LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwyp mataduree 104
  • Yaada Koo Sassaabbachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yaada Koo Sassaabbachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
  • Gaaffii Dargaggootaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yaada Koo Sassaabbachuun Kan Na Rakkisu Maaliifi?
  • Yaada Koo Sassaabbachuuf Maaltu Na Gargaara?
  • Teknoolojiin Dhiibbaa Akkamii Qaba? Dandeettii Yaaduu Kee Irratti
    Dammaqaa!—2021
  • Meeshaalee Eleektiroonikii Fayyadamuun Araada Natti Taʼeeraa?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
  • Teknoolojiin Dhiibbaa Akkamii Qaba? Michummaa Kee Irratti
    Dammaqaa!—2021
  • Teknoolojiin Dhiibbaa Akkamii Qaba? Gaaʼela Kee Irratti
    Dammaqaa!—2021
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffii Dargaggootaa
ijwyp mataduree 104
Shamarree wanta qayyabannaa ishii irraa yaada ishii hihhiruuf itti dhufe yaadaan of irraa ittisaa jirtu. Wantoonni sunis muuziqaa, viidiyoo, ergaa fi suuraawwani dha.

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Yaada Koo Sassaabbachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

  • Yaada Koo Sassaabbachuun Kan Na Rakkisu Maaliifi?

  • Yaada Koo Sassaabbachuuf Maaltu Na Gargaara?

  • Hiriyoonni kee maal jedhu?

Yaada Koo Sassaabbachuun Kan Na Rakkisu Maaliifi?

“Akka duraanii kitaabota hin dubbisu. Keeyyatawwan dheeraa taʼan dubbisuu illee hin jaalladhu.”—Ileen.

“Viidiyoon tokko yaada dheeraa akka qabu yoo natti dhagaʼame irran daddabarsa.”—Miraandaa.

“Wanta barbaachisaa taʼe tokko raawwachaa utuun jiruu bilbilli koo yoo iyye wantin yaadu, ‘Eenyutu naaf barreesse laata?’ isa jedhu qofa dha.”—Jeen.

Teknooloojiin yaada keenya sassaabbachuun rakkisaa akka taʼu gochuu dandaʼaa? Namoonni tokko tokko akkas isaanitti dhagaʼama. Barreessaa fi gorsaa maaneejimantii kan taʼan Niikolaas Kaara akkas jechuudhaan barreessaniiru: “Intarneetii caalaatti fayyadamaa yommuu deemnu sammuun keenya akka hihhiramu leenjisna. Odeeffannoo saffisaan akka fudhatu garuu immoo akka irratti hin yaanne goona.”

Haalawwan teknooloojiin yaada kee sassaabbachuun akka sitti ulfaatu taasisu sadii haa ilaallu.

  • Namootaa wajjin yeroo haasoftu. Shamarreen Maariyaa jedhamtu akkas jetteetti: “Namoonni hedduun namootuma qaamaan isaan bira jiranii wajjin utuma haasaʼanii illee ergaa barreeffamaa ergu, geemii taphatu ykn weebsaayitii hawaasaa fayyadamu. Kanaafuu, nama haasofsiisaniif xiyyeeffannaa guutuu hin kennan.”

  • Daree keessatti. Kitaabni Digital Kids jedhamu akkas jedheera: “Barattoonni hedduun kutaa keessatti meeshaa eleektiroonikii isaaniitti fayyadamanii akka waliif barreessan, intarneetii akka fayyadaman ykn viidiyoo akka ilaalan dubbataniiru. Akkas kan godhan garuu dhimmoota barnootaa wajjin wal qabataniif miti.”

  • Yeroo qayyabannaatti. Eeriik inni umuriin isaa waggaa 22 taʼe, “Bilbilli koo sagalee yeroo argisiisu hundatti ilaaluufan qorama” jedheera. Barataa yoo taate sababa meeshaalee eleektiroonikiitiin kan kaʼe hojiin manaa saʼaatii tokko qofa si fudhatu saʼaatii sadii ykn sanaa ol sitti fudhachuu dandaʼa.

Wanta irratti yaadamuu qabu: Teknooloojiin xiyyeeffannaa kee akka hihhiruu fi akka si toʼatu heyyamnaan yaada kee sassaabbachuun si rakkisa.

Dargaggeessa dugda fardaa irraa darbatame.

Sammuun yaanni isaa hihhiramu akkuma farda hin leenjifamnee ti. Isatu si toʼata malee ati isa hin toʼattu.

Yaada Koo Sassaabbachuuf Maaltu Na Gargaara?

  • Namoota kaanii wajjin yeroo haasoftu. Kitaabni Qulqulluun, “Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa” jedha. (Filiphisiyus 2:4) Xiyyeeffannaa kennitee dhaggeeffachuudhaan akka namaaf yaaddu argisiisi. Akka gaariitti dhaggeeffadhu; meeshaan elektiroonikii yaada kee akka hihhiru hin godhin.

    “Namootaa wajjin yeroo haasoftu giddu gidduutti bilbila kee ilaaluu irraa of toʼadhu. Nama haasofsiiftuuf xiyyeeffannaa guutuu kennuudhaan akka isa kabajju argisiisi.”—Toomaas.

    Gorsa gaarii: Namootaa wajjin yeroo haasoftutti bilbila kee of biraa fageessi. Qorattoonni akka ibsanitti bilbilli kee si bira jiraachuun isaa qofti xiyyeeffannaa kee hatuu dandaʼa; sababni isaas saʼaatii taʼe tokkotti akka addaan kuttu si gochuu dandaʼa.

  • Daree keessatti. Kitaabni Qulqulluun, “Akkaataa itti dhaggeeffattaniif xiyyeeffannaa kennaa” jedha. (Luqaas 8:18) Manni barumsaa kee daree keessatti intarneetii fayyadamuu kan heyyamu yoo taʼe yeroo itti barumsa kee irratti xiyyeeffachuu qabdutti ergaawwan ilaaluu dhiisuu, geemii taphachuu dhiisuu ykn ergaa waliif erguu dhiisuudhaan gorsa kana hojii irra oolchuu dandeessa.

    “Daree keessatti xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuuf carraaqqii godhi. Yaadannoo qabaadhu. Wanti xiyyeeffannaa kee harkisu akka si hin jeeqnetti fuuldura taaʼi.”—Kaaran.

    Gorsa gaarii: Kompiitaratti fayyadamuu mannaa waraqaa irratti yaadannoo qabachuuf yaali. Qorannaawwan tokko tokko akka ibsanitti akkas gochuun yaada kee sassaabbachuu fi wanta baratte yaadachuuf si gargaara.

    Shamarree kutaa ishii keessatti qayyabachaa jirtu. Boorsaa, bilbilaa fi barruulee ishii of irraa fageessitee keesseetti.
  • Yeroo qoʼannaatti. Kitaabni Qulqulluun, “Ogummaa argadhu, hubannaas argadhu” jedha. (Fakkeenya 4:5) Akkas gochuun immoo barumsicha irra fiiguu utuu hin taʼin gad fageenyaan yaaduu kan dabalatu dha.

    “Yeroon qoʼadhutti taabileetii koo moodii xiyyaaraa irra kaaʼuudhaan qoʼannaa irratti qofan xiyyeeffadha. Ergaawwan naaf dhufan hin ilaalu. Wantin yaadachuu qabu yoo jiraate yaadannoon qabadha.”—Kiriis.

    Gorsa gaarii: Bakki itti qoʼattu yaada kee sassaabbachuuf kan mijatu akka taʼu godhi. Bakki isaa qulqulluu fi kan qindaaʼe akka taʼu godhi.

a Kitaaba The Shallows—What the Internet Is Doing to Our Brains jedhamu irraa fudhatame.

Hiriyoonni kee maal jedhu?

Kaatii.

“Yommuu qoʼattutti akka nama bishaan irra sigigaatuu utuu hin taʼin, akka nama cillinfoo lixaa jiruu taʼi. Namni bishaan irra sigigaatu karaa dheeraa yoo deeme illee bishaanicha keessa gad hin lixu. Namni cillinfoo lixu garuu gad fagaatee deemuudhaan wanta gati jabeessa taʼe argachuu dandaʼa.”—Keetii

Roheeliyoo.

“Sammuun kee fayyaa akka qabaatuuf taʼuuf qaamni kee fayya buleessa taʼuu qaba. Nyaata madaalamaa nyaachuun xiyyeeffannaa koo sassaabbachuuf na gargaara. Irriba gaʼaa taʼe rafuun koos guyyaa itti aanutti dammaqaa taʼuu fi yaada koo sassaabbachuuf na gargaara.”—Roheeliyoo

Keessa deebii: Yaada Koo Sassaabbachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

  • Namoota kaanii wajjin yeroo haasoftu. Yaanni kee utuu hin hihhiramin dhaggeeffachuudhaan nama si haasofsiisuuf xiyyeeffannaa kennaa akka jirtu argisiisi.

  • Daree keessatti. Yeroo barumsa irratti xiyyeeffachuun si irra jirutti ergaawwan hin ilaalin, geemii hin taphatin ykn ergaa hin ergin.

  • Yeroo qoʼannaatti. Bakki itti qoʼattu bakka yaada kee sassaabbachuuf mijatu akka taʼu godhi. Bakki isaa qulqulluu fi kan qindaaʼe akka taʼu godhi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi