LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwbr25 Bitootessa ful. 1-13
  • Barreeffamoota Qorannaa, “Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barreeffamoota Qorannaa, “Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa”
  • Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • BITOOTESSA 3-9
  • BITOOTESSA 10-16
  • BITOOTESSA 17-23
  • BITOOTESSA 24-30
  • BITOOTESSA 31–EBLA 6
  • EBLA 7-13
  • EBLA 14-20
  • EBLA 21-27
  • EBLA 28–CAAMSAA 4
Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—2025
mwbr25 Bitootessa ful. 1-13

Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa

© 2024 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania

BITOOTESSA 3-9

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU

FAKKEENYA 3

Yihowaatti Akka Amanamtu Argisiisi

ijwbv Mata duree 14 key. 4-5

Fakkeenya 3:5, 6—“Hubannaa Ofii Keetiitti Hin Hirkatin!”

“Garaa kee guutuudhaan Yihowaatti amanami.” Wanta hundumaa karaa Waaqayyo barbaaduun kan raawwannu taanaan akka isatti amanamnu argisiisna. Garaa keenya guutudhaan Waaqayyotti amanamuu qabna. Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi ‘garaa’ jedhu yeroo baayʼee waaʼee keessa namummaa nama tokkoo kan argisiisu dha; kunis miira, fedhii, yaadaa fi ilaalcha nama tokkoo kan dabalatu dha. Kanaafuu, garaa keenya guutuudhaan Waaqayyotti amanamuun akkasumaan miira qofa qabaachuu kan argisiisu miti. Garaa guutuudhaan Uumaa keenyatti kan amanamnu inni wanta gaarii nuuf taʼe akka beeku mirkanaaʼoo waan taaneefi dha.—Roomaa 12:1.

“Hubannaa ofii [keetiitti] hin hirkatin.” Cubbamoota waan taaneef yaada mataa keenyaatti hirkachuu waan hin dandeenyeef Waaqayyotti amanamuun nu barbaachisa. Guutummaatti ofitti amanamuudhaan ykn miiraan geggeeffamnee murtoo taʼe tokko kan murteessinu yoo taʼe, murtoon keenya kun jalqaba irratti gaarii fakkaatee nutti mulʼatus yeroo booda buʼaa gaarii hin taane argamsiisuu dandaʼa. (Fakkeenya 14:12; Ermiyaas 17:9) Ogummaan Waaqayyoo ogummaa keenya irra baayʼee kan caalu dha. (Isaayyaas 55:8, 9) Jireenya keenya karaa ilaalcha Waaqayyoo wajjin wal simuun kan geggeessinu taanaan milkaaʼoo taana.—Faarfannaa 1:1-3; Fakkeenya 2:6-9; 16:20.

ijwbv Mata duree 14 key. 6-7

Fakkeenya 3:5, 6—“Hubannaa Ofii Keetiitti Hin Hirkatin!”

“Daandii kee hundumaa irratti tilmaama keessa isa galchi.” Sochiiwwan jireenya keenya keessatti goonu hundaan, akkasumas murtoowwan gurguddoo goonu irratti ilaalcha Waaqayyoo tilmaama keessa galchuu qabna. Qajeelfama argachuuf kadhannaa isatti dhiheessuu fi gorsa isaa isa Kitaaba Qulqulluu keessa jiru hojii irra oolchuudhaan kana gochuu dandeenya.—Faarfannaa 25:4; 2 Ximotewos 3:16, 17.

“Innis daandii kee wal siif qixxeessa.” Waaqayyo ulaagaalee qajeelinaa isaa wajjin haala wal simuun akka jiraannu nu gargaaruudhaan daandii keenya wal nuuf qixxeessa. (Fakkeenya 11:5) Kun immoo rakkina barbaachisaa hin taane keessa galuu irraa fagaachuu fi jireenya gammachuu qabu jiraachuuf nu gargaara.—Faarfannaa 19:7, 8; Isaayyaas 48:17, 18.

be 76 key. 4

Guddina Argisiisuukee Itti Fufi

Namni jireenyasaa keessatti wantoota baayʼee arge tokko, ‘Wanti kun kanaan dura waan na mudateef, maal gochuu akkan qabu beeka’ jedhee yaaduuf qoramuu dandaʼa. Haataʼu malee kun sirrii taʼuu dandaʼaa? Fakkeenyi 3:7, “Ani ogummaa qaba ofiin hin jedhin” jechuudhaan akeekkachiisa. Muuxannoon qabnu, wantoonni tokko tokko yommuu nu mudatan dhimma kana balʼisnee ilaaluuf akka nu gargaaru beekamaadha. Karaa hafuuraa guddachaa jirra taanaan, muuxannoon arganne milkaaʼina argachuuf eebbi Yihowaa akka nu barbaachisu yaadaafi gaaraa guutuudhaan akka hubannu nu gochuu qaba. Karaa hafuuraa guddachuun keenya, rakkoowwan nu mudatan hubannaa mataa keenyaatiin hiikuudhaan utuu hin taʼin, yeroo hunda qajeelfama Yihowaa argachuuf carraaqii gochuudhaan mulʼata. Amantiin keenya wanti tokkoyyuu fedha Yihowaatiin alatti raawwatamuu akka hin dandeenye amanuu, akkasumas Abbaa keenya isa samii wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuudhaan argisiifama.

Albuuda Hafuuraa

w06-AM 9/15 17 key. 7

Yaadawwan Ijoo Kitaaaba Fakkeenyaa

3:3. Jaalala amanamaa fi dhugaadhaaf iddoo guddaa kennuu fi akka faaya mormaa gatii cimaa qabuutti ilaaluu qabna. Amalawwan kun garaa keenya keessatti bocamuu fi guutummaa guutuutti nu wajjin walsimuu qabu.

BITOOTESSA 10-16

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 4

“Garaa Kee Eeggadhu”

w19.01 15 key. 4

Garaa Keenya Eeggachuu kan Dandeenyu Akkamitti?

4 Fakkeenya 4:23 irratti, jechi “garaa” jedhu “keessa namummaa namaa” argisiisuuf itti hojjetameera. (Faarfannaa 51:6 dubbisi.) Karaa kan biraatiin, ‘garaan’ yaada dhuunfaa, miira, kakaʼumsaa fi fedhii keenya argisiisa. Garaan wanta alaan fakkaachuuf yaallu utuu hin taʼin, keessa keenyatti dhugumaan nama akkamii akka taane argisiisa

w19.01 17 key. 10-11

Garaa Keenya Eeggachuu kan Dandeenyu Akkamitti?

10 Garaa keenya eeggachuu irratti milkaaʼina argachuu yoo barbaanne, balaa jiru addaan baasnee beekuu fi of eeguuf hatattamaan tarkaanfii fudhachuu qabna. Fakkeenya 4:23 irratti, jechi “eeggadhu” jedhamee hiikame, hojii eegduun tokko hojjetu nu yaadachiisa. Bara Solomoon Mootichaatti, eegdonni dallaa magaalaa irra dhaabatanii kan eegan siʼa taʼu, balaan gaʼuuf akka jedhu yoo argan sagalee akeekkachiisaa dhageessisu turan. Kana yaadaan ilaaluun keenya, Seexanni yaada keenya akka hin mancaasneef, maal gochuu akka qabnu hubachuuf nu gargaara.

11 Bara duriitti, eegdonnii fi karra eegdonni magaalaa walitti dhihaatanii hojjetu turan. (2 Sam. 18:24-26) Diinni yommuu dhihaatu, waliin taʼanii karrawwan cufuudhaan magaalichi akka eegamu godhu turan. (Nah. 7:1-3) Yommuu Seexanni garaa keenya toʼachuuf, jechuunis yaada, miira, kakaʼumsa ykn hawwii keenya irratti dhiibbaa gochuuf yaalu, qalbiin keenya inni Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼe eegduu nuu taʼuudhaan nu akeekkachiisuu dandaʼa. Qalbiin keenya sagalee akeekkachiisaa yommuu dhageessisu dhaggeeffachuu fi akka fakkeenyaatti karra garaa keenyaa cufuu qabna.

w19.01 18 key. 14

Garaa Keenya Eeggachuu kan Dandeenyu Akkamitti?

14 Garaa keenya eeguuf dhiibbaan dogoggoraa akka nu irratti hin godhamne cufuu qofa utuu hin taʼin, dhiibbaa gaariidhaaf banuu qabna. Mee ammas fakkeenya waaʼee magaalaa dallaadhaan marfamtee yaadaa. Namni karra eegu tokko diinni gara magaalichaatti seenee akka hin weerarre karra magaalichaa ni cufa; yeroo kan biraatti garuu nyaannii fi wantoonni kan biraan akka ol galaniif karricha ni bana. Karrawwan sun matumaa yoo banamuu baatan jiraattonni magaalichaa ni beelaʼu. Haaluma wal fakkaatuun, nutis dhiibbaa yaada Waaqayyootiif yeroo hunda garaa keenya banuu qabna.

w12-AM 5/1 32 key. 2

“Garaa Kee Eeggadhu”

Garaa keenya isa fakkeenyaan ibsame eeggachuu kan qabnu maaliifi? Solomoon Mootichi hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee, “Maddi jireenyaa isa keessaa waan argamuuf, wantoota hundumaa caalaa garaa kee eeggadhu” jedhee barreesseera. (Fakkeenya 4:23) Haalli garaan keenya inni fakkeenyaan ibsame irratti argamu jireenya amma jiraannu ykn isa gara fuulduraatti jiraannu irratti dhiibbaa godha. Akkas kan jennu maaliifi? Waaqayyo kan ilaalu garaa keenya waan taʼeefi. (1 Sam. 16:7) Ilaalchi Waaqayyo nuuf qabu namummaa keenya isa keessaa, jechuunis ‘namummaa keenya isa dhokataa’ irratti hundaaʼa.—1 Phe. 3:4.

Albuuda Hafuuraa

w21.08 8 key. 4

Yihowaa Obsaan ni Eeggattaa?

4 Fakkeenyi 4:18, “Daandiin qajeelotaa . . . akkuma ifa ganamaa isa akka gaariitti ifuu ti; hamma akka ifa saafaa taʼuttis ifni isaa ittuma dabalaa deema” jedha. Yaanni kun akkaataa Yihowaan suutuma suuta kaayyoo isaa saba isaatiif itti ibsu akka gaariitti kan argisiisu dha. Caqasni kun akkaataa Kiristiyaanni tokko jireenya isaa keessatti guddina hafuuraa itti godhus kan argisiisu dha. Guddinni hafuuraa wanta ariitiidhaan bira geenyu miti. Kanaa mannaa, wanta yeroo fudhatu dha. Gorsa Dubbii Waaqayyoo fi jaarmiyaa isaa irraa argannu gadi fageenyaan yoo qoʼannee fi hojii irra yoo oolchine suutuma suuta ilaalcha Kiristoos qabaachuu dandeenya. Beekumsi Waaqayyoon ilaalchisee qabnus ni guddata. Mee Yesuus haala kana fakkeenyaan kan ibse akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

BITOOTESSA 17-23

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 5

Halalummaa Irraa Fagaadhaa

w00-AM 7/15 29 key. 1

Addunyaa Karaa Naamusaa Mancaʼe Keessatti Qulqulluu Taatee Jiraachuu ni Dandeessa

Dubartii halaleen fakkeenya kanarratti ibsamte “dubartii keessummaa” jedhamteetti. Jechoonni isheen kiyyooshee diriirsuuf itti fayyadamtu damma caalaa miʼaawu, zayitii ejersaa caalaas ni lallaafu. Yeroo baayʼee jechoonni halalummaa raawwachuutti nama geessan kan jalqaban haala akkasiitiin mitii? Mee wanta shamarree bareedduu waggaa 27 Eemii jedhamtuu fi barreessituu taate mudate haa ilaallu. Akkas jetteetti: “Namni ani wajjin hojjedhu kun xiyyeeffannaa addaa kan naaf kennu taʼuu isaarrayyuu, carraa argatetti fayyadamee na jaja. Xiyyeeffannaa warra kaanii argachuun namatti tola. Garuu kan na barbaade saalqunnamtiidhaaf qofa akka taʼe ifa ture. Ani garuu jechoota inni ittiin na sossobuuf harka hin kennu.” Kaayyoo isaan itti dubbataman adda baasne beekuu yoo baanne, jechoonni dhiironni ykn dubartoonni fakkeessitoota taʼan nu saaduuf itti fayyadaman baayʼee nama hawwatu. Kana adda baasnee beekuuf immoo dandeettii yaaduu keenya gabbifachuu qabna.

w00-AM 7/15 29 key. 2

Addunyaa Karaa Naamusaa Mancaʼe Keessatti Qulqulluu Taatee Jiraachuu Ni Dandeessa

Rakkinni halalummaan geessisu akka eebichaa kan hadhaaʼuu fi goraadee karaa lamaan qarame caalaa qara waan qabuuf dhiphina hedduu geessisuu, darbees duʼaaf nama saaxiluu dandaʼa. Gochi akkasii yeroo baayʼee qalbiin keenya akka nu ceephaʼu, ulfi hin barbaachisne akka uumamu ykn dhibeen saalqunnamtiidhaan daddarbu akka nu qabu godha. Miidhaan kana caalaa hadhaaʼaa taʼemmoo hin jiru. Akkasumas hiriyaan gaaʼelaa inni amanamaa hin taane karaa miiraa hammam akka miidhamu mee yaadi. Gocha hiriyaa gaaʼelaasaatiif amanamaa akka hin taane isa godhu raawwachuunsaa madaa umuriisaa guutuu hin fayyine irraan geessisuu dandaʼa. Dhugumayyuu halalummaan miidhaa qaba.

w00-AM 7/15 29 key. 5

Hamma nuuf dandaʼametti dhiibbaa namoonni halalummaa raawwatan nurraan gaʼanirraa fagaachuu qabna. Muuziqaa gadhiisii dhaggeeffachuudhaan, gosa bashannanaa nama faalu hordofuudhaan ykn barreeffamootaa fi fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan dubbisuu fi ilaaluudhaan maaliif ofuma keenyaan balbala bannaaf? (Fakkeenya 6:27; 1 Qorontos 15:33; Efesoon 5:3-5) Akkasumas, kolomsuudhaan ykn uffannaa sirrii hin taane uffachuu fi haala sirrii hin taaneen of miidhagsuudhaan xiyyeeffannaa isaanii ofitti harkisuun gowwummaa guddaadha!—1 Ximotewos 4:8; 1 Phexiros 3:3, 4.

Albuuda Hafuuraa

w00-AM 7/15 29 key. 7

Addunyaa Karaa Naamusaa Mancaʼe Keessatti Qulqulluu Taatee Jiraachuu Ni Dandeessa

Solomoon halalummaan miidhaa guddaa akka qabu ibseera. Namni ejja raawwatu of salphisa. Nama halaleetti dabarsanii of kennuun ykn haala akkasiitiin fedhii ofii ykn fedhii nama kan biraa guutuun salphina guddaa mitii? Nama hiriyaa gaaʼelaa keenya hin taane faana miira saalaatiin walitti dhihaachuun of salphisuu mitii?

BITOOTESSA 24-30

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 6

Goondaa Irraa Maal Barachuu Dandeenya?

it-1-E 115 key. 1-2

Goondaa

‘Ogummaa Uumamaa.’ ‘Ogummaan’ goondaa buʼaa yaaduudhaan argame utuu hin taʼin, dandeettii uumamaan isaaniif kennamedha. Kitaabni Qulqulluun goondaan, ‘yeroo bonaatti nyaata ishii akka qopheeffattuu fi yeroo makaraatti soorata ishii akka walitti qabattu’ dubbata. (Fak. 6:8) Gosti goondaa baayʼinaan Filisxeem keessatti argamtuu fi qonnaan bultuu jedhamtee beekamtu waqtii birraa fi bonaatti nyaata hedduu kuufachuudhaan waqtii arfaasaa fi gannaa yeroo nyaata argachuun ulfaataa taʼetti itti fayyadamti. Goondaan kun yeroo baayʼee oobdii qarqara iddoo midhaan baayʼee argachuu dandeessutti argamti. Nyaata ishiin kuufattetti bokkaan roobee yoo jalaa tortorse, goondaan qonnaan bultuu taate kun midhaan sana baattee aduutti baasuudhaan qoorsiti. Goondaan kun midhaan isheen kuufatte akka hin biqilleef hamma taʼe irraa cicciniinuudhaanis ni beekmti. Goondaawwan gareedhaan jiraatanii fi qonnaan bultoota taʼan kun daandii irra deeman baasuu fi qola nyaataa qarqara boollasaaniitti gatuudhaan beekamu.

Amala Fakkeenya Taʼu. Qorannaa gabaabaan goondaarratti godhame kun, gorsi, “Yaa dhibaaʼaa nana, gara goondaa dhaqi; Daandiiwwan ishii ilaali, ogeessas taʼi” jedhu sirrii taʼuusaa mirkaneessa. (Fak. 6:6) Goondaawwan kun uumamumaan gara fuulduraatiif qophaaʼuu malees, haalli rakkisaan jiraatus jabaatanii kutannoodhaan hojjechuu, yeroo baayʼee wanta ulfaatina qaamasaaniitti dachaa lama taʼu baachuu ykn gototuu, hojii hojjechaa jiran xumuruuf wanta isaaniif dandaʼame hunda gochuu fi yoo kufan, yoo mucaacatan ykn yoo gangalatan illee duubatti deebiʼuu dhiisuudhaan beekamu. Gamtaadhaan hojjetu, manasaanii qulqullinaan qabatu akkasumas goondaawwan isaan faana hojjetaniif ni yaadu. Yeroo tokko tokkommoo goondaawwan madaaʼan ykn dadhaban gara boolla isaaniitti akka deebiʼan gargaaru.

w00-AM 9/15 26 key. 3-4

Maqaa Gaarii Qabdu Eeggadhu

Nutis akkauma goondaa dhimminee hojjechuu hin qabnuu? Namni nu toʼatu jiraatus, jiraachuu baatus, dhimminee hojjechuu fi qulqullina hojii keenyaa yeroo yerootti fooyessuun keenya numaan fayyada. Eeyyee, mana barumsaatti, bakka qacaramnee hojjennuttii fi sochiiwwan hafuuraa yeroo goonutti hamma humni keenya nuuf heyyame hojjechuu qabna. Akkuma goondaan dhimmitee hojjechuun ishee fayyadu, Waaqayyo ‘wanta itti dadhabnee hojjennetti’ akka gammannu barbaada. (Lallaba 3:13, 22; 5:18) Sammuu qulqulluu qabaachuu fi wanta hojjennetti gammaduun eebbawwan jabaatanii hojjechuudhaan argamanidha.—Lallaba 5:12.

Solomoon yaada dabarsuu barbaade cimsee ibsuuf, dhibaaʼaa dhibaaʼina isaarraa dammaqsuuf, “Yaa dhibaaʼaa nana, hamma yoomiitti achi ciista? Hirriba kee irraa hoo yoom dammaqxa?” gaaffiiwwan jedhanitti fayyadameera. Mootichi itti fufuudhaan, “Xinnuman ciisa, xinnuman muga, Boqochuufis xinnuman harka maradhee taaʼa yoo jette, Hiyyummaan akkuma saamtuutti, Deegnis akkuma nama meeshaa waraanaa hidhatetti sitti dhufa” jechuudhaan miira baacuutiin dubbateera. (Fakkeenya 6:9-11) Namni dhibaaʼan utuma inni maratee ciisuu hiyyummaan akka saamtuutti dafee bira gaʼa, deegnis akkuma nama goraadee hidhateetti isa haleela. Maasiin nama dhibaaʼaa aramaa fi doobiidhaan liqimfama. (Fakkeenya 24:30, 31) Daldalli isaas yeroo gabaabaatti kasaaraarra buʼa. Hojjechiisaan tokko hojjetaa dhibaaʼaadhaaf hamma yoomiitti obsa? Barataan qoʼachuu hin jaallanne tokkohoo barumsa koorratti qabxii gaariin argadha jedhee eeguu dandaʼaa?

Albuuda Hafuuraa

w00-AM 9/15 27 key. 3

Maqaa Gaarii Qabdu Eeggadhu

Wantoonni torban fakkeenya kana keessatti ibsaman, wantoota gurguddoo waan taʼaniif wantoota gaarii hin taane hundumaa of keessatti qabataniiru jechuun ni dandaʼama. ‘Ijji of tuuluu’ fi ‘garaan karoora hamaa yaadu’ cubbuuwwan yaadaan hojjetaman argisiisu. ‘Arrabni sobuu’ fi ‘ragaa baatuun sobaa’ jechoota hamminaan dubbataman argisiisu. ‘Harki dhiiga qulqulluu dhangalaasuu’ fi ‘miilli hamminatti fiigu’ gochawwan hamminaa argisiisu. Yihowaan keessumaa nama namoota nagaadhaan waliin jiraatan gidduutti lola uumuutti gammadu ni jibba. Hamminni namootaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa waan deemuuf, lakkoofsi isaa jaʼarraa gara torbaatti siquunsaa hamminni namoonni hojjetan kanuma qofa akka hin taane argisiisa.

BITOOTESSA 31–EBLA 6

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 7

Haalawwan Isin Qoranirraa Fagaadhaa

w00-AM 11/15 29 key. 5

“Ajajawwan Koo Eegi, Lubbuudhaanis Jiraadhu”

Foddaan Solomoon ittiin gad ilaalaa ture xiyyoosaarraa saanqaa haphii kan qabu siʼa taʼu, faaya bareedaas kan ofirraa qabu taʼuu dandaʼa. Gara galgalaa yommuu dimimmisaaʼu daandiin ni dukkanaaʼa. Solomoon dargaggeessa balaaf of saaxile tokko arge. Dargaggeessi kun hubannaa ykn dandeettii madaaluusaatti fayyadamuu waan dadhabeef, qalbii hin qabu jechuun ni dandaʼama. Naannoo akkamii keessa akka galee fi wanta isarra gaʼuu dandaʼu hubachuu hin oolu. Daandii gara manasheetti geessu qabatee deemuudhaan gara manasheetti qajeele. Dubartiin kun eenyudha? Wanti isheen barbaaddu hoo maalidha?

w00-AM 11/15 30 key. 4-6

“Ajajawwan Koo Eegi, Lubbuudhaanis Jiraadhu”

Dubbiin dubartii kanaa laafaadha. Qaanii tokko malee ija jabinaan dubbatti. Dargaggeessa kana gowwomsuuf jechoota ishee sirriitti qindeeffatteetti. Aarsaa gamtaa akka dhiheessitee fi wareega ishee akka raawwatte dubbachuudhaan nama karaa hafuuraa haala gaariirra jiru of fakkeessuuf yaalteetti. Mana qulqullummaa Yerusalem keessatti foon, daakuu, zayitii fi wayiniin aarsaa gamtaa taʼanii dhihaatu turan. (Lewwota 19:5, 6; 22:21; Lakkoobsa 15:8-10) Namni aarsaa gamtaa dhiheessu aarsaa sanarraa ofiisaatiifis taʼe maatii isaatiif hamma taʼe fudhachuu waan dandaʼuuf manashee nyaanni gaʼaan akka jiru bira qabdee dubbachuu isheeti. Yaanni ishee ifa ture, dargaggeessichi yeroo gammachiisaa dabarsuu akka dandaʼu dubbachuu ishiiti. Taʼe jettee isuma barbaaduu manaa baate. Namni kanaan gowwomfamu baayʼee gowwaadha. Hayyuun Kitaaba Qulqulluu tokko akkas jedhaniiru: “Manasheetii kan baate nama tokko barbaacha akka taʼe beekamaadha, dhuguma garuu manasheetii kan baate dargaggeessa kana argachuufii? Dargaggeessa gowwaa akkasii yoo taʼe malee namni tokkoyyuu ishee hin amanu.”

Uffannaa isheetiin, jechootashee warra nama mooksaniin, harkaan tuttuquu fi dhungannaadhaan xiyyeeffannaa isaa ofitti harkisti. “Siree koo irra afata baʼeessa, Quncee talbaa halluu hedduu qabu isa Gibxii irraa dhufe afeera. Siree koo irratti qumbii, argisaa fi qarafaa firfirseera” isaan jetti. (Fakkeenya 7:16, 17) Siree ishee afata Gibxii irraa dhufeen kan bareechite siʼa taʼu, urgooftuu qumbii, argisaa fi qarafaarraa hojjetame siree isheetti biifteetti.

“Kottu, hamma bariʼutti xoofoo jaalalaa irraa dhugnee haa quufnu; Waliin taanee jaalalaan haa gammadnu” isaan jetti. Kan isheen isa afeeraa jirtu irbaata akka waliin nyaatan qofa hin turre. Saalqunnamtiis akka raawwatan afeeraa jirti. Afeerraan kun dargaggeessa kanaaf mudannoo gammachiisaa akka gootummaatti ilaalamudha! “Abbaan manaa koo mana hin jiru; Karaa fagoo deemeera. Korojoo maallaqaa qabateera, Hamma guyyaa baatii guutuuttis hin deebiʼu” jechuudhaan yaadasheerratti akka walii galu gochuuf yaalteetti. (Fakkeenya 7:18-20) Abbaan manaashee hojiidhaaf biyya fagoo waan deemee fi dafee waan hin deebineef wanti isaan yaaddessu akka hin jirre itti himti. Dargaggeessa kana gowwomsuurratti isheedhaaf milkaaʼeera! “Irra deddeebitee isa sossobuudhaan isa dogoggorsite. Dubbii laafaadhaanis isa gowwoomsite.” (Fakkeenya 7:21) Dubbii akkasiitiin akka hin moʼamneef jabina akka Yoseef qabaachuutu barbaachisa. (Uumama 39:9, 12) Dargaggeessi kun moʼuu dandaʼaa laata?

w00-AM 11/15 31 key. 2

“Ajajawwan Koo Eegi, Lubbuudhaanis Jiraadhu”

Dargaggeessichi affeerraa isaaf dhihaate diduu hin dandeenye. Hubannaan isaa badee, “akka qotiyyoo qalamuuf oofamuutti” ishee duukaa buʼee deeme. Akka nama miillisaa hidhaa sibiilaatiin hidhamee fi miliquu hin dandeenyetti, dargaggeessi kunis cubbuu jalaa miliquu hin dandeenye keessatti kufuuf jedha. Hamma ‘xiyyi tiruusaa waraanutti’ jechuunis miidhaan duʼaaf isa saaxilu isa mudatutti balaansaa isatti hin mulʼatu. Dhibee saalqunnamtiidhaan daddarbuu fi duʼaaf nama saaxiluuf waan of saaxiluuf kallatiidhaan duʼuu dandaʼa. Wanti isa mudate ‘lubbuusaas waan isa dhabsiisuuf’ karaa hafuuraas duʼuu dandaʼa. Wanta eenyummaasaa fi jireenyasaa garmalee miidhu gochuurrayyuu darbee Waaqayyorratti cubbuu cimaa hojjeteera. Akkuma simbira kiyyoo keessa lixuuf ariifattuutti innis gara duʼaatti ariifata.

Albuuda Hafuuraa

w00-AM 11/15 29 key. 1

“Ajajawwan Koo Eegi, Lubbuudhaanis Jiraadhu”

Solomoon itti fufuudhaan, “Quba keetti isaan hidhadhu; Gabatee garaa keetii irrattis isaan barreeffadhu” jedheera. (Fakkeenya 7:3) Akkuma quboota keenya warra yeroo hundumaa fuuldura keenya jiranii fi wanta barbaanne ittiin hojjechuu dandeenyuu barumsi ykn beekumsi Kitaaba Qulqulluu keessaa argannus yaadachiisa yeroon itti hin dabarree fi qajeelfma hojii akkamiiyyuu yommuu hojjennu hojiirra oolchuu dandeenyu nuuf taʼu. Gabatee garaa keenyaarratti isaan barreeffachuudhaan kutaa eenyummaa keenyaa akka isaan godhannu gorfamneerra.

EBLA 7-13

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 8

Ogummaa Yesuus Dhaggeeffadhaa

cf 153 key. 7

‘Abbaa Nan Jaalladha’

7 Lakkoofsa 22​rratti ogummaan, “Yihowaan jalqaba daandii isaa, hojiiwwan isaa warra bara durii keessaas isa jalqabaa godhee na uume” jedheera. Ogummaan ‘uumamee’ hin beeku; kanaaf, caqasni kun wanta kan biraa argisiisa jechuudha. Yihowaan yeroo hundumaa waan jiruuf, akkasumas yeroo hundumaa ogeessa waan taʼeef ogummaan jalqaba hin qabu. (Faarfannaa 90:2) Ilmi Waaqayyoo garuu, “angafa uumama hundumaa ti.” Inni hojiiwwan Yihowaa warra bara durii hundumaa keessaa isa jalqabaati. (Qolosaayis 1:15) Akka kitaaba Fakkeenyaarratti ibsametti, Ilmi Waaqayyoo laftii fi samiin uumamuusaanii dura jira ture. Kana malees Dubbicha, jechuunis Dubbii Himaa Waaqayyoo taʼuudhaan karaa mudaa hin qabneen ogummaa Yihowaa calaqqisiiseera.—Yohaannis 1:1.

cf 154-155 key. 8-9

‘Abbaa Nan Jaalladha’

8 Ilmi Waaqayyoo, yeroo dheeraa gara lafaa dhufuusaa dura turetti maal hojjechaa ture? Lakkoofsi 30​ni, Waaqayyo duratti “hojjetaa dandeettii qabu” taʼee jiraachaa akka ture dubbata. Kana jechuun maal jechuudha? Qolosaayis 1:16, “Wantoonni samii keessa jiranii fi lafa irra jiran kaan hundi . . . karaa isaa uumaman. Wantoonni kaan hundi karaa isaa fi isaaf uumaman” jedha. Kanaaf, Yihowaan inni Uumaa taʼe, wantoota kaan hunda, jechuunis uumamawwan hafuuraa samiirra jiran, urjiilee, lafa, biqiltootaa fi bineeldota isheerra guutan, akkasumas ilmaan namootaa kan uume Ilmasaa isa Hojjetaa Dandeettii Qabu taʼetti fayyadameeti. Karaa tokko tokkoon, wal taʼiinsa Ilma kanaa fi Abbaasaa gidduu jiru, haala nama hojii ijaarsaa hojjetuu fi mahaandisii gidduu jirutti fakkeessuu dandeenya; namichi ijaaru sun qajeelfama mahaandisichaa guutummaatti hordofee ijaara. Uumama tokko yommuu dinqisiifannu, Mahaandisii Guddichaaf beekamtii kennaa jirra jechuudha. (Faarfannaa 19:1) Haataʼu malee, Uumaan keenyaa fi ‘hojjetaan isaa inni dandeettii qabu,’ yeroo dheeraadhaaf gammachuudhaan waliin hojjechuusaaniis ni yaadanna.

9 Namoonni mudaa qaban lama yeroo waliin hojjetan, darbee darbee walitti buʼuu dandaʼu. Yihowaa fi Ilmasaa gidduu garuu wanti akkasii hin jiru! Yesuus yeroo dheeraa hammana hin jedhamneef Abbaasaa wajjin hojjechaa kan ture taʼus, “Yeroo hunda isa duratti nan gammadan ture” jedheera. (Fakkeenya 8:30) Eeyyee, Abbaasaa wajjin taʼuun isa gammachiisa ture; Abbaansaas isaa wajjin taʼuusaatti ni gammada ture. Yesuus amaloota Abbaasaa caalaatti yeroo baratu caalaatti isa fakkaachaa akka dhufe beekamaadha. Kanaaf, hariiroon Yihowaa fi Ilmasaa gidduu jiru baayʼee cimaa taʼuunsaa nama hin dinqisiisu. Jaalalli kun jaalala bara dheeraa jiraatee fi baayʼee cimaa taʼedha.

w09 4/15 31 key. 14

Yesus, Isa Daawit Guddichaa fi Solomoon Guddicha Ta’eef Bakka Guddaa Kennuu

Namni ogummaa Solomoonirra caalu qabu tokko qofadha. Innis Yesus Kiristos isa ‘Solomoonirra akka caalu’ dubbatedha. (Mat. 12:42) Yesus “dubbii waa’ee jireenya bara baraa nama barsiisu” dubbateera. (Yoh. 6:68) Fakkeenyaaf, wantoonni Yesus Lallabasaa isa Gaaraa irratti dubbate, seerawwan bu’uuraa fakkeenyota Solomoon keessatti argaman caalaatti ifa godhu. Solomoon wantoota nama Yihowaa waaqeffatu tokkoof gammachuu argamsiisan hedduu dubbateera. (Fak. 3:13; 8:32, 33; 14:21; 16:20) Yesus, wantoonni waaqeffannaa Yihowaa fi abdiiwwan inni kennee wajjin walitti dhufeenya qaban raawwii argachuusaanii, gammachuu dhugaa akka argamsiisan jabeessee ibseera. Yesus, “Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri ta’an haa gammadan, mootummaan waaqaa kan isaanii ti” jedheera. (Mat. 5:3) Namoonni seerawwan bu’uuraa barumsawwan Yesus keessatti argaman hojiirra oolchan, Yihowaa isa ‘burqaa jireenyaa’ ta’etti caalaatti dhihaatu. (Far. 36:9; Fak. 22:11; Mat. 5:8) Kiristos ‘ogummaa Waaqayyootti’ fakkeeffameera. (1 Qor. 1:24, 30) Yesus Kiristos Mootii isa Masiihii waan ta’eef, “hafuura ogummaa” qaba.—Isa. 11:2.

Albuuda Hafuuraa

g-AM 5/14 16

‘Ogummaan sagalee ishii ol kaastee waamaa jirti—Sagaleen ishii sitti dhagaʼamaa?’

▪ Za Worlid Buuk Insaayikilooppeediyaan, “kitaabni akka Kitaaba Qulqulluutti balʼinaan raabsame hin jiru, kitaaba kamiyyuu caalaa yeroo hedduu fi afaanota hedduutti hiikameera” jedheera. Yeroo ammaatti Kitaabni Qulqulluun guutummaansaas taʼe gar tokkeensaa gara afaanota 2,600tiin waan argamuuf, namoota lafarra jiran keessaa harka 90 ol kan taʼan argachuu dandaʼu.

▪ Gama biraatiinis kallattiidhaan “sagalee ishee ol kaastee waamaa jirti” jechuun ni dandaʼama. Maatewos 24:14, “Saboota hundumaatti ragaa akka taʼuuf misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti ni lallabama; sana booda dhumni ni dhufa” jedha.

EBLA 14-20

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 9

Ogeeyyii Ta’aa Malee, Qoostota Hin Ta’inaa

w22.02 9 key. 4

“Dubbii Ogeeyyii Dhaggeeffadhu”

4 Gorsa kallattiidhaan nuuf kennamu hojii irra oolchuun ulfaataa taʼuu akka dandaʼu beekamaa dha. Tarii nu mufachiisuu illee dandaʼa. Maaliif? Mudaa akka qabnu kan amannu taʼus, namni tokko dogoggora raawwanne tokko adda baasee caqasuudhaan gorsa yeroo nuuf kennu gorsa isaa fudhachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. (Lallaba 7:9 dubbisi.) Tarii sababa dhiheessuuf yaalla taʼa. Kakaʼumsa nama gorsa nuu kenne sanaa shakkina ykn immoo akkaataa itti gorsa nuu kennetti mufanna taʼa. ‘Inni na gorsuuf mirga maalii qaba? Innis dogoggora ni raawwata!’ jechuudhaan nama gorsa nuuf kenne sana qeeqna taʼa. Kana malees, gorsa isaa hin jaallanne taanaan, gorsa inni nuu kenne dhiisnee nama wanta barbaannu nutti himu gorsa gaafanna taʼa.

w22.02 12 key. 12-14

“Dubbii Ogeeyyii Dhaggeeffadhu”

12 Gorsa fudhachuuf maaltu nu gargaara? Gad of qabuudhaan cubbamoota akka taanee fi yeroo tokko tokko gocha gowwummaa raawwachuu akka dandeenyu yaadachuun keenya barbaachisaa dha. Akkuma olitti ilaalle, Iyyoob ilaalcha dogoggoraa qaba ture. Booda garuu, ilaalcha isaa kana waan sirreesseef Yihowaan isa eebbiseera. Yihowaan kan isa eebbise maaliifi? Iyyoob nama gad of qabu waan taʼeefi. Akka gad of qabu kan argisiises gorsa Eliihuun inni umuriidhaan baayʼee isaa gad taʼe isaaf kenne fudhachuudhaani. (Iyo. 32:6, 7) Amala gad of qabuu qabaachuun keenya, gorsi nuuf kenname tokko akka nu hin barbaachisne yeroo nutti dhagaʼamutti ykn namni gorsa nuu kenne umuriidhaan yeroo nuu gad taʼutti illee gorsa sana hojii irra oolchuuf nu gargaara. Jaarsi gumii Kaanaadaa jiraatu tokko, “Akka warri kaan nu ilaalanitti waan of hin ilaalleef, namni nu gorsu hin jiru taanaan akkamitti guddina gochuu dandeenya?” jedheera. Nu keessaa namni firii hafuuraa horachuu irrattii fi tajaajila Kiristiyaanaa raawwachuu irratti guddina gochuun isa hin barbaachisne eenyu?—Faarfannaa 141:5 dubbisi.

13 Gorsi jaalala Waaqayyo siif qabu kan argisiisu akka taʼetti ilaali. Yihowaan wanta hunda irra wayyu akka argannu barbaada. (Fak. 4:20-22) Dubbii isaatti, barreeffama Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe tokkotti ykn Kiristiyaana bilchina qabu tokkotti fayyadamee yeroo gorsa nuuf kennu jaalala isaa nuuf ibsaa jira. Akka Ibroonni 12:9, 10 jedhutti, gorsa kan nuuf kennu “faayidaa keenyaaf” jedhee ti.

14 Akkaataa gorsi itti siif kenname irratti utuu hin taʼin, gorsa sana irratti xiyyeeffadhu. Yeroo tokko tokko akkaataan gorsi itti nuuf kenname gaarii akka hin taane nutti dhagaʼama taʼa. Dhugaa dha, namni gorsa kennu kam iyyuu karaa fudhachuuf salphatuun kennuuf yaaluu qaba. (Gal. 6:1) Gorsi nuuf kennameera taanaan garuu, akkaataan itti nuuf kenname nu gammachiisuu baatus, ergaa isaa irratti xiyyeeffachuun keenya gaarii dha. Akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Akkaataan itti gorsi naaf kenname natti toluu baatus, gorsa naa kenname keessaa wantin hojii irra oolchuu dandaʼu jiraa? Hirʼina nama sanaa irratti utuu hin taʼin, faayidaa gorsi inni naaf kenne qabu irratti xiyyeeffachuu nan dandaʼaa?’ Gorsi nuuf kennamu kam iyyuu akkamitti akka nu fayyadu yaaduun keenya gamnummaa dha.—Fak. 15:31.

w01-AM 5/15 30 key. 1-2

‘Ogummaan Umurii Dheeraa Nu Jiraachisti’

Akkaataan namni ogeessaa taʼe qajeelfama isaaf kenname itti fudhatu, akkaataa namni qoostuu taʼe itti fudhaturraa baayʼee addadha. Solomoon, “Nama ogeessaaf sirreeffama kenni, innis si jaallata. Nama ogeessa barsiisi, innis caalaatti ogeessa taʼa” jedheera. (Fakkeenya 9:8b, 9a) Namni ogeessi, ‘adabni kam iyyuu yeroo sanatti kan gaddisiisu malee kan gammachiisu akka hin fakkaanne; sana booda garuu warra ittiin leenjifamaniif firii qajeelummaa isa nagaa akka argamsiisu’ beeka. (Ibroota 12:11) Gorsi kan nama hin gammachiisne taʼus, tole jennee yoo fudhanne ogeessa kan nu godhu erga taʼee, sababii itti fudhachuu didnu ykn sababii itti mormnu qabnaa?

Solomoon itti fufuudhaan, “Nama qajeelaa barsiisi, innis beekumsa dabalataa ni argata” jedheera. (Fakkeenya 9:9b) Namni ogeessa waan taʼeef ykn waan dulloomeef barumsi isa hin barbaachisne jiraa? Namoonni baayʼee dulloomanillee dhugaa fudhatanii Yihowaadhaaf yommuu of murteessan arguun baayʼee nama gammachiisa. Nutis waa barachuu fi sammuu keenya hojjechiisuudhaaf fedhii haa qabaannu.

w01-AM 5/15 30 key. 5

‘Ogummaan Umurii Dheeraa Nu Jiraachisti’

Ogummaa argachuuf carraaqqii gochuun itti gaafatamummaa nama dhuunfaati. Solomoon, “Ogeessa yoo taate, ogeessa taʼuun kee suma fayyada, qoostuu yoo taate garuu, miidhaan isaa suma irra gaʼa” jechuudhaan kun dhugaa taʼuusaa ibseera. (Fakkeenya 9:12) Namni tokko ogeessa taʼuunsaa isuma fayyada, qoostuu yoo taʼes rakkina isarra gaʼu ofumasaa baata. Dhugumayyuu wantuma facaasne haammanna. Kanaafuu, ‘ogummaan’ yommuu dubbattu, sirriitti ‘haa dhaggeeffannu.’—Fakkeenya 2:2.

Albuuda Hafuuraa

w06-AM 9/15 17 key. 5

Yaadawwan Ijoo Kitaaba Fakkeenyaa

9:17—“Bishaan hatame” maalidha? Kan ‘miʼaawu’ hoo maaliifi? Kitaabni Qulqulluun gammachuu saalqunnamtiin hiriyoota gaaʼelaa gidduutti godhamu argamsiisu, bishaan burqituu dheebuu nama baasuu wajjin wal fakkeessa. Kanaafuu, bishaan hatame kan jedhame saalqunnamtii dhoksaatti godhamu argisiisa. (Fakkeenya 5:15-17) Namni gocha akkasii raawwatu gochisaa kun namoota kaan biratti akka hin beekamne yaaduunsaa bishaan akkasii miʼaawaa taʼee akka isatti mulʼatu godha.

EBLA 21-27

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 10

Dhugumaan Sooressa Ta’uun Kan Danda’amu Akkamitti?

w01-AM 7/15 25 key. 1-3

‘Qajeelaan Eebba Argata’

Namni qajeelaan karaa kan biraas ni eebbifama. “Harki hojii hiike hiyyummaa fida, harki jabaatee hojjetu garuu sooruma argamsiisa. Ilmi hubannaa guddaa qabu waqtii bonaatti midhaan walitti qabata, Ilmi nama qaanessu garuu, yeroo makaraatti hirriba cimaa rafa.”—Fakkeenya 10:4, 5.

Yaadni mootichi dubbate namoota hojii makaraarratti hirmaataniif hiika guddaa qaba. Yeroon makaraa yeroo itti ofirraa buʼanii rafan miti. Kanaa mannaa yeroo saʼaatii dheeraadhaaf jabaatanii itti hojjetanidha. Dhugumayyuu saʼaatii hojiiti.

Yesuus waqtii makaraa yeroo midhaan itti sassaabamu utuu hin taʼin, yeroo namoonni itti sassaabaman sammuutti qabachuudhaan duuka buutoasaatiin, “Hojiin makarichaa guddaa dha, hojjettoonni garuu muraasa. Kanaafuu, Gooftaan makarichaa, hojjettoota gara makara isaatti akka ergu kadhadhaa” jedheera. (Maatewos 9:35-38) Bara 2000​tti namoonni miliyoona 14 ol taʼan, jechunis Dhugaa Baatota Yihowaatti dachaa lama taʼan Ayyaana Yaadannoo duʼa Yesuusirratti argamaniiru. Maarree namni maasiin akka “addaatee haamaadhaaf gaʼe” haaluu dandaʼu jiraa? (Yohaannis 4:35) Namoonni dhugumaan Waaqayyoon waaqeffatan, hojii makaraarratti hirmaachaa, Gooftaan hojjettoota dabalataa gara hojichaatti akka ergu kadhatu. (Maatewos 28:19, 20) Yihowaanis carraaqqii isaanii isaaniif eebbiseera! Waggaa tajaajilaa 2000​tti namoonni haaraan 280,000 ol taʼan cuuphamaniiru. Isaanis gama isaaniitiin barsiistota Dubbii Waaqayyoo taʼuuf carraaqqii godhu. Hojii barattoota gochuurratti hamma humni keenya dandaʼe hirmaachuudhaan yeroo makaraa kanatti gammachuu haa argannu.

w01-AM 9/15 24 key. 3-4

Daandii ‘Qajeelaarra Deemi’

Solomoon qajeelinni hammam barbaachisaa akka taʼe yommuu ibsu, “Qabeenyi sooressaa isaaf magaalaa dallaa dhagaa qabdu dha. Badiisni hiyyeessotaa garuu hiyyummaa isaanii ti. Hojiin nama qajeelaa gara jireenyaatti geessa; omishni nama hamaa garuu gara cubbuutti geessa” jedheera.—Fakkeenya 10:15, 16.

Akkuma magaalaan dallaa qabdu namoota ishee keessa jiraataniif eegumsa argamsiistu, qabeenyis yaaddoowwan jireenya keessatti nu mudatan tokko tokkorraa nu boqochiisuu dandaʼa. Hiyyummaan rakkoowwan hin eegamne yommuu nurra gaʼanitti balaadhaaf nu saaxiluu dandaʼa. (Lallaba 7:12) Haataʼu malee, mootichi inni ogeessa taʼe rakkoowwan qabeenyas taʼe hiyyummaa wajjin wal qabatanii dhufan jiraachuu akka dandaʼan ibsaa jira taʼa. Namni sooressi qabeenyasaa akka akka ‘magaalaa dallaa dhagaa qabduutti’ ilaaluudhaan guutumaa guutuutti itti amanamuuf qoramuu dandaʼa taʼa. (Fakkeenya 18:11) Hiyyeessi immoo hiyyummaa isaatiin kan kaʼe abdii akka hin qabnetti yaaduu dandaʼa. Kanaan kan kaʼe, lamaan isaaniiyyuu Waaqayyo biratti maqaa gaarii utuu hin qabaatin hafuu dandaʼu.

it-1-E 340

Eebba

Eebba Yihowaan Namoota Eebbisu. “Eebbi Yihowaa sooressa nama godha, innis isaa wajjin rakkina tokko illee hin dabalu.” (Fak. 10:22) Yihowaan namoota isa duratti fudhatama argatan eeguu, akka badhaadhan gochuu, qajeelfama isaaniif kennuu, milkaaʼina akka argatan gochuu fi wanta isaan barbaachisu isaaniif kennuudhaan isaan eebbisa.

Albuuda Hafuuraa

w06-AM 5/15 30 key. 18

Gammachuu Amanamummaadhaan Jiraachuun Argamsiisu

18 Yihowaan sabnisaa karaa hafuuraa akka badhaadhan gochuudhaan isaan eebbiseera. Kitaabni Qulqulluun, “isaa wajjin rakkina tokko illee hin dabalu” jechuudhaan nuuf mirkaneessa. (Fakkeenya 10:22) Maarree, qorumsi rakkinaa fi dhiphina hedduu geessisu tajaajiltoota Waaqayyoo amanamoo taʼanirra kan gaʼu maaliifi? Rakkiinnii fi wanti nama dhiphisu kan nurra gaʼu sababiiwwan gurguddoo sadiin kan kaʼedha. (1) Cubbuu dhaalle. (Uumama 6:5; 8:21; Yaaqoob 1:14, 15) (2) Seexanaa fi jinniiwwansaa. (Efesoon 6:11, 12) (3) Addunyaa hamaa taʼe. (Yohaannis 15:19) Yihowaan wantoonni gaarii hin taane akka nurra gaʼan yoo heyyames, wantoota kana kan fidu isa miti. Kanaa mannaa, “Kennaan gaariinii fi kennaan guutuun hundi ol gubbaadhaa, Abbaa ifawwan samii” irraa madda. (Yaaqoob 1:17) Eebbawwan Yihowaa rakkina tokkollee of keessatti hin dabalatan.

EBLA 28–CAAMSAA 4

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU FAKKEENYA 11

Hin Dubbatinaa!

w02-AM 5/15 26 key. 4

Qajeelonni Yeeroo Hunda Ejjennoo Cimaa Qabu

Ejjennoo cimaan namni qajeelaa taʼe qabus taʼe, gochi hamoonni raawwatan namoota kaanirratti dhiibbaa gochuunsaa hin hafu. Mootiin Israaʼel, “Namni gantuun afaan isaatiin ollaa isaa irratti badiisa fida, qajeelonni garuu beekumsaan ni oolu” jedheera. (Fakkeenya 11:9) Maqaa balleessuun, hamiin, dubbii hamaanii fi oduun gatii hin qabne namoota akka miidhu namni haaluu dandaʼu jiraa? Faallaa kanaatiin dubbiin nama qajeelaa qulqulluu, kan itti yaadamee fi warra kaaniif akka yaadu kan argisiisudha. Namni ejjonnoo cimaa akkasii qabu ragaa amansiisaa namoonni isa himatan sobaa akka jiran argisiisu dhiheessuu waan dandaʼuuf beekumsaan oola.

w02-AM 5/15 27 key. 2-3

Qajeelonni Yeeroo Hunda Ejjennoo Cimaa Qabu

Namoonni magaalaa tokko keessa jiraatanii fi daandii qajeelaa hordofan, namoonni kan biroon hawaasicha keessa jiraatan nagaa fi tasgabbii akka argatan godhu. Kanaan kan kaʼes, magaalattiin ni guddatti, akkasumas ni duroomti. Namoonni maqaa balleessanii fi wantoota dogoggoraa nama miidhan dubbatan jeequmsi, gaddii fi wal qoqqoodinsi akka uumamu godhu. Keessumaammoo namoonni akkasii namoota kaan biratti dhageettii qabu taanaan, wantoonni akkasii uumamuunsaanii hin hafu. Magaalaan akkasii jeequmsa, mancaʼiinsa amalaa fi kufaatii dinagdeetiif saaxilamti.

Qajeelfamni Fakkeenya 11:11​rratti argamu, saba Yihowaa warra gumii isa magaalaatti fakkeeffamuu dandaʼu keessa walitti dhihaatanii jiraatan irrattis hojjechuu dandaʼa. Gumiin namoonni hafuuraa, jechuunis namoonni qajeeloon ejjennoo cimaa qaban keessatti argaman, gumii namoota gammadoo Waaqayyoof ulfina fidan, dammaqoo fi gargaarsa gochuuf qophaaʼoo taʼaniin guutame taʼa. Yihowaan gumicha waan eebbisuuf karaa hafuuraa ni badhaadhu. Darbee darbeemmoo karaan wantoonni tokko tokko itti raawwataman namoonni isaan hin gammachiisne, namoonni qeeqanii fi namoonni aariidhaan dubbatan jiraachuu dandaʼu. Haalli akkasii suuta suuta warra fayyaa taʼanitti darbuu fi isaan faaluu waan dandaʼuuf namoonni akkasii ‘hidda summaaʼaa’ taʼu. (Ibroota 12:15) Yeroo baayʼee fedhiin namoota kanaa aangoo fi ulfina dabalataa argachuudha. Namoonni kun jaarsoliin akka loogan, sanyiidhaan akka nama qoodanii fi rakkoowwan kana fakkaatan akka qaban gumii keessatti odeessu. Dhugumayyuu dubbiin isaanii gumii keessatti wal qoqqoodinsi akka uumamu godha. Maarree, dubbiisaanii dhagaʼuu dhiisuudhaan namoota hafuuraa nagaa fi tokkummaa gumiitiif gumaacha godhan taʼuu hin qabnuu?

w02-AM 5/15 27 key. 5

Qajeelonni Yeeroo Hunda Ejjennoo Cimaa Qabu

Namni hubannaa ykn ‘qalbii’ hin qabne rakkina guddaa uuma. Arrabasaa waan hin toʼanneef hamma maqaa namaa balleessutti ykn hamma nama arrabsuttillee gaʼuu dandaʼa. Jaarsoliin muudaman dhiibbaa gadhee namni akkasii geessisu dhaabsisuuf dafanii tarkaanfii fudhachuu qabu. Namni hubataan garuu, nama hubannaa hin qabnerraa haala adda taʼeen yoom callisuu akka qabu beeka. Iccitii namaa dubbachuurraa of eeggata. Namni hubataan arrabni akkuma itti dhufetti dubbatu miidhaa guddaa akka geessisu waan beekuuf “hafuuraan amanamaa” taʼa. Hidhata amantiisaatiif amanamaadha, iccitii balaadhaaf isa saaxilus jalaa hin baasu. Namoonni ejjennoo cimaa qaban akkasii gumii tokkoof eebba guddaa taʼu!

Albuuda Hafuuraa

g20.1 11, saanduqa

Dhiphina Moʼuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

“GAARUMMAADHAAN DHIPHINA BALLEESSI”

“Namni garraamiin ofii isaa ni fayyada, namni gara jabeessi garuu rakkina ofitti fida.”—FAKKEENYA 11:17.

Kitaabni Dhiphina Moʼuu jedhamu mata duree “Gaarummaadhaan Dhiphina Balleessi” jedhu qaba. Akka barreessaan kitaabichaa Doktar Tiim Kaantoofer jedhanitti warra kaan gaarummaadhaan qabuun fayyaa fi gammachuu argamsiisuu dandaʼa. Gama biraatiinimmoo, namni gaarummaa hin qabne ykn gara jabeessa taʼe tokko warra kaanirraa waan adda of baasuuf gammachuu hin qabaatu.

Kana malees gaarummaadhaan of qabuudhaan dhiphinarraa boqonnaa argachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, garaa ofitti jabaachuu ykn wanta humna keenyaa ol taʼe ofirraa eeguu hin qabnu. Akkasumas of tuffachuu ykn of miidhuu hin qabnu. Yesuus Kiristoos “Nama akka ofii keetti jaalladhu” jedheera.—Maarqos 12:31.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi