LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • hdu mataduree 1
  • Viidiyoo Konfiransiidhaan Walgaʼiiwwan Gumii Gochuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Viidiyoo Konfiransiidhaan Walgaʼiiwwan Gumii Gochuu
  • Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa Kan Jiru Akkamitti?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gargaarsa Gochuu kan Dandeenyu Akkamitti?
    Tajaajila Mootummaa—2005
  • Waaqa Waan Hundumaa Qabuuf kan Kenninu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • “Kennaa Yihowaadhaaf Kennamu”
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Jaalala Keessaniif Yihowaa ni Galateeffanna
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
Dabalataan Ilaaluuf
Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa Kan Jiru Akkamitti?
hdu mataduree 1
Fakkiiwwan: 1. Maatiin tokko viidiyoo konfiransiitti fayyadamuudhaan walgaʼii irratti hirmaachaa jira. 2. Obboleessi tokko appilikeeshinii viidiyoo konfiransiitti fayyadamuudhaan walgaʼii gumii geggeessaa jira. 3. Obboleessi tokko viidiyoo konfiransiitti fayyadamee haasaa kennaa jira.

BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?

Viidiyoo Konfiransiidhaan Walgaʼiiwwan Gumii Gochuu

WAXABAJJII 26, 2020

Mootummoonni addunyaa maratti argaman hedduun namoonni fageenya isaanii akka eeggatanii fi baayʼinaan akka walitti hin qabamne seera baasaniiru. Dhugaa Baatonni Yihowaa seera kanaaf ajajamuu fi fayyaa isaanii utuu balaadhaaf hin saaxilin walitti qabamuuf murteessaniiru. Kana gochuufis gumiiwwan appilikeeshinoota viidiyoo konfiransii gochuuf gargaaran kan akka Zoom jiranitti fayyadamaa jiru.

Qaamni Ol Aanaan karaa dhaabbataa taʼee fi fayyaa keenya balaadhaaf hin saaxilleen walgaʼii gochuuf maallaqa buusii godhametti fayyadamuudhaan, gumiiwwaniif akkaawuntiin Zoom akka bitamu heyyama kenneera. Qophiin kun gumiiwwan akkaawuntii viidiyoo konfiransii gochuuf isaan gargaaru doolaara Ameerikaa 15-20 ykn isaa oliin bitachuu hin dandeenyeef gargaarsa guddaa godheera. Kana dura gumiiwwan appilikeeshinoota tolaa namoota muraasa qofa keessummeessuu fi nageenyi isaanii amansiisaa hin taanetti fayyadamaa turan. Amma garuu gumiiwwan, akkaawuntii Zoom nageenyi isaa amansiisaa taʼe, akkasumas namoota hedduu keessummeessuu dandaʼuu fi jaarmiyichi bitetti fayyadamaa jiru. Hanga ammaatti gumiiwwan 65,000 ol taʼanii fi biyyoota 170 ol taʼan keessatti argaman akkaawuntii kanatti fayyadamaa jiru.

Gumiin Kaayiraagii inni magaalaa Maanaadoo, Kaaba Sulaawesii, Indooneeshiyaa keessatti argamu appilikeeshinii tolaa viidiyoo konfiransii gochuuf itti fayyadamaa ture dhiisee akkaawuntii Zoom jaarmiyichi bitetti fayyadamuu jalqabeera. Obboleessi keenya Hadii Santoosoon akkana jedheera: “Obboloonnii fi obboleettonni itti fayyadama meeshaalee elektiroonikii akka gaariitti hin beekne illee amma sirriitti walgaʼicha hordofuu dandaʼaniiru; sababiin isaas yommuu walgaʼiin geggeeffamutti irra deddeebiʼanii seenuun isaan hin barbaachisu.”

Jaarsi gumii, Gumii Guyaajaakaanas Oheestee Guyaalaakiil, Ikuwaador keessatti argamu tokko akkana jedheera: “Obboloonnii fi obboleettonni hedduun harka qalleeyyii waan taʼaniif, gumiiwwan tokko tokko akkaawuntii Zoom guutummaan gumichaa walgaʼii irratti akka argaman isaan dandeessisu bitachuu hin dandaʼan. Amma garuu akkaawuntii Zoom jaarmiyichi bitetti fayyadamaa waan jirruu fi ni guuta jennee waan hin yaaddofneef namoonni kaan walgaʼii irratti akka argaman affeeruu dandeenyeerra.”

Jaarsi gumii Joonsan Mawaanzaa jedhamuu fi Gumii Kaabaa Nuguwereree Lusaakaa, Zaambiyaatti argamu keessatti tajaajilu akkana jedheera: “Obboloonnii fi obboleettonni hedduun irra deddeebiʼanii ‘akkaawuntiin Zoom jaarmiyichi qopheesse obboloota keenyatti caalaatti akka dhihaannu qofa utuu hin taʼin Yihowaan akka nu jaallatuu fi akka nu kunuunsu akka nutti dhagaʼamu godheera’ jedhaniiru.”

Akkaawuntiiwwan jaarmiyichaa kan bitaman maallaqa yeroo balaan uumamuuf ramadame irraa ti. Maallaqni kun buusii fedhiidhaan hojii addunyaa maraatiif godhamu irraa argame. Buusiiwwan kana keessaa hedduun isaanii karaa donate.jw.org kan godhamani dha. Buusii arjummaadhaan gootaniif isin galateeffanna. Buusiin keessan hojiiwwan gargaarsaa addunyaa maratti godhaman kaaniifis ni oola.—2 Qorontos 8:14.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi