BARUMSA 7
Gamoo Baabel
Bishaan Badiisaa sana booda, ilmaan Nohii fi haadhotiin manaa isaanii ijoollee hedduu godhatan. Maatiiwwan isaanii baayʼatanii, akkuma Yihowaan isaanitti dubbatee ture bakka garaa garaa jiraachuu jalqaban.
Maatiiwwan tokko tokko garuu Yihowaadhaaf hin ajajamne. Akkana jedhan: ‘Kottaa magaalaa tokko ijaarree asuma jiraannaa. Gamoo baayʼee dheeraa fiixeen isaa samii bira gaʼu ijaarrannaa. Achiis beekamoo taana.’
Yihowaan wanta namoonni sun gochaa turanitti waan hin gammanneef ijaarsa isaanii dhaabsisuuf murteesse. Kana kan godhe akkamitti akka taʼe beektaa? Akkuma tasaa namoonni sun qooqa garaa garaa akka dubbatan godhe. Wal hubachuu waan hin dandeenyeef, hojii ijaarsaa sana ni dhaaban. Magaalaan isaan ijaaraa turan Baabel, jechuunis “Burjaajaʼuu” jedhame. Namoonni achii deemanii guutummaa lafaa irra jiraachuu jalqaban. Haa taʼu malee, naannoo haaraa jiraachuu jalqabanitti wanta hamaa hojjechuu isaanii itti fufan. Namoonni Yihowaa jaallatan hoo jiru turanii? Boqonnaa itti aanu irratti ilaalla.
“Namni ol of qabu hundi ni salphifama; namni gad of qabu kam iyyuu garuu ol ni qabama.”—Luqaas 18:14