LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lv ful. 209-ful. 211 key. 2
  • Dubartiin Tokko Haguuggachuu Kan Qabdu Yoomi? Maaliif?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dubartiin Tokko Haguuggachuu Kan Qabdu Yoomi? Maaliif?
  • “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Saanduqa Gaaffii
    Tajaajila Mootummaa—2013
  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Matummaa Gumii Keessa Jiru Hubachuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
“Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
lv ful. 209-ful. 211 key. 2

KUTAA DABALATAA

Dubartiin Tokko Haguuggachuu Kan Qabdu Yoomi? Maaliif?

Dubartiin Kiristiyaanni tokko haala waaqeffannaa wajjin wal qabateen haguuggachuu kan qabdu yoomi? Maaliif? Kana ilaalchisee wanta Phaawulos geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreesse haa ilaallu. Qajeelfama murtoo gaarii Waaqayyoof ulfina fidu goochuuf dandeessisu nu kenneera. (1 Qorontos 11:3-16) Phaawulos wantoota irratti yaaduu qabnu sadii jechuunis: (1) hojiiwwan, (2) haalawwaniifi (3) sababiiwwan dubartiin tokko akka haguuggattu taasisan ibseera.

Dubartiin Kiristiyaanni tokko abbaan mana ishee iddoo jirutti yeroo qoʼachiistu shaashii hidhattee jirti

Hojiiwwan. Phaawulos, lamaansaanii jechuunis kadhannaafi raajii dubbachuu caqaseera. (Lakkoofsa 4, 5) Kadhannaan, karaa ittiin waaqeffannaaf Yihowaatti dhihaannudha. Yeroo har’aatti raajii dubbachuun hojii Macaafa Qulqulluu barsiisuu Kiristiyaanni tokko raawwatu kamiyyuu kan argisiisudha. Phaawulos, dubartiin yeroo kadhattu ykn yeroo dhuga Macaafa Qulqulluu barsiistu hundaa haguuggachuu qabdi jechuusaatii? Lakki. Sababiin dubartiin tokko yeroo kadhattu ykn yeroo barsiistu akka haguuggattu ykn akka hin haguugganne taasisu jiraachuu danda’a.

Haalawwan. Phaawulos bakka sochiin hafuuraa itti geggeeffaman lama, jechuunis maatiifi gumii caqaseera. “Abbaan manaa mataa haadha manaa[ti.] . . . Dubartiin waldaa keessatti yommuu Waaqayyoon kadhattu yookiis yommuu waan Waaqayyo itti mul’ise himtu, yoo haguuggachuu dhaabaatte garuu, mataa ishee in salphifti” jedheera. (Lakkoofsa 3, 5) Yihowaan qophii maatii keessatti abbaa manaa mataashee godhee muudeera. Aangoo abbaa manaasheetiif utuu hin bitamin, itti gaafatamummaa Yihowaan isaaf kenne yoo raawwatte abbaa manaashee salphisiti. Fakkeenyaaf, utuu abbaan manaashee jiruu qayyabannaa Macaafa Qulqulluu kan geggeessitu yoo ta’e, haguuggachuudhaan aangoosaatiif bitamuushee argisiisti. Cuuphamus cuuphamuu baatus mataashee hamma ta’etti haguuggachuu qabdi.a Bakka ilmishee inni xinnoon cuuphame jirutti kan kadhattu ykn kan barsiistu taanaan ni haguuggatti; kana kan gootu garuu mucaanshee mataa maatii waan ta’eef utuu hin ta’in, aangoo obboloonni cuuphaman qaban akka kabajju argisiisuufidha.

Phaawulos gumii keessatti haguuggachuu akka qabdu yeroo ibsu, “Nama yaada kanaan mormuu barbaaduuf garuu, nuyi, waldoonni Waaqayyoos amala kan biraa hin qabnu” jedheera. (Lakkoofsa 16) Gumii keessatti, aangoon matummaa dhiirota cuuphamaniif kennama. (1 Ximotewos 2:11-14; Ibroota 13:17) Waaqayyo karrasaa akka eeganiif itti gaafatamummaa kan kenne dhiirota jaarsoliifi tajaajiltoota gumii ta’anii muudamaniif qofadha. (Hojii Ergamootaa 20:28) Ta’us, al tokko tokko dubartiin Kiristiyaanni tokko wanta dhiirri cuuphameefi ga’umsa qabu tokko raawwatu akka hojjettu gaafatamuu dandeessi. Fakkeenyaaf, dhiirri cuuphameefi ga’umsa qabu waan hin jirreef, walga’ii tajaajila dirree geggeessiti ta’a. Yookiin dhiira cuuphamee wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuuf dursitee qophii gooti ta’a. Hojiin akkasii akkuma kutaa gumiitti waan ilaalamuuf, haguuggachuudhaan, hojii dhiironni hojjechuu qaban raawwachaa akka jirtu argisiisti.

Karaa kaanimmoo, hojii waaqeffannaa wajjin wal qabatan baay’ee yeroo raawwattu haguuggachuu ishee hin barbaachisu. Fakkeenyaaf, walga’iiwwanirratti deebii yeroo deebistu, abbaa manaashee ykn dhiira cuuphamee wajjin manaa gara manaatti yeroo tajaajiltu, ijoolleeshee hin cuuphamne yeroo qayyabsiistu ykn yommuu wajjin kadhattu haguuggachuun ishee hin barbaachisu. Kana ilaalchisee gaaffiiwwan ka’an akka jiran beekamaadha; yeroo kanatti maal gochuu akka qabdu hin beektu taanaan qorannaa dabalataa gochuu dandeessi.b Ammas waa’ee dhimma kanaa sirriitti hubachuun yoo ishee rakkise ykn yaanni garaashee akka haguuggattu yoo isheetti hime, akkuma fakkicharratti argamu haguuggachuun dogoggora miti.

Sababiiwwan. Lakkoofsa 10⁠rratti, dubartiin Kiristiyaanni tokko sababa itti haguuggachuu qabdu lama arganna: “Dubartiin ergamoota Waaqayyoo duratti aboo jala jiraachuu ishee kan argisiisu[dha].” Tokkoffaa jecha “aboo jala jiraachuu” jedhu qalbeeffadhu. Dubartiin Kiristiyaanni tokko haguuggachuunshee aangoo Yihowaan gumii keessatti dhiirota cuuphamaniif kenneef qabdu karaa itti argisiistu keessaa isa tokkodha. Akkas gochuudhaanis, jaalalaafi amanamummaa Yihowaaf qabdu argisiisti. Sababii lammaffaanimmoo, jecha “ergamoota Waaqayyoo duratti” jedhurratti argama. Dubartiin tokko haguuggachuunshee uumamawwan hafuuraa humna guddaa qaban kan fayyadu akkamitti?

Ergamoonni Waaqayyoo aangoonsaa guutummaa jaarmiyaa Yihowaa, jechuunis samiifi lafarratti yommuu kabajamu arguun isaan gammachiisa. Gama kanaan fakkeenyi ilmaan namootaa cubbamoonni argisiisan faayidaa isaaniif argamsiisa. Kanaan dura ergamoonni baay’een ajajamuu diduudhaan waan kufaniif, isaanis qophii Yihowaan godheef bitamuu isaan barbaachisa. (Yihudaa 6) Ergamoonni, dubartiin Kiristiyaanni tokko obboleessa gumii keessa jiru caalaa muuxannoo, beekumsaafi hubannaa qabaachuu dandeessi; ta’us, aangoosaatiif gammachuudhaan bitamuushee ilaaluu danda’u. Al tokko tokko, dubartiin kan dibamteefi gara fuulduraatti Yesusii wajjin kan bulchitu ta’uu dandeessi. Dubartiin akkasii aangoo ergamootaa ol ta’e qabaachuudhaan Yesusii wajjin samiirratti bulchuun tajaajilti. Kana arguunsaanii ergamootaaf fakkeenya gaarii ta’a! Obboleettonni gad of deebisan hundi, bitamuufi abboomamuudhaan, ergamoota amanamoo miliyoonaan lakkaa’amaniif fakkeenya ta’uunsaanii mirga guddaadha!

a Haati manaa Kiristiyaanni tokko, abbaan manaashee inni Dhugaa Baatuu ta’e dhukkubaan ykn rakkina biraatiin dubbachuu yoo dadhabe malee, bakka inni jirutti sagalee ol kaastee kadhachuu hin dandeessu.

b Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Masaraa Eegumsaa, Adoolessa 15, 2002, fuula 26-7, (Amaariffa) akkasumas Guraandhala 15, 1977, fuula 125-8 ilaali. (Ingiliffa)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi