LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g23 Lakk. 1 ful. 3-5
  • Bishaan Qulqulluu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Bishaan Qulqulluu
  • Dammaqaa!—2023
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Bishaan Qulqulluun Balaadhaaf Saaxilameera
  • Lafti Rakkina Dandamachuu Akka Dandeessu Godhamtee Uumamte
  • Namoonni Rakkoo Kana Furuuf Maal Gochaa Jiru?
  • Kitaabni Qulqulluun Abdii Akkamii Kenna?
  • Addunyaa Maratti Rakkoo Bishaan Qulqulluu Dhabuu Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
Dammaqaa!—2023
g23 Lakk. 1 ful. 3-5
Dubartiin takka bishaan qulqulluu yaaʼu harka ishiitiin qicaa jirti.

LAFTI BADIISARRAA NI OOLTII?

BISHAAN QULQULLUU

JIREENYI lafarra jiru bishaan malee, keessumaa bishaan qulqulluu malee itti fufuu hin dandaʼu. Wanti lubbu qabeeyyii hunda keessatti baayʼinaan argamu bishaani. Haroon, lageen, caffeewwanii fi bishaan lafa jalaa namootaa fi bineeldotaaf bishaan dhugaatii argamsiisu, akkasumas biqiltoota misoomsuuf oolu.

Bishaan Qulqulluun Balaadhaaf Saaxilameera

Lafti garri caalaan bishaaniin uwwifameera. Haa taʼu malee, Dhaabbanni Raaga Haala Qilleensaa Addunyaa akka gabaasetti, “bishaan lafarra jiru keessaa faayidaarra ooluu kan dandaʼuu fi qulqulluu kan taʼe 0.5% qofadha.” Bishaan qulqulluun baayʼee xinnoo taʼe kun jireenya lafarra jiruuf gaʼaadha; taʼus baayʼeen isaa faalameera ykn fedhiin dabaluusaatiin, akkasumas jijjiirama qilleensaatiin kan kaʼe argachuun rakkisaa taʼeera. Hayyoonni, waggaa 30 keessatti namoonni biliyoona shan taʼan bishaan qulqulluu argachuu akka hin dandeenye ibsaniiru.

Lafti Rakkina Dandamachuu Akka Dandeessu Godhamtee Uumamte

Lafti uumamaan dandeettii yeroo hunda bishaan gaʼaan akka jiraatu godhu qabdi. Kana malees, biyyoon, uumamawwan bishaan keessa jiranii fi ifti aduu waliin taʼanii bishaan qulqulleessu. Ragaa lafti rakkina dandamachuu akka dandeessu godhamtee akka uumamte argisiisu tokko tokko ilaali.

  • Biyyoon bishaan faalama hedduurraa qulqulleessuu ni dandaʼa. Lafa caffee keessatti biqiltoonni naayitiroojiinii, fosfarasii fi summii balleessan tokko tokko jiru.

  • Saayintistoonni bishaan uumamaan kan qulqullaaʼu akkamitti akka taʼe hubataniiru. Wantoonni faalama geessisan yeroo bishaan saffisaan yaaʼu dadhabaa deemu, achiis baakteeriyaan isaan balleessa.

  • Uumamawwan xixinnoon bishaan keessatti argaman keemikaalota miidhaa geessisan guyyoota muraasa keessatti bishaan keessaa calaluu ni dandaʼu; uumamawwan kun biqiltoota bishaan qulqulleessan caalaa buʼa qabeeyyii taʼuu hin oolan.

  • Pilaaneetiin keenya karaa marsaa bishaanii bishaan kuusti. Marsaan kun adeemsawwan uumamaa kan biroo wajjin taʼuudhaan bishaan qilleensa naannoo keenya keessaa akka hin baane eega.

    KANA BEEKTAA?

    Biyyoo—Calaltuu Bishaanii Uumamaan Argamu

    Biyyoon bishaan lafa keessa yaaʼu keessaa sibiilota, keemikaalota summaaʼoo, balfaa fi wantoota faalama fidan kan biroo akka calalu bira gaʼameera. Bishaan lafa jala ciisee jiru dhugaatiidhaafillee ooluu dandaʼa.

    Fakkii biyyoon akkamitti bishaan faalame akka qulqulleessu argisiisu. Bokkaan lafarratti roobe biyyoo, kattaa fi suphee darbee lafa keessa gadi lixuudhaan qulqullaaʼee lafa jalatti ciiseera.

    Calaltoota Fiizikaalaa

    Cirrachii fi kattaan wantoota bishaan faalan tokko tokko akkuma gingilchaatti calalu.

    Calaltoota Baayoloojikaalawaa

    Maayikiroo orgaanizimoonni biyyoo keessa jiraatan wantoota namootatti summii taʼuu dandaʼan balleessuu dandaʼu. Baakteeriyaan tokko tokkommoo zayitii summaaʼaa taʼe kaarboon daayoksaayidii fi bishaanirraa gargar baasuullee ni dandaʼa.

    Calaltoota Keemikaalaa

    Biyyoon chaarjii elektirikii muraasa qabu keemikaalota summaaʼoo chaarjii faallaa taʼe qaban qabachuu ni dandaʼa. Fakkeenyaaf, paartikiloonni suphee chaarjii nagatiivii qaban paartikiloota amooniyeemii ligidaawaa chaarjii poozetiivii qaban bishaan keessaa balleessuu dandaʼu.

Namoonni Rakkoo Kana Furuuf Maal Gochaa Jiru?

Fakkiiwwan garaa garaa: 1. Namichi tokko konkolaataa isaa jala ciisee miʼa zayitii yaasu suphaa jira. Zayitiin coccophu walitti qabuuf miʼa jala kaaʼeera. 2. Namichi tokko miʼoota keemikaalaa ofuma isaatiin gatuu mannaa iddoo deebiʼanii faayidaarra ooluu itti dandaʼanitti geessee kennaa jira.

Zayitni konkolaataa keessaa akka hin coccophne gochuudhaan, akkasumas wantoota summaaʼoo taʼan karaa sirrii taʼeen balleessuudhaan maddeen bishaanii keenya qulqulluu akka taʼan gumaacha gochuu dandeenya

Hayyoonni yeroo hunda bishaan akka qusannu gorsu. Faalama bishaanii hirʼisuuf zayitni akka keessaa hin coccophneef konkolaataa keenya akka suphinu, akkasumas qoricha itti hin fayyadamne ykn summiiwwan adda addaa ujummoo mana fincaanii fi ujummoo balfaa keessatti gatuurraa akka of qusannu gorsu.

Injinaroonni mala haaraa soogidda bishaan galaanaa keessaa itti balleessan argataniiru. Kaayyoon isaanii bishaan dhugamu baayʼinaan akka argamu gochuudha.

Kun qofti garuu gaʼaa miti. Soogidda bishaanirraa adda baasuun maallaqaa fi humna hedduu waan gaafatuuf furmaata gaarii hin taʼu. Gabaasni waaʼee eegumsa bishaanii ibsuu fi maddisaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii taʼe tokko bara 2021tti akkana jedhee ture: “Addunyaa maratti yeroo ammaatti guddinni gama kanaan jiru dachaa taʼuu qaba.”

Kitaabni Qulqulluun Abdii Akkamii Kenna?

“Waaqayyo . . . coccopha bishaanii ol ni harkisa; hurriin isaas gara bokkaatti ni jijjiirama; achiis duumessi gad isa roobsa; innis ilmaan namaa irratti gad ni dhangalaʼa.”—Iyyoob 36:26-28.

Waaqayyo bishaan lafarra jiruuf eegumsa gochuuf marsaawwan adda addaa uumeera.—Lallaba 1:7.

Uumaan lafti bishaan ishiirra jiru qulqulluu taʼee akka itti fufu gochuuf dandeetti akka qabaattu godhee erga uumee, rakkoowwan ilmaan namootaatiin dhufan furuuf fedhiis taʼe humna qaba jedhanii amanuun sirriidha. Mata duree “Waaqayyo Lafti Badiisarraa Akka Ooltu Waadaa Galeera” jedhuu fi fuula 15rra jiru ilaali.

CAALAATTI BARADHU

Moolokiyuloota bishaanii guddatanii mulʼatan.

Bishaan wantoota adda taʼanii fi jireenyi akka itti fufu godhan qaba. Viidiyoo Uumamni Dinqisiisaan Ulfina Waaqayyoo Mulʼisa—Bishaan (Ingiliffa) jedhamu jw.org irraa ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi