Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 30—Amos
Barreessaan: Amos
Bakki Itti Barreeffame: Yihudaa
Barreeffamee kan Xumurame: Dh.K.D. naannoo 804
AMOS nama hoolota horsiisuufi harbuu dhaabu malee raajii ykn ilma raajii hin turre; ta’us Yihowaan kan isa waameefi raajii akka ta’uuf kan isa erge, biyyasaa Yihudaarratti qofa utuu hin ta’in, keessumaa mootummaa Israa’el isa kaabaarratti raajii akka dubbatuuf ture. Inni raajota 2 Mootota 17:13, 22, 23rratti ibsaman keessaa tokko ture. Amos magaalaa Teqo’aa ishee Yerusaalemirraa karaa kibbaa kiilomeetira 16 fagaattuufi daangaa mootummaa Israa’el isa karaa kibbaa gosa kurnaniirraa adeemsa guyyaa tokkoo fagaatturraa dhufe.—Amo. 1:1; 7:14, 15.
2 Lakkoofsa jalqabaa raajichaarraa hubachuun akka danda’amutti, Amos hojiisaa kan jalqabe bara Uziyaan mootii Yihudaa tureefi Yerobi’aam lammaffaan ilmi Yo’aas mootii Israa’el turanittidha; kunis raafamuun ykn socho’i lafaa inni beekamaan utuu hin ga’in waggaa lama dura ture. Kanaafuu, Amos raajii dubbachuu kan jalqabe waggoota 26n, jechuunis Dh.K.D. bara 829 hanga Dh.K.D. bara 804tti yeroo mootonni kun lamaan bulchaa turanitti ture jechuudha. Zakaariyaas raajichi, bara Uziyaatti raafamuun ykn socho’i lafaa guddaan akka tureefi sabnis sodaadhaan baqatanii akka turan dubbateera. (Zak. 14:5) Barreessaa seenaa Yihudootaa kan ture Joseefas, Uziyaan of tuuluudhaan kaka’ee yeroo mana qulqullummaa keessatti ixaana aarse socho’i lafaa kun akka ga’ee ture ibseera. Haata’u malee, raafamuun lafaa Amos dubbate kan ga’e jalqaba bulchiinsa mootummaa Uziyaatti hin ta’in hin oolu.
3 Amos jechuun “Ba’aa Ta’uu” ykn “Ba’aa Baachuu” jechuudha. Amos Israa’eliifi Yihudaarratti (akkasumas saboota Waaqayyo malee jiraatan hedduurratti) ba’aa gaddisiisaan akka ga’u dubbatuyyuu, ergaa sabni Yihowaa deebi’anii akka ijaaraman ibsuufi nama jajjabeessus dubbateera. Israa’el keessatti ba’aan wayyoo fidu dubbatamuuf sababii ga’aatu jira ture. Bara sanatti badhaadhinniifi jireenyi qannoo kan ture ta’uusaarrayyuu, jireenya gadhiisii jiraachuun babal’atee ture. Sabichi Seera Yihowaa dagatee ture. Badhaadhinnisaanii akka ija mukaa gar malee bilchaateetti, tortoruu akka jalqabaniifi gara badiisaatti adeemaa jiraachuusaanii akka hin hubanne isaan taasisee ture. Amos mootummaan Israa’el inni gosa kurnanii waggoota muraasa booda boojuudhaan Damaasqoo gamatti akka geeffaman dubbatee ture. Raajiisaa kana keessatti qajeelummaafi olaantummaa Yihowaa jabeessee kan ibse yommuu ta’u, jecha “Waaqayyo gooftaan” jedhuun al 21 fayyadameera.—Amo. 1:8.
4 Raajiin kuniifi raajiiwwan garabiraan sirriitti raawwatamuunsaanii raajiin Amos sirrii ta’uusaa mirkaneessa. Saboota naannoo Israa’el turaniifi diinota ta’an, kan akka Sooriyaa, Filiisxiyaa, Xiiros, Edoom, Amooniifi Moo’aab ibiddaan akka balleeffaman raajii dubbateera. Saboonni diina ta’an kun dabareedhaan baduusaanii seenaan ni mirkaneessa. Yihudaafi Israa’el Yihowaa dhiisanii waaqeffannaa sobaa hordofuu waan jalqabaniif daandiinsaanii kan saboota kanaa caalaatti manca’ee ture. Da’oon Israa’el ishee jabduufi ishee dhumaa kan turte magaalaan Samaariyaa, Dh.K.D. bara 740tti waraana mootii Asor isa Shalmaaneser 5ffaadhaan geggeeffamu jalatti kufteetti. (2 Mot. 17:1-6) Yihudaanis, adaba mootummaa Israa’el obboleettiishee taaterra ga’erraa barumsa utuu hin argatin hafuusheetiin Dh.K.D. bara 607tti balleeffamteetti.
5 Amos Israa’eloonni jireenya qannoo jiraachuusaaniitiin isaan balaaleffateera; namoonni sooreyyii ta’an ‘manneetii ilka arbaatiin miidhagfaman’ ijaarrachuuf, akkasumas nyaata gar-malee itti nyaachuufi dhugaatii itti dhuguuf jecha namoota hiyyeeyyii gowwoomsaafi saamaa turan. (Amo. 3:15; 5:11, 12; 6:4-7) Arki’ooloojistoonni ragaa badhaadhinni akkasii Israa’el keessa akka ture argisiisu argataniiru. Qorannoo dachee biyya Samaariyaatti taasifameen meeshaawwan hedduun ilka Arabaarraa hojjetaman argamaniiru. Kitaabni Za Insaayikiloopeediyaa oov Arki’ooloojikaal Eeksikaaveeshins iin za Hoolii Laand jedhamu akkas jedha: “Kutaawwan gurguddaa lama adda baasuun ni danda’ama: 1. Siidaa haala akka gaariitti mul’atuun qirixamee qopheeffame, . . . 2. Siidaa xinnoo qofa akka mul’atu qirixamee hojjetameefi dhagaa bareedaadhaan miidhagfame, of ilaalii halluudhaan miidhagfameefi warqeen itti ufisameerraa kan hojjetamaniifi kan kana fakkaatan argamaniiru. Ilkaan arbaa hojii harkaa warra Kana’aanotaa akka ta’e kan amanamu yommuu ta’u, mootonni Israa’el mi’a mana mootummaa ittiin miidhagsuuf kan itti fayyadamaa turan hin ta’in hin oolan. Macaafni Qulqulluun ‘Ahaab mootichi, mana mootummaa ilka arbaatiin miidhagsee akka ijaare’ dubbachuusaarrayyuu, (1 Mot. 22:39) waa’een “siree ilka arbaa” akeekkachiisa Amos dubbate keessatti caqasame jireenya qannoo Samaariyaa keessa ture kan argisiisudha (Amo. 6:4).”a
6 Macaafni Amos kutaa Macaafa Qulqulluu ta’uusaatiif shakkiin tokkoyyuu hin jiru. Yaanni Isxifaanos, Hojii Ergamootaa 7:42, 43rraa lakkoofsawwan sadii jecha mataasaatiin caqaseefi Yaaqoobis Hojii Ergamootaa 15:15-18rratti macaafa kanarraa caqasuunsaa, Macaafni Amos kutaa Macaafa Qulqulluu ta’uunsaa sirriitti mirkaneessu.—Amo. 5:25-27; 9:11, 12.
FAAYIDAASAA
13 Namoonni bara keenyatti argamaniifi Macaafa Qulqulluu dubbisan, sababii Amos Israa’el, Yihudaafi saboota naannoosaanitti argaman itti akeekkachiise hubachuudhaan faayidaa argachuu danda’u. Namoonni seera Yihowaatiif ulfina hin kennine, kan hiyyeeyyii gowwoomsaniifi hacuucan, sassattoonni, amala addaggummaa kan qabaniifi waaqolii tolfamoo kan waaqeffatan Yihowaa biratti fudhatama hin argatan. Ta’us, Yihowaan namoota gocha akkasiirraa deebi’uudhaan qalbii geddarataniif dhiifama gochuusaarrayyuu araarasaa itti argisiisa. Hidhata addunyaa kanaa ta’uufi wantoota ejjennoo keenya xureessanirraa fagaachuudhaan gorsa Yihowaan: “Ana barbaaddadhaa, jiraadhaas!” jechuudhaan kenne hordofuun keenya ogummaadha.—5:4, 6, 14.
14 Isxifaanos yeroo aarsaa ta’ee du’etti raajii Amos caqasee ture. Israa’eloonni boojuudhaan kan fudhataman waaqolii ormaa akka Molokiifi Reefaan waaqeffachuusaaniitiin akka ta’e isaan yaadachiiseera. Yihudoonni akeekkachiisa Amos yeroo lammaffaadhaaf isaanitti hime dhaga’uudhaan fayyadamaniiru? Hin fayyadamne! Baay’ee aaranii Isxifaanosiin dhagaadhaan rukutanii ajjeesuudhaan badiisa Dh.K.B. bara 70tti ga’e ofirratti fidaniiru.—Amo. 5:25-27; HoE. 7:42, 43.
15 Adaba Israa’el, Yihudaafi saboota naannoosaanitti argamanirra ga’u ilaalchisee raajiiwwan dubbataman qofa utuu hin ta’in, raajii Amos waa’ee deebisanii haareffamuu dubbates qoruun keenya gaariidha. Yihowaan raajii karaa Amos dubbateen booji’amtoonni Israa’el Dh.K.D. bara 537tti, magaalotasaanii warra ona ta’anii turan deebisanii hojjechuufi achi jiraachuuf, akkasumas wayiniifi biqiltuuwwan dhaabuuf gara biyyasaaniitti deebi’aniiru.—Amo. 9:14; Iz. 3:1.
16 Haata’u malee, raajiin Amos haala adda ta’eefi nama jajjabeessuun bara ergamootaatti raawwatameera. Yaaqoob geggeessaa hafuura qulqulluutiin kaka’ee namoonni lammii Israa’el hin taane gumii Kiristiyaanaa keessatti sassaabamuusaanii ilaalchisee yeroo dubbate raajii kun Amos 9:11, 12rratti kan dubbatame ta’uusaa ibseera. “Manni Daawit inni jige ol ka’ee akka dhaabatu” haala gumii Kiristiyaanaa wajjin wal qabateen raawwiisaa akka argatu raajiisaa keessatti ibseera; “namoonni hafanis goofticha akka barbaadan, sabni biyya lafaa irraa maqaa kootiin waamaman hundinuus” jechuudhaan kan dubbate Yihowaa ta’uusaa ibseera. Dhugumayyuu, wanta haaraa raawwatame ilaalchisee wanti Simoon Phexros dubbate Waaqayyo, “saba tokko maqaasaatiif” fudhachuu jalqabuunsaa ragaa ta’a.—HoE. 15:13-19, 1899.
17 Mataa gumii Kiristiyaanaa kan ta’e Yesus Kiristos, “ilma Daawit” waan ta’eef, “teessoo abaabilii isaa Daawit” irratti bara baraan akka mo’u bakka garabiraattis caqasameera. (Luq. 1:32, 33; 3:31) Kanaaf, raajiin Amos kakuu Mootummaa Yihowaan Daawitii wajjin galee akkamitti raawwiisaa akka argatu argisiisa. Jechoonni Amos warri xumuraa “manni Daawit” inni jige yeroo ol ka’utti badhaadhina argamu haala dinqisiisaa ta’een ibsuusaaniirrayyuu, Mootummaan Waaqayyoo bara baraaf kan jiraatu ta’uusaa akka gaariitti ibsu: “‘Biyya isaanii irra isaan nan dhaaba, biyya ani isaaniif kenne keessaas deebi’anii hin buqqifaman’ jedhe; inni kana dubbate immoo Waaqayyo gooftaa kee ti.” Yommuu Yihowaan ‘mana Daawit’ guutummaatti deebisee haaromsu biyyi lafaa eebba bara baraatiin guutamti!—Amo. 9:13-15.
[Miiljaleewwan]
a Jeruusaalem, 1978, ful. 1046.