FAARFANNAA 20
Ilma Kee Jaallatamaa Nuu Laatte
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
1. Yihowaa yaa Abbaa,
Abdiiʼn qabnu turre.
Amma abdii qabna
Yesuus nu fure!
Waan wayyu siif laanna,
Lubbuus dabalatee.
Dubbii kee himuudhaan,
Raawwanna waan feete.
(BUUSAA)
Ilma kee nuu laatte,
Tokkummaan faarfanna;
Isa jaallattu laatte,
Bara baraaf si jajanna.
2. Gaarummaaf ooʼi kee,
Sitti nu harkisa.
Siin firoomuun keenya,
Nu gammachiisa.
Hunda caalaa garuu,
Ilma kee nuu laatte.
Haa jiraannuuf duʼe.
Ati nuu ergitee.
(BUUSAA)
Ilma kee nuu laatte,
Tokkummaan faarfanna;
Isa jaallattu laatte,
Bara baraaf si jajanna.
(XUMURA)
Yihowaa, yaa Abbaa, galata galchina.
Ilma kee jaallattu kennite si faarsina.
(Dabalataan, Yoh. 3:16; 15:13 ilaali.)