalachuu maal ibsu? Haaraa dhalachuun kan danda’amu wantoota lamaan jechuunis bishaaniifi hafuura qulqulluudhaan akka ta’e argisiisu. Yesus jalqaba kan cuuphame bishaaniin akka ta’e hubadhu. Achiis hafuurri qulqulluun isarra bu’e. Haaluma wal fakkaatuun bartoonni jalqaba (tokko tokkos Yohaannis isa Cuuphaadhaan) bishaaniin kan cuuphaman si’a ta’u, achiis hafuurri qulqulluun isaanirra bu’eera. (Yohaannis 1:26-36) Bartoonni haaraan 3000 ta’anis jalqaba bishaaniin kan cuuphaman si’a ta’u, boodammoo hafuura qulqulluudhaan cuuphamaniiru.

      Cuuphaa Dh.K.B bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti ta’erraa ka’uudhaan, yeroo har’aa haaraa dhalachuun kan raawwatamu akkamitti jennee yaaduu qabna? Haala ergamoota Yesusiifi bartoota jaarraa jalqabaa wajjin wal fakkaatuun raawwatama. Jalqaba namni tokko yaada garaa jijjiirrata, gochasaa isa hamaarraa deebi’a, Yihowaa waaqeffachuufi isa tajaajiluuf of murteessa, kanas namoota duratti bishaaniin cuuphamuudhaan argisiisa. Achiis, Waaqayyo Mootummaasaa keessatti mootii ta’ee akka tajaajilu yoo isa filate hafuura qulqulluudhaan dibama. Wantoota lamaan haaraa dhalachuun raawwatu keessaa inni jalqabaa, (bishaaniin cuuphamuun) murtoo dhuunfaarratti kan hundaa’e si’a ta’u, inni lammaffaan, jechuunis (hafuura qulqulluudhaan kan cuuphu) garuu Waaqayyodha. Namni tokko karaa lamaaniinuu yommuu cuuphamu haaraa dhalata jechuudha.

      Haallisaa erga akkas ta’ee, Yesus Niqoodemos wajjin yommuu dubbatu, jecha ‘hafuura qulqulluufi bishaanittii dhalachuu’ jedhutti kan fayyadame maaliifi? Akkas kan jedhe, namoonni bishaaniifi hafuuraan cuuphaman jijjiirama guddaa akka godhan caalaatti ibsuuf jedheeti. Matadureen ittaanu waa’ee kanaa ibsa.

      [Miiljaleewwan]

      a Haaluma wal fakkaatuun Phexros ergamaanis, sirna cuuphaa tokkorratti, “eenyutu bishaan dhowwachuu danda’a ree?” jedhee gaafatee ture.—Hojii Ergamootaa 10:47.

      [Fakkii fuula 9rra jiru]

      Yohaannis, Israa’eloota yaada garaasaanii geddaratan bishaaniin cuupheera

  • Haaraa Dhalachuun Maal Raawwata?
    Masaraa Eegumsaa—2009 | Adoolessa 1
    • Haaraa Dhalachuun Maal Raawwata?

      YESUS waa’ee hafuura qulqulluutiin cuuphamuu yommuu dubbatu, jecha “hafuura qulqulluuttii . . . dhalachuu” jedhutti kan fayyadame maaliifi? (Yohaannis 3:5) Jechi “dhalachuu” jedhu fakkeenyaan yommuu itti hojjetamu “jalqaba” jechuudha. Jechi “haaraa dhalachuu” jedhu “jalqabbii haaraa” kan argisiisudha. Kanaaf, jechoonni “dhalachuu” akkasumas “haaraa dhalachuu” jedhan, Waaqayyoofi namoota hafuura qulqulluutiin cuuphaman gidduutti walitti dhufeenyi haaraan akka jalqabamu kan argisiisudha. Hariiroon guutummaatti jijjiirama gochuu gaafatu kun kan raawwatamu akkamitti?

      Phaawulos ergamaan, Waaqayyo ilmaan namootaa samii keessatti bulchitoota akka ta’an akkamitti akka qopheessu ibsuuf, maatii akka fakkeenyaatti itti fayyadameera. Kiristiyaanonni barasaa turan ‘ilmaan ta’anii guddifamuusaaniitiin,’ Waaqayyo akka ‘ilmaaniitti’ akka isaan ilaalu barreessee ture. (Galaatiyaa 4:5; Ibroota 12:7) Fakkeenyi guddifamuu, namni tokko yommuu hafuura qulqulluudhaan cuuphamu jijjiirama akkamii akka godhu hubachuuf nu gargaara. Fakkeenya waa’ee dargaggeessa mana barumsaa namoota magaalattiirraa fagaatanii jiran qofaaf qophaa’etti galmeeffamuu barbaaduu irra deebinee haa ilaallu.

      Jijjiirama Guddifamuun Fidu

      Fakkeenyicharratti dargaggeessi sun, dhalataa naannoo sanaa keessaa tokko waan hin taaneef, mana barumsaa kanatti galmeeffamuu hin dandeenye. Guyyaa tokko garuu jijjiiramni guddaan tokko akka ta’e yaadi. Abbaa dhalataa naannoo sanaatiin karaa seera qabeessa ta’een akka ilmaatti guddifame. Haalli kun dargaggeessa kanarratti jijjiirama akkamii fida? Akka ilmaatti waan guddifameef, amma mana barumsaa kanatti galmeeffamuu dabalatee, mirga dargaggoonni naannichatti dhalatan hundi qaban qabachuu danda’a. Akka ilmaatti guddifamuunsaa wanta inni hojjechuu danda’u guutummaatti jijjiireera.

      Fakkeenyi kun, warri haaraa dhalatan haala kanarra caaluun jijjiirama akkamii akka godhan argisiisa. Wal fakkeenya gidduusaanii jiru tokko tokko ilaali. Dargaggeessi fakkeenyicharratti ibsame mana barumsichaatti fudhatama argateera. Galmeeffamuu kan danda’u garuu ulaagaa barattoota naannoo sanaarraa eegamu yoo guute qofadha. Ulaagaa kana garuu ofumasaatii guutuu hin danda’u. Haaluma wal fakkaatuun, ilmaan namootaa tokko tokko Mootummaa Waaqayyoo ykn bulchiinsa samii keessatti bulchitoota akka ta’an carraan isaanii banameera. Mirga kana argachuu kan danda’an garuu ulaagaa galmaa’uuf isaanirra eegamu, jechuunis “lammata dhalachuu” yoo danda’an qofadha. Haata’u malee, haaraa akka dhalatan kan taasisu Waaqayyo waan ta’eef, ulaagaa kana ofumasaaniitii guutuu hin danda’an.

      Haala dargaggeessa kanaa kan jijjiire maalidha? Karaa seera qabeessa ta’een akka ilmaatti guddifamuusaati. Dhugaadha, dargaggeessi kun akka ilmaatti guddifamus wanti kun uumamasaarratti jijjiirama fide hin qabu. Ta’us, akka ilmaatti guddifamamuuf wanti karaa seeraa barbaachisu erga guutamee booda, dargaggeessi kun iddoo haaraa argata. Dhugumayyuu jalqabbii haaraa qabaata, jechuunis haaraa dhalata jechuudha. Kunis mana barumsaa galuufi miseensa maatii abbaa isa guddisee waan isa taasisuuf, mirga ilma ta’uun argamsiisu hundaa isaaf argamsiisa.

      Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan karaa seera qabeessa ta’een akka ilmaaniitti isaan guddifachuudhaan, haala tuuta ilmaan namootaa cubbamoo ta’anii jijjiireera. Phaawulos ergamaan inni miseensa tuuta kanaa ta’e, namoota hidhata amantaasaa ta’aniif akkas jechuudhaan barreessee ture: “Hafuurichi isin fudhattan hafuura ilmummaatti guddifamuu ti malee, hafuura garbummaa isa sodaa jalatti isin deebisu miti; hafuura kanaanis, ‘Abbaa keenya’ jennee Waaqayyoon in waammanna. Hafuurri Waaqayyoo hafuura keenyaa wajjin walii galee, ijoollee Waaqayyoo ta’uu keenya dhugaa in ba’a.” (Roomaa 8:15, 16) Eeyyee, akka seera guddifachaatti Kiristiyaanonni kun, kutaa maatii Waaqayyoo, ykn “ijoollee Waaqayyoo” ta’aniiru.—1 Yohaannis 3:1; 2 Qorontos 6:18.

      Dhugaadha, Waaqayyo namoota kana akka ilmaaniitti isaan guddisus, ammayyuu cubbamoota waan ta’aniif, kun uumamasaaniirratti jijjiirama fidu hin qabu. (1 Yohaannis 1:8) Haata’u malee, akkuma Phaawulos ibse karaa seera qabeessa ta’een erga guddifamanii booda, iddoo haaraa argatu. Yeroo kanatti hafuurri Waaqayyoo namoonni kun, ilmaan ta’anii Kiristosii wajjin samiirra akka jiraatan amantii guutuu akka qabaatan isaan godha. (1 Yohaannis 3:2) Amantii guutuun hafuura qulqulluurraa argatan kun, jireenyaaf ilaalcha guutummaatti adda ta’e akka qabaatan isaan taasisa. (2 Qorontos 1:21, 22) Eeyyee, jalqabbii haaraa qabaatu, jechuunis haaraa ta’anii dhalatu.

      Macaafni qulqulluun ilmaan Waaqayyoo warra ilmummaatti guddifaman ilaalchisee, “isaanoo luboota Waaqayyoo, luboota Kiristosis ta’anii, isaa wajjin waggaa kuma tokkoof mo’uuf jiru” jedha. (Mul’ata 20:6) Namoonni ilmaan Waaqayyoo ta’anii guddifaman kun, Mootummaa Waaqayyoo ykn bulchiinsa samii keessatti Kiristosii wajjiin mootota ta’anii bulchu. Phexros ergamaan namoonni hidhata amantaasaa ta’an, “waan hin badne, waan xurii hin qabne, waan gad deebi’aa hin adeemne” akka dhaalaniifi kunis ‘waaqa keessatti isaaniif eegamee akka jiru,’ isaanitti himeera. (1 Phexros 1:3, 4) Dhugumayyuu kun dhaala bakki guddaan kennamuufidha!

      Ta’us, wanti bulchiinsaa wajjin wal qabate kun gaaffii garabiraa kaasa. Warri olii ykn lammata dhalatan samiirratti mootota ta’anii kan bulchan taanaan kan isaan jalatti bulan eenyufa’i? Matadureen ittaanu waa’ee kanaa ibsa.

      [Fakkii fuula 10rra jiru]

      Phaawulos waa’ee guddifamuu maal jedhe?

  • Kan Bulchan Muraasa, Kan Fayyadaman Hedduu
    Masaraa Eegumsaa—2009 | Adoolessa 1
    • Kan Bulchan Muraasa, Kan Fayyadaman Hedduu

      WAAQAYYO bara ergamoota Yesusii jalqabee, Kiristiyaanota amanamoo lakkoofsa muraasa qaban filachuudhaan, ijoolleesaa godhateera. Ijoolleen Waaqayyoo kun guutummaatti waan jijjiiramaniif, Macaafni Qulqulluun jijjiirama kana haaraa ta’anii dhalachuu wajjin wal fakkeessa. Kaayyoon haaraa ta’anii itti dhalataniif, tajaajiltoonni Waaqayyoo warra lammata dhalatan samiirratti bulchitoota akka ta’an qopheessuufidha. (2 Ximotewos 2:12) Namoonni kun bulchitoota ta’uuf, du’aa ka’anii jireenya samii argatu. (Roomaa 6:3-5) Akkasumas, Kiristosii wajjin samiirra taa’anii “lafa irratti mo’uuf jiru.”—Mul’ata 5:10; 11:15.

      Haata’u malee, Dubbiin Waaqayyoo warra lammata dhalatan kana malees, namoonni fayyina barabaraa argatan akka jiran dubbata. Macaafni Qulqulluun (Caaffanni Qulqullaa’oo afaan Ibrootaafi afaan Giriikii) Waaqayyo tuuta lama fayyisuuf kaayyoo akka qabu dubbata. Isaanis, namoota muraasa bulchitoota ta’uudhaan samiirra jiraataniifi namoota hedduu bulchiinsa kana jalatti lafarratti jireenya barabaraa argatanidha. Fakkeenyaaf wanta Yohannis ergamaan warra hidhata amantaasaa haaraa ta’anii dhalataniif barreesse ilaali. Yesusiin ilaalchisee, “Inni furee cubbuu keenyaa [tuuta xinnoo] ti, cubbuu keenya duwwaafis miti cubbuu guutummaa biyya lafaatiifis [tuuta guddaa] malee” jedheera.—1 Yohannis 2:2.

      Haaluma wal fakkaatuun Phaawulos ergamaan, “Uumamni hundinuu, [tuutni guddaan] mul’achuu ijoollee Waaqayyoo [tuuta xinnoo] dhimmanii eeggachaa jiru” jechuudhaan barreesseera. (Roomaa 8:19-21) Wanta Yohannisiifi Phaawulos barreessan kana akkamitti hubachuu qabna? Warri lammata dhalatan samiirratti bulchitoota akka ta’an hubachuu qabna. Kaayyoo maaliitiif? Namoota miliyoona hedduutti lakkaa’amaniifi bulchiinsa Waaqayyootiif abboomamuudhaan lafa kanarra jiraataniif, eebba barabaraa argamsiisuufidha. Kanaan kan ka’es Yesus bartoonnisaa, “Mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka ta’u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u!” jedhanii akka kadhatan barsiiseera.—Maatewos 6:10.

      Yaanni fayyina kana kan argatan tuuta lama ta’uusaanii ibsu, Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa keessattis ni argama. Fakkeenyaaf, wanta Yihowaan Abrahaam isa akaakilii Yesus ta’etti hime ilaalaa. “Sabni biyya lafaa irraa hundinuu [tuutni guddaan] sanyii keetiin [tuuta xinnootiin] in eebbifamu” jedheenii ture. (Uumama 22:18) Eeyyee, sabni hundi karaa “sanyii” Abrahaam eebba argachuu danda’a.

      ‘Sanyiin’ sun eenyu? Yesus Kiristosiifi warra haaraa ta’anii dhalachuudhaan ijoollee Waaqayyoo ta’anidha. Phaawulos ergamaan, “Erga kan Kristos taatanii, yoos isin sanyii Abrahaam” jechuudhaan ibseera. (Galaatiyaa 3:16, 29) Eebbawwan saboonni hundi karaa “sanyii” kanaa argatan maalfa’i? Waaqayyo duratti fudhatama argatu; akkasumas lafa jannata taaturra barabaraan jiraatu. Daawit faarfatichi, ‘Toloonni lafa in dhaalu isarras baruma baraan in jiraatu’ jechuudhaan raajii dubbateera.—Faarfannaa 37:29 hiika bara 1899; Isaayaas 45:18; Mul’ata 21:1-5.

      Dhugumayyuu samiirratti bulchuun namoota muraasaaf kan kenname ta’us, faayidaan bulchiinsa kanarraa argamu, namoota hedduudhaaf lafarratti jireenya barabaraafi eebbawwan baay’ee kan argamsiisudha. Atiifi maatiinkee, eebbawwan barabaraa Mootummaan Waaqayyoo fidu kana akka argattan hawwina.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi