-
Fardeenii fi Gaarii Fardaa Ibiddaa YihowaaBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 52
Fardeenii fi Gaarii Fardaa Ibiddaa Yihowaa
Benhadaad mootiin Sooriyaa Israaʼeliin loluu isaa itti fufe. Haa taʼu malee, Eelsaaʼi raajichi mootii Israaʼel waan akeekkachiiseef yeroo baayʼee isaan jalaa of oolchuu dandaʼeera. Kanaaf, Benhadaad Eelsaaʼiin qabsiisuuf murteesse. Eelsaaʼi magaalaa Dootaan keessa akka jiru waan dhagaʼeef, loltoonni Sooriyaa akka isa qabaniif achitti isaan erge.
Warri Sooriyaa halkaniin gara Dootaan dhaqan. Guyyaa itti aanu ganama tajaajilaan Eelsaaʼi, yommuu gad baʼu magaalattiin raayyaa guddaadhaan marfamtee arge. Baayʼee waan sodaateef, ‘Eelsaaʼi maal gochuu nuu wayya?’ jedhee iyyee. Eelsaaʼi immoo, ‘Warri nuu wajjin jiran, warra isaanii wajjin jiran irra ni caalu’ jedhee deebiseef. Yihowaanis yeruma sana tajaajilaan Eelsaaʼi gaaronni naannoo magaalattii jiran guutummaatti fardeenii fi gaarii fardaa ibiddaatiin guutamanii akka jiran akka argu taasise.
Loltoonni Sooriyaa Eelsaaʼiin qabuuf yommuu yaalan, inni ‘Yaa Yihowaa, maaloo ija isaanii jaamsi’ jedhee kadhate. Akkuma tasaa, loltoonni kun iji isaanii amma iyyuu kan argu taʼus, eessa akka jiran hubachuu hin dandeenye. Eelsaaʼis loltoota kanaan, ‘Magaalattiin kana miti. Ana duukaa buʼaa gara nama isin barbaaddan sanaatti isin nan geessa’ isaaniin jedhe. Yommuu isaan Eelsaaʼi duukaa buʼanis, Samaariyaa ishii mootiin Israaʼel keessa jiraatutti isaan geesse.
Yeroo kanatti warri Sooriyaa eessa akka jiran hubatan. Mootiin Israaʼelis, “Isaan ajjeesuu?” jedhee Eelsaaʼin gaafate. Eelsaaʼi carraa kana yeroo itti namoota isa ajjeesuuf yaalii godhan irratti ijaa baafatu akka argate godhee yaadee? Lakki. Eelsaaʼi, ‘Isaan hin ajjeesin. Nyaata isaaniif kenniitii gara biyya isaaniitti isaan deebisi’ jedheen. Kanaaf, nyaata baayʼee mootichi isaaniif qopheesse erga nyaatanii booda, gara biyya isaaniitti isaan deebise.
“Amanannaan nuti isa irratti qabnu kana dha; wanti kadhannu maal iyyuu yoo taʼe, akka fedhii isaatti yoo kadhanne inni nu dhagaʼa.”—1 Yohaannis 5:14
-
-
Ija Jabina YehoyaadaaBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 53
Ija Jabina Yehoyaadaa
Iizaabel intala akkuma ishii hamtuu taatee fi Ataaliyaa jedhamtu qabdi turte. Ataaliyaan mootii Yihudaatti heerumtee turte. Abbaan manaa ishii yommuu duʼu, ilmi ishii bulchuu jalqabe. Haa taʼu malee, Ataaliyaan ilmi ishii yommuu duʼu ofuma ishiitiin mootii Yihudaa of goote. Achiis, ilmaan ilma ishii dabalatee nama bakka ishii mootii taʼuu dandaʼu kam iyyuu ajjeesuudhaan, hidda dhaloota moototaa hunda balleessuuf yaalte. Namni hundi ishii sodaata ture.
Yehoyaadaa Luba Ol Aanaanii fi haati manaa isaa Yoshebaan, wanti Ataaliyaan raawwachaa jirtu baayʼee gadhee akka taʼe beeku turan. Taʼus, lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilanii mucaa ilma Ataaliyaa, Yoʼaas jedhamu ni dhoksan. Mana qulqullummaa keessatti isa guddisan.
Yoʼaas yommuu umuriin isaa torba taʼu, Yehoyaadaan gurguddoota biyyaa fi Leewwoota hunda walitti sassaabee akkana isaaniin jedhe: ‘Balbala mana qulqullummaa eegaa, nama tokko iyyuu akka hin galchine.’ Achiis Yehoyaadaan mataa Yoʼaas irra gonfoo kaaʼee mootii Yihudaa isa taasise. Uummanni Yihudaas, “Mootichi bara baraan haa jiraatu!” jedhee iyye.
Ataaliyaa Mootittiin waca uummatichaa yommuu dhageessu gara mana qulqullummaatti fiigde. Mootii haaraa yommuu argitu, “Kun daba dha! Kun daba dha!” jettee iyyite. Gurguddoonni sunis mootuu hamtuu kana qabanii erga ishii baasanii booda ishii ajjeesan. Haa taʼu malee, dhiibbaa gadheen ishiin sabicha irra geessiste hoo akkam taʼa?
Yehoyaadaan, sabichi Yihowaa wajjin waadaa akka galu kan gargaare siʼa taʼu, isaanis Yihowaa qofa waaqeffachuuf waadaa galaniiru. Yehoyaadaan galma Baʼaal akka diiganii fi waaqolii tolfamoo caccabsanii akka balleessan godhe. Yehoyaadaan, sabichi deebisee achitti akka waaqeffatuuf, luboonnii fi Leewwonni hojii mana qulqullummaa keessa jiru hunda akka hojjetaniif isaan muude. Namni qulqulluu hin taane kam iyyuu, gara mana qulqullummaatti akka hin seenneef karra eegdota ramade. Achiis, Yehoyaadaa fi gurguddoonni Yoʼaasiin gara mana mootummaatti geessanii teessoo irra isa kaaʼan. Sabni Yihudaas ni gammade. Dhuma irratti, sabichi Ataaliyaa ishii hamtuu fi waaqeffannaa Baʼaal irraa walaba taʼee Yihowaa tajaajiluu dandaʼeera. Ija jabinni Yehoyaadaan argisiise akkamitti namoota baayʼee akka gargaare hubattee?
“Warra foon ajjeesuu malee lubbuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa; kanaa mannaa, isa lubbuus taʼe foon Gahaannam keessatti balleessuu dandaʼu sana sodaadhaa.”—Maatewos 10:28
-