LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yihowaan ‘Wanta Dhokataa In Mulʼisa’
    Masaraa Eegumsaa—2012 | Waxabajjii 15
    • Yihowaan ‘Wanta Dhokataa In Mulʼisa’

      “Waaqayyo keessan dhuguma waaqayyolii irratti Waaqayyoo dha, mootota irrattis gooftaa dha, wanta dhokataa hundumaas isa mulʼisuu dha.”—DAN. 2:47.

      MAAL JETTEE DEEBISTA?

      Yihowaan waaʼee gara fuulduraa balʼinaan maal nu mulʼiseera?

      Mataawwan bineensichaa jaʼan warri jalqabaa eenyufaa argisiisu?

      Bineensichiifi bifni sibiilaa Nebukadnezaar arge akkamitti wal fakkaatu?

      1, 2. Yihowaan maal akka hubannu godheera? Kana kan godhehoo maaliifi?

      YEROO Mootummaan Waaqayyoo mootummaa ilmaan namootaa balleessutti, mootummaan addunyaarratti humna guddaa qabaatu kamidha? Yihowaan inni ‘wanta dhokataa mulʼisu’ ifa waan nuu godhuuf deebiisaa beekna. Karaa barreeffamoota Daaniʼel raajichiifi Yohannis ergamaan barreessaniin eenyummaa mootummoota kanaa akka hubannu nu godheera.

      2 Yihowaan namoonni kun bineensota walitti aansuudhaan kaʼan mulʼataan akka argan godhee ture. Yihowaan hiika fakkeenya bifa namaa sibiilarraa hojjetame tokkoos Daaniʼelitti himeera. Faayidaa keenyaaf jecha seenaawwan kun Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffamanii akka turan godheera. (Rom. 15:4) Kana kan godhe, Mootummaansaa mootummoota ilmaan namootaa hunda dhihootti akka balleessu abdii qabnu nuu cimsuufidha.—Dan. 2:44.

      3. Raajii sirriitti hubachuudhaaf, jalqaba maal beekuutu nu barbaachisa? Maaliif?

      3 Seenaawwan Daaniʼeliifi Yohannis barreessan, dimshaashumatti eenyummaa mootummoota saddeetii ykn bulchiinsa namootaa qofa utuu hin taʼin, duraa duuba mootummoonni kun itti bulchuu jalqabanis ni ibsu. Seenaa kana sirriitti hubachuu kan dandeenyu garuu, hiika raajiin jalqaba Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffame qabu yoo beekne qofadha. Maaliif? Ergaan Macaafa Qulqulluu raawwii raajii dubbatame kanaa wajjin kan wal qabate waan taʼeefidha. Raajiiwwan hundi raawwii raajii kanaati jechuun ni dandaʼama.

      SANYII BOFICHAAFI BINEESICHA

      4. Kutaa sanyii dubartittii kan taʼan eenyufaʼi? Sanyiin kunoo maal godha?

      4 Yihowaan, Eeden keessatti mormiin isarratti kaʼee utuu hin turin, ‘dubartiin’ tokko “sanyii” akka godhattu abdii kenne.a (Uumama 3:15 dubbisi.) Sanyiin sun yeroo booda mataa Seexana isa boficha jedhame sanaa kan buruqsudha. Yihowaan booda, sanyichi karaa Abrahaam akka dhufu, miseensa saba Israaʼel akka taʼu, karaa qomoo Yihudaafi hidda dhalootaa Daawit Mootichaatiin kan dhufu taʼuusaa ifa godhe. (Uma. 22:15-18; 49:10; Far. 89:3, 4; Luq. 1:30-33) Kutaan sanyii sanaa inni guddaan Yesus Kiristos akka taʼe mirkanaaʼeera. (Gal. 3:16) Kutaan sanyii kanaa inni lammaffaanimmoo miseensota gumii Kiristiyaanota dibamoo kan qabatedha. (Gal. 3:26-29) Yesusiifi Kiristiyaanonni dibamoon kun tokko taʼuudhaan, Mootummaa Waaqayyoo isa Yihowaan Seexana balleessuuf itti fayyadamu hundeessu.​—Luq. 12:32; Rom. 16:20.

      5, 6. (a) Daaniʼeliifi Yohannis mootummoota gurguddoo meeqa ibsan? (b) Mataawwan bineensichaa Macaafa Mulʼataarratti ibsaman maal argisiisu?

      5 Raajiin Eeden keessatti dubbatame kun Seexannis “sanyii” akka godhatu ibsa. Sanyiinsaa sanyii dubartittiitiif diinummaa ykn jibba argisiisa. Sanyii bofichaa kan taʼan eenyufaʼi? Warra akkuma Seexanaa Waaqayyoon jibbaniifi saba Waaqayyoo morman hundadha. Seenaa keessatti, Seexanni sanyiisaa dhaabbata siyaasaa ykn mootummoota garagaraatti gurmeesseera. (Luq. 4:5, 6) Haataʼu malee, saba Israaʼelis taʼe gumii Kiristiyaanota dibamoo taʼanirratti dhiibbaa guddaa kan geessisan mootummoota muraasa qofadha jechuun ni dandaʼama. Dhugaa kana beekuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Mulʼanni Daaniʼeliifi Yohannis, mootummoota aangoo guddaa qaban saddeet qofa kan argisiisu maaliif akka taʼe hubachuuf waan nu gargaaruufidha.

      6 Yesus inni duʼaa kaafame, Dh.K.B. dhuma jaarraa tokkoffaatti mulʼata ajaaʼibsiisaa taʼe, walitti aansuudhaan Yohannis ergamaatti argisiisee ture. (Mul. 1:1) Yohannis mulʼata kana keessaa isa tokkorratti, Seexanni jawweetti fakkeeffamee qarqara galaana guddaa tokkoo utuu dhaabatuu argeera. (Mulʼata 13:1, 2 dubbisi.) Yohannis bineensi adda taʼe tokko galaana keessaa baʼee Seexanarraa aboo guddaa utuu fudhatuus argeera. Booda ergamaan tokko, mataawwan torban bineensa diimaa sanarra jiraniifi bineensa mulʼata 13:1⁠rratti caqasameef fakkeenya taʼan, “mootota torba” ykn mootummoota akka bakka buʼan ibseera. (Mul. 13:14, 15; 17:3, 9, 10) Yeroo Yohannis mulʼata kana barreessetti, mootummoonni shan kufaniiru, inni tokko bulchaa jira, inni kaanimmoo “hin kaane” ture. Mallattoon mootummoota ykn humnoota addunyaa sanaa maalidha? Mee mataawwan bineensa Macaafa Mulʼataarratti ibsame kanaa tokko tokkoon haa qorru. Akkasumas raajiin Daaniʼel mootummoonni kun kaʼuusaanii jaarraa hedduu dura, baayʼeesaanii ilaalchisee ibsa balʼaa akkamii akka kennu ilaalla.

      GIBXIIFI ASOOR —MATAAWWAN JALQABAA LAMAAN

      7. Mataan inni jalqabaa eenyuun argisiisa? Maaliif?

      7 Mataan bineensichaa inni jalqabaa Gibxiin argisiisa. Maaliif? Gibxi saba Waaqayyoo jibbuudhaan mootummaa addunyaa isa jalqabaa waan taateefidha. Sanyiin Abrahaam warri sanyii dubartittii isa abdachiifame argamsiisan, Gibxi keessatti garmalee baayʼatan. Boodas, Gibxi saba Israaʼel cunqursuu jalqabde. Seexanni utuu sanyichi hin dhufin saba Waaqayyoo haxaaʼee balleessuuf yaalii godhee ture. Akkamitti? Faraʼoon ijoollee dhiiraa Israaʼelootaa hunda akka ajjeesu kakaasuudhaanidha. Yihowaan yaalii kana fashaleessuudhaan sabasaa garbummaa Gibxii jalaa bilisa baase. (Bau. 1:15-20; 14:13) Boodas Israaʼeloota Biyyattii Abdachiifamtetti galche.

      8. Mataan inni lammaffaan eenyuun argisiisa? Maal gochuuf yaalee ture?

      8 Mataan bineensichaa inni lammaffaan Asoriin argisiisa. Mootummaan humna guddaa qabu kunis saba Waaqayyoo balleessuuf yaalii godheera. Yihowaan waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuufi jalʼina raawwachuusaaniitiin kan kaʼe, Israaʼeloota gosa kurnan adabuuf Asoritti akka fayyadame beekamaadha. Haataʼu malee Asor, ittaansuudhaan Yerusaalemiin weerarte. Seexanni hidda dhalootaa yeroo booda Yesusiin argamsiisu balleessuu barbaadee taʼuu dandaʼa. Taʼus, lolli kun kaayyoo Yihowaa keessaa tokko waan hin turreef, weerartoonni kun sabasaa amanamoo taʼan akka hin balleessineef dinqiidhaan isaan oolcheera.​—2 Mot. 19:32-35; Isa. 10:5, 6, 12-15.

      BAABILOON—MATAA SADAFFAA

      9, 10. (a) Yihowaan warri Baabilon maal akka godhan heyyame? (b) Raajiin kun akka raawwatamuuf maaltu taʼuu qaba?

      9 Mataan bineensichaa sadaffaan inni Yohannis arge mootummaa magaalaa guddittii Baabilon taaʼee bulchudha. Yihowaan warri Baabilon Yerusaalemiin balleessanii sabasaa akka boojiʼan heyyamee ture. Haalli yeellaasisaan kun akka gaʼu heyyamuusaa dura garuu, haalli gaddisiisaan akka isaanirra gaʼu Israaʼeloota hamoo taʼan akeekkachiisee ture. (2 Mot. 20:16-18) Hiddi dhaloota mootota Yerusaalemitti “teessoo Waaqayyo” irra akka taaʼan dubbatamee akka balleeffamu raajii dubbatee ture. (1 Sen. 29:23) Haataʼu malee, sanyiin Daawit Mootichaa inni ‘abbaa firdii’ taʼe tokko akka dhufuufi aangoo akka fudhatus abdachiiseera.​—His. 21:25-27.

      10 Raajii gara biraanimmoo Masiihiin Abdachiifame ykn Inni Dibame sun yommuu dhufu Yihudoonni mana qulqullummaa Yerusaalemitti akka waaqeffachaa jiran ibseera. (Dan. 9:24-27) Raajiin Israaʼeloonni boojiʼamuudhaan Baabilonitti geeffamuusaanii dura dubbatame tokko, namni kun Betlihemitti akka dhalatu ibseera. (Mik. 5:2) Raajiiwwan kun akka raawwatamaniif, Yihudoonni boojuudhaa bilisa baʼanii gara biyyasaaniitti deebiʼuudhaan mana qulqullummaa deebisanii ijaaruu qabu turan. Haataʼu malee, Baabilon boojiʼamtoota biyyasaaniitti deebisuuf karoora hin qabdu. Rakkina kana moʼuun kan dandaʼamu akkamittiree? Yihowaan deebii gaaffii kanaa raajotasaatti mulʼiseera.​—Amo. 3:7.

      11. Mootummaan Baabilon karaa garaagaraa kamiin ibsame? (Miiljalee ilaali.)

      11 Daaniʼel raajichi namoota boojuudhaan Baabilonitti geeffaman keessaa tokko ture. (Dan. 1:1-6) Yihowaan mootummaa addunyaa humna guddaa qabu sanatti aansuudhaan, mootummoota duraa duubaan kaʼan mulʼisuuf Daaniʼelitti fayyadameera. Yihowaan iccitii kana mallattoo garagaraatti fayyadamee ibseera. Fakkeenyaaf, Nebukadnezaar Mootiin Baabilon, fakkeenya bifa namaa guddaa sibiila addaddaarraa hojjetame tokkoo abjuudhaan akka argu godhee ture. (Daaniʼel 2:1, 19, 31-38 dubbisi.) Yihowaan karaa Daaniʼel, mataan fakkeenya bifa namaa sibiila warqeerraa hojjetame sanaa Mootummaa Baabilon akka argisiisu mulʼiseera.b Mootummaan addunyaa Baabilonitti aansee kaʼu, qomaafi harka fakkichaa meetiirraa hojjetametti fakkeeffameera. Mootummaan addunyaa kun eenyudha? Saba Waaqayyoo kan qabuhoo akkamitti?

      MEDOO FAARES —MATAA ARFAFFAA

      12, 13. (a) Yihowaan moʼamuu Baabilon ilaalchisee maal mulʼisee ture? (b) Medoo Faares mataa bineensichaa isa arfaffaatti fakkeeffamuunsaa sirrii kan taʼe maaliifi?

      12 Yihowaan Daaniʼel dhalachuusaa jaarraa tokko dura karaa Isaayaas, mootummaan addunyaa Baabiloniin moʼu eenyu akka taʼe ibsa balʼaa kenneera. Yihowaan magaalaan Baabilon akkamitti akka moʼamtu qofa utuu hin taʼin, eenyu akka ishee moʼus ibsee ture. Humna waraanaa kana kan geggeessu, Qiiros Faaresichadha. (Isa. 44:28–45:2) Daaniʼel Mootummaa Addunyaa Medoo Faaresiin ilaalchisee mulʼata garabiraa lama argeera. Isa tokkorratti mootummaan kun amaaketa cinaacha tokkoon ol kaaʼetti fakkeeffameera. Bineensa kanaan “foon baayʼee nyaadhu!” jedhameera. (Dan. 7:5) Mulʼata gara biraarrattimmoo Daaniʼel, mootummoota lamaan qindoominaan addunyaarratti humna guddaa qaban kana, korbeessa hoolaa gaanfa lama qabutti fakkeeffamanii argeera.​—Dan. 8:3, 20.

      13 Yihowaan Baabiloniin garagalchee Israaʼeloonni gara biyyasaaniitti akka deebiʼan gochuufi raajii dubbate raawwachuuf Medoo Faaresitti fayyadameera. (2 Sen. 36:22, 23) Haataʼu malee mootummaan addunyaa kun yeroo booda saba Waaqayyoo balleessuu jala gaʼee ture. Karoorri muummeen ministeeraa Faares inni Hamaa jedhamu baase Macaafa Asteer keessatti galmeeffameera. Namni kun Yihudoonni mootummaa Faares keessa jiran hundi akka balleeffaman qophii kan godhe siʼa taʼu, guyyaa itti isaan balleeffamanis murteessee ture. Sabni Waaqayyoo badiisa sanyiin Seexanaa isaanitti aggaame kanarraa kan oolan, Yihowaan sabasaatiif jedhee waan gidduu galeef qofa ture. (As. 1:1-3; 3:8, 9; 8:3, 9-14) Kanaaf, Medoo Faares mataa bineensa Macaafa Mulʼataa keessatti ibsame isa arfaffaatti fakkeeffamuunsaa sirriidha.

      GIRIIK —MATAA SHANAFFAA

      14, 15. Mootummaa Giriik durii ilaalchisee Yihowaan ibsa balʼaa akkamii kennee ture?

      14 Mataan bineensichaa shanaffaan Macaafa Mulʼataa keessatti ibsame Giriikiin argisiisa. Akkuma Daaniʼel yommuu abjuu Nebukadnezaar hiike mulʼisetti, mootummaan addunyaa kun garaafi mudhii fakkichaa isa sibiila diimaarraa hojjetametti fakkeeffameera. Daaniʼel eenyummaa mootummaa kanaafi mootiisaa isa beekamaa taʼe ilaalchisees mulʼata waan hedduu ibsu argeera.

      15 Daaniʼel mulʼata isa tokkorratti, Giriik qeerransa qoochoo afur qabutti fakkeeffamee kan arge siʼa taʼu, kunis mootummaan kun yeroo gabaabaa keessatti injifannoo kan argatu taʼuusaa argisiisa. (Dan. 7:6) Mulʼata kaanirrattimmoo, Daaniʼel korbeessi reʼee gaanfa guddaa tokko qabu, korbeessa hoolaa gaanfa lama qabu, jechuunis Medoo Faaresiin saffisaan akka ajjeese ibseera. Yihowaan reʼichi Giriikiin, gaanfi guddaan sunimmoo mootiisaa keessaa isa tokko akka argisiisu Daaniʼelitti himeera. Daaniʼel itti dabaluudhaan gaanfi guddaan sun akka cabuufi iddoosaatti gaanfonni xixinnoon afur akka biqilan galmeesseera. Raajiin kun Giriik mootummaa addunyaa taʼuushee jaarraa hedduu dura kan barreeffame taʼus, wanti dubbatame hundi tokko tokkoon raawwatameera. Lola Medoo Faaresiin weeraruuf godhame kan geggeesse mootii Giriik beekamaa kan taʼe Aleeksaandar Guddicha ture. Mootii guddaan kun utuu aangoo guddaa qabatee jiruu umrii waggaa 32⁠tti waan duʼeef, gaanfi guddaan sun utuma baayʼee hin turin cabeera. Erga inni duʼee booda bulchiinsisaa janaraalotasaa afur gidduutti hihhirame.​—Daaniʼel 8:20-22 dubbisi.

      16. Antaayikas 4⁠ffaan maal godhe?

      16 Giriik Faaresiin erga injifattee booda, saba Waaqayyoorratti moʼuu jalqabde. Yeroo kanatti Yihudoonni Biyyattii Abdachiifamtetti galuudhaan Yerusaalemitti mana qulqullummaa deebisanii ijaaranii turan. Yihudoonni ammayyuu saba Waaqayyoo warra filatamoo yommuu taʼan, manni qulqullummaa deebiʼee ijaarames bakka waaqeffannaan dhugaa itti geggeeffamu ture. Haataʼu malee, Dh.K.D. jaarraa lammaffaatti, Giriik isheen mataa bineensichaa isa shanaffaa taate saba Waaqayyoo weerarte. Namoota mootummaa Aleeksaandar isa hihhirame dhaalan keessaa tokko kan taʼe Antaayikas 4⁠ffaan, oobdii mana qulqullummaa Yerusaalem keessatti iddoo aarsaa waaqayyolii tolfamoo dhaabuudhaan, namni sirna amantii Yihudootaa raawwatu duuti akka itti faradamu abboome. Gochi kun jibbaa guddaa sanyiin Seexanaa qabu kan argisiisu ture. Haataʼu malee utuma hin turin, Giriik mootummaa addunyaa taʼuunshee ni hafa. Ittaansuudhaan mataa bineensichaa isa jaʼaffaa kan taʼu eenyudha?

      ROOMAA—MATAA JAʼAFFAA, “SODAACHISAA, NAASISAA”

      17. Raajii Uumama 3:15⁠rra jiru raawwachuurratti mataa jaʼaffaan gaʼee guddaa akkamii qaba ture?

      17 Yohannis mulʼata waaʼee bineensichaa ibsu yommuu argetti Roomaan mootummaa addunyaa turte. (Mul. 17:10) Mataa jaʼaffaan kun raajii Uumama 3:15⁠rra jiru raawwachuu wajjin haala wal qabateen gaʼee guddaa qaba ture. Seexanni “koomee” sanyichaa idduuf, jechuunis miidhaa yeroo gabaabaaf turu isarra geessisuuf abbootii taayitaa warra Roomaatti fayyadameera. Akkamitti? Namoonni kun Yesus mootummaarratti fincila akka kaase himata sobaa isarratti dhiheessuudhaan akka ajjeeffamu godhaniiru. (Mat. 27:26) Haataʼu malee, Yihowaan Yesusiin waan duʼaa kaaseef madaan sun yeruma sana fayyeera.

      18. (a) Yihowaan saba haaraa akkamii filate? Maaliif? (b) Sanyiin bofichaa sanyii dubartittii jibbuusaa kan itti fufe akkamitti?

      18 Geggeessitoonni amantii Israaʼelootaa, warra Roomaa wajjin Yesusirratti kan koratan yommuu taʼu, miseensonni sabichaa kaanis isa tuffataniiru. Kanaaf Yihowaan Israaʼeloonni sabasaa akka hin taaneef isaan dhiise. (Mat. 23:38; HoE. 2:22, 23) Sana booda saba haaraa, “Israaʼel Waaqayyoo” jedhamu filate. (Gal. 3:26-29; 6:16) Sabni kun Kiristiyaanota dibamoo namoota Yihudoota taʼaniifi hin taane keessaa dhufan kan qabatedha. (Efe. 2:11-18) Yesus erga duʼeefi duʼaa kaʼee boodas, sanyiin bofichaa sanyii dubartittii jibbuusaa itti fufeera. Roomaan gumii Kiristiyaanaa, warra kutaa sanyichaa lammaffaa taʼan balleessuuf al tokkoo ol yaaltee turte.c

      19. (a) Daaniʼel mootummaa addunyaa jaʼaffaa kan ibse akkamitti? (b) Mataduree gara biraarratti waaʼee maaliitu ibsama?

      19 Abjuu Daaniʼel Nebukadnezaariif hiikerratti, Roomaan miillan bifa fakkichaa sibiilarraa hojjetamanitti fakkeeffamtee turte. (Dan. 2:33) Daaniʼel mulʼata waaʼee Mootummaa Roomaa ibsu malees, ittaansee mootummaa addunyaa kan taʼu, mootummaa Roomaa keessaa akka baʼu argee ture. (Daaniʼel 7:7, 8 dubbisi.) Roomaan diinotashee biratti jaarraa hedduudhaaf, “sodaachisaa, naasisaa, garmalees jabaa” akka taatetti ilaalamaa turte. Haataʼu malee, ‘gaanfonni kudhan’ mootummaa kana keessaa akka baʼaniifi gaanfi gara biraan inni xinnoon warra kaan caalaa guddaa akka taʼu raajiin dubbatamee ture. Gaanfonni kurnan kun eenyufaʼi? Wanti gaafficha isa xinnaa addaa baasee beeksisu maalidha? Gaanfi xinnaan sun fakkeenya bifa namaa guddaa Nebukadnezaar argee wajjin kan walsimu akkamitti? Matadureen fuula 14⁠rra jiru deebii gaaffii kanaa ibsa.

  • Yihowaan Wanta “Dafee Taʼuun Irra Jiru” Mulʼiseera
    Masaraa Eegumsaa—2012 | Waxabajjii 15
    • Yihowaan Wanta “Dafee Taʼuun Irra Jiru” Mulʼiseera

      “Kun mulʼata Yesus Kristos, isa inni wanta dafee taʼuun irra jiru hojjettoota isaatti argisiisuuf Waaqayyo biraa argatee dha.”​—MUL. 1:1.

      MAAL JETTEE DEEBISTA?

      Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa kan argisiisu kutaa bifa fakkeenyichaa isa kamidha?

      Yohannis hariiroo Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaafi Dhaabbanni Mootummoota Waltaʼanii qaban kan ibse akkamitti?

      Daaniʼeliifi Yohaannis badiisa mootummoota ilmaan namootaa kan ibsan akkamitti?

      1, 2. (a) Raajiiwwan Daaniʼeliifi Yohannis maal gochuuf nu gargaaru? (b) Mataawwan bineensichaa warri jalqabaa jaʼan eenyufaa argisiisu?

      RAAJIIN Daaniʼeliifi Yohannis barreessan wantoota yeroo ammaafi fuulduratti raawwataman ilaalchisee, yaada wal fakkaatu ibsuudhaan hiika maalii akka qaban hubachuuf nu gargaaru. Bineensa Yohannis mulʼataan arge, bineensa sodaachisaa kitaaba Daaniʼel keessatti gaanfa kudhan akka qabu ibsameefi hiika fakkeenya bifa namaa guddaa sanaa walbira qabuudhaan maal barachuu dandeenya? Raajiiwwan kana sirriitti hubachuun keenya maal gochuuf nu kakaasuu qaba?

      2 Bineensicha ilaalchisee mulʼata Yohannis arge mee haa ilaallu. (Mul. boq. 13) Mataduree darberratti mataawwan jaʼan warri duraa Gibxii, Asor, Baabilon, Medoo Faares, Giriikiifi Roomaa akka argisiisan ilaallee turre. Mootummoonni kun hundi sanyii dubartittiitiif jibba akka qaban argisiisaniiru. (Uma. 3:15) Mataa jaʼaffaa kan taʼe Roomaan, Yohannis mulʼata kana erga barreessee booda, jaarraa hedduudhaaf moʼeera. Dhumarratti mataa torbaffaan Roomaa bakka buʼa. Mataan kun mootummaa addunyaa isa kam taʼa laata? Sanyii dubartittiitiifoo ilaalcha akkamii qabaata?

      BRITAANIYAAFI YUNAAYITID ISTEETIS AANGOO QABATAN

      3. Bineensi sodaachisaa gaanfa kudhan qabu eenyuun argisiisa? Gaanfonni kurnan sunoo maal argisiisu?

      3 Bineensa Yohannis Macaafa Mulʼataa boqonnaa 13⁠rratti arge, bineensa sodaachisaa gaanfa kudhan qabuufi Daaniʼel mulʼataan argee wajjin walbira qabnee ilaaluudhaan mataa torbaffaan eenyuun akka argisiisu beekuu dandeenya.a (Daaniʼel 7:7, 8, 23, 24 dubbisi.) Bineensi Daaniʼel arge Mootummaa Addunyaa Roomaa argisiisa. (Chaartii fuula 12-13⁠rra jiru ilaali.) Dh.K.B. jaarraa shanaffaatti Mootummaan Roomaa kufuu jalqabe. Gaanfonni kurnan mataa bineensa sodaachisaa sanaarratti biqilan, mootummoota bulchiinsa Roomaa keessaa kaʼan argisiisu.

      4, 5. (a) Gaanfi xinnaan maal godhee ture? (b) Mataan bineensichaa inni torbaffaan eenyudha?

      4 Gaanfonni ykn mootummoonni kurnan mataa bineensa sodaachisaa kanarratti biqilan adda baafamanii caqasamaniiru. Gaanfonni sadan buqqaʼanii ‘gaanfa xinnaa’ kan biraadhaan bakka buufamaniiru. Raajiin kun yommuu Biritaaniyaan isheen Bulchiinsa Roomaa keessaa fagoo turte olaantummaa argachaa dhuftetti raawwiisaa argateera. Biritaaniyaan hanga jaarraa 17⁠ffaatti mootummaa iddoo guddaa qabdu hin taane. Mootummoonni Bulchiinsa Roomaa durii jala turan sadan jechuunis Ispeen, Neezarlaandiifi Faransaay baayʼee ishee caalu turan. Biritaaniyaan mootummoota kana tokko tokkoon olaantummaa isaan qaban irraa fudhachuudhaan isaan caalteetti. Walakkeessa jaarraa 18⁠ffaatti, Biritaaniyaan addunyaarratti mootummaa iddoo guddaa qabdu taʼuu jala geessee turte. Haataʼu malee, yeroo kanatti mataa bineensichaa isa torbaffaa hin taane.

      5 Biritaaniyaan mootummaa iddoo guddaa qabdu kan taate taʼus, biyyoonni Ameerikaa Kaabaa ishee jalatti bulaa turan bilisa baʼan. Taʼus Biritaaniyaan, eegumsa humna galaanaashee jala taʼuudhaan Yunaayitid Isteetis akka guddattu heyyamtee turte. Bara 1914 yeroo guyyaan Gooftaa jalqabetti, Biritaaniyaan biyyoota hedduu bulchaa kan turte siʼa taʼu, Yunaayitid Isteetisimmoo industriidhaan addunyaarratti hunda kan caaltu turte.b Yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaatti Yunaayitid Isteetis, Biritaaniyaa wajjin tokkummaa addaa uumte. Yeroo kanatti Angiloo Ameerikaa jedhamuudhaan mataa torbaffaa Mootummaa Addunyaa taʼan. Mataan kun sanyii dubartittiitiif ilaalcha akkamii qaba ture?

      6. Mataa torbaffaan saba Waaqayyoo maal godhee ture?

      6 Mataa torbaffaan guyyaan Gooftaa jalqabee utuu hin turin saba Waaqayyoo, jechuunis obboloota Kiristos lafarra jiranirratti miidhaa geessiseera. (Mat. 25:40) Yesus yommuu inni argamutti sanyiin dubartittii lafarra akka jiraatan ibsee ture. (Mat. 24:45-47; Gal. 3:26-29) Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaan qulqulloota kanarratti waraana baneera. (Mul. 13:3, 7) Yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaa, saba Waaqayyoo hacuuceera, barreeffamootasaanii tokko tokko dhowweera, akkasumas bakka buutota kutaa hojjetaa amanamaa taʼan hidheera. Mataa torbaffaan hojii lallabaa yeroo gabaabaadhaaf hamma dhaabuu ykn ajjeesuutti gaʼee ture jechuun ni dandaʼama. Yihowaan haala dinqisiisaa kana dursee arguudhaan Yohannisitti mulʼiseera. Waaqayyo sanyiin dubartittii warri lammaffaan bayyaannatanii sochii hafuuraa gochuusaanii akka itti fufanis Yohannisitti himee ture. (Mul. 11:3, 7-11) Seenaan Dhugaa Baatota Yihowaa inni ammayyaa, kun dhugaa taʼuusaa mirkaneessa.

      MOOTUMMAA ADDUNYAA ANGILOO AMEERIKAAFI MIILLA SIBIILAAF SUPHEERRAA HOJJETAME

      7. Mataan bineensichaa inni torbaffaaniifi fakkeenyi bifa namaa guddaan hariiroo maalii qabu?

      7 Mataan bineensichaa inni torbaffaaniifi fakkeenyi bifa namaa guddaan sun hariiroo maalii qabu? Biritaaniyaafi boodas Yunaayitid Isteetis Bulchiinsa Roomaa keessaa kaʼan. Haataʼu malee, miillan fakkichaa maal argisiisu? Miillan kun sibiilaafi supheerraa akka hojjetaman ibsamaniiru. (Daaniʼel 2:41-43 dubbisi.) Ibsi asirratti kenname yeroo itti mataa torbaffaan, jechuunis Angiloo Ameerikaan Mootummaa Addunyaa taʼuu wajjin kan walsimudha. Akkuma sibiilli supheetti makame sibiila qulqulluurra laafaa taʼe, Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaas mootummaa Roomaarra baayʼee laafaadha. Akkamitti?

      8, 9. (a) Mootummaan addunyaa torbaffaan akka sibiilaa jabaa taʼuusaa kan argisiise akkamitti? (b) Supheen miillan fakkichaa maal argisiisu?

      8 Yeroo tokko tokko mataan bineensichaa inni torbaffaan jabinaa akka sibiilaa argisiiseera. Fakkeenyaaf Waraana Addunyaa Tokkoffaarratti injifachuudhaan olaantummaasaa mirkaneesseera. Yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaattis olaantummaan mataa torbaffaa inni sibiilatti fakkeeffamee ifatti mulʼateera.c Mataa torbaffaan waraana sana boodas, akka sibiilaa cimaa taʼuusaa argisiiseera. Haataʼu malee, jalqabumaa kaasee sibiilichi suphee wajjin walitti makamee ture.

      9 Tajaajiltoonni Yihowaa yeroo dheeraadhaaf hiika miilli fakkeenyichaa qabu hubachuuf yaalaa turaniiru. Daaniʼel 2:41 miilli sibiilaafi supheerraa hojjetame kun ‘mootummaa’ tokko malee mootummaa hedduu akka taʼe hin ibsu. Kanaaf, suphichi humnoota Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa keessa jiraniifi Mootummaa Roomaa isa akka sibiilaa jabaatuu gad akka taʼu isa laaffisan kan argisiisudha. Suphichi ‘sanyii namaa’ ykn namoota iddoo guddaa hin qabne argisiisa. (Dan. 2:43, hiika bara 1899) Sochiin mirgoota namummaa, waldaan hojjettootaafi sochiin bilisummaa argachuuf godhaman, humna Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaan qabu laaffisaniiru. Namoonni iddoo guddaa hin qabne, Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa jabina akka sibiilaatiin tarkaanfii akka hin fudhanne laaffisaniiru. Namoonni yommuu filataman sagalee deggersaa walitti dhihaatu argachuuniifi ilaalchi wal faalleessu, geggeessitoonni biyyaa fudhatama argatanillee imaammata biyyasaanii raawwachiisuuf taayitaa guutuu akka isaan hin arganne godheera. Daaniʼel, ‘Mootummichi gar tokkoonsaa jabaa, gar tokkoonsaa laafaa’ akka taʼe raajiidhaan dubbateera.’—Dan. 2:42; 2 Xim. 3:1-3.

      10, 11. (a) ‘Miilli’ fakkichaa maal argisiisa? (b) Baayʼina quboota fakkichaa ilaalchisee maal jechuu dandeenya?

      10 Jaarraa 21⁠ffaattis, Biritaaniyaafi Yunaayitid Isteetis, yeroo baayʼee tokkummaadhaan dhimmoota addunyaarratti tarkaanfii fudhachuudhaan hariiroo adda taʼe qabaachuusaanii itti fufaniiru. Raajiin waaʼee bifa fakkeenyaa guddaafi bineensichaa dubbatu Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa mootummaa gara biraatiin akka bakka buufamu hin ibsu. Mootummaan addunyaa inni dhumaa kun isa miilla sibiilarraa hojjetametti fakkeeffame caalaa laafaa taʼus, ofumsaatiin kan badu miti.

      11 Baayʼinni quba miillan fakkichaa hiika addaa qabuu? Mee yaadi; Daaniʼel mulʼata gara biraa argerratti, fakkeenyaaf mataa bineensota addaddaarra gaanfonni meeqa akka jiran adda baasee caqaseera. Lakkoofsi kun caqasamuunsaas barbaachisaadha. Haataʼu malee, Daaniʼel bifa namaa fakkichaa yommuu caqasu quboonnisaa meeqa akka taʼan hin ibsine. Kanaaf, akkuma harki, miilliifi faanni miilla fakkichaa lama lama taʼuunsaanii hiika hin qabne, baayʼinni qubootasaas hiika waan qaban hin fakkaatu. Daaniʼel quboonni sun sibiilaafi supheerraa akka hojjetaman adda baasee caqaseera. Ibsa Daaniʼel kennerraa kaʼuudhaan, yommuu “dhagaan” inni Mootummaa Waaqayyoo argisiisu miilla fakkichaa rukututti mootummaan biyya lafaarratti humna guddaa qabu, Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaati jechuu dandeenya.—Dan. 2:45.

      ANGILOO AMEERIKAAFI BINEENSA GAANFA LAMA QABU

      12, 13. Bineensi gaanfa lama qabu eenyuun argisiisa? Bineensi kun maal godha?

      12 Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa makaa sibiilaafi suphee taʼus, mulʼanni Yesus Yohannisitti argisiise, mootummaan addunyaa kun guyyoota gara dhumaatti gaʼee guddaa akka qabaatu argisiisa. Akkamitti? Yohannis bineensa gaanfa lama qabuufi akka jawweetti dubbatu mulʼataan argee ture. Bineensi adda taʼe kun maal argisiisa? Bineensi kun gaanfa lama waan qabuuf, lama taʼee qindoominaan hojjeta. Yohannis, Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa gaʼee addaa utuu raawwatuu yeroo lammaffaatiif argeera.—Mulʼata 13:11-15 dubbisi.

      13 Bineensi gaanfa lama qabu kun bineensichaaf bifni fakkeenyaa tokko akka hojjetamu jajjabeessa. Yohannis, bifni fakkeenya bineensichaa akka mulʼatu, akka baduufi deebiʼees akka kaʼu barreesseera. Dhaabbata deggersa Biritaaniyaafi Yunaayitid Isteetisiin hundaaʼeefi mootummoota addunyaa tokko akka godhu, akkasumas akka bakka buʼutti ilaalamurra wanti gaʼe yaada kenname kanaa wajjin tokkodha.d Dhaabbanni kun Waraana Addunyaa Tokkoffaa booda kan hundeeffame siʼa taʼu, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii jedhamee waamameera. Haataʼu malee jalqaba Waraana Addunyaa Lammaffaatti dhaabbanni kun badee ture. Sabni Waaqayyoo yeroo waraanaa sanatti, raajii Macaafa Mulʼataa keessatti ibsamee wajjin haala walsimuun bifni fakkeenya bineensichaa deebiʼee akka mulʼatu labsaa turaniiru. Kanaaf, Dhaabbata Mootummoota Waltaʼanii jedhamee moggaafamuudhaan deebiʼee kaʼeera.—Mul. 17:8.

      14. Bifni fakkeenyaa bineensichaa mootii “saddeettaffaa” kan taʼe karaa kamiinidha?

      14 Yohannis bifa fakkeenya bineensichaa mootii “saddeettaffaa” jechuudhaan ibseera. Karaa kamiin? Bifni fakkeenyaa kun mataa bineensichaa isa saddeettaffaa akka taʼetti hin ibsamne. Kanaa mannaa bifa fakkeenyaa bineensichaa qofadha. Aangoonsaa mootummoota miseensasaa taʼan, keessummaa deggersa guddaa Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa isaa godhurraa kan maddudha. (Mul. 17:10, 11) Haataʼu malee, akka mootii tokkootti hojiiwwan tokko tokko hojjechuudhaan haalawwan hedduun seenaa jijjiiran akka uumaman gochuuf aboo argateera.

      BIFNI FAKKEENYA BINEENSICHAA DUBARTII EJJITUU SANA NI BALLEESSA

      15, 16. Ejjituun sun eenyuun argisiisti? Namoonni ishee deggeranoo maal taʼaa jiru?

      15 Yohannis dubartiin fakkeenyaan ibsamte tokko bineensa bifa bildiimaa fakkeenya bineensichaa taʼerra teessee akka jirtu ibseera. Maqaan “Baabilon guddittii” jedhu isheerratti barreeffameera. (Mul. 17:1-6) Ejjituun kun amantii sobaa hunda, adda durummaadhaanimmoo mana sagadaa Saba Kiristiyaanaa kan argisiistudha. Dhaabbanni amantii bifa fakkeenya bineensichaa eebbisteetti, akkasumas dhiibbaa guddaa isarratti gochuuf yaalii gooteetti.

      16 Haataʼu malee, Baabilon Guddittiin yeroo guyyaa Gooftaatti, bishaanonni jechuunis namoonni ishee deggeran haala ajaaʼibsiisaa taʼeen xiqqaachaa yommuu adeeman argiteetti. (Mul. 16:12; 17:15) Fakkeenyaaf, yommuu bifni fakkeenya bineensichaa jalqaba kaʼetti, kutaa Baabilon Guddittii ishee guddoo kan taate Sabni Kiristiyaanaa biyyoota baayʼee keessatti olaantummaa guddaa qabdi turte. Yeroo harʼaa manneen sagadaafi tajaajiltoonnisaanii miseensotasaanii biratti kabaja dhabaniiru. Namoonni baayʼeen amantiin walitti buʼiinsaaf sababa kan taʼu ykn walitti buʼiinsa kan uumu akka taʼe amanu. Biyyoota Dhihaa keessatti hayyoonniifi gareen waraanaa lakkoofsisaanii hedduu taʼe, dhiibbaan amantiin hawaasarratti godhu akka dhaabatu gaafachaa jiru.

      17. Dhiheenyatti amantii sobaarra maaltu gaʼa? Maaliif?

      17 Taʼus, amantiin sobaa ammayyuu hin badne. Ejjituun kun hamma Waaqayyo garaa mootota ishee balleessanii keessa yaada tokko kaaʼutti, mootummoonni fedhiishee akka raawwatan dhiibbaa guddaa isaanirratti gochuushee itti fufti. (Mulʼata 17:16, 17 dubbisi.) Yihowaan yeroo dhihoo keessatti, humnoonni siyaasaa sirna Seexanaa Dhaabbata Mootummoota Waltaʼaniin bakka buufaman amantii sobaa akka balleessan kakaasa. Dhiibbaa isheen geessistu ni hambisu, qabeenyashees ni balleessu. Waggoota kudhaniin lakkaʼaman dura haalli akkasii waan hin geenye fakkaachuu dandaʼa ture. Yeroo harʼaa haalli ejjituun kun bineensa bifa bildiimaa qabu kanarra itti teessee jirtu jijjiiramaa kan jiru taʼus, dugda bineensa kanaarraa salphaadhumatti hin kuftu. Kufaatiinshee saffisaan yommuu taʼu miidhaa cimaa geessisuudhaan raawwatama.—Mul. 18:7, 8, 15-19.

      BINEENSONNI SUN NI BALLEEFFAMU

      18. (a) Bineensichi maal godha? Buʼaansaahoo maal taʼa? (b) Daaniʼel 2:44 Mootummaan Waaqayyoo mootummoota kam akka balleessu ibsa? (Saanduqa fuula 17⁠rra jiru ilaali.)

      18 Amantiin sobaa erga balleeffamtee booda bineensi sirna siyaasaa Seexanaan geggeeffamuu, Mootummaa Waaqayyoorratti miidhaa akka geessisu isaan kakaasa. Mootummoonni biyya lafaa samii dhaquu waan hin dandeenyeef, namoota lafarraa Mootummaa Waaqayyoo deggeranirratti aariidhaan kaʼu. Buʼaansaa maal akka taʼu garuu beekamaadha. (Mul. 16:13-16; 17:12-14) Daaniʼel waraana dhumaa kana ilaalchisee yaada tokko ibseera. (Daaniʼel 2:44 dubbisi.) Bineensi Mulʼata 13:1⁠rratti ibsame, bifni fakkeenyaasaafi bineensi gaanfa lama qabu ni balleeffamu.

      19. Waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya? Amma yeroo itti maal goonudha?

      19 Kan jiraannu yeroo mataa torbaffaan bulchaa jiru keessadha. Bineensi kun baduusaa dura mataa gara biraan isarratti hin mulʼatu. Yommuu amantiin sobaa balleeffamtutti Mootummaan Addunyaarratti humna guddaa qabu Angiloo Ameerikaadha. Raajiiwwan Daaniʼeliifi Yohannis dubbatan muraasni raawwatamaniiru. Badiisni amantii sobaafi waraanni Armaagedoon dhiheenyatti akka taʼu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Waaqayyo dursee wantoota kana gad fageenyaan mulʼiseera. Maarree, raajiiwwan akeekkachiisa qabatan kanaaf xiyyeeffannaa kennaa jirraa? (2 Phe. 1:19) Amma yeroo itti Yihowaa cina dhaabannuufi Mootummaasaa itti deggerudha.—Mul. 14:6, 7.

      [Miiljaleewwan]

      a Macaafa Qulqulluu keessatti lakkoofsi kudhan guutuu taʼuu kan argisiisu siʼa taʼu, asirratti mootummoota bulchiinsa Roomaa keessaa baʼan hunda argisiisa.

      b Mootummoonni hidhata walii taʼan kun jaarraa 18⁠ffaadhaa kaasee kan turan taʼus, kan isaan kaʼan jalqaba guyyaa Gooftaatti akka taʼe Yohannis ibsee ture. Mulʼanni Macaafa Mulʼataa keessatti galmeeffame kan raawwatame “Guyyaa Gooftaa” keessattidha. (Mul. 1:10) Mataa torbaffaan hanga Waraana Addunyaa Tokkoffaatti qindoominaan mootummaa addunyaa taʼee tarkaanfii fudhachuu hin jalqabne.

      c Daaniʼel yeroo waraana kanaatti, miidhaa guddaa mootiin kun geessisu dursee arguudhaan “badiisa sodaachisaa in fida” jedhee ture. (Dan. 8:24) Fakkeenyaaf, Yunaayitid Isteetis, diina Angiloo Ameerikaarratti boombii atoomikii yommuu buuste badiisa guddaa geessisteetti.

      d Kitaaba Raawwiin Mulʼataa Inni Guddaan Dhihaateera! jedhamu, fuula 240, 241, 253 ilaali. (Amaariffa)

      [Saanduqa fuula 17⁠rra jiru]

      “MOOTUMMOOTA SANA HUNDUMAA” KAN JEDHAMAN EENYUFAʼI?

      Raajiin Daaniʼel 2:44⁠rra jiru, Mootummaan Waaqayyoo, “mootummoota sana hundumaa caccabsee in hurreessa” jedha. Raajiin kun mootummoota qaama bifa fakkeenyichaa addaddaatti fakkeeffaman qofa caqasa.

      Mootummoonni ilmaan namootaa warri kaan hundihoo maal taʼu? Macaafa Mulʼataarratti seenaan yaada asirratti caqasamee wajjin wal fakkaatu ibsa balʼaa kenna. Raajiin kun “guyyaa isa guddicha kan Waaqayyoo hundumaa dandaʼu” sanaatti, “mootonni biyya lafaa” hundi Yihowaarratti kaʼuuf akka walitti qabaman argisiisa. (Mul. 16:14; 19:19-21) Kanaaf, mootummoota bifa fakkeenyichaarratti ibsaman qofa utuu hin taʼin, mootummoonni ilmaan namootaa hundi Armaagedoonitti balleeffamu.

  • Mootota Saddeettan Mulʼatan
    Masaraa Eegumsaa—2012 | Waxabajjii 15
    • Mootota Saddeettan Mulʼatan

      Dimshaashumatti Macaafni Daaniʼeliifi Macaafni Mulʼataa, mootota ykn bulchiinsa ilmaan namootaa saddeet qofa utuu hin taʼin, duraa duuba isaan aangoo itti qabatanis ni ibsu. Raajii jalqabaa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame hubachuudhaan raajiiwwan kana beekuu dandeenya.

      Seenaa keessatti, Seexanni sanyiisaa dhaabbata siyaasaa ykn mootummoota garaagaraatti gurmeesseera. (Luq. 4:5, 6) Haataʼu malee, saba Israaʼelis taʼe gumii Kiristiyaanota dibamoo taʼanirratti dhiibbaa guddaa kan geessisan mootummoota muraasa qofadha jechuun ni dandaʼama. Mulʼanni Daaniʼeliifi Yohannis, mootummoota aangoo guddaa qaban saddeet qofa argisiisu.

      [Chaartii/​Fakkiiwwan fuula 12, 13⁠rra jiran]

      (Odeeffannoo guutuu argachuuf, barruu kana ilaali)

      RAAJIIWWAN RAAJIIWWAN

      DAANʼEL ARGE MACAAFA MULʼATAA

      KEESSA JIRAN

      1. Gibxi

      2. Asor

      3. Baabilon

      4. Medoo

      Faares

      5. Giriik

      6. Roomaa

      7. Biritaaniyaafi

      Yu.Ess.Ee.a

      8. Waldaa Mootummoota

      Addunyaafi Dhaabbata

      Mootummoota Waltaʼaniib

      SABA WAAQAYYOO

      2000 DH.K.D.

      Abrahaam

      1500

      Saba Israaʼel

      1000

      Daaniʼel 500

      DH.K.D./​DH.K.B.

      Yohannis

      Israaʼel Waaqayyoo 500

      1000

      1500

      2000 DH.K.B.

      [Miiljalee]

      a Bara isa dhumaa keessa mootonni lamaanuu jiru. Fuula 19 ilaali.

      b Bara isa dhumaa keessa mootonni lamaanuu jiru. Fuula 19 ilaali.

      [Fakkiiwwan]

      Fakkeenya bifa namaa guddaa (Dan. 2:31-45)

      Bineensota arfan galaana keessaa baʼan (Dan. 7:3-8, 17, 25)

      Korbeessa hoolaafi korbeessa reettii (Dan. boq. 8)

      Bineensa mataa torba qabu (Mul. 13:1-10, 16-18)

      Bineensi gaanfa lama qabu bineensichaaf bifni fakkeenyaa akka hojjetamu jajjabeessa (Mul. 13:11-15)

      [Ibsa Fakkiidhaaf Kenname]

      Photo credits: Egypt and Rome: Photograph taken by courtesy of the British Museum; Medo-Persia: Musée du Louvre, Paris

  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa—2012 | Waxabajjii 15
    • Gaaffii Dubbistootaa

      Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa, mootummaa torbaffaa Macaafa Qulqulluu keessatti raajiidhaan dubbatame kan taʼe yoomi?

      ▪ Hiikni bifa fakkeenyaa guddaan sibiilarraa hojjetameefi Nebukadnezaar Mootichi arge, mootummoota addunyaa hunda kan argisiisu miti. (Dan. 2:31-45) Kanaa mannaa mootummoota shanan bara Daaniʼelii kaasee turaniifi saba Waaqayyoo wajjin haala wal qabateen bakka guddaa qaban kan argisiisudha.

      Ibsi Daaniʼel bifa namaa sibiila guddaa sanarratti kenne, Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaan Roomaa ishee bakka guddaa qabdu keessaa akka kaʼu argisiisa. Daaniʼel, miilli bifa fakkii namaa sun hamma qubasaatti sibiila akka qabu argeera. (Miillisaafi qubnisaa makaa supheefi sibiilaati.)a Ibsa kennamerraa hubachuun akka dandaʼamutti, Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa miilla bifa fakkeenyaa sana keessaa kaʼa. Ibsi kun dhugaa taʼuusaa seenaan ni mirkaneessa. Biritaaniyaan isheen Bulchiinsa Roomaa keessaa tokko turte, dhuma jaarraa 17⁠ffaatti olaantummaa argachuu jalqabde. Yeroo boodas Yunaayitid Isteetis Ameerikaan mootummaa beekamtuu taate. Haataʼu malee, yeroo kanatti mootummaan addunyaa torbaffaan Macaafa Qulqulluu keessatti raajiidhaan ibsame hin hundeeffamne. Maaliif? Yeroo kanatti, Biritaaniyaafi Yunaayitid Isteetis Ameerikaan qindoominaan hojjechuu waan hin jalqabneefidha. Qindoominaan hojjechuu kan jalqaban yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaattidha.

      Yeroo sanatti, ‘ilmaan mootummichaa’ irra caalaa Ameerikaa keessatti hojjechaa kan turan yommuu taʼu, waajjirri muummees Biruukiliin, Niwuu Yoorkitti argama ture. (Mat. 13:36-43) Miseensonni kutaa dibamtootaa, biyyoota Biritaaniyaan bulchaa turte keessatti akka gaariitti lallabaa turan. Waraana Addunyaa Tokkoffaarratti Ameerikaafi Biritaaniyaan tokkummaa uumuudhaan diinotasaanii lolaa turaniiru. Sababa waraanaatiin sabboonummaan yeroo babalʼatetti, sanyii “dubartittii” warra taʼanitti diinummaa argisiisaniiru, barreeffamnisaanii akka hin raabsamne dhowwaniiru, akkasumas warra adda durummaadhaan hojii lallabaa kana geggeessan hidhaniiru.—Mul. 12:17.

      Kanaaf raajii Macaafa Qulqulluurraa akka hubannutti, dhuma jaarraa 17⁠ffaa, yeroo Biritaaniyaan olaantummaa argachuu jalqabdetti mootummaan addunyaa torbaffaan hin hundoofne. Kan inni hundeeffame jalqaba guyyaa Gooftaattidha.b

      [Miiljaleewwan]

      a Supheen inni sibiilatti makame sun, humnoota Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa keessa jiran kan argisiisudh. Yeroo booda, supheen kun Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa jabina qabaachuu qabu akka dhabu godheera.

      b Ibsi kun yaada kitaaba Raajii Daaniʼel, fuula 57, keeyyata 24, chaartii fuula 56fi fuula 139⁠rra jiru bakka buʼa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi