LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bsi08-2 ful. 8-9
  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 55—2 Ximotewos

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 55—2 Ximotewos
  • “Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 17
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • FAAYIDAASAA
“Caaffanni Qulqullaa’aan Hundinuu”—Sirriifi Faayidaa Kan Qabudha, Jildii 17
bsi08-2 ful. 8-9

Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 55​—2 Ximotewos

Barreessaan: Phaawulos

Bakka Itti Barreeffame: Roomaa

Barreeffamee kan Xumurame: Dh.K.B. naannoo 65

PHAAWULOS ammas Roomaatti hidhameera. Ta’us, haalli hidhaasaa inni lammataa isa jalqabaarraa cimaadha. Kun kan ta’e Dh.K.B. naannoo bara 65⁠tti ture. Dh.K.B. bara 64 ji’a Adoolessaatti, magaalota Roomaa, gandeen 14 keessaa 10 balaa ibiddaa guddaadhaaf saaxilamanii turan. Barreessaan seenaa warra Roomaa Taasiitas akka ibsetti, mootiin warra Roomaa Neroon, “oduu hamaa hubaatii ibidda ga’eef sababii kan ta’e bulchiinsasaati jedhu hambisuu hin dandeenye ture. Kanaaf, Neroon oduu kana hambisuuf jecha kan itti gaafatamu warra sabni Kiristiyaanota jedhanii isaan waamaniif namoonni jibbanidha jedhee, balleessaasaa erga isaanirra kaa’ee booda gochi suukanneessaan akka isaanirratti raawwatamu godheera. . . . Namoonni hangana hin jedhamne kan yakkaman, ilmaan namootaa hin jaallattan jedhamanii malee magaalonni kun gubachuunsaanii waan isa gaddisiiseef hin turre. Du’a salphinaa akka du’an godheera. Gogaa bineensotaa erga isaanitti uffisanii booda, sarootaan cicciramanii akka du’an ykn fannoorratti akka fannifaman ykn galgala ibidda keessa buufamanii ifa akka kennaniif gubamu turan. Neroon iddoon dhaabaasaa do’iiwwan akkasii akka itti raawwatamaniif kennee ture. . . . Namoonni kun faayidaa sabaaf jecha kan ajjeefaman fakkeessuuf yaaliin godhamullee, nama hamaa tokko gammachiisuuf ta’uunsaa namoota baay’ee gaddisiiseera.”a

2 Phaawulos Roomaatti lammaffaa kan hidhame yeroo ari’atamni cimaan kun ka’etti ta’uu hin oolu. Yeroo kanatti fuuncaadhaan hidhamee ture. Abdii nan hiikama jedhu kan hin qabne ta’uusaarrayyuu, murtoo isa dhumaafi guyyaa itti ajjeefamu eeggachaa ture. Namoonni isa gaafachuu dhufanis muraasa turan. Namni Kiristiyaana ta’uusaa beeksise qabamuufi gidiraa keessa galee akka ajjeefamu waan godhuuf balaa ofirratti fiduu ta’a. Phaawulos nama Efesoonii isa gaafachuu dhufe galateeffachuudhaan akkas jedhee kan barreesse kanaaf ture: “Oneesiforos garuu deddeebi’ee yaada koo haaresseera; gooftaan warra mana isaatiif araara haa kennu! Inni waanan hidhameef anatti deddeebi’uu hin yeellaane; akkuma mandara Roomaa ga’een dhimmee ana barbaadee, na argates.” (2 Xim. 1:16, 17) Phaawulos inni du’i isa eeggatu, “jaalala Waaqayyootiin ergamaa Kristos Yesus ta’ee, akka abdii jireenya isa karaa Kristos Yesus argamuu” jedhee waa’ee mataasaa barreesseera. (1:1) Phaawulos Kiristosii wajjin samiirra jiraachuun akka isa eeggatu beeka ture. Yeroo sanatti magaalonni gurguddaa Yerusaalemii kaasee hamma Roomaatti, tariimmoo hamma Isphaaniyaa jiranitti lallabeera. (Rom. 15:24, 28) Dorgommiisaa amanamummaan raawwateera.​—2 Xim. 4:6-8.

3 Ergaan kun kan barreeffame Phaawulos du’a wareegamaatiin ajjeefamuusaa yeroo muraasa dura, jechuunis Dh.K.B. naannoo 65⁠tti ta’uu hin oolu. Phaawulos, Ximotewos biyya Efesoon akka turu waan isa jajjabeesseef yeroo kanatti achuma waan jiru fakkaata. (1 Xim. 1:3) Amma Phaawulos, Ximotewos ariitiidhaan garasaa akka dhufu al lama kan isatti hime si’a ta’u, Maarqosiin akkasumas waaroofi maraa caaffatoota gogaa duugamaa Xro’aasitti dhiise fideefii akka dhufu isa gaafateera. (2 Xim. 4:9, 11, 13, 21) Ergaan yeroo rakkisaa akkasiitti barreeffame kun Ximotewosiin baay’ee kan jajjabeesse ta’uusaarrayyuu; yerosii kaasee Kiristiyaanota dhugaafis jajjabina kennusaa itti fufeera.

4 Ragaaleen macaafni Ximotewos Inni Duraa kutaa Caaffata Qulqullaa’oo ta’uusaa ilaalchisee dhihaatan Ximotewos Isa Lammaffaafis ni hojjetu. Ergaan kun Pooliikaarp isa Dh.K.B. jaarraa lammaffaatti ture dabalatee, barreessitoota bara durii biratti fudhatama argachuusaarrayyuu, ittis fayyadamaa turan.

FAAYIDAASAA

10 “Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame . . . dhimma in baasa.” Maaliif dhimma baasa? Phaawulos ergaa Ximotewosiif barreesse isa lammaffaarratti akkas jechuun deebiisaa nuu kenna: “Barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf . . . Namni Waaqayyoo waa gochuuf kan danda’e, hojii gaarii hundumaafis kan qophaa’e akka ta’u in godha.” (3:16, 17) Faayidaan ‘barsiisuu’ ergaa kanarratti jabeeffamee kan ibsames kanumaaf ture. Namoonni yeroo har’aatti argamaniifi qajeelummaa jaallatan hundi, barsiisaa Dubbichaa ta’uuf yeroo carraaqaniifi “dubbicha isa dhugaadhaan qajeeltootti hojjetuutti” hojjetoota Waaqayyo duratti fudhatama qaban ta’uuf, wanta danda’an hunda yeroo godhan gorsa gaarii ergichi qabate hojiirra oolchuu barbaadu. Akkuma namoota bara Ximotewos Efesoon keessa turanii, har’as namoonni ‘qoccolloo kaasaniifi morkii gowwummaa toora hin qabne’ keessa lixan, ‘yeroo hundumaa barataniyyuu matumaa dhugaa beekuu bira ga’uu hin dandeenye,’ akkasumas ofittummaadhaan kaka’anii barsiistota wanta gurra isaanitti tolu isaan barsiisan deggeruudhaan “barsiisa sirrii” morman jiru. (2:15, 23; 3:7; 4:3, 4) Dhiibbaa gadhee ta’e kana mo’uuf amantiifi jaalalaan, ‘dubbii sirrii geggeessaa godhatanii duukaa bu’uun’ barbaachisaadha. Kana malees, yeroo kamiyyuu caalaa akkuma Ximotewos isa “nama Waaqayyoo” ta’ee, gumii keessattis ta’e alatti, ‘namoonni amanamoo warra kaan barsiisuuf ta’an’ atattamaan ni barbaachisu. Namoonni itti gaafatamummaa kana fudhachuudhaan ‘namoota amanamoo warra kaan gaarummaadhaan barsiisuuf ta’anitti’ ‘obsa hundumaan malaan barsiisuudhaan’ dubbicha lallaban gammadoodha!​—1:13; 2:2, 24, 25; 4:2.

11 Akkuma Phaawulos ibse, Ximotewos ‘mucummaatii jalqabee’ leenjii caaffata qulqullaa’oo jaalalarratti hundaa’e Lo’isiifi Ewuniiqeerraa barateera. Jechi ‘mucummaadhaa jalqabee’ jedhu yeroo ammaatti ijoolleef leenjii kennuun jalqabamuu kan qabu yoom akka ta’e argisiisa. Haata’u malee, waggoonni darbaa yeroo adeeman hinaaffaansaanii hir’achaa yoo adeemehoo? Phaawulos, amantii fakkeessitummaarraa walaba ta’e qabaachuudhaan, hafuura ‘humnaa, kan jaalalaafi kan of qabuutiin’ hinaaffaasaanii deebisanii qabsiisuun akka barbaachisu gorseera. ‘Guyyoonni gara dhumaatti’ yakkiifi barumsawwan sobaa rakkoo akka geessisan dubbateera. Namoonni hundinuu, keessumaa dargaggoonni ‘waan hundumaatti gara itti goran beekuufi hojii itti ergaman guutummaatti raawwachuu’ kan qaban kanumaafidha.—3:15; 1:5-7; 3:1-5; 4:5.

12 Badhaasa argamuuf dhama’uun kan nama gaabbisiisu miti. (2:3-7) Phaawulos haala kanaa wajjin wal qabateen, Sanyii Mootummichaarratti akka xiyyeeffannu gochuuf akkas jedheera: “Yesus Kristosiin isa warra du’an keessaa kaafame, isa sanyii Daawit keessaa dhalate, akka ani wangeela koo keessatti lallabetti yaadadhu!” Abdiin Phaawulos Sanyii kanaa wajjin jiraachuu ture. Yeroo ajjeefamuunsaa jala ga’emmoo, injifannoo akka argate haala ibsuun akkas jedhee ture: “Kanaa achis gonfoon qajeelummaa anaaf kaa’amee jira; gooftichi abbaan firdii inni qajeelaan guyyaa sanatti gonficha anaaf in kenna; ana duwwaaf utuu hin ta’in, warra deebi’ee mul’inatti dhufuu isaa jaallatan hundumaafis in kenna.” (2:8; 4:8) Namoonni waggoota baay’eef amanamummaadhaan tajaajilaa turan yeroo dabarsan yaadachuudhaan, akka Phaawulos jechuu danda’an hundi akkam gammadoodha! Haata’u malee, kun dhufa Yesus Kiristos eeggachaa yeroo ammaatti amanamummaadhaan tajaajiluu gaafata; akkasumas amantii Phaawulos akka armaan gadii jechuun barreesse qabaachuu gaafata: “Gooftaan hamaa ana irratti hojjetamu hundumaa irraa na oolcha; na fayyisee mootummaa isaa isa waaqa irraatti na geessa; isaaf baruma baraan galanni haa ta’u! Ameen.”​—4:18.

[Miiljalee]

a Za Koompiliit Woorkis oov Taasiitas, 1942, Moosas Haadaasiin kan qophaa’e, ful. 380-1.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi