LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bsi08-2 ful. 27-28
  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 65—Yihudaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 65—Yihudaa
  • “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 17
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • FAAYIDAASAA
“Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 17
bsi08-2 ful. 27-28

Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 65​—Yihudaa

Barreessaan: Yihudaa

Bakki Itti Barreeffame: Filisxeem (?)

Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.B. naannoo 65

KIRISTIYAANONNI Yihudaa jiraatan balaaf saaxilamanii turan! Waggoota Kiristos Yesus itti du’aa ka’e booda jiranitti, barsiifanni namoota Kiristiyaana hin taane tokko tokko gara gumii Kiristiyaanaatti seenanii turan. Diinni, Phaawulos naannoo waggaa 14 dura akeekkachiisee tureefi amantii laaffisu gara gumii Kiristiyaanaatti seenee ture. (2 Tas. 2:3) Obboloonni dammaqoo ta’uufi balaa kanarraa of eeguu kan danda’an akkamitti? Ergaan Yihudaa inni kallattiin barreeffameefi humna gudaa qabu deebii gaaffii kanaa nuu kenna. Lakkoofsa 3⁠fi 4⁠rratti ifatti akkas jechuun ejjennoo qabu ibseera: ‘Warri Waaqayyo malee jiraatan lo’anii nu gidduu galuudhaan ayyaana Waaqayyo keenyaa argachuun gadhiisiitti jiraachuudha waan jedhaniif waa’ee kana caafee isin gorsuun giddiitti barbaachisaa ta’uusaa argeera.’ Barsiifni sirriiniifi amalli qulqulluun diigamuuf saaxilameera. Yihudaan obboloonnisaa lola amantii cimaa akka godhan gargaaruuf akka waan waamichi isaaf dhihaateetti isatti dhaga’amee ture.

2 Haata’u malee, Yihudaan eenyu? Yaanni seensaa, “Ani Yihudaan garbichi Yesus Kristos obboleessi Yaaqoob, isin warra waamamtanii” jedhu akka argisiisutti, ergaa kana kan barreesse Yihudaadha. Ergamoota Yesus jalqabaa warra 12n keessaa namoonni 2 maqaa Yihudaa jedhamuun waan waamamaniif Yihudaan ergamaa ture jechuu dandeenyaa? (Luq. 6:16) Yihudaan ergamaa ta’uusaa kan hin ibsine ta’uusaarrayyuu, waa’ee ergamootaa yeroo dubbatettis, “isaan” jedhee barreessuunsaa inni isaan keessatti akka of hin ramadne ifatti kan argisiisudha. (Yih. 17, 18) Kana malees ‘obboleessa Yaaqoob’ jedhee kan of waame si’a ta’u, kan inni obboleessakoo jedhee waames Yaaqoob isa ergaa Yaaqoob barreesseefi obboleessa Yesus ta’edha. (Yih. 1) Yaaqoob inni asirratti caqasame gumii Yerusaalemitti akka ‘utubaatti’ kan ilaalamuufi baay’ee beekamaa waan tureef, Yihudaan firooma isaa wajjin qabu ibsuudhaan eenyummaasaa beeksiseera. Kunimmoo, Yihudaan obboleessa Yesus ta’uusaa kan argisiisu yommuu ta’u, ragaawwan wanti kun dhugaa ta’uusaa mirkaneessan garabiraanis jiru. (Gal. 1:19; 2:9; Mat. 13:55; Mar. 6:3) Haata’u malee, Yihudaan firooma foonii Yesusii wajjin qabuuf utuu hin ta’in firooma karaa hafuuraa Yesusii wajjin qabuuf bakka guddaa kennuufi gad of deebisuudhaan, ‘garbicha Yesus Kristos’ ta’uusaa dubbateera.​—1 Qor. 7:22; 2 Qor. 5:16; Mat. 20:27.

3 Kutaan Macaafa Qulqulluu kun galmee Muraatooriyaan Firaagmant jedhamuufi Dh.K.B. jaarraa lammaffaatti barreeffame keessatti kan caqasame ta’uunsaa sirrii ta’uusaa argisiisa. Kileemanti inni Aleeksaandariyaa (Dh.K.B. jaarraa lammaffaatti jiraate) ergaan kun kutaa Caaffata Qulqullaa’oo ta’uusaa amanee fudhateera. Oriijanis, ergaansaa “toora muraasarratti kan barreeffame ta’us dubbii sirriifi gaarummaa waaqarraatiin kan guutamedha” jechuun ibseera.a Tartuuliyaanis ergaansaa sirrii ta’uusaa ni amana ture. Ergaan Yihudaa kutaa Caaffata Qulqullaa’oo geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffaman keessaa tokko ta’uunsaa homaa hin shakkisiisu.

4 Yihudaan ergaasaa kan barreesse, ‘warra waamamaniif’ waan ta’eefi gumiin ykn namni kamiyyuu hin caqasamin hafuunsaa ergaansaa yaada walii galaa kan qabuufi Kiristiyaanota hundaa bira ga’uu kan qabu ta’uusaa argisiisa. Eessatti akka barreeffame ibsamuu baatus, Filisxeemitti ta’uu hin oolu. Yeroo kanatti barreeffame jedhanii dubbachuunis ulfaataadha. Haata’u malee, ergaansaa kan barreeffame gumiin Kiristiyaanaa erga hundeeffamee yeroo dheeraa booda ta’uu qaba; sababiinsaas Yihudaan Kiristiyaanota yeroo sanatti turaniin, “dubbii ergamoonni gooftaa keenyaa Yesus Kristos kanaan dura dubbatan” akka yaadatan yommuu isaan akeekkachiisu, 2 Phexros 3:3 caqasuusaa hin ta’in hin oolu. (Yih. 17, 18) Kana malees, ergaa Yihudaafi Yih 1-25 boqonnaa lammaffaa ergaa Phexros Isa Lammaffaa gidduu 2Phe. 2:1-22 wantoota wal fakkaatan baay’een jiru. Kunis, Yihudaafi Phexros ergaasaanii kan barreessan yeroo wal fakkaatutti akka ta’eefi rakkoon yeroo sanatti gumiitti marsee ture lamaansaanii yaaddessee akka ture argisiisa. Kanaaf, Dh.K.B. naannoo bara 65⁠tti barreeffame jedhamee yaadama. Yihudaan Dh.K.B. bara 66⁠tti Seestiyas Gaalas fincila Yihudootaa ittisuuf duula gochuusaas ta’e, Dh.K.B. bara 70⁠tti Yerusaalem baduushee ilaalchisee wanti inni barreesse kan hin jirre ta’uunsaa yaanni kun dhugaa ta’uusaa kan argisiisudha. Yihudaan firdii Waaqayyoo cubbamootarratti fudhataman tokko tokko ergaasaa keessatti kan ibse yommuu ta’u, Yerusaalem yeroo sanatti utuu kufteetti ta’ee Yesus waa’ee kanaa dursee dubbatee waan tureef, yaadasaa caalaatti jabeessuuf firdii Waaqayyoo kana akka fakkeenyaatti caqasa ture.​—Yih. 5-7; Luq. 19:41-44.

FAAYIDAASAA

8 Yihudaan, Caaffanni Qulqullaa’oon geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman ‘michootasaa’ akeekkachiisuuf, gorsuuf, jajjabeessuuf, barsiisuufi yaadachiisuuf bu’aa kan qaban ta’uusaanii hubateera. Cubbuu guddaa namoonnii Waaqayyo malee jiraataniifi lo’anii gara gumiitti seenaan raawwatan saaxiluuf, Israa’eloota gantoota ta’an, ergamoota Waaqayyoo warra cubbuu hojjetan, akkasumas namoota Sodoomiifi Gomoraa akka fakkeenyaatti Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaarraa caqaseera. Fakkeenya akkasiitti gargaaramuudhaan namoonni gocha gadhee akkasii raawwatanis badiisi akkasii akka isaan eeggatu ibseera; kana malees, namoota gadhee akkasii bineensota waa yaadanii gargar baasuu hin dandeenyee wajjin tokko akka ta’an, karaa Qaayinirra akka bu’an, dogoggora Bala’aam raawwachuuf akka jarjaran, akkasumas akka Qoraahi dubbii jal’aa waan dubbataniif ni balleeffamu jedheera. Akkasumas, wantoota “kitaaba uumamaarratti” ifatti mul’atan tokko tokko ibseera. Ergaan Yihudaa gorsa kallattii qabate kun kutaa ‘Caaffata Qulqullaa’oo’ keessaa tokko waan ta’eef, ergaasaa kana akeekkachiisa Caaffanni Qulqullaa’oon kaan amala “yeroo gara dhumaatti” argisiisuu qabnu ilaalchisanii kennamanii wajjin walbira qabnee qo’achuu qabna.​—Yih. 17, 18, 5-7, 11-13; Lak. 14:35-37; Uma. 6:4; 18:20, 21; 19:4, 5, 24, 25; 4:4, 5, 8; Lak. 22:2-7, 21; 31:8; 16:1-7, 31-35.

9 Dhiibbaafi mormiin alaa dhufu guddina Kiristiyaanummaa ittisuu hin dandeenye; ta’us, obboloonni amala manca’aa namoonni gadheen isaan gidduutti argaman argisiisaniin balaaf saaxilamaniiru. Akkuma dhagaan ijaan hin argamneefi bishaan jala dhokatee jiru doonii balaaf saaxilu, namoonni amala manca’aa qabanis guutummaa gumichaa balaaf saaxilanii turan. Yihudaan haallisaa kana caalaa balaa geessisuu akka danda’u waan hubateef, ‘amantiif loluun’ barbaachisaa ta’uusaa jabeessee ibseera. Ergaan kun akkuma bara sanaa yeroo ammaattis faayidaa guddaa qaba. Har’as akeekkachiisni wal fakkaatu kan nu barbaachisu si’a ta’u, amantii keenya balaarraa eeguufi loluu, amala manca’aarraa fagaachuu, danda’amnaan namoota maman gara laafinaan ‘ibidda keessaa butnee isaan oolchuu’ qabna. Kiristiyaanonni Yeroo har’aatti argaman, amalasaanii isa qulqulluu eeguuf, hariiroo Waaqayyoo wajjin qaban caalaatti jabeessuuf, akkasumas waaqeffannaa dhugaa cina dhaabachuuf jecha amantiisaanii isa hundumaa caalaa qulqulluu ta’erratti cimanii dhaabachuusaanii itti fufuu qabu. Seerawwan bu’uuraa sirrii ta’an garaasaanii guutuun deggeruufi kadhannaadhaan Waaqayyotti dhihaachuu qabu. Akkasumas “gooftummaa” ykn aboof ulfina sirrii qabaachuudhaan, aboo Waaqayyo biraa kennameefi gumii keessatti argamu kabajuu qabu.​—Yih. 3, 23, 8.

10 Namoonni ‘yaada foonii jala of galchaniifi hafuuricha of keessaa hin qabne’ matumaa Mootummaa Waaqayyootti galuu kan hin dandeenye ta’uusaaniirrayyuu, namoota daandii jireenya barabaraatti geessurra adeeman balaaf saaxilu. (Yih. 19; Gal. 5:19-21) Gumichi namoota akkasii ilaalchisee obbolootaaf akeekkachiisa kennuufi akka gumii keessaa baafaman gochuu qaba! Akkas taanaan, “araarri, nagaan, jaalallis” namoota michoota ta’aniif kan baay’atu yommuu ta’u, jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguudhaan ‘araara ittiin gooftaan keenya Yesus Kristos jireenya barabaraatti isaan geessu eeggatu.’ Waaqayyo inni fayyisaan, ‘mudaa malee gammachuudhaan ulfina isaa dura isaan dhaaba.’ Namoonni kun Yihudaa wajjin waliin ta’uun, karaa Yesus Kiristos “ulfinni, guddinni, aangoon, gooftummaanis” Waaqayyoof haa ta’u akka jedhan homaa hin shakkisiisu.​—Yih. 2, 21, 24, 25.

[Miiljalee]

a Za Kaanan oov za Niwuu Teestaamant, 1987, Bii. Emmi. Meetizgariin kan qophaa’e, ful. 138.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi