LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 29
  • Gara Qulqullootaatti Kadhannaa Dhiheessuun Qabaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gara Qulqullootaatti Kadhannaa Dhiheessuun Qabaa?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaachuu
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaadhu
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Mirga Kadhannaa
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Yihowaan Nu Dhagaʼaa?
    Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu
Dabalataan Ilaaluuf
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 29

Gara Qulqullootaatti Kadhannaa Dhiheessuun Qabaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Lakki. Kitaabni Qulqulluun karaa Yesuusiin Waaqayyotti qofa kadhannaa dhiheessuu akka qabnu dubbata. Yesuus barattoota isaatiin akkana jedheera: “Egaa, isin akkana jedhaa kadhadhaa: ‘Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu.’” (Maatewos 6:9) Yesuus barattoonni isaa Waaqayyoon alatti qulqullootatti, maleekotatti ykn qaama kamitti iyyuu kadhannaa akka dhiheessan matumaa hin barsiisne.

Kana malees Yesuus duuka buutota isaatiin, “Karaan, dhugaanii fi jireenyi ana. Karaa koo yoo taʼe malee, eenyu iyyuu gara Abbaa dhufuu hin dandaʼu” jedheera. (Yohaannis 14:6) Waaʼee keenya Waaqayyoon kadhachuuf aangoo kan qabu Yesuus qofa dha.—Ibroota 7:25.

Waaqayyottis, qulqullootattis kadhannaa yoon dhiheesse hoo?

Waaqayyo Ajajawwan Kurnan keessaa isa tokko irratti, “Ani Waaqayyo gooftaan kee Waaqayyo hinaafaa dha” jedheera. (Baʼuu 20:5) Waaqayyo Waaqa “hinaafaa” kan taʼe akkamitti? Hiikni Kitaaba Qulqulluu New American Bible jedhamu caqasa kana miiljalee isaa irratti Waaqayyo “Isa qofaaf amanamoo akka taanu barbaada” jedhee kaaʼeera. Waaqayyo kadhannaa dabalatee wanta waaqeffannaa wajjin wal qabate hunda isa qofaaf akka dhiheessinu barbaada.—Isaayaas 48:11.

Qulqulloota ykn maleekota qulqulluu taʼan dabalatee qaama kamitti iyyuu kadhannaa yoo dhiheessine Waaqayyo ni gaddisiisna. Yohaannis ergamaan maleekaa tokko waaqeffachuuf yommuu yaaletti maleekaan sun akkana jedhee isa dhorke: “Akkana hin godhin! Ani akkuma kee fi akkuma obboloota kee warra hojii waaʼee Yesuusiif dhugaa baʼuu qabanii garbicha dha. Waaqayyoon waaqeffadhu!”—Mulʼata 19:10.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi