LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bsi08-1 ful. 22-23
  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 47—2 Qorontos

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 47—2 Qorontos
  • “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 16
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • FAAYIDAASAA
“Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 16
bsi08-1 ful. 22-23

Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 47​—2 Qorontos

Barreessaan: Phaawulos

Bakki Itti Barreeffame: Maqedooniyaa

Barreeffamee Kan Xumurame: c. Dh.K.B. naannoo 55

YEROONSAA gara dhumaa ji’oota gannaa ykn Dh.K.B. bara 55 gara jalqabaa ture. Gumii Qorontositti argamu keessa ammas dhimmoota Phaawulosiin yaaddessan jiru turan. Ji’oota muraasa dura warra Qorontosiif xalayaa jalqabaa barreessee ture. Yeroo sanaa kaasee Tiitoos, buusii Kiristiyaanota Yihudaatti argaman gargaaruuf godhamu walitti qabuufi tariimmoo deebii warri Qorontos xalayaa jalqaba isaaniif ergameef kennan ilaaluuf achitti ergamee ture. (2 Qor. 8:1-6; 2:13) Xalayichaaf deebii akkamii kennan? Phaawulos xalayichi akka gaddaniifi akka garaasaanii geddaratan isaan kakaasuusaa beekuusaatti baay’ee jajjabaate. Tiitoos gabaasa gaarii kana qabatee gara Maqedooniyaa, jechuunis Phaawulositti deebi’eera; amma Phaawulos obbolootasaa warra jaallatamoo Qorontositti argamaniif jaalala guddaa qabaachuu danda’eera.—7:5-7; 6:11.

2 Kanaafuu Phaawulos Kiristiyaanota Qorontosiif lammata xalayaa barreesse. Xalayaan lammataa nama gammachiisuufi jabaa ta’e kun, Maqedooniyaatti barreeffamee karaa Tiitoosiin isaan ga’eera. (9:2, 4; 8:16-18, 22-24) Wanti Phaawulosiin yaaddessee xalayaa kana akka barreessu godhe inni tokko, namoonni “ergamoota warra hundumaa irra caalan” jedhaman, warra inni “ergamoota sobaa” akkasumas “hojjetoota nama gowwoomsan” jedhee waame Kiristiyaanota Qorontos gidduutti kan argaman ta’uusaaniiti. (11:5, 13, 14) Gumiin, gumiiwwan kaanii wajjin yeroo ilaalamu reefu hundeeffame kun, haalli karaa hafuuraa keessa ture balaarra bu’ee kan ture yommuu ta’u, aangoon Phaawulos ergamaa ta’uusaatiin qabus shakkisiisaa ta’aa dhufee ture. Kanaafuu xalayaan lammataa warra Qorontosiif barreeffame, baay’ee barbaachisaa ture.

3 Phaawulos, “Si’a sadaffaa gara keessan dhufee isin dubbisuudhaaf qophaa’eera” akka isaaniin jedhe hubachuun ni danda’ama. (2 Qor. 12:14; 13:1) Xalayaasaa isa jalqabaa yeroo barreesseefitti, lammata isaan arguuf yaada qaba ture. Haata’u malee, inni qophaa’ee kan ture ta’us karoorri inni “ayyaana Waaqayyoo si’a lama” akka argatan isaan daawwachuuf baase isaaf hin milkoofne. (1 Qor. 16:5; 2 Qor. 1:15) Sana dura Phaawulos achi kan ture yeroo tokko qofa waggaa tokkoofi ji’a ja’aaf yommuu ta’u, innis Dh.K.B. bara 50-52⁠tti yeroo gumiin Kiristiyaanaa Qorontositti hundeeffamettidha. (HoE. 18:1-18) Ta’us, Phaawulos hawwiin inni Kiristiyaanota Qorontos lammata daawwachuuf qabu akka guutuuf booda beekee ture. Yeroo ji’a sadiif tarii Dh.K.B. bara 56⁠tti biyya Giriik ture keessaa yoo xinnaate walakkaasaa Qorontositti kan dabarse si’a ta’u, warra Roomaatiif xalayaasaa kan barreesse achii ture.—Rom. 16:1, 23; 1 Qor. 1:14.

4 Qorontos Lammaffaan yeroo hundumaa Qorontos Isa Duraafi ergaawwan Phaawulos barreesse kaanii wajjin kan caqasamu yommuu ta’u, kunis kutaa Caaffata Qulqullaa’oofi sirrii ta’uusaa argisiisa. Kana malees, haala gumii Qorontos keessa ture sirriitti beekuufi yaada Phaawulos hafuuraan geggeeffamee warra Qorontosis ta’e nu gorsuuf barreesserraa faayidaa argachuu dandeenyeerra.

FAAYIDAASAA

18 Akkuma Qorontos Isa Lammaffaarratti ibsame, dinqisiifannaan Phaawulos tajaajila Kiristiyaanotaatiif qabu baay’ee kan nama dadammaqsuufi kan nama jajjabeessudha. Nuyis tajaajila kanaaf ilaalcha akkasii haa qabaannu. Kiristiyaanni Waaqayyo biratti ga’eessa ta’e tokko, Dubbii Waaqayyoo akka mi’a harkatti gatii dhabetti utuu hin ta’in garaa guutuudhaan dubbata. Ga’eessa kan isa godhe galmee barreeffamaan kaa’ame utuu hin ta’in, ija tajaajilasaarratti godhatudha. Haata’u malee, tajaajilli keenya waan guddaa ta’us of tuuluuf sababii hin ta’u. Tajaajiltoonni Waaqayyoo warri cubbamoo ta’an tajaajilli gati jabeessa ta’e kun qodaa suphee keessatti isaaniif kan kenname yommuu ta’u, kunis tajaajila kana kan raawwatan humna Waaqayyootiin ta’uusaa ifa godha. Kanaafuu, mirga guddaa tajaajiltoota Waaqayyoo ta’uuf arganne kana fudhachuun gad of qabuu gaafata; kana malees, Waaqayyo “afaan Kristos taanee” akka tajaajillu gochuunsaa gaarummaasaa argisiisa! Kanaaf, Phaawulos “ayyaana Waaqayyoo akka waan waa’ee hin baafneetti akka hin fudhanne” gorsuunsaa baay’ee sirrii mitiiree?”—2:14-17; 3:1-5; 4:7; 5:18-20; 6:1.

19 Dhugumayyuu Phaawulos Kiristiyaanotaaf fakkeenya gaarii ta’eera. Fakkeenyaaf, Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa geggeessaa hafuuraatiin barreeffamaniif bakka guddaa kennuudhaan, qayyabateera, yeroo baay’ee irraa caqaseera, yeroo dubbatus waa’eesaanii kaasa ture, akkasumas hojjiirra oolcha ture. (2 Qor. 6:2, 16-18; 7:1; 8:15; 9:9; 13:1; Isa. 49:8; Lew. 26:12; Isa. 52:11; His. 20:41; 2 Sam. 7:14; Hos. 1:10) Hunda caalaammoo, ilaaltuu olaanaa waan ta’eef hoolota Waaqayyootiif baay’ee akka yaadu argisiiseera; akkas jedhe: “Ani isiniif jedhee waanan qabu hundumaa, ofii koo illee taanaan isiniif dabarsee kennuudhaaf nan gammada.” Macaafichi guutummaatti obbolootaaf akka of kenne ibsa. (2 Qor. 12:15; 6:3-10) Gumii Qorontos keessatti barsiisuudhaan, gorsuudhaan, akkasumas rakkoowwan sirreessuudhaan dadhabe utuu hin jedhin hojjeteera. Kiristiyaanota Qorontosiin, “Warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa!” jechuudhaan dukkanaa wajjin walitti dhufeenya akka hin qabaanne isaan akeekkachiiseera. Baay’ee waan isaaniif yaaduuf, “Akkuma bofni haxxummaadhaan Hewwaaniin gowwoomsite” yaannisaanii manca’ee arguu hin barbaadu ture. Kanaafuu, “Amantiitti qabamtanii jirtu yoo taatan isinumti of ilaalaa! Of qoraa!” jechuudhaan garaadhaa isaan gorse. “Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu in jaallata” jechuudhaan, arjummaa Kiristiyaanotarraa eegamu akka argisiisan isaan kakaaseera; inni mataansaas Waaqayyo isa kennaa hammana hin jedhamne kenneef galata guddaa galcheera. Obboloonni Phaawulos warri Qorontos, garaasaa keessatti caafamanii kan turan si’a ta’u, tajaajilli inni isaaniif jecha raawwate ilaaltuu olaanaa hinaaffaa qabuufi dammaqaa ta’e akka ture kan argisiisudha. Yeroo har’aatti nuuf fakkeenya gaarii ta’a mitiiree!—6:14; 11:3; 13:5; 9:7, 15; 3:2.

20 Phaawulos ergamaan, Yihowaan ‘abbaa araara hundumaafi Waaqa jajjabina hundumaa’ akka ta’eefi yeroo qorumsaatti jajjabina kan kennu isa ta’uusaa ibsuudhaan, sammuun keenya karaa sirrii ta’een akka yaadu godheera. Jabaannee dhaabachuudhaan fayyina argannee addunyaa haaraa inni nuu qopheessetti akka gallu, inni “rakkina keenya hundumaa keessatti nu in jajjabeessa.” Phaawulos abdii guddaa, “ijaarsa harki namaa hin ijaarin, mana bara baraan bantii waaqaa keessa jiraatu” erga caqasee booda akkas jedheera: “Kanaafis namni kan Kristos yoo ta’e, uumama haaraa dha; inni moofaan darbe, kunoo, inni haaraan dhufeera.” Eeyyee, Qorontos Lammaffaan, warra akka Phaawulos Mootummaa waaqaa dhaalaniif yaada abdiisaanii mirkaneessu qabateera.—1:3, 4; 5:1, 17.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi