-
Bara Dhumaatti ‘Mootiin Kaabaa’ Eenyu?Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2020 | Caamsaa
-
-
MATA DUREE QOʼANNAA 19
Bara Dhumaatti ‘Mootiin Kaabaa’ Eenyu?
“Bara dhumaatti mootiin inni kibbaa isaa [mootii kaabaa] wajjin wal ni dhiiba.”—DAN. 11:40, NW.
FAARFANNAA 150 Fayyina Argachuuf Waaqayyoon Barbaaddadhaa
QABIYYEEa
1. Raajiin Kitaaba Qulqulluu maal nuu ibsa?
DHIHEENYATTI saba Yihowaa maaltu eeggata? Kana tilmaamuun nu hin barbaachisu. Kitaabni Qulqulluun wantoota barbaachisoo dhiheenyatti hunda keenya ilaallatan nutti hima. Keessumaa raajiin inni tokko mootummoonni lafa irratti argamanii fi humna guddaa qaban tokko tokko maal akka godhan hubachuuf nu gargaara. Seenaan Daaniʼel boqonnaa 11 irratti galmeeffame kun, seenaa mootii kaabaa fi mootii kibbaa warra wal morkan lamaanii kan ibsu dha. Raajii kana keessaa harki caalaan isaa raawwatameera; kanaafuu, kutaan raajii kanaa inni hafes akka raawwatamu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.
2. Uumama 3:15 fi Mulʼata 11:7 akkasumas 12:17 irratti akkuma ibsame, raajii Daaniʼel yommuu qoʼannu maal yaadachuu qabna?
2 Raajii Daaniʼel boqonnaa 11 irratti galmeeffame hubachuuf, seenaan kun waaʼee bulchitootaa fi mootummoota saba Waaqayyoo irratti kallattiidhaan dhiibbaa geessisaa turanii qofa kan dubbatu taʼuu isaa yaadachuu qabna. Tajaajiltoonni Waaqayyoo uummata addunyaa irratti argamuu wajjin yommuu wal bira qabaman baayʼee xinnoo yoo taʼan iyyuu, yeroo baayʼee taʼeewwan guguddaa addunyaa irratti raawwataman keessatti bakka guddaa qabu. Kun kan taʼe maaliifi? Sababiin isaas Seexannii fi guutummaan sirna isaa kaayyoo tokko kan qabu siʼa taʼu, innis warra Yihowaa fi Yesuusiin tajaajilan balleessuu dha. (Uumama 3:15 fi Mulʼata 11:7; 12:17 dubbisi.) Dabalataanis, raajiin Daaniʼel barreesse, raajiiwwan Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman kaanii wajjin kan wal simu taʼuu qaba. Siruma iyyuu, raajii Daaniʼel sirriitti hubachuu kan dandeenyu, raajii kana kutaawwan Kitaaba Qulqulluu kan biroo wajjin yoo wal bira qabne qofa dha.
3. Mata duree kanaa fi isa itti aanu irratti waaʼee maalii mariʼanna?
3 Amma Daaniʼel 11:25-39 irratti mariʼanna. Bara 1870 hamma 1991tti mootiin kaabaa fi mootiin kibbaa eenyu akka turan, akkasumas kutaa raajii kanaa irratti hubannaa qabnu ifa gochuun keenya sirrii kan taʼe maaliif akka taʼe ilaalla. Mata duree itti aanu irratti immoo Daaniʼel 11:40–12:1 irratti mariʼanna; akkasumas kutaan raajii sanaa waaʼee bara 1990mmanii jalqabee hamma waraana Armaagedoonitti jiru ilaalchisee maal akka ibsu hubannaa arganne ifa goona. Mata dureewwan kana lamaan yommuu qoʼattan, chaartii, “Yeroo Dhumaatti Mootummoota Wal Morkatan” jedhu ilaaluun keessan isin fayyada. Jalqaba garuu mootummoota lamaan raajii kana keessatti ibsaman addaan baasnee beekuun nu barbaachisa.
MOOTUMMAA KAABAA FI MOOTUMMAA KIBBAA AKKAMITTI BEEKUU DANDEENYA?
4. Mootii kaabaa fi mootii kibbaa beekuuf wantoota akkamii sadii hubachuu qabna?
4 Maqaawwan “mootummaa kaabaa” fi “mootummaa kibbaa” jedhan, jalqaba irratti humnoota siyaasaa kaabaa fi kibba biyya Israaʼel keessatti argamaniif kan kennaman turan. Akkana kan jennu maaliifi? Wanta maleekaan tokko, “Guyyaa gara booddeetti saba keetti waan dhufuuf jiru si hubachiisuudhaaf nan dhufe” jechuudhaan ergaa kana Daaniʼelitti dubbate qalbeeffadhaa. (Dan. 10:14) Hamma Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti sabni Israaʼel saba Waaqayyoo turan. Haa taʼu malee, yeroo sanaa jalqabee Yihowaan barattoota Yesuus warra amanamoo taʼan akka saba isaatti akka ilaalu ifa godheera. Kanaafuu, raajiin Daaniʼel boqonnaa 11 irratti caqasame harki caalaan isaa saba Israaʼel utuu hin taʼin duuka buutota Kiristoos kan ilaallatu dha. (HoE. 2:1-4; Rom. 9:6-8; Gal. 6:15, 16) Eenyummaan mootii kaabaa fi mootii kibbaa yeroodhaa gara yerootti jijijjiiramaa tureera. Haa taʼu malee, mootummoonni kun wanti wal isaan fakkeessu jira. Tokkoffaa, mootonni kun saba Waaqayyoo irratti miidhaa guddaa geessisaniiru. Lammaffaa, akkaataa saba Waaqayyoo itti qabaniin Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼe akka jibban argisiisaniiru. Akkasumas sadaffaa, mootonni lamaan aangoodhaaf wal morkatu.
5. Eenyummaa mootii kaabaa fi mootii kibbaa bara 100 hanga bara 1870tti turanii beekuu ni dandeenyaa? Ibsi.
5 Dhaloota Kiristoos Booda jaarraa lammaffaa yeroo taʼe tokkotti, gumiin Kiristiyaanota dhugaa Kiristiyaanota sobaa warra barumsa namoota Waaqayyoon hin beekne barsiisanii fi dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu dhoksaniin liqimfamuu jalqabe. Yeroo sanaa jalqabee hamma jaarraa 19ffaa gara boodaatti lafa irratti gareen tajaajiltoota Waaqayyoo qabate tokko hin turre. Kiristiyaanonni sobaa akkuma inkirdaadaatti baayʼatanii eenyummaa Kiristiyaanota dhugaa dhoksanii turan. (Mat. 13:36-43) Kana beekuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Yaanni kun mootii kaabaa fi mootii kibbaa ilaalchisee wanti dubbisnu bulchitootaa fi mootummoota bara 100 hanga bara 1870tti aangoo qabatan kan hin ilaallanne taʼuu isaa argisiisa. Yeroo kanatti sabni Waaqayyoo gurmaaʼee fi isaan haleellaa irratti geessisuu dandaʼan hin jiru ture.b Haa taʼu malee, bara 1870 booda utuu baayʼee hin turin mootiin kaabaa fi mootiin kibbaa deebiʼee akka mulʼatu eeguu dandeenya. Kana akkamitti beekna?
6. Eenyummaan saba Waaqayyoo deebiʼee kan beekame yoomi? Ibsi.
6 Sabni Waaqayyoo bara 1870 irraa jalqabee akka gareetti gurmaaʼuu jalqaban. Chaarlis Teez Raasilii fi michoonni isaa garee Kitaaba Qulqulluu qoʼatu tokko kan hundeessan waggaa sanatti ture. Obboleessi keenya Raasilii fi michoonni isaa Mootummaan Masiihichaa hundeeffamuu isaa dura ergamaa ‘karaa qopheessuu’ fi dursee dubbatame taʼanii tajaajilaniiru. (Mil. 3:1) Yeroo kanatti eenyummaan saba Waaqayyoo deebiʼee beekamuu dandaʼeera! Maarree yeroo sanatti humnoonni addunyaa tajaajiltoota Waaqayyoo irratti dhiibbaa guddaa geessisan jiru turanii? Mee dhugaawwan kanatti aananii jiran ilaali.
MOOTIIN KIBBAA EENYU?
7. Yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaatti mootii kibbaa kan ture eenyu?
7 Bara 1870tti Biritaaniyaan addunyaa irratti bulchiinsa hundumaa caalaa humna guddaa qabdu taate; humni waraanaa ishiis hundumaa irra kan caalu ture. Bulchiinsi kun gaanfa xinnoo gaanfota kan biroo sadan, jechuunis Faransaay, Ispeenii fi Neezarlaandiin injifatetti fakkeeffame sana ture. (Dan. 7:7, 8) Yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaattis mootii kibbaa taʼeera. Yeroo kanatti Yunaayitid Isteetis oof Ameerikaan dinagdeedhaan sadarkaa guddaa irra kan geesse siʼa taʼu, Biritaaniyaa wajjinis michummaa cimaa uumuu jalqabde.
8. Guutummaa guyyoota dhumaatti mootii kibbaa taʼee kan itti fufe eenyu?
8 Waraana Addunyaa Tokkoffaatti Yunaayitid Isteetisii fi Biritaaniyaan michoota humna waraanaa guddaa uuman taʼaniiru. Yeroo sanatti Biritaaniyaa fi Yunaayitid Isteetis Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa taʼaniiru. Akkuma Daaniʼel raajiidhaan dubbatetti mootiin kun, “loltuu sonaan baayʼeedhaa fi jabaa” taʼe walitti qabatee ture. (Dan. 11:25) Guutummaa guyyoota dhumaatti, Angiloo Ameerikaan mootii kibbaa taʼee itti fufeera.c Maarree mootii kaabaa kan taʼe hoo eenyu?
MOOTIIN KAABAA DEEBIʼEE MULʼATE
9. Mootiin kaabaa deebiʼee kan mulʼate yoomi? Daaniʼel 11:25 kan raawwatame hoo akkamitti?
9 Bara 1871tti jechuunis Raasilii fi michoonni isaa garee Kitaaba Qulqulluu qoʼatu tokko hundeessanii waggaa tokko booda mootiin kaabaa deebiʼee mulʼate. Waggaa sanatti Oottoo Voon Bismaark Bulchiinsa Jarmanii hundeessuu irratti shoora guddaa taphatee ture. Mootiin Piruushiyaa Wiilhelm Tokkoffaan mootii ishii isa jalqabaa yommuu taʼu, Bismaarkiinis bulchaa isa jalqabaa godhee muude.d Waggoota kurnan muraasa itti aananiif Jarman biyyoota Afriikaa fi Garba Paasifiikii keessatti argaman weeraruudhaan humna guddaa kan qabdu taate; kana malees Biritaaniyaa morkachuu jalqabde. (Daaniʼel 11:25 dubbisi.) Bulchiinsi Jarman raayyaa waraanaa guddaa kan hundeesse siʼa taʼu, humna waraanaa galaanaa ijaaruudhaanis addunyaa irratti sadarkaa lammaffaa qabatee ture. Jarmaniin humna waraanaa ishii kana waraana addunyaa tokkoffaatti diinota ishii loluuf itti fayyadamteetti.
10. Daaniʼel 11:25b, 26 kan raawwatame akkamitti?
10 Itti aansuudhaan Daaniʼel wanta Bulchiinsa Jarmanii fi humna waraanaa ishiin ijaarratte irra gaʼu dubbateera. Raajichi mootiin kaabaa “jabaatee dhaabachuu hin dandaʼu” jedheera. Maaliif? Sababiin isaas, ‘Isaan isa irratti ni malu. Warri isaa wajjin nyaata baʼeessa nyaatan isa in balleessu.’ (Dan. 11:25b, 26a) Bara Daaniʼelitti warri ‘mootichaa wajjin nyaata baʼeessa nyaatan’ abbootii taayitaa mootummaa warra ‘fuula mootichaa duratti dhiʼaatanii hojii irra dhaabaman’ kan dabalatu ture. (Dan. 1:5) Raajiin kun waaʼee eenyuu dubbata? Kun abbootii taayitaa Bulchiinsa Jarman warra aangoo guddaa qaban, jechuunis jeneraalotaa fi gorsitoota raayyaa waraanaa mootichaa yeroo booda mooticha kuffisuu irratti gargaarsa godhan kan dabalatu dha.e Raajiin kun kufaatii bulchiinsa sanaa qofa utuu hin taʼin waraanni mootii kibbaa wajjin godhamus buʼaan isaa maal akka taʼu ni dubbata. Raajichi waaʼee mootii kaabaa yommuu dubbatu, “loltuun isaa in haxaaʼamu, baayʼeen isaaniis waraanamanii in kukkufu” jedha. (Dan. 11:26b) Akkuma raajiidhaan dubbatametti waraana addunyaa isa tokkoffaa irratti loltoonni Jarman, ‘haxaaʼamaniiru’; baayʼeen isaaniis ‘waraanamanii kukkufaniiru.’ Waraanni sun waraana seenaa ilmaan namootaa keessatti hamma yeroo sanaatti godhame irra caalaa lubbuu namoota hedduu galaafate dha.
11. Mootiin kaabaa fi mootiin kibbaa maal godhan?
11 Daaniʼel 11:27, 28 wantoota Waraana Addunyaa Tokkoffaa dura raawwataman yommuu dubbatu, mootiin kaabaa fi mootiin kibbaa ‘wal bira taaʼanii soba akka walitti dubbatan’ ibseera. Caqasichi mootiin kaabaa, “miʼa baayʼee” akka walitti qabatus ni dubbata. Yeroo kanattis wanti raawwatame kanuma dha. Jarmanii fi Biritaaniyaan nagaa akka barbaadan kan walitti dubbatan taʼus, bara 1914tti yommuu waraanni jalqabe wanti isaan dubbatan kun soba taʼuun isaa mirkanaaʼeera. Waggoottan kurnan bara 1914 dura turanitti Jarman dureettii taʼuudhaan addunyaa irraa dinagdeedhaan sadarkaa lammaffaa irra geessee turte. Achiis akka raawwii Daaniʼel 11:29 fi kutaa jalqabaa lakkoofsa 30tti, Jarman mootii kibbaa wajjin wal loltee moʼamteetti.
MOOTONNI KUN SABA WAAQAYYOO NI LOLU
12. Waraana addunyaa tokkoffaatti mootiin kaabaa fi mootiin kibbaa maal godhan?
12 Bara 1914 irraa jalqabee mootonni lamaan kun lola walii isaanii fi saba Waaqayyoo irratti godhan finiinsaniiru. Fakkeenyaaf, waraana addunyaa isa tokkoffaatti mootummaan Jarmanii fi mootummaan Biritaaniyaa tajaajiltoota Waaqayyoo warra lola irratti hirmaachuu didan irratti ariʼatama geessisaniiru. Kana malees mootummaan Yunaayitid Isteetis warra adda durummaadhaan hojii lallabaa geggeessan mana hidhaatti galcheera. Ariʼatamni kun raajiin Mulʼata 11:7-10 irratti argamu raawwii isaa akka argatu godheera.
13. Bara 1930mmanii fi yeroo waraana addunyaa lammaffaatti mootiin kaabaa maal godhe?
13 Achiis bara 1930mmanitti, keessumaa yeroo waraana addunyaa lammaffaatti mootiin kaabaa gara laafina tokko malee saba Waaqayyoo irratti miidhaa geessiseera. Yeroo warri Naazii Jarmaniin toʼatanitti Hiitlarii fi duuka buutonni isaa hojii saba Waaqayyoo dhorkaniiru. Mormitoonni kun saba Yihowaa dhibbaan lakkaaʼaman ajjeesaniiru, kumaan kan lakkaaʼaman immoo mana hidhaatti galchaniiru. Taʼeewwan kun kitaaba Daaniʼel irratti dursanii dubbatamanii turan. Mootummaan kaabaa kun bilisummaa tajaajiltoonni Waaqayyoo ifatti maqaa Yihowaa jajachuuf qaban daangessuudhaan ‘mana qulqullummaa xureessuu’ fi ‘aarsaan walitti fufee aarfamu akka balleeffamu’ gochuu dandaʼeera. (Dan. 11:30b, 31a) Geggeessaa isaa kan ture Hiitlar saba Waaqayyoo Jarman keessa jiran akka balleessu illee kakatee ture.
MOOTIIN KAABAA HAARAAN TOKKO NI KAʼE
14. Waraana addunyaa lammaffaa booda mootii kaabaa kan taʼe eenyu? Ibsi.
14 Waraana addunyaa lammaffaa booda, mootummaan Kooministii Tokkummaa Sooviyeet biyyoota Jarman irraa fudhate hedduu toʼannaa isaa jala galfachuudhaan mootii kaabaa taʼe. Akkuma bulchiinsa Naazii isa abbaa irree ture sanaatti, Tokkummaan Sooviyeetis nama mootummaadhaaf guutummaatti ajajamuu caalaa waaqeffannaa Waaqa dhugaatiif dursa kennu kam irratti iyyuu ariʼatama cimaa geessiseera.
15. Waraanni Addunyaa Lammaffaan erga xumuramee booda mootiin kaabaa maal godhe?
15 Waraana Addunyaa Lammaffaa booda utuu baayʼee hin turin mootii kaabaa haaraa kan taʼe Tokkummaan Sooviyeetii fi deggertoonni isaa saba Waaqayyoo irratti miidhaa geessisuu jalqaban. Raajii Mulʼata 12:15-17 irratti argamuu wajjin haala wal simuun mootiin kun hojii lallabaa keenya ni dhorke, saba Yihowaa kumaan lakkaaʼamanis gara Saayibeeriyaa bakka jireenyaaf baayʼee ulfaataa taʼetti isaan ergee achitti isaan hidhe. Guutummaa guyyoota dhumaa kanatti mootiin kaabaa “laga” ariʼatamaa kan dhangalaase taʼus, yaaliin inni hojii sabni Waaqayyoo hojjetan dhaabsisuuf godhe isaaf hin milkoofne.f
16. Tokkummaan Sooviyeet raajii Daaniʼel 11:37-39 irratti argamu kan raawwate akkamitti?
16 Daaniʼel 11:37-39 dubbisi. Akka raawwii raajii kanaatti, mootiin kaabaa, ‘waaqa abboonni isaa waaqeffatan yaadatti hin fudhanne.’ Kana kan godhe akkamitti? Tokkummaan Sooviyeet aangoo isaanii fudhachuuf jecha amantiiwwan balleessuuf yaalii godheera. Kaayyoo isaa kana galmaan gaʼuufis bara 1918tti ajaja barumsi Waaqayyo hin jiru jedhu mana barumsaatti akka kennamuuf buʼuura taʼe dabarseera. Mootummaan kaabaa “Waaqayyo tolfamaa ‘Isa masaraa eega’ jedhamuuf ulfina” kan kenne akkamitti? Tokkummaan Sooviyeet bulchiinsa isaa cimsachuuf jecha raayyaa waraanaa isaa ijaaruu fi meeshaawwan waraanaa niwukilarii kumaan lakkaaʼaman oomishuuf qarshii hammana hin jedhamne baaseera. Mootiin kaabaa fi mootiin kibbaa yeroo booda meeshaawwan waraanaa namoota biliyoonaan lakkaaʼaman ajjeesuu dandaʼan walitti qabaniiru!
MOOTUMMOONNI LAMAAN WALIIN HOJJETU
17. ‘Wanti jibbisiisaan badiisa geessisu’ maali dha?
17 Mootiin kaabaa wanta iddoo guddaan kennamuuf tokko irratti mootii kibbaa deggereera; lamaan isaanii iyyuu, “wanta jibbisiisaa nama rifachiisu [“badiisa geessisu,” NW] sana achi in kaaʼu.” (Dan. 11:31) “Wanta jibbisiisaa” kan jedhame Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ti.
18. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii “wanta jibbisiisaa” akka taʼetti kan ibsame maaliifi?
18 Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii “wanta jibbisiisaa” akka taʼetti kan ibsame, wanta Mootummaan Waaqayyoo qofti raawwachuu dandaʼu, jechuunis addunyaa kanaaf nagaa fiduu akka dandaʼu waan dubbatuufi. Raajichi wanta jibbisiisaa “badiisa geessisu” kan jedhe Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii amantii sobaa hundumaa balleessuu irratti shoora guddaa waan taphatuufi.—Chaartii “Yeroo Dhumaatti Mootota Wal Morkatan” jedhu ilaali.
SEENAA KANA BEEKUUN KAN NU BARBAACHISU MAALIIFI?
19-20. (a) Seenaa kana beekuun kan nu barbaachisu maaliifi? (b) Mata duree itti aanu irratti gaaffiiwwan kamfaʼiif deebii arganna?
19 Kana beekuun kan nu barbaachisu, seenaan kun bara 1870mmanii jalqabee hamma jalqaba bara 1990mmaniitti raajiin Daaniʼel mootii kaabaa fi mootii kibbaa ilaalchisee dubbate akka raawwatame waan mirkaneessuufi. Kanaafuu, kutaan raajii kanaa inni hafes akka raawwatamu amanannaa qabaachuu dandeenya.
20 Bara 1991tti Tokkummaan Sooviyeet ni kufe. Maarree yeroo ammaatti mootii kaabaa kan taʼe eenyu dha? Mata dureen itti aanu gaaffii kanaaf deebii kenna.
FAARFANNAA 128 Hamma Dhumaatti Jabaachuu
a Raajiin Daaniʼel ‘mootii kaabaa’ fi ‘mootii kibbaa’ ilaalchisee dubbate yommuu raawwatamuu isaa itti fufu argaa jirra. Waaʼee kanaa mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti? Raajii kana gad fageenyaan hubachuun kan nu barbaachisu hoo maaliifi?
b Sababa as irratti kenname irraa kaʼuudhaan, kana booda Mootii Roomaa kan ture Awureeliyaaniin (isa Dh.K.B. bara 270-275tti ture) ‘mootii kaabaa’ keessatti caqasuun ykn Zanuubiyaa Mootittii (ishii Dh.K.B. bara 267-272tti turte) ‘mootii kibbaa’ keessatti caqasuun sirrii hin fakkaatu. Ibsi kun yaada kitaaba Raajii Daaniʼel Xiyyeeffannaadhaan Hordofi! (Amaariffa) jedhamu boqonnaa 13 fi 14 irratti kennamee ture irratti sirreeffama godhame kan argisiisu dha.
c Saanduqa, “Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa Raajii Kitaaba Qulqulluu Keessatti” jedhu ilaali.
d Bara 1890tti Kaayizer Wiilhelm Lammaffaan Bismaarkiin aangoo irraa ariʼe.
e Abbootiin taayitaa kun kufaatiin bulchiinsa sanaa karaawwan hedduudhaan akka saffisu godhaniiru. Fakkeenyaaf, kaayizariin deggeruu dhiisaniiru, waraana ilaalchisee iccitiiwwan guguddaa baasaniiru, akkasumas kaayizar fedhiidhaan aangoo akka gadhiisu dhiibbaa isa irratti godhaniiru.
f Akkuma Daaniʼel 11:34 irratti ibsametti Kiristiyaanonni mootii kaabaa jala turan ariʼatama irraa boqonnaa xinnoo argataniiru. Fakkeenyaaf, yommuu Tokkummaan Sooviyeet bara 1991tti kufetti kun raawwii isaa argateera.
-
-
Yeroo Ammaatti ‘Mootiin Kaabaa’ Eenyu?Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2020 | Caamsaa
-
-
MATA DUREE QOʼANNAA 20
Yeroo Ammaatti ‘Mootiin Kaabaa’ Eenyu?
“Namni isa gargaaru tokko illee isa bira hin jiru, kanaanis jireenyi isaa in dhuma.”—DAN. 11:45.
FAARFANNAA 95 Ifichi Dabalaa Jira
QABIYYEEa
1-2. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii ilaalla?
KAN JIRAANNU guyyoota dhumaa sirna kanaa keessa akka taʼe yeroo kam iyyuu caalaa ragaawwan hedduu qabna. Dhiheenyatti Yihowaa fi Yesuus mootummoota Mootummicha morman hundumaa ni balleessu. Kun taʼuu isaa dura garuu, mootiin kaabaa fi mootiin kibbaa walii isaanii fi saba Waaqayyoo wajjin wal loluu isaanii itti fufu.
2 Mata duree kana keessatti raajii Daaniʼel 11:40–12:1 irratti galmeeffame qoranna. Yeroo ammaatti mootiin kaabaa eenyu akka taʼe baranna, akkasumas rakkina fuula keenya dura jiru amanannaadhaan moʼuu kan dandeenyu maaliif akka taʼe mariʼanna.
MOOTIIN KAABAA HAARAAN NI KAʼE
3-4. Mootii kaabaa taʼee kan kaʼe eenyu dha? Ibsi.
3 Bara 1991tti Tokkummaan Sooviyeet erga kufee booda, sabni Waaqayyoo naannoo balʼaa sana keessa jiraatan ‘xinnoo gargaaramaniiru,’ jechuunis bilisummaa argataniiru. (Dan. 11:34) Kanaan kan kaʼes, bilisummaadhaan lallabuu dandaʼaniiru; utuu baayʼee hin turinis lakkoofsi babalʼistoota biyyoota Kooministii duraanii keessa jiraachaa jiranii kumaatama hedduudhaan dabaleera. Suutuma suuta Raashiyaa fi michoonni ishii mootii kaabaa taʼanii kaʼaniiru. Akkuma mata duree darbe irratti ibsame, bulchiinsi mootii kaabaa ykn mootii kibbaa taʼu wantoota sadii gochuu qaba, isaanis (1) kallattiidhaan saba Waaqayyoo irratti miidhaa geessisa, (2) diina Yihowaa fi diina saba isaa taʼuu isaa gocha isaatiin argisiisa, akkasumas (3) mootii isa kaan wajjin wal morka.
4 Yeroo ammaatti mootiin kaabaa Raashiyaa fi michoota ishiiti kan jennu maaliif akka taʼe hubadhaa. (1) Hojii lallabaa dhorkuu fi obboloota biyyoota isaan toʼatan keessa jiraatanii fi kumaatamaan lakkaaʼaman ariʼachuudhaan kallattiidhaan saba Waaqayyoo irratti dhiibbaa godhaniiru. (2) Gochawwan kun Yihowaa fi saba isaa akka jibban kan argisiisani dha. (3) Mootii kibbaa, jechuunis Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa wajjin wal morkachaa turaniiru. Mee amma Raashiyaa fi michoonni ishii mootii kaabaa kan taʼan akkamitti akka taʼe haa ilaallu.
MOOTIIN KAABAA FI MOOTIIN KIBBAA WAL DHIIBUU ISAANII ITTI FUFU
5. Daaniʼel 11:40-43, irratti waaʼee yeroo isa kamiitu ibsame? Yeroo sanatti hoo maaltu raawwatame?
5 Daaniʼel 11:40-43b dubbisi. Kutaan raajii kanaa bara dhumaa ilaalchisee yaadawwan ijoo taʼan kan qabate dha. Caqasni kun wal morkii mootii kibbaa fi mootii kaabaa gidduu jiru kan addeessu dha. Akkuma Daaniʼel dursee dubbatetti, bara dhumaatti mootiin kibbaa mootii kaabaa wajjin “wal ni dhiiba” ykn “gaanfa isaa gaanfa isaa keessa ni galcha.”—Dan. 11:40; milj.
6. Ragaan mootonni lamaan wal dhiibaa akka jiran argisiisu maali dha?
6 Mootiin kaabaa fi mootiin kibbaa addunyaa irratti mootummaa hunda caalaa humna guddaa qabu taʼuu waan barbaadaniif wal morkachuu isaanii itti fufu. Fakkeenyaaf Waraana Addunyaa Lammaffaa booda Tokkummaan Sooviyeetii fi michoonni ishii biyyoota Awurooppaa hedduu irratti yommuu ol aantummaa argatanii turanitti wanta raawwatame haa ilaallu. Gochi mootii kaabaa kun mootiin kibbaa dhaabbata raayyaa waraanaa addunyaa, Waldaa Kakuu Waraanaa Kaaba Atilaantikii (NATO) jedhamu akka hundeessu isa dirqisiise. Mootiin kaabaa meeshaawwan waraanaa gatii guddaa qaban qopheessuudhaan mootii kibbaa wajjin wal dorgomuu isaa itti fufeera. Mootiin kaabaa fi mootiin kibbaa biyyoota Afriikaa, Eeshiyaa fi Laatiin Ameerikaa keessatti humnoota diinota walii taʼan deggeruudhaan karaa al kallattii taʼeen wal waraananiiru. Waggoota dhihoodhaa asitti Raashiyaa fi michoonni ishii addunyaa mara irratti biyyoota humna guddaa qaban taʼaniiru. Kompiitaratti fayyadamuudhaanis mootii kibbaa wajjin wal lolaa jiru. Mootonni kun dinagdee fi sirna siyaasaa walii balleessuuf yaaduudhaan sagantaa kompiitaraa balaa geessisutti fayyadamaa akka jiran wal himatu. Akkuma Daaniʼel raajiidhaan dubbatetti immoo mootiin kaabaa saba Waaqayyoo irratti miidhaa geessisuu isaa itti fufeera.—Dan. 11:41.
MOOTIIN KAABAA “BIYYA BAREEDDUU TAATETTI NI SEENA”
7. ‘Biyyi bareedduun’ maali dha?
7 Daaniʼel 11:41 akka jedhutti mootiin kaabaa “biyya bareedduu taatetti” ni seena. Biyyi sun maali dha? Bara duriitti biyyi Israaʼel ‘biyya hundumaa caalaa miidhagduu’ akka taatetti ilaalamti turte. (His. 20:6) Haa taʼu malee, wanti hunda caalaa adda ishii godhe bakka waaqeffannaan dhugaa itti geggeeffamu taʼuu ishii ti. Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqostee irraa jalqabee sabni Yihowaa guutummaa lafaa irratti waan argamaniif, ‘biyyi’ sun biyya kallattiidhaan bakka tokkotti argamtu taʼuu hin dandeessu. Kanaa mannaa, yeroo ammaatti “biyya bareedduu” kan jedhame jannata hafuuraa waaqeffannaa sabni Yihowaa karaa walgaʼii fi tajaajila dirree Yihowaadhaaf dhiheessan dabalatee sochiiwwan isaan godhan kan argisiisu dha.
8. Mootiin kaabaa gara “biyya bareedduu taatetti” kan seene akkamitti?
8 Guyyoota dhumaatti mootiin kaabaa irra deddeebiʼee gara “biyya bareedduu taatetti” seeneera. Fakkeenyaaf yommuu Naazii Jarmaniin mootii kaabaa taʼetti, keessumaa yeroo waraana addunyaa lammaffaatti mootiin sun saba Waaqayyoo ariʼachuu fi isaan ajjeesuudhaan gara “biyya bareedduu taatetti” seeneera. Waraana Addunyaa Lammaffaa booda yommuu Tokkummaan Sooviyeet mootii kaabaa taʼetti, mootiin sun saba Waaqayyoo ariʼachuu fi mana isaanii irraa fagaatanii akka deeman isaan dirqisiisuudhaan gara “biyya bareedduu taatetti” seeneera.
9. Waggoota dhihoodhaa asitti Raashiyaanii fi michoonni ishii gara “biyya bareedduu taatetti” kan seenan akkamitti?
9 Waggoota dhihoodhaa asitti Raashiyaanii fi michoonni ishiis gara “biyya bareedduu taatetti” seenaniiru. Akkamitti? Bara 2017tti mootiin kaabaa amma jiru kun hojii Dhugaa Baatota Yihowaa dhorkeera, akkasumas obbolootaa fi obboleettota keenya tokko tokko mana hidhaatti galcheera. Hiika Addunyaa Haaraa dabalatee barreeffamoota keenya dhorkeera. Kana malees waajjira damee keenya isa Raashiyaatti argamu, Galmawwan Walgaʼii keenyaa fi Galmawwan Walgaʼii Guguddaa keenya fudhateera. Tarkaanfiiwwan kana booda, bara 2018tti Qaamni Ol Aanaan, Raashiyaa fi michoonni ishii mootii kaabaa akka taʼan ibse. Haa taʼu malee, sabni Yihowaa yommuu ariʼatamni cimaan isaan irra gaʼutti illee mootummaa kam iyyuu loluuf ykn garagalchuuf yaalii hin godhan. Kanaa mannaa, keessumaa yommuu isaan murtoo bilisummaa waaqeffannaa keenyaa tuquu dandaʼu godhanitti “warra aangoo qaban hundaaf” akka kadhannu gorsa Kitaabni Qulqulluun nuu kennu ni hordofna.—1 Xim. 2:1, 2.
MOOTIIN KAABAA MOOTII KIBBAA NI BALLEESSAA?
10. Mootiin kaabaa mootii kibbaa ni balleessaa? Ibsi.
10 Raajiin Daaniʼel 11:40-45 irratti ibsame adda durummaadhaan sochii mootiin kaabaa godhu irratti kan xiyyeeffatu dha. Kana jechuun mootii kibbaa ni balleessa jechuu dhaa? Matumaa. Yommuu Yihowaa fi Yesuus mootummoota namootaa hundumaa waraana Armaagedoonitti balleessanitti mootiin kibbaa “lubbuudhaan” ni jiraata. (Mul. 19:20) Waaʼee kanaa mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi? Raajiiwwan Daaniʼelii fi kitaabni Mulʼataa maal akka argisiisan hubadhaa.
Waraanaa Armaagedoon irratti Mootummaan Waaqayyoo inni dhagaatti fakkeeffame, bulchiinsa namootaa isa as irratti fakkii guddaatti fakkeeffame ni balleessa (Keeyyata 11 ilaali)
11. Daaniʼel 2:43-45 maal argisiisa? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)
11 Daaniʼel 2:43-45 dubbisi. Daaniʼel raajichi mootummoota namootaa duraa duubaan kaʼanii fi saba Waaqayyoo irratti dhiibbaa guddaa geessisan ibseera. Mootummoonni kun akka kutaa garaa garaa fakkii sibiilaa guddaa tokkootti ibsamaniiru. Mootummoota namaa warra duraa duubaan kaʼan sana keessaa inni dhumaa miila fakkii sanaa isa sibiila dhoqqee supheetiin makame irraa tolfametti fakkeeffameera. Miilli sun Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa argisiisa. Raajiin kun yommuu Mootummaan Waaqayyoo mootummoota namaa rukutee balleessutti Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa bulchaa akka jiru argisiisa.
12. Mataa torbaffaan bineensichaa maal argisiisa? Kana beekuun barbaachisaa kan taʼe hoo maaliifi?
12 Yohaannis ergamaanis mootummoota addunyaa duraa duubaan kaʼanii fi saba Waaqayyoo irratti dhiibbaa guddaa geessisanii turan ibseera. Yohaannis mootummoota kana bineensa mataa torba qabutti fakkeesseera. Mataa torbaffaan bineensa sanaa Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa argisiisa. Bineensi sun sana booda mataa kan biraa waan hin biqilchineef, yaada kana hubachuun keenya barbaachisaa dha. Kiristoosii fi humnoonni isaa warri samii keessa jiran mataa torbaffaa kanaa fi bineensicha yommuu balleessanitti mataa torbaffaan kun yeroo kanatti bulchuu irratti argama.c—Mul. 13:1, 2; 17:13, 14.
MOOTIIN KAABAA DHIHEENYATTI MAAL GODHA?
13-14. ‘Goog inni biyya Maagoog’ eenyu dha? Saba Waaqayyoo irratti haleellaa akka banu kan isa kakaasu hoo maal taʼuu dandaʼa?
13 Raajiin Hisqiʼel barreesse yeroo guyyoota dhumaa mootiin kaabaa fi mootiin kibbaa bulchanitti wanta raawwatamuu dandaʼu ilaalchisee hamma tokko hubannaa nuuf kenna. Raajiiwwan Hisqiʼel 38:10-23; Daaniʼel 2:43-45; 11:44–12:1; fi Mulʼata 16:13-16, 21 irratti argaman waaʼee yeroo wal fakkaatuu fi taʼee wal fakkaatu tokkoo kan ibsan fakkaata. Kun dhugaa yoo taʼe immoo wantoonni armaan gadii ni raawwatamu jennee yaanna.
14 Rakkinni guddaan erga jalqabee yeroo muraasa booda ‘mootonni guutummaa lafaa’ sabootaa wajjin tokkummaa uumu. (Mul. 16:13, 14; 19:19) Kitaabni Qulqulluun tokkummaa sabootaa kana “Goog isa biyya Maagoog” jedhee waama. (His. 38:2) Tokkummaan sabootaa kun saba Waaqayyoo hundumaa irratti haleellaa bana, guutummaatti isaan balleessuufis yaalii godha. Haleellaa kana akka banu kan isa kakaasu maali dha? Yeroo kana ilaalchisee Yohaannis ergamaan cabbiin akka malee guddaa taʼe diinota saba Waaqayyoo irratti yommuu roobu arguu isaa dubbateera. Cabbiin fakkeenyaan ibsame kun, tarii ergaa murtii cimaa taʼee fi sabni Yihowaa labsan kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Goog inni biyya Maagoog saba Waaqayyoo haxaaʼee lafa irraa balleessuuf yaaduudhaan isaan irratti haleellaa akka banu kan isa kakaasu ergaa kana taʼuu dandaʼa.—Mul. 16:21.
15-16. (a) Daaniʼel 11:44, 45 waaʼee taʼee isa kamii kan ibsu taʼuu dandaʼa? (b) Mootii kaabaa fi saboota kutaa Goog isa Biyya Maagoog taʼan kaan irra maaltu gaʼa?
15 Ergaa cimaan kunii fi haleellaa cimaan diinonni Waaqayyoo banan wanta Daaniʼel 11:44, 45 (dubbisi) irratti ibsamee wajjin tokko taʼuu dandaʼa. Caqasa kana irratti Daaniʼel “oduun inni baʼa-biiftuutii fi gara bitaatii [“kaabaatii,” NW] dhagaʼu” mootii kaabaa isa “aarii guddaadhaan” baʼu sana akka naasisu dubbateera. Mootiin kaabaa “namoota baayʼee fixuu” barbaada. As irratti “baayʼee” kan jedhame saba Yihowaa kan argisiisu fakkaata.d Tarii Daaniʼel as irratti haleellaa xumuraa saba Waaqayyoo hundumaa irratti banamu ibsuu isaa taʼuu dandaʼa.
16 Haleellaan mootiin kaabaa mootummoota addunyaa warra kaanii wajjin godhu kun, Waaqni Hundumaa Dandaʼu waraana Armaagedoon akka banu isa kakaasa. (Mul. 16:14, 16) Yeroo sanatti mootiin kaabaa saboota kutaa Goog isa biyya Maagoog taʼan kaanii wajjin ni balleeffama, “namni isa gargaaru tokko illee isa bira hin jiru.”—Dan. 11:45.
Yesuus Kiristoosii fi raayyaawwan waraanaa isaa warri samii keessa jiran waraana Armaagedoonitti addunyaa hamaa Seexanaa ni balleessu, saba Waaqayyoo immoo badiisa irraa ni oolchu (Keeyyata 17 ilaali)
17. Mikaaʼel ‘inni guddichi’ Daaniʼel 12:1 irratti ibsame eenyu? Maal raawwata?
17 Kitaaba Daaniʼel irratti caqasni itti aansee jiru mootiin kaabaa fi michoonni isaa akkamitti akka balleeffaman, akkasumas nuti akkamitti badiisa irraa akka oollu ilaalchisee ibsa balʼaa kenna. (Daaniʼel 12:1 dubbisi.) Caqasni kun hiika maalii qaba? Maqaan Mikaaʼel jedhu maqaa kan biraa Yesuus Kiristoos inni Mootii keenya taʼee bulchaa jiru ittiin waamamu dha. Inni bara 1914tti yeroo Mootummaan isaa samii irratti hundeeffame irraa jalqabee saba Waaqayyootiif ‘dhaabbateera.’ Inni dhiheenyattis ‘ni dhaabbata’ ykn waraana Armaagedoonitti tarkaanfii murteessaa taʼe fudhata. Waraanni sun yeroo Daaniʼel seenaa keessatti ‘rakkina argamee hin beekne’ jechuudhaan ibse itti xumuramu taʼa. Raajiin Yohaannis inni kitaaba Mulʼataa irratti galmeeffame yeroo waraana Armaagedoon dura jiru “rakkina guddaa” jechuudhaan ibseera.—Mul. 6:2; 7:14.
MAQAAN KEE ‘MACAAFICHA KEESSATTI NI CAAFAMAA’ LAATA?
18. Yeroo gara fuulduraa amanannaadhaan eeggachuu kan dandeenyu maaliifi?
18 Daaniʼelii fi Yohaannis namoonni Yihowaa fi Yesuusiin tajaajilan rakkina argamee hin beekne kana irraa akka oolan waan nuu mirkaneessaniif, yeroo gara fuulduraa amanannaadhaan eeggachuu dandeenya. Daaniʼel namoonni badiisa irraa oolan maqaan isaanii ‘macaaficha keessatti akka caafamu’ dubbateera. (Dan. 12:1) Maqaan keenya kitaabicha keessatti akka barreeffamu gochuu kan dandeenyu akkamitti? Yesuus isa Hoolaa Waaqayyoo taʼe irratti amantii akka qabnu ifatti argisiisuu qabna. (Yoh. 1:29) Waaqayyoof of murteessuu keenya argisiisuuf cuuphamuun nu barbaachisa. (1 Phe. 3:21) Akkasumas warri kaan waaʼee Yihowaa akka baratan gargaaruuf wanta dandeenyu hunda gochuudhaan Mootummaa Waaqayyoo akka deggerru argisiisuu qabna.
19. Amma maal gochuu qabna? Maaliif?
19 Yeroon kun yeroo amanannaa Yihowaa fi jaarmiyaa isaa irratti qabnu itti guddifannu dha. Yeroon kun yeroo Mootummaa Waaqayyoo itti deggerru dha. Akkana yoo goone, yommuu mootiin kaabaa fi mootiin kibbaa Mootummaa Waaqayyootiin balleeffamanitti badiisa irraa ni oolla.
FAARFANNAA 149 Faarfannaa Injifannoo
a Yeroo ammaatti ‘mootiin kaabaa’ eenyu dha? Kan balleeffamu hoo akkamitti? Deebii gaaffiiwwan kanaa beekuun keenya amantii keenya cimsa, akkasumas qorumsawwan dhiheenyatti nu mudataniif of qopheessuuf nu gargaara.
b Daaniʼel 11:40-43, NW: “Bara dhumaatti mootiin inni kibbaa isaa wajjin wal ni dhiiba; mootiin kaabaa gaariiwwan fardaa, abbootii fardeenii fi dooniiwwan hedduudhaan akka obomboleettiitti isa irratti ni dhufa; inni biyyootatti ni seena; akka lolaattis isaan keessa ni dhangalaʼa. Inni biyya bareedduu taatetti ni seena; biyyoonni hedduunis akka gufatan ni godhamu. Haa taʼu malee, Edoomii fi Moʼaab, akkasumas Amoonota keessaa kutaan inni guddaan harka isaa jalaa ni oolu. Inni biyyoota irratti harka isaa diriirsuu isaa itti fufa; biyyi Gibxiis harka isaa jalaa hin ooltu. Inni qabeenyawwan dhokfaman, warqii fi meetii, akkasumas miʼawwan Gibxii warra gatii guddaa qaban hundumaa irratti aangoo ni qabaata. Warri Liibiyaa fi warri Itoophiyaas faana isaa duukaa ni buʼu.”
c Daaniʼel 2:36-45 fi Mulʼata 13:1, 2, irratti ibsa dabalataa argachuuf maxxansa Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 15, 2012, ful. 7-19 ilaali.
d Odeeffannoo dabalataa argachuuf maxxansa Masaraa Eegumsaa Caamsaa 15, 2015, ful. 29-30 ilaali.
-
-
Yeroo Dhumaatti Mootummoota Wal MorkatanMasaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2020 | Caamsaa
-
-
Yeroo Dhumaatti Mootummoota Wal Morkatan
Raajiiwwan chaartii kana keessatti ibsaman yeroo tokkotti raawwatamu. Raajiiwwan kun kan jiraannu ‘bara dhumaa’ keessa taʼuu isaa karaawwan hedduudhaan ni mirkaneessu.—Dan. 12:4.
Caqasa(wwan) Mul. 11:7; 12:13, 17; 13:1-8, 12
Raajii “Bineensichi” jaarraawwan hedduudhaaf namoota lafa irra jiran bulchaa tureera. Bara dhumaatti mataan isaa inni torbaffaan ni madaaʼe. Boodas mataan isaa kun ni fayye, “guutummaan lafaa hundis” bineensicha duukaa buʼe. Seexanni ‘warra hafan irratti waraana banuuf’ bineensichatti fayyadama.
Raawwii Bishaan Badiisaa booda mootummoonni Yihowaa morman bulchaa turaniiru. Jaarraawwan hedduu booda yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaatti Bulchiinsi Biritaaniyaa akka malee dadhabe. Yunaayitid Isteetis wajjin yommuu michuu taʼetti ni bayyanate. Keessumaa yeroo dhumaatti Seexanni saba Waaqayyoo irratti ariʼatama geessisuuf guutummaa sirna siyaasaatti fayyadama.
Caqasa(wwan) Dan. 11:25-45
Raajii Yeroo dhumaatti morkii mootii kaabaa fi mootii kibbaa gidduutti godhamu.
Raawwii Mootummaan Jarmanii fi Angiloo Ameerikaa wal morkatu. Bara 1945tti Tokkummaan Sooviyeetii fi michoonni isaa mootii kaabaa taʼan. Bara 1991tti, Tokkummaan Sooviyeet ni diigame, yeroo booda Raashiyaa fi michoonni ishii mootii kaabaa taʼan.
Caqasa(wwan) Isa. 61:1; Mil. 3:1; Luq. 4:18
Raajii Yihowaan Mootummaan Masiihichaa hundeeffamuu isaa dura ‘karaa akka qopheessuuf’ “ergamaa” isaa ni erga. Gareen kun, ‘warra gadadamootti misiraachoo himuu’ jalqabe.
Raawwii Bara 1870mmanii jalqabee Chaarlis Teez Raasilii fi michoonni isaa dhugaa Kitaaba Qulqulluu beekuuf qorannaa cimaa gochuu jalqaban. Bara 1880mmanitti tajaajiltoonni Waaqayyoo lallabuun akka isaan irra jiru cimsanii ibsuu jalqaban. Mata dureewwan kan akka, “Lallabdoonni 1,000 ni Barbaachisu” akkasumas “Lallabuuf Dibamuu” jedhan ni qopheessan.
Caqasa(wwan) Mat. 13:24-30, 36-43
Raajii Diinni tokko maasii qamadii keessatti inkirdaada kan facaase siʼa taʼu, inkirdaadni sunis hamma yeroon makaraa gaʼutti akka guddatuu fi qamadicha akka dhoksu isaaf heyyamame; achiis inkirdaadichi qamadicha irraa addaan ni baafame.
Raawwii Dhuma bara 1800 irraa jalqabee Kiristiyaanonni dhugaan Kiristiyaanota sobaa irraa adda baafamanii beekamuu jalqaban. Bara dhumaatti, Kiristiyaanonni dhugaan walitti qabamaniiru; Kiristiyaanota sobaa irraas addaan baʼaniiru.
Caqasa(wwan) Dan. 2:31-33, 41-43
Raajii Miilli sibiilaa fi dhoqqee suphee irraa tolfame kan fakkii sibiilota adda addaa irraa tolfame sanaa ti.
Raawwii Dhoqqeen suphee, namoota bulchiinsa Angiloo Ameerikaa jalatti bulanii fi mootummoota kana morman kan argisiisu dha. Mormitoonni kun mootummaan addunyaa kun jabina akka sibiilaatiin tarkaanfii akka hin fudhanne isa dadhabsiisaniiru.
Caqasa(wwan) Mat. 13:30; 24:14, 45; 28:19, 20
Raajii ‘Qamadichi’ gara ‘gootaraatti’ walitti qabame; “garbichi amanamaanii fi ogeessi” “maatii” isaa irratti ni muudame. Lallabni ‘misiraachoo Mootummichaa’ kun “guutummaa lafaa irratti” babalʼachuu jalqabe.
Raawwii Bara 1919tti garbichi amanamaan saba Waaqayyoo irratti ni muudame. Yeroo sanaa jalqabee, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu caalaatti lallabuu isaanii itti fufaniiru. Yeroo ammaatti Dhugaa Baatonni Yihowaa biyyoota 200 olitti ni lallabu; afaanota 1,000 ol taʼaniinis barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan ni qopheessu.
Caqasa(wwan) Dan. 12:11; Mul. 13:11, 14, 15
Raajii Bineensi gaanfota lama qabu, namoonni lafa irra jiraatan ‘bineensichaaf bifa fakkeenyaa akka hojjetan’ gochuu irratti adda durummaadhaan ni hojjeta; akkasumas ‘bifa fakkeenyaa sanaaf hafuura’ ni kenna.
Raawwii Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa, Waldaan Mootummoota Addunyaa akka hundeeffamu gochuu irratti adda durummaadhaan hojjeteera. Waldaan kun saboota kan biroo irraa deggersa argateera. Yeroo booda mootiin kaabaas Waldaa kanatti kan makame yommuu taʼu, achi keessa kan ture garuu bara 1926-1933tti qofa ture. Akkuma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii isa isa booda dhufe sanaatti, ulfinni Mootummaa Waaqayyootiif malu Waldaa kanaafis kennameera.
Caqasa(wwan) Dan. 8:23, 24
Raajii Mootii sodaachisaan tokko “badiisa sodaachisaa in fida.”
Raawwii Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa badiisa guddaa geessiseera. Fakkeenyaaf, Waraana Addunyaa Lammaffaatti Yunaayitid Isteetis yommuu diina mootummoota lamaan kanaa irratti boombii atoomikii lama roobsitetti badiisa hammana hin jedhamne geessisteetti.
Caqasa(wwan) Dan. 11:31; Mul. 17:3, 7-11
Raajii Bineensi ‘diimaan dhiiga fakkaatu’ qilee keessaa ni baʼa; innis mootii saddeettaffaa dha. Kitaabni Daaniʼel mootiin kun “wanta jibbisiisaa nama rifachiisu [“badiisa geessisu,” NW]” akka taʼe ibseera.
Raawwii Waldaan Mootummoota Addunyaa yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti diigameera. Waraanicha booda Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ‘achi kaaʼameera.’ Akkuma Waldaa Mootummoota Addunyaa isa dura ture sanaatti, ulfinni Mootummaa Waaqayyootiif qofa malu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniifis kennameera. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii amantii irratti haleellaa bana.
Caqasa(wwan) 1 Tas. 5:3; Mul. 17:16
Raajii Saboonni “Nagaa dha, tasgabbii dhas!” jedhanii labsu, ‘gaanfonni kurnanii fi bineensichi’ ‘gaalamoota sana’ ni haleelu. Sana booda saboota irra badiisni ni gaʼa.
Raawwii Saboonni nagaa fi tasgabbii akka argatan dubbatu taʼa. Achiis saboonni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii deggeran dhaabbilee amantii sobaa ni balleessu. Kunis jalqaba rakkina guddaa ni taʼa. Rakkinni guddaan kun yommuu waraana Armaagedoonitti guutummaan sirna addunyaa kanaa balleeffamutti ni xumurama.
Caqasa(wwan) His. 38:11, 14-17; Mat. 24:31
Raajii Goog biyya saba Waaqayyoo ni weerara. Achiis maleekonni ‘warra filataman’ walitti ni qabu.
Raawwii Mootiin kaabaa mootummoota addunyaa warra kaanii wajjin taʼuudhaan, saba Waaqayyoo irratti haleellaa bana. Haleellaan kun erga jalqabamee yeroo muraasa booda dibamtoonni hafan samiitti walitti qabamu.
Caqasa(wwan) His. 38:18-23; Dan. 2:34, 35, 44, 45; Mul. 6:2; 16:14, 16; 17:14; 19:20
Raajii ‘Inni farda adii irra taaʼe’ Googii fi raayyaa waraanaa isaa balleessuudhaan “moʼicha” isaa xumura. “Bineensichi” ‘haroo ibiddaa dinyiidhaan bobaʼu keessatti darbatame,’ akkasumas fakkii guddaan sun ni caccabe.
Raawwii Yesuus inni Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee bulchaa jiru saba Waaqayyoo ni oolcha. Namoota 144,000 warra isaa wajjin bulchanii fi maleekota warra raayyaa waraanaa isaa taʼanii wajjin taʼuudhaan, saboota tokkummaa uuman, jechuunis guutummaa sirna siyaasaa Seexanaa ni balleessa.
-