Faarfannaa
Faarfannaa Daawit. Faarfannaa.
24 Laftii fi wanti ishii keessa jiru hundi,
Lafti oomisha kennituu fi warri ishii irra jiraatan kan Yihowaa ti.+
2 Sababiin isaas, inni galaanota irra cimsee ishii dhaabeera,+
Lageen irras cimsee ishii hundeesseera.
3 Gara gaara Yihowaatti kan ol baʼu eenyu?+
Iddoo qulqulluu isaa keessa kan dhaabbatu hoo eenyu?
4 Nama harki isaa yakka hin raawwannee fi garaan isaa qulqulluu taʼe,+
Nama lubbuu kootiin* sobaan hin kakanne,
Akkasumas nama gowwoomsaadhaan hin kakanne dha.+
6 Yaa Waaqa Yaaqoob, dhaloonni warra isa barbaaddatanii,
Kan warra fuula kee barbaaddataniis kana dha. (Seelaa)
7 Isin karroonni mataa keessan ol qabaa;+
Mootiin ulfina qabeessi akka seenuuf,
8 Mootiin ulfina qabeessi kun eenyu?
9 Isin karroonni mataa keessan ol qabaa;+
Mootiin ulfina qabeessi akka seenuuf,
Isin balbaloonni bara durii banamaa!
10 Mootiin ulfina qabeessi kun eenyu?
Yihowaa Gooftaa Raayyaa ti; inni Mootii ulfina qabeessa dha.+ (Seelaa)