Oleh_Slobodeniuk/E+ via Getty Images
Waaqayyo Lafti Badiisarraa Akka Ooltu Waadaa Galeera
“Lafti hamma yaannu caalaa cimina guddaa qabdi.”
Kun xumura gareen qorattoota idil addunyaa jijjiirama qilleensaa ilaalchisee irra gaʼanidha. Uumaan ilmaan namootaatiif yaadu akka jiru kan amantu yoo taʼe, xumurri saayintistoonni irra gaʼan kun karaawwan hedduu Waaqayyo lafti ofiin akka of walʼaantu godhee itti uume si yaadachiisee taʼuu dandaʼa.
Haa taʼu malee, ilmaan namootaa lafa garmalee waan miidhaniif wanti dandeettii lafti qabdu kanarra caalu barbaachisaadha. Waaqayyo lafa baraaruuf tarkaanfii akka fudhatu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?
Caqasoota saanduqicha keessatti ibsamanii fi lafti badiisarraa akka ooltu, darbees akka dagaagdu nuuf mirkaneessan ilaali.
Lafa kan uume Waaqayyodha. “Jalqaba irratti Waaqayyo samiiwwanii fi lafa uume.”—Uumama 1:1
Lafti kan Waaqayyooti. “Laftii fi wanti ishii keessa jiru hundi . . . kan Yihowaaa ti.”—Faarfannaa 24:1
Waaqayyo lafti miidhaa akka dandamattu godhee uume. “Lafa hundee ishii irra dhaabeera; baraa hamma bara baraattis iddoo ishii irraa hin sochootu.”—Faarfannaa 104:5
Waaqayyo lafarra jireenyi bara baraaf akka jiraatu waadaa galeera. “[Inni] Waaqa dhugaa taʼe, inni lafa tolche, . . . inni bakka jireenyaa akka taatuuf malee akkanumaan ishii hin uumne.”—Isaayyaas 45:18
Waaqayyo ilmaan namootaa bara baraaf lafarra akka jiraatan waadaa galeera. “Qajeelonni lafa ni dhaalu, bara baraafis ishii irra ni jiraatu.”—Faarfannaa 37:29
Waaqayyo lafa kan uume ilmaan namootaa utuu ishii hin miidhin gammachuudhaan akka irra jiraataniifi. Kitaabni Qulqulluun Waaqni keenya Yihowaan yeroo murteessetti ofittummaa lafarratti miidhaa guddaa geessisaa jiru akka balleessu raajii dubbata.—Mulʼata 11:18
Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo lafa gara jannata qulqulluu fi bareedaa taʼetti akka jijjiiruu fi ‘harka isaa banee fedhii uumamawwan jiraatoo hundumaa akka quubsu’ dubbata. —Faarfannaa 145:16
a Yihowaan maqaa Waaqayyooti.—Faarfannaa 83:18.