Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 15—Izraa
Barreessaan: Izraa
Bakki Itti Barreeffame: Yerusaalem
Barreeffamee Kan Xumurame: DH.K.D. naannoo 460
Waggoota Seenaawwan Kun Itti Raawwataman: DH.K.D. 537-naannoo 467
RAAJIIN Yerusaalem waggoota 70f warra Baabiloniin akka ona taatu dubbatamee ture yeroon itti raawwatamu dhihaateera. Warri Baabilon namoota booji’an akka gadi hin dhiisne beekamaadha; haata’u malee, wanti Yihowaan dubbate guddina Baabilon kan caalu ta’uunsaa ni mirkanaa’aa. Yeroo Yihowaan itti sabasaa walaba baasu dhihaateera. Manni qulqullummaa Yihowaa inni diigame deebi’ee kan ijaaramu yeroo ta’u, qalmi araaraas iddoo aarsaasaarratti Yihowaadhaaf ni dhihaata. Yerusaalem sagaleen galataafi jajannaan waaqeffattoonni Yihowaa dhageessisaniin guutamti. Ermiyaas Yerusaalem yeroo ammamiitiif ona taatee akka turtu kan dubbate yommuu ta’u, Isaayaasimmoo warri booji’aman akkamitti birmaduu akka ba’an dubbateera. Isaayaas, seena Macaafa Qulqulluu keessatti guutummaa biyya lafaarratti mootummaa sadaffaa kan taateefi of tuultuu kan taate Baabiloniin, iddoosheerraa kan fonqolchu Qiiros mootii warra Faares ta’uusaa kan dubbate yeroo ta’u, mootii kanas “tiksee saba koo” jedhee waameera.—Isa. 44:28; 45:1, 2; Er. 25:12.
2 Mootiin Baabilon Belshaazaariifi gurguddoonnisaa Dh.K.D. Onkoloolessa 5, bara 539 (akka lakkoofsa warra Giriigooriyaanitti) ulfina waaqayyoolii tolfamoosaaniitiif utuu dhugaatii dhugaa jiranii gara galgalaa Baabilon kufte. Mootichiifi gurguddoonnisaa mi’oota qulqulluu mana qulqullummaa Yihowaa keessaa fuudhamaniin dhugaatii dhuguusaaniirrayyuu, waaqeffannaan isaan waaqa tolfamaadhaaf dhiheessan sadarkaa gadheerra akka ga’u godhaniiru. Qiiros raajii dubbatame bakkaan ga’uuf gaafa sana galgala dallaa Baabiloniin ala dhaabatee argamuunsaa sirrii ture.
3 Yeroon kun, jechuunis Dh.K.D. bara 539 waggaa seenaa addunyaa wajjinis ta’e, seenaa Macaafa Qulqulluu wajjin kan wal simu ture. Qiiros mootii Baabilon ta’ee waggaa tokkoffaasaatti, Yihudoonni Yerusaalemitti deebi’uudhaan mana qulqullummaa Yihowaa akka ijaaraniif “guutummaa mootummaa isaa keessatti labsii labsisiise.” Haala kanarraa hubachuun akka danda’amutti, labsiin kun kan ba’e Dh.K.D. dhuma bara 538 yookiin Dh.K.D. jalqaba bara 537tti utuu hin ta’in hin oolu.a Achiis, namoonni amanamoon badiisarraa hafan utuu yeroonsaa hin darbin iddoo aarsaa kan ijaaran yeroo ta’u, Dh.K.D. bara 537tti “ji’a torbaffaa” (Tiishirii, jechuunis Fulbaanaa hanga Onkoloolessaatti) aarsaa isa jalqabaa dhiheessan. Kanas kan raawwatan waggaa Nebukadnezaar Yihudaafi Yerusaalemiin ona godhe, jechuunis waggaa 70ffaa ji’a wal fakkaatuttidha jechuudha.—Iz. 1:1-3; 3:1-6.
4 Deebisanii Ijaaruu! Jechi kun wantoonni Macaafa Izraa keessatti ibsaman yoomiifi eessatti akka raawwataman kan argisiisudha. Barreessaan macaafa kanaa boqonnaa 7 lakkoofsa 27 kaasee hanga boqonnaa 9tti seenaawwan jiran yeroo barreessetti, jecha “Ani” jedhuun fayyadamuunsaa, barreessaan macaafa kanaa Izraa ta’uusaa mirkaneessa. Izraan nama ‘seera Musee ba’eessa godhee beekuufi [ariitiidhaan garagalchuufi, NW]’ ‘seera Waaqayyoo qoree baruuf ittiin hojjechuuf, seerratichaafi firdicha isa qajeelaa ta’e Israa’eloota barsiisuuf nama of kennedha’; akkasumas nama amantaa qabu waan tureef, akkuma Macaafa Seenaa barreesse seenaa kanas barreessuuf nama dandeettii ga’aa qabu ture. (Iz. 7:6, 10) Macaafni Izraa Macaafa Seenaatti kan aanu waan ta’eef, kan barreeffames yerooma tokko keessa, jechuunis Dh.K.D. naannoo bara 460 ta’a jedhamee amanama. Macaafni Izraa sabni Yihudaa bakka gara garaatti akka bittimmaa’aniifi “warra du’i itti murame” godhamanii erga ibsamanii jalqabee, ijaarsi mana qulqullummaa inni lammaffaa, akkasumas Izraan gara Yerusaalemitti erga deebi’ee kaasee hanga hojii luboota qulqulleessuu xumuretti, seenaa waggoota 70 kan qabudha.—Iz. 1:1; 7:7; 10:17; Far. 102:20.
5 Jechi afaan Ibrootaatiin Izraa jedhu “Gargaarsa” jechuudha. Jalqabarratti Macaafni Izraafi Nahimiiyaa macaafa tokko turan. (Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa miiljalee Nah. 3:32 ilaali.) Yeroo booda, Yihudoonni macaafa kana bakka lamatti hiruudhaan Izraa isa Tokkoffaafi Izraa isa Lammaffaa jedhanii gargar qoodan. Akkuma Macaafonni Qulqulluun warri kaan Macaafa Izraafi Macaafa Nahimiiyaa jedhanii waaman, Macaafonni Qulqulluun yeroo har’aatti afaan Ibrootaatiin argamanis Macaafa Izraafi Macaafa Nahimiyaa jedhamanii waamamu. Izraan afaan Aaram akka gaariitti waan beekuuf gartokkoon macaafichaa, jechuunis (4:8 hanga 6:18 fi 7:12-26tti) afaan Aaramiin, kutaa isa kaanimmoo afaan Ibrootaatiin barreesse.
6 Yeroo har’aatti hayyoonni hedduun Macaafni Izraa sirrii ta’uusaa ni amanu. Macaafni kun kutaa Macaafa Qulqulluu ta’uusaa ilaalchisee, W. F. Olbiraayit kitaabasaanii isa Za Baayibil Aftar Tuweentii Yiirs Oov Arkiiyooloojii jedhamurratti akkas jedhanii barreessaniiru: “Macaafni Ermiyaasiifi Hisqi’el, akkasumas macaafni Izraafi Nahimiiyaa jijjiiramni tokkollee kan isaanirratti hin godhamne ta’uusaatiif ragaa arki’ooloojii ga’aa ta’antu jira. Ragaawwan kun seenaa yeroo sana ture duraa duubaan sirriitti kan qabate ta’uusaa argisiisa.”
7 Macaafni Izraa barreessitoota kutaa Macaafa Qulqulluu afaan Giriikii barreessaniin caqasamuu baatus, kutaa Macaafa Qulqulluu keessaa tokko ta’uusaatiif shakkiin hin jiru. Macaafni Izraa, Caaffanni Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa hanga walitti sassaabamanitti walitti dhufeenya Yihowaan sabasaa wajjin qabu akkam akka ture ibsa. Akka afoola warra Yihudootaatti, hojii kitaabota kana walitti qabuu gara caalaa kan raawwate Izraadha. Caalaattimmoo macaafni kun, Yihudoonni gara biyyasaaniitti deebi’uu ilaalchisee raajiiwwan dubbataman hundi sirriitti raawwatamuusaanii dubbachuunsaa barreeffamoota sagalee Waaqayyoo keessaa tokko akka ta’eefi barreeffamoota kanaa wajjinis guutummaatti kan wal simu ta’uusaa mirkaneessa. Kana malees, macaafni Izraa waaqeffannaa Yihowaa isa qulqulluu kan ol ol godhuufi maqaan Yihowaa inni guddaan qulqulluu ta’ee akka eegamu kan godhudha.
FAAYIDAASAA
14 Faayidaa Macaafa Izraa keessaa inni jalqabaa, raajiin Yihowaan dubbate yeroosaa eegee sirriitti raawwiisaa akka argatu waan mirkaneessuuf faayidaa guddaa qaba. Ermiyaas, Yerusaalem akka ona taatu akkuma dursee raajiidhaan dubbatee ture, akkasuma waggoota 70 booda deebitee akka haaromfamtus raajii dubbateera. (Er. 29:10) Yihowaan yeroo murteessetti sabnisaa warra amanamoo hafan Biyya Abdachiifamtetti deebi’anii galuudhaan waaqeffannaa dhugaa akka geggeessan gochuudhaan gaarummaasaa isaanitti argisiiseera.
15 Manni qulqullummaa deebi’ee haaromfame kun, waaqeffannaan Yihowaa sabasaa gidduutti akka ol ol ta’u gargaareera; akkasumas namoota waaqeffannaa dhugaaf jecha garasaatti deebi’an Yihowaan oo’asaatiin kaka’ee akka isaan eebbisu ragaa ta’a. Ulfina mana qulqullummaa Solomoon ijaaree turee wajjin wal gituu baatus, karaa fedha Waaqayyoo wajjin wal simuun kaayyoosaa raawwateera. Manni qulqullummaa kun yeroo ijaaramutti meeshaawwan gati jabeessa ta’e hin jiran turan. Kana malees, mana qulqullummaa isa lammaffaa kana keessa saanduqni kakuu waan hin jirreef karaa hafuuraa mana qulqullummaa isa duraarra gadi aanaa ture.b Akkaataan manni qulqullummaa Zarubaabel ijaare itti eebbifame, mana qulqullummaa Solomoon ijaaree wajjinis kan wal gitu hin turre. Saawwaniifi hoolonni aarsaadhaaf dhihaatanis, yeroo Solomoon mana qulqullummaa ijaare eebbisiisuuf dhihaatanii wajjin yommuu waliin ilaalamu, dhibba keessaa harka tokko hin ta’u ture. Akka mana qulqullummaa isa duraa ulfinni Waaqayyoo akka duumessaatti mana qulqullummaa isa lammaffaa kana hin guunne; akkasumas ibiddi Yihowaa biraa dhufee aarsaa dhihaate hin gubne. Haata’u malee, manni qulqullummaa lachanuu tajaajila Yihowaa isa Waaqa dhugaa ta’e ol ol gochuudhaan kaayyoo barbaadame galmaan ga’uuf tajaajilaniiru.
16 Manni qulqullummaa Zarubaabel ijaare, godoon walga’ii Museen ijaare, manni qulqullummaa Solomoon ijaareefi Herodis ijaare bifa adda addaa qabaataniyyuu wanta tokkoof, jechuunis ‘godoo namni dhaabe utuu hin ta’in, godicha isa dhugaa Waaqayyo dhaabeef’ fakkeenya ta’u. (Ibr. 8:2) Manni qulqullummaa hafuuraa kun, qophii karaa aarsaa Yesusiin Yihowaa waaqeffachuuf nu dandeessisudha. (Ibr. 9:2-10, 23) Manni qulqullummaa Yihowaa inni hafuuraa dinqisiisaa ta’e kun, ulfinasaatiin hundumaa kan caalu yommuu ta’u, miidhaginaafi namatti toluusaatiin kan isaan qixxaatu hin jiru. Miidhaginnisaa kun matumaa kan hin banneefi manneen babbareedoon kamiyyuu isaan qixxaachuu kan hin dandeenyedha.
17 Macaafni Izraa Kiristiyaanota yeroo har’aatti argamaniif barumsa faayidaa olaanaa qabu kan kennudha. Sabni Yihowaa, hojiisaatiif jecha fedhasaaniitiin kaka’anii kennaa akka dhiheessan macaafa kanarraa hubachuu dandeenya. (Iz. 2:68; 2 Qor. 9:7) Yihowaan, walga’iiwwan isaaf ulfina fidan yoomiyyuu akka dhaabatan akka hin heyyamneefi walga’iiwwan kanas akka eebbisu baruun keenya jajjabina nuuf argamsiisa. (Iz. 6:16, 22) Kana malees, Macaafa kana keessatti waa’ee fakkeenya hojjettoota mana qulqullummaa (Naataaniimootaa), waa’ee namoota gara amantii Yihudiitti geddaramaniifi garaa guutuudhaan Yihudoota warra hafanii wajjin ta’uudhaan waaqeffannaa Yihowaa deggeranii arguu ni dandeenya. (2:43, 55) Akkasumas, Yihudoonni warri namoota saba Waaqayyoo hin ta’in fuudhaniifi isaanitti heerumuudhaan hojii gadhee raawwatanii turan, gad of deebisuudhaan gorsa isaaniif kenname fudhatanii hojiirra oolchuusaanii hubanna. (10:2-4) Hiriyummaa gadheen Waaqayyo biratti fudhatama akka dhaban isaan taasisee ture. (9:14, 15) Gammachuufi hinaaffaan isaan hojii Waaqayyootiif argisiisan eebbasaa akka argataniifi isa biratti akka fudhatama argatan isaan godheera.—6:14, 21, 22.
18 Yeroo sanaa kaasee Yerusaalem keessatti mootiin teessoo Yihowaarra taa’ee bulchu jiraachuu baatus, sabni Israa’el deebi’anii biyyasaaniitti galuunsaanii, abdii Yihowaan karaa sanyii hidda dhaloota Daawitiin Mootii kaasuuf kenne akka abdiidhaan eeggatan isaan godheera. Sabni gara biyyasaatti deebi’uudhaan waaqeffannaa dhugaa hundeesse kun, hamma Masiihichi dhufutti Sagalee Waaqayyoofi waaqeffannaasaa eeguuf ga’eessa ta’ee hojjechaa ture. Warri hafan kun amantaa dhabuudhaan utuu gara biyyasaaniitti deebi’uu baatanii, Masiihichi eenyu gidduudhaa dhufa ture? Dhugumayyuu, yaadawwan Macaafa Izraa keessatti argaman seenaa gara dhufaatii Masiihichaafi Mootichaatti nu geessanirratti ga’ee olaanaa qabu! Macaafni kun qayyabannaa yeroo har’aatti goonuuf baay’ee nu fayyada.
[Miiljaleewwan]
a Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu, Jildii 1, ful. 452-454, 458.
b Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu, Jildii 2, ful. 1079.