LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • gf barumsa 15 ful. 24-25
  • Michoonni Waaqayyoo Waan Gaarii Hojjetu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Michoonni Waaqayyoo Waan Gaarii Hojjetu
  • Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Maatiin Kee Gammachuu Qabachuu ni Dandaʼa
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Wantoota Gaa’elli Akka Itti Fufu Godhan Lamaan
    Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • Jireenya Maatii Waaqayyoon Gammachiisu
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Aangoo Kabajuu kan Qabnu Maaliifi?
    Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa
Dabalataan Ilaaluuf
Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
gf barumsa 15 ful. 24-25

BARUMSA 15

Michoonni Waaqayyoo Waan Gaarii Hojjetu

Michuu dinqisiifattuufi kabajju yoo qabaatte akkasaa taʼuu barbaadda. Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo gaarii dha, qajeelaa dhas” jedha. (Faarfannaa 25:8) Michoota Waaqayyoo taʼuuf, gaariifi qajeelaa taʼuu qabna. Macaafni Qulqulluun, “Akka ijoollee jaallatamootti fakkeenya Waaqayyoo fudhadhaa! . . . jaalalatti jiraadhaa!” jedha. (Efesoon 5:1, 2) Karaan kana gochuu itti dandeenyu tokko tokko gaditti ibsameera:

Namoonni lama bakka ijaarsaatti yommuu waliin hojjetan

Warra kaan gargaari. “Kottaa nama hundumaaf, . . . gaarii in hojjenna!”—Galaatiyaa 6:10.

Jabaatanii hojjechuu. “Inni hatu deebiʼee hin hatin, warra dhaban gargaaruu akka dandaʼutti hojii waaʼee baasu harka isaatiin itti dadhabee haa hojjetu malee.”—Efesoon 4:28.

Qaama qulqulluufi amala gaarii. “Kottaa, waanuma dhagna keenyaa fi hafuura keenya xureessuttii of in qulleessinaa; Waaqayyoon sodaachuutti jiraachuudhaanis qulqullummaa fiixaan in baafannaa.”—2 Qorontos 7:1.

Maatiin tokko yommuu nyaata qopheessu

Miseensota maatiikee jaalladhu; kabajis. “Tokkon tokkon abbaa manaa akkuma kanatti haadha manaa isaa akka ofii isaatiitti haa jaallatu; haati manaas abbaa manaa isheetiif ulfina haa kennitu! . . . Ijoollee! Abboota keessanii fi haadhota keessaniif abboomamaa!”—Efesoon 5:33–6:1.

Namoota jaalladhu. “Jaalalli kan Waaqayyoo waan taʼeef, kottaa wal in jaallannaa!”—1 Yohannis 4:7.

Seera biyyichaatiif ajajamuu. “Namni hundinuu warra biyya bulchuudhaaf aboo qabaniif haa abboomamu! . . . isa gibirri isaaf taʼuuf gibira, isa qaraxi isaaf taʼuuf qaraxa . . . kennaaf!”—Roomaa 13:1, 7.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi