-
‘Iddoo Lagichi Itti Yaaʼu Hundumaa Keessa Wanti Jiru Hundi Lubbuudhaan ni Jiraata’Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
-
-
BOQONNAA 19
‘Iddoo Lagichi Itti Yaaʼu Keessa Wanti Jiru Hundi Lubbuudhaan Ni Jiraata’
YAADA IJOO: Mulʼanni waaʼee laga mana qulqullummaa keessaa yaaʼuu ibsu bara duriittii fi yeroo ammaatti kan raawwatame akkamitti? Gara fuulduraatti hoo?
1, 2. Akka Hisqiʼel 47:1-12 jedhutti, wanti Hisqiʼel argee fi hubate maali dha? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
HISQIʼEL mulʼata waaʼee mana qulqullummaa ibsu keessatti ammas wanta nama dinqisiisu kan biraa arge: Gamoo qulqulluu sana keessaa lagni tokko yaaʼaa jira! Bishaan qulqulluu sana hordofee yommuu deemu yaadaan ilaalaa. (Hisqiʼel 47:1-12 dubbisi.) Lagichi gubanii balbala iddoo qulqulluu jalaa burqa, achiis karaa karra isa bahaa biratti argamuun gamoo mana qulqullummaa keessaa baʼa. Maleekaan isa daawwachiisu sun mana qulqullummaa keessaa isa baasee fageenya isaa safaraa deeme. Sana booda Hisqiʼel yeroo baayʼee bishaanicha keessa akka deemu godhe; achiis raajichi gadi fageenyi bishaan kanaa saffisaan dabalaa akka deemu hubate; utuma baayʼee hin turin bishaanichi laga guddaa daakaadhaan yoo taʼe malee ceʼuun hin dandaʼamne taʼe.
2 Hisqiʼel lagichi gara Galaana Duʼaatti akka yaaʼu, achiis bakka bishaan lagichaa itti yaaʼu hundumaatti bishaan soogidda taʼee fi lubbuun keessa hin jiraanne akka fayyisu, akkasumas bishaanichi qurxummiidhaan akka guutamu akka godhu hubateera. Achiis qarqara lagichaatti akaakuun mukeetii hundi baayʼinaan biqiluu isaanii arge. Mukeetiin kun jiʼa jiʼaan firii haaraa nyaataaf taʼu ni godhatu, baala qorichaaf taʼus ni baafatu. Hisqiʼel wantoota kana hunda arguun isaa garaan isaa nagaa fi abdiidhaan akka guutamu godhee taʼuu qaba. Maarree kutaan mulʼata mana qulqullummaa kanaa isaafis taʼe warra isaa wajjin boojiʼamanii jiraniif hiika maalii qaba? Yeroo harʼaatti hoo nuuf hiika maalii qaba?
Lagni Mulʼataan Argame Kun Warra Boojiʼamaniif Hiika Maalii Qaba?
3. Yihudoonni bara durii mulʼata Hisqiʼel waaʼee laga tokkoo arge kallattiidhaan hin hubanne kan jennu maaliifi?
3 Yihudoonni bara durii lagni mulʼataan argame kun laga kallattiidhaan jiru akka hin taane akka hubatan beekamaa dha. Kanaa mannaa yaanni Kitaaba Qulqulluu kun raajii waaʼee haaromsaa ibsuu fi gara jaarraa lamaa dura Yooʼel raajichi barreesse isaan yaadachiisee taʼuu hin oolu. (Yooʼel 3:18 dubbisi.) Yihudoonni boojuu jala turan wanta Yooʼel geggeessaa hafuuraatiin barreesse kana yommuu dubbisan kallattiidhaan gaarreen “daadhii wayinii miʼaawaa ni coccophsu,” tabbawwan “aannan ni yaasu,” ykn “mana Yihowaa keessaa” burqaan tokko ni yaaʼa jedhanii hin eegne. Haaluma wal fakkaatuun Yihudoonni bara isaa turan ergaan mulʼata Hisqiʼel raajichaa kallattiidhaan waaʼee laga tokkoo kan ibsu akka hin taane hubatanii taʼuu hin oolu.a Maarree Yihowaan ergaa akkamii dabarsaa jira? Kitaabni Qulqulluun kutaan mulʼata kanaa tokko tokko hiika akkamii akka qabu hubachuuf nu gargaara. Walumaa galatti garuu ergaa raajii kana irraa abdii ifa taʼee fi jaalala irratti hundaaʼe sadii argachuu akka dandeenyu ilaalla.
4. (a) Lagni mulʼata Hisqiʼel keessatti ibsame Yihudoonni Yihowaa biraa eebba akkamii argachuuf akka abdatan isaan taasiseera? (b) Jechoonni Kitaaba Qulqulluu keessatti ‘lagaa’ fi “bishaan” jedhan Yihowaan saba isaa akka eebbisu kan nuu mirkaneessan akkamitti? (Saanduqa “Lageen Eebba Yihowaa Argamsiisan” jedhu ilaali.)
4 Laga eebba argamsiisu. Kitaaba Qulqulluu keessatti yeroo baayʼee lagnii fi bishaan eebba Yihowaa biraa burquu fi jireenya kennu argisiisuuf itti hojjetama. Hisqiʼel lagni akkasii tokko mana qulqullummaa keessaa yommuu yaaʼu argeera; kanaafuu mulʼanni kun sabni Waaqayyoo waaqeffannaa qulqulluu yoo hordofan eebbi hafuuraa jireenya argamsiisu Yihowaa biraa akka isaaniif dhangalaʼu akka abdatan isaan taasiseera. Eebbi kun maalfaa dabalata? Isaan ammas luboota irraa qajeelfama hafuuraa ni argatu. Mana qulqullummaa keessatti aarsaawwan waan dhihaataniif cubbuu isaaniitiif dhiifama argachuu akka dandaʼan mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu. (His. 44:15, 23; 45:17) Kanaafuu, akka waan bishaan qulqulluu mana qulqullummaa keessaa yaaʼuun dhiqataniitti deebiʼanii qulqulluu taʼuu dandaʼu.
5. Lagni mulʼaticha keessatti ibsame sun yeroo hunda eebbi namoota hundumaatiif gaʼu akka jiraatu kan mirkaneessu akkamitti?
5 Yeroo hunda eebbi hunda isaanii gaʼu ni jiraataa? Mulʼanni kun bishaanichi haala dinqii taʼeen fageenya gara kiilomeetira lamaa gidduutti burqaa xinnoo irraa gara laga guddaatti akka guddatu waan ibsuuf, eebbi kun nama hundumaatiif ni gaʼa. (His. 47:3-5) Lakkoofsi Yihudoota biyya isaaniitti deebiʼanii dabaluu dandaʼa; haa taʼu malee eebbi Yihowaa dabalee fedhii isaanii ni guuta. Lagichi eebbi sun baayʼee taʼuu isaa argisiisa.
6. (a) Mulʼanni kun abdii gammachiisaa akkamii qabateera? (b) Mulʼatichi akeekkachiisa akkamii qabateera? (Miiljalees ilaali.)
6 Bishaan jireenya kennu. Mulʼata Hisqiʼel keessatti lagni gara Galaana Duʼaatti yaaʼu harka caalaa bishaanichaa fayyiseera. Bishaanichi akaakuuwwan qurxummii hedduu Galaana Guddaa ykn Galaana Meditiraaniyaa keessatti argamanii wajjin qixxee taʼeef jireenya akka argamsiise hubadhaa. Kana irra darbees qarqara Galaana Duʼaatti, jechuunis magaalota hamma tokko wal irraa fagoo jiran lama gidduutti namoonni qurxummii kiyyeessan hedduun jiru turan. Maleekaan sun, “Iddoo lagichi itti yaaʼu hundumaa keessa wanti jiru hundis lubbuudhaan ni jiraata” jedheera. Maarree kana jechuun bishaan mana Yihowaa keessaa yaaʼu Galaana Duʼaa waliin gaʼa jechuu dhaa? Akkas jechuu miti. Maleekaan sun bishaan jireenya kennu naannoo dhaqdhaqii tokko tokko bira akka hin geenye ibseera. Iddoowwan kun, “iddoo soogiddaa taʼanii hafu.”b (His. 47:8-11) Kanaafuu mulʼanni kun waaqeffannaa qulqulluun sabichi karaa hafuuraa akka fayyuu fi akka lalisu akka godhu abdii gammachiisaa kenna. Haa taʼu malee akeekkachiisni tokko himamuu isaas hubadhaa: Eebba Yihowaa kan argatanis taʼe kan fayyan namoota hunda miti.
7. Mulʼanni waaʼee mukeetii qarqara lagaatti argaman sanaa ibsu Yihudoota boojiʼamanii turaniif abdii akkamii kenneera?
7 Mukeetii nyaataa fi qorichaaf taʼan. Mukeetiin qarqara lagaa sanatti argaman hoo? Mukeetiin kun mulʼata sanaaf miidhagina kan dabalan qofa utuu hin taʼin, hiikas qabu. Hisqiʼelii fi namoonni biyya isaa firii miʼaawaa haaraa mukeetiin kun jiʼa jiʼaan godhatan yaaduudhaan akka gammadan beekamaa dha. Mulʼanni nama gammachiisu kun Yihowaan karaa hafuuraa akka isaan soorus isaaniif mirkaneessa. Mukti kun faayidaa kan biraa akkamii qaba? Baalli mukeetii kanaa ‘qorichaaf akka tajaajilu’ hubadhaa. (His. 47:12) Yihowaan hundumaa caalaa warri boojuudhaa deebiʼan karaa hafuuraa fayyuun akka isaan barbaachisu beeka; kanuma isaaniif gochuufis waadaa galeera. Akkuma Boqonnaa 9ffaa kitaaba kanaa keessatti ilaalle, kana kan godhe akkamitti akka taʼe raajiiwwan waaʼee haaromsaa dubbatan kan biroo keessatti ibsameera.
8. Mulʼanni Hisqiʼel raawwii isaa isa guddaa akka argatu wanti argisiisu maali dha?
8 Haa taʼu malee akkuma Boqonnaa 9ffaa keessatti ilaalle, warri boojuudhaa deebiʼan raajiiwwan kun guutummaatti yommuu raawwataman hin argine. Raajiin kun guutummaatti akka hin raawwatamne kan godhe sabicha ture. Dhuguma iyyuu namoonni kun gocha isaanii isa hamaatti deebiʼanii, ajajamuu didanii, akkasumas waaqeffannaa qulqulluun isaan gidduutti hammana dagatamee utuu jiruu Yihowaan akkamitti guutummaatti isaan eebbisuu dandaʼa? Namoonni amanamoon amala Yihudoonni kan biroon argisiisanitti gaddanii, akkasumas abdii kutatanii turan. Taʼus namoonni amanamummaadhaan Yihowaa waaqeffatan abdiiwwan isaa matumaa utuu hin raawwatamin akka hin hafne beeku turan; abdiiwwan kun yeroo hundumaa ni raawwatamu. (Iyyaasuu 23:14 dubbisi.) Kanaafuu gaaf tokko mulʼanni Hisqiʼel raawwii isaa isa guddaa ni argata. Garuu yoom?
Laga Yeroo Ammaatti Yaaʼu
9. Mulʼanni Hisqiʼel mana qulqullummaa ilaalchisee arge raawwii isaa isa guddaa kan argatu yoomi?
9 Akkuma Boqonnaa 14ffaa kitaaba kanaa keessatti ilaalle mulʼanni Hisqiʼel mana qulqullummaa ilaalchisee arge raawwii isaa isa guddaa kan argatu “guyyoota dhumaatti,” jechuunis yeroo waaqeffannaa qulqulluun haala kanaan dura taʼee hin beekneen ol kaafamutti dha. (Isa. 2:2) Haa taʼu malee, kutaan mulʼata Hisqiʼel kun yeroo ammaatti raawwatamaa kan jiru akkamitti?
10, 11. (a) Eebbawwan yeroo harʼaatti akkuma lagaatti gara keenyatti yaaʼan kam faʼi? (b) Eebbi Yihowaa biraa yaaʼu guyyoota dhumaatti fedhii namoota lakkoofsi isaanii dabalaa jiruu hamma guututti kan guddate akkamitti?
10 Laga eebba argamsiisu. Bishaan mana Yihowaa keessaa yaaʼu eebbawwan yeroo ammaatti argachaa jirru akkamii nu yaadachiisa? Bishaan kun wantoota fayyaa fi nyaata hafuuraa keenyaaf gumaacha godhan hundumaa nu yaadachiisa. Wantoota kana keessaa inni hunda irra caalu immoo aarsaa furii Kiristoos isa nu qulqulleessuu fi cubbuu keenyaaf dhiifama nuuf argamsiisuu dandaʼu dha. Dhugaawwan Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman bishaan jireenya argamsiisu, isa karaa naamusaa fi karaa hafuuraa nu qulqulleessuu wajjinis wal fakkeeffamaniiru. (Efe. 5:25-27) Bara keenyatti eebbawwan kun kan yaaʼan akkamitti?
11 Bara 1919tti tajaajiltoonni Yihowaa lakkoofsi isaanii gara 5,000 qofa kan ture taʼus nyaata hafuuraa barbaachisu argachuun isaanii baayʼee isaan gammachiisee ture. Waggoota kurnan sana booda turanitti lakkoofsi isaanii baayʼee dabalaa deeme. Yeroo harʼaatti lakkoofsi saba Waaqayyoo miliyoona saddeetii ol taʼeera. Maarree guddina kanaa wajjin haala wal simuun bishaan dhugaa yaaʼuu isaa itti fufeeraa? Eeyyee. Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu hedduu ilaalchisee ibsa arganneerra. Jaarraa darbetti sabni Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu, kitaabota, barruulee, birooshurootaa fi tiraaktota biliyoonaan lakkaaʼaman argataniiru. Akkuma laga Hisqiʼel mulʼataan arge sanaatti dhugaawwan qulqulluun fedhii namoota karaa hafuuraa dheebotanii fi addunyaa maratti argamanii guutuuf baayʼinaan yaaʼaa jiru. Barreeffamoonni Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan yeroo dheeraadhaaf maxxanfamaa turaniiru. Amma immoo barreeffamoonni kun weebsaayitii jw.org jedhamu irratti bifa eleektiroonikiitiin afaanota 1,000 oliin argamu. Bishaanonni dhugaa kun namoota garaa qajeelaa qaban irratti dhiibbaa gaarii kan godhan akkamitti?
12. (a) Ergaan dhugaa, karaa hafuuraa namootaaf jireenyaa fi fayyaa argamsiisaa kan jiru akkamitti? (b) Mulʼatichi yeroo harʼaatti akeekkachiisa barbaachisaa akkamii nuuf dabarsa? (Miiljalees ilaali.)
12 Bishaan jireenya kennu. Hisqiʼel, ‘iddoo lagichi itti yaaʼu hundumaa keessa wanti jiru hundi lubbuudhaan akka jiraatu’ itti himameera. Mee akkaataa itti ergaan dhugaa gara namoota biyya hafuuraa keenya isa deebiʼee hundeeffametti dhufan hundumaatti yaaʼaa jiru yaadaa. Dhugaan Kitaaba Qulqulluu namoota dhugaa kana fudhatanii fi miliyoonaan lakkaaʼamaniif jireenyaa fi fayyina hafuuraa argamsiiseera. Haa taʼu malee mulʼanni kun akeekkachiisa barbaachisaa taʼe tokkos qabateera: Dhugaa kana kan fudhatan namoota hunda miti. Akkuma iddoowwan dhaqdhaqii fi caffee Galaana Duʼaa mulʼata Hisqiʼel keessatti ibsaman sanaa, namoonni dhugaa kana fudhachuu fi hojii irra oolchuu didan jiru.c Nuti garuu matumaa namoota akkanaa taʼuu hin barbaannu.—Keessa Deebii 10:16-18 dubbisi.
13. Yeroo harʼaatti mukeetii mulʼataan argaman sana irraa barumsa akkamii argachuu dandeenya?
13 Mukeetii nyaataa fi qorichaaf taʼan. Mulʼanni waaʼee mukeetii qarqara lagaatti argaman sanaa ibsu yeroo ammaatti barumsa nu jajjabeessu qabateeraa? Eeyyee! Mukeetiin sun jiʼa jiʼaan firii miʼaawaa haaraa akka godhatanii fi baala qorichaaf taʼu akka baasan yaadadhaa. (His. 47:12) Mukeetiin kun Waaqa karaa hunda caalaa barbaachisaa taʼeen, jechuunis karaa hafuuraa arjummaadhaan nu sooruu fi nu fayyisu kan tajaajillu taʼuu keenya nu yaadachiisa. Addunyaan yeroo harʼaatti argamu karaa hafuuraa dhukkubsachaa fi beelaʼaa jira. Kana irraa haala faallaa taʼeen wanta Yihowaan nuuf gochaa jiru yaadaa. Barreeffamoota keenya keessaa mata duree tokko erga dubbistee, walgaʼii aanaa ykn walgaʼii naannoo tokko irratti faarfannaa xumuraa erga faarfattee ykn viidiyoo keenya keessaa isa tokko erga ilaaltee booda nyaata hafuuraa akkanaa argachuu keetti akka eebbifamte sitti dhagaʼamee hin beekuu? Dhuguma iyyuu akka gaariitti soorachaa jirra. (Isa. 65:13, 14) Nyaanni hafuuraa keenya fayyina hafuuraa kan argamsiisu dhaa? Gorsi gaariin Dubbii Waaqayyoo irraa argannu cubbuuwwan kanneen akka halalummaa, sassataa fi amantii dhabuu jiran irraa fagaachuuf nu gargaara. Kana malees, Yihowaan Kiristiyaanota cubbuu cimaa raawwachuudhaan karaa hafuuraa dhukkubsatan gargaaruuf qophii tokko godheera. (Yaaqoob 5:14 dubbisi.) Akkuma Hisqiʼel mulʼata isaa keessatti waaʼee mukeetii sanaa ibsetti, dhuguma iyyuu eebba arganneerra.
14, 15. (a) Iddoowwan dhaqdhaqii hin fayyifamnee fi mulʼata Hisqiʼel keessatti ibsaman irraa maal baranna? (b) Yeroo harʼaatti laga mulʼata Hisqiʼel keessatti ibsame irraa faayidaa akkamii arganna?
14 Iddoowwan dhaqdhaqii hin fayyifamne sana irraas barumsa argachuu dandeenya. Matumaa eebbi Yihowaa gara keenyatti akka hin yaane dhowwuu hin barbaannu. Akkuma namoota hedduu addunyaa dhukkubsate kana keessa jiraniitti utuu hin fayyin hafuun nama gaddisiisa. (Mat. 13:15) Kanaa mannaa laga eebba argamsiisu kana irraa faayidaa argachuu keenyatti ni gammanna. Bishaan dhugaa isa qulqulluu Dubbii Waaqayyoo irraa argamu hawwiidhaan yommuu dhugnu, hojii lallabaa keenyatti fayyadamnee dhugaa kana warra kaaniif yommuu hirru, akkasumas jaarsolii garbichi amanamaan leenjise irraa qajeelfama, jajjabinaa fi gargaarsa jaalala irratti hundaaʼe yommuu argannu laga Hisqiʼel mulʼataan arge sana ni yaadanna taʼa. Lagichi bakka dhaqu hundumaatti jireenyaa fi fayyina argamsiisa.
15 Mulʼanni waaʼee lagaa ibsu kun gara fuulduraatti raawwii akkamii argata? Akkuma kanatti aansinee ilaallu lagichi Jannata dhufu keessatti kana caalaa yaaʼuu isaa itti fufa.
Mulʼanni Kun Jannata Keessatti kan Raawwatamu Akkamitti?
16, 17. (a) Bishaan jireenya kennu Jannata keessatti caalaatti kan balʼatu akkamitti? (b) Jannata keessatti laga eebba argamsiisu kana irraa faayidaa akkamii arganna?
16 Michoota kee fi maatii keetiin marfamtee Jannata keessatti jireenya guutummaatti gammachuu qabu yommuu jiraattu sitti mulʼataa? Waaʼee laga Hisqiʼel mulʼataan arge sanaa qoʼachuun kee, kun caalaatti akka sitti mulʼatu gochuu dandaʼa. Akkamitti? Mee wantoota mulʼaticha keessatti ifatti ibsamanii fi jaalala Yihowaa argisiisan sadii irra deebinee haa ilaallu.
17 Laga eebba argamsiisu. Lagni fakkeenyaan ibsame kun karaa hafuuraa qofa utuu hin taʼin karaa fooniis faayidaa waan argamsiisuuf Jannata keessatti caalaatti kan balʼatu taʼa. Mootummaan Waaqayyoo yeroo Bulchiinsa Barkumee Yesuusitti namoonni amanamoo taʼan furicha irraa kana caalaa faayidaa akka argatan gargaara. Namoonni kunis suutuma suuta mudaa kan hin qabne taʼu. Yeroo sanatti dhukkubni, doktaroonni, narsoonnii fi hospitaalonni hin jiraatan. Bishaan jireenyaa kun ‘tuuta uummataa guddaa’ miliyoonaan lakkaaʼamanii fi ‘rakkina guddaa’ keessaa dhufanii Armaagedoon irraa oolaniif ni yaaʼa. (Mul. 7:9, 14) Haa taʼu malee, lagni eebba argamsiisuu fi jalqaba irratti yaaʼu, baayʼee kan nama ajaaʼibsiisu taʼus, yommuu wanta booda dhufuu wajjin wal bira qabamu akkuma burqituu xiqqoo tokkoo taʼa. Akkuma mulʼata Hisqiʼel keessatti ibsame lagichi fedhii namoota hedduu guutuuf balʼachaa deema.
Jannata keessatti lagni eebba argamsiisu namni hundi dargaggeessaa fi fayya buleessa akka taʼu godha (Keeyyata 17 Ilaali)
18. Bulchiinsa Barkumee keessatti ‘lagni bishaan jireenyaa’ laga guddaa kan taʼu akkamitti?
18 Bishaan jireenya kennu. Bulchiinsa Barkumee keessatti ‘lagni bishaan jireenyaa’ laga guddaa taʼa. (Mul. 22:1) Namoonni biliyoonaan lakkaaʼaman duʼaa kaʼanii bara baraaf Jannata keessa jiraachuuf carraa argatu. Eebbi Yihowaa inni karaa Mootummichaa argamu namoota hedduu duʼanii biyyoo keessa turan gara jireenyaatti deebisuus kan dabalatu dha. (Isa. 26:19) Haa taʼu malee namoonni duʼaa kaʼan hundi bara baraaf ni jiraatuu?
19. (a) Jannata keessatti qajeelfamoonni hafuuraa haaraan akka jiraatan wanti argisiisu maali dha? (b) Gara fuulduraatti namoonni tokko tokko ‘iddoo soogiddaa taʼanii kan hafan’ akkamitti?
19 Namni hundi filannaa mataa isaa gochuu qaba. Yeroo sanatti maraawwan kitaabaa haaraan ni banamu. Kanaafuu bishaan nama gammachiisuu fi Yihowaa biraa yaaʼu dhugaawwan haaraa ibsaman, jechuunis qajeelfamoota hafuuraa haaraa kan dabalatu dha. Abdii kana irratti yaaduun kan nama gammachiisu mitii? Haa taʼu malee namoonni tokko tokko Yihowaadhaaf ajajamuu diduu filachuudhaan eebba kana fudhachuu didu. Namoonni tokko tokko yeroo bulchiinsa Barkumeetti fincila kaasuu dandaʼu; taʼus namoonni kun Jannata akka jeeqan isaaniif hin heyyamamu. (Isa. 65:20) Tarii haalli isaanii iddoowwan dhaqdhaqii mulʼata Hisqiʼel keessatti ibsamanii fi ‘iddoo soogiddaa taʼanii hafan’ nu yaadachiisa taʼa. Namoonni kun taʼe jedhanii bishaan jireenyaa isa gatii guddaa qabu irraa dhuguu diduun isaanii gowwummaa guddaa dha. Bulchiinsa Barkumee booda gareen finciltootaa Seexana cinaa dhaabbatu tokko ni jiraata. Warri bulchiinsa Yihowaa isa qajeelaa fudhachuu didan hundi wantuma wal fakkaatu, jechuunis duʼa bara baraatu isaan eeggata.—Mul. 20:7-12.
20. Qophii Bulchiinsa Barkumee keessatti godhamu akkamiitu mukeetii Hisqiʼel arge nu yaadachiisa?
20 Mukeetii nyaataa fi qorichaaf taʼan. Yihowaan eenyu illee jireenya bara baraa akka dhabu hin barbaadu. Carraa dinqisiisaa inni nuuf qopheesse kana akka argannuuf, yeroo sanattis qophiin mukeetii Hisqiʼel argee wajjin wal fakkaatu akka jiraatu godha. Taʼus Yihowaan Jannata keessatti karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa nu eebbisa. Yesuus Kiristoosii fi namoonni 144,000 taʼan samii keessatti mootota taʼanii Waggaa Kuma Tokkoof bulchu. Namoonni 144,000 taʼan kutaa lubootaa waan taʼaniif, namoonni amanamoo taʼan mudaa kan hin qabne akka taʼan gargaaruudhaan, aarsaa furii Kiristoos irraa akka fayyadaman godhu. (Mul. 20:6) Qophiin karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa fayyina argamsiisu kun mukeetii Hisqiʼel qarqara lagaatti arge warra firii nyaataaf taʼu godhatanii fi baala qorichaaf taʼu qaban sana nu yaadachiisa. Mulʼanni Hisqiʼel raajii kan biraa Yohaannis ergamaan barreessee wajjin wal fakkaata. (Mulʼata 22:1, 2 dubbisi.) Baalli mukeetii Yohaannis arge “saboota fayyisuuf gargaara.” Namoonni amanamoon miliyoona hedduutti lakkaaʼaman tajaajila lubummaa warri 144,000 taʼan dhiheessan irraa faayidaa argatu.
21. Laga Hisqiʼel mulʼataan arge irratti xiinxaluun kee kan si fayyadu akkamitti? (Saanduqa, “Burqaa Xinnoon Tokko Laga Guddaa Taʼe!” jedhu ilaali.) (b) Boqonnaa itti aanu keessatti waaʼee maalii qorra?
21 Yommuu laga Hisqiʼel mulʼataan arge irratti xiinxaltu garaan kee nagaa fi abdiidhaan hin guutamuu? Gara fuulduraatti yeroo baayʼee dinqisiisaa taʼetu nu eeggata. Mee yaadi, Yihowaan waggoota kumaan lakkaaʼaman dura raajiiwwan hedduu Jannanni maal akka fakkaatu yaaduuf nu gargaaran nuu kenneera; akkasumas achitti argamnee abdiiwwan raajii kana keessatti ibsaman yommuu raawwataman akka arginu obsaan nu affeeraa jira. Ati hoo achitti ni argamtaa? Tarii, ‘Ani dhugumaan Jannata keessa jiraachuu nan dandaʼaa?’ jettee yaadda taʼa. Boqonnaa itti aanu keessatti raajiiwwan Hisqiʼel warri dhumaa abdii kan nuuf kennan akkamitti akka taʼe qorra.
a Kana malees Yihudoonni boojuu jala turanii fi teessuma lafaa biyya isaanii yaadatan lagni kun kallattiidhaan laga dhugumaan jiru akka hin taane beekuu hin oolan; sababiin isaas lagichi mana qulqullummaa gaara baayʼee dheeraa taʼe irratti argamuu fi bakka ibsame kanatti illee hin argamne irraa yaaʼuu jalqabe. Dabalataanis mulʼanni kun lagichi kallattiidhaan gufuu tokko malee gara Galaana Duʼaatti akka yaaʼu argisiisuu dandaʼa; kun immoo akka haala teessuma lafaatti wanta taʼuu hin dandeenye dha.
b Namoonni Kitaaba Qulqulluu irratti yaada kennan tokko tokko namoonni naannoo kana jiraatan yeroo dheeraa dhaaf naannoo Galaana Duʼaatti soogidda nyaanni utuu hin mancaʼin yeroo dheeraa akka turu godhu oomishaa akka turan caqasuudhaan ibsi kun gaarii akka taʼe yaadu. Haa taʼu malee, seenaan isaa iddoowwan dhaqdhaqii taʼan sun akka ‘hin fayyifamne’ ifatti dubbata. Iddoowwan kun bishaan jireenya kennuu fi mana Yihowaa keessaa yaaʼu achi waan hin geenyeef, lubbuun kan keessa hin jiraannee fi kan hin fayyifamne taʼanii hafu. Kanaafuu, mulʼata kana keessatti iddoowwan soogiddaa dhaqdhaqii taʼan kun yaada gaarii kan dabarsan hin fakkaatu.—Far. 107:33, 34; Er. 17:6.
c Fakkeenya Yesuus waaʼee saaphanaa dubbate keessattis yaanni wal fakkaatu ibsameera. Kiyyoon sun qurxummii hedduu kan qabate taʼus, hundi isaanii garuu qurxummii “gaggaarii” hin turre. Kanaafuu, warri gatii hin qabne ni gatamu. Yesuus fakkeenya kanatti fayyadamee namoonni gara jaarmiyaa Yihowaatti dhufan hedduun yeroo booda amanamoo utuu hin taʼin hafuu akka dandaʼan akeekkachiiseera.—Mat. 13:47-50; 2 Xim. 2:20, 21.
-
-
‘Biyyattii Dhaala Godhaa Hihiraa’Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
-
-
BOQONNAA 20
‘Biyyattii Dhaala Godhaa Hihiraa’
YAADA IJOO: Hiika biyyattii hihiruun qabu
1, 2. (a) Hisqiʼel Yihowaa irraa qajeelfamoota akkamii argateera? (b) Gaaffiiwwan akkamii irratti mariʼanna?
MULʼANNI Hisqiʼel arge tokko wanta gara waggaa 900 dura bara Musee fi Iyyaasuutti raawwatame isa yaadachiisee taʼuu hin oolu. Yeroo sanatti Yihowaan daangaawwan Biyyattii Abdachiifamte sanaa Museedhaaf ibseera; yeroo booda immoo Iyyaasuun gosoota Israaʼeliif akkamitti biyyattii hihiruu akka qabu itti himeera. (Lak. 34:1-15; Iya. 13:7; 22:4, 9) Dhaloota Kiristoos Dura bara 593tti garuu Yihowaan Hisqiʼelii fi namoonni isaa wajjin boojiʼaman Biyyattii Abdachiifamte ammas gosoota Israaʼeliif akka hihiran qajeelfama kenneera.—His. 45:1; 47:14; 48:29.
2 Mulʼanni kun Hisqiʼelii fi namoota isaa wajjin boojiʼamanii jiraniif ergaa akkamii qabateera? Saba Waaqayyoo yeroo harʼaatti argamaniifis madda jajjabinaa taʼa kan jennu maaliifi? Gara fuulduraatti hoo raawwii isaa isa guddaa ni argataa?
Mulʼata Abdii Afur Qabate
3, 4. (a) Mulʼanni Hisqiʼel arge inni dhumaa, warra boojiʼamaniif abdii akkamii afur kenneera? (b) Boqonnaa kana keessatti abdii kam irratti mariʼanna?
3 Mulʼanni Hisqiʼel arge inni dhumaa boqonnaawwan saglan kitaaba isaa keessatti galmeeffameera. (His. 40:1–48:35) Mulʼanni kun saba Israaʼel isa deebiʼee hundeeffamu ilaalchisee warra boojiʼamaniif abdii nama jajjabeessu afur kenneera. Abdiiwwan nama jajjabeessan kun kam faʼi? Tokkoffaa, waaqeffannaa qulqulluun mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti deebiʼee ni hundeeffama. Lammaffaa, luboonnii fi tiksitoonni qajeelota taʼan saba deebiʼee hundeeffamu sana ni geggeessu. Sadaffaa, warri Israaʼelitti deebiʼan hundi lafa dhaalan ni qabaatu. Akkasumas arfaffaa, Yihowaan ammas isaan gidduu jiraachuudhaan isaanii wajjin ni taʼa.
4 Boqonnaa 13ffaa fi 14ffaa kitaaba kanaa keessatti abdiiwwan jalqabaa lamaan, jechuunis waaqeffannaa dhugaan deebiʼee akka hundeeffamuu fi tiksitoonni qajeelota taʼan sabicha akka geggeessan abdiin kenname akkamitti akka raawwatame ilaalleerra. Boqonnaa kana keessatti abdii sadaffaa, jechuunis abdii lafa sana dhaaluu ilaalchisee kenname irratti xiyyeeffanna. Boqonnaa itti aanu keessatti immoo, abdii Yihowaan saba isaa gidduutti akka argamu kenname irratti mariʼanna.—His. 47:13-21; 48:1-7, 23-29.
‘Lafti Kun Akka Dhaalaatti Isiniif Ramadameera’
5, 6. (a) Mulʼata Hisqiʼel keessatti naannoon ramadamu isa kami? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Mulʼanni waaʼee lafa ramaduu ibsu kaayyoon isaa maali dha?
5 Hisqiʼel 47:14 dubbisi. Yihowaan Hisqiʼel mulʼataan lafa yeroo muraasa booda akkuma “iddoo biqiltuu Eedan” taatu irratti akka xiyyeeffatu godheera. (His. 36:35) Achiis Yihowaan, “Naannoon isin akka dhaalaatti gosoota Israaʼel 12niif ramaddan isa kana” jedhe. (His. 47:13) “Naannoon” ramadamu kun biyya Israaʼel isa deebiʼee hundeeffamuu fi namoonni boojiʼaman deebiʼanii keessa jiraatani dha. Itti aansuudhaan akkuma Hisqiʼel 47:15-21 irratti ibsame Yihowaan daangaawwan guutummaa biyyattii tokko tokkoon ibseera.
6 Mulʼanni waaʼee lafa ramaduu ibsu kun kaayyoon isaa maali dha? Daangaawwan qixxeetti safaraman ilaalchisee ibsi kenname, Hisqiʼelii fi namoonni boojiʼaman biyyi isaanii ishiin jaallatamtuun deebitee akka hundeeffamtu isaaniif mirkaneesseera. Abdiin Yihowaan balʼinaan, akkasumas karaa ifa taʼeen ibse kun warra boojiʼamanii jiran hammam akka gammachiise mee yaadaa! Sabni Waaqayyoo dhuguma lafa akka dhaalaatti isaaniif qoqqoodame kana fudhataniiruu? Eeyyee fudhataniiru.
7. (a) Wanti Dh.K.D. bara 537tti raawwatamuu jalqabe maali dha? Kun hoo maal nu yaadachiisa? (b) Jalqaba irratti gaaffii akkamii ilaalla?
7 Hisqiʼel mulʼata kana erga argee gara waggaa 56 booda, jechuunis Dh.K.D. bara 537tti namoonni kumaan lakkaaʼamanii fi boojiʼamanii turan gara biyya Israaʼelitti deebiʼuu jalqabaniiru, akkasumas biyyattii dhaalaniiru. Taʼee guddaan waggoota hedduu dura raawwatame kun, wanta kanaa wajjin wal fakkaatuu fi yeroo ammaatti saba Waaqayyoo gidduutti raawwatamaa jiru tokko nu yaadachiisa. Isaanis lafa tokko akka dhaalaatti fudhataniiru jechuun ni dandaʼama. Akkamitti? Yihowaan sabni isaa biyya hafuuraa tokkotti seenanii akka dhaalan heyyameera. Kanaafuu bara duriitti Biyyattiin Abdachiifamte deebitee hundeeffamuun ishii, yeroo harʼaatti biyyi hafuuraa saba Waaqayyoo deebiʼee hundeeffamuu isaa ilaalchisee wanta nu barsiisu hedduu qaba. Haa taʼu malee barumsa kana ilaaluu keenya dura biyyi hafuuraa yeroo harʼaatti dhugumaan jira kan jennu maaliif akka taʼe haa ilaallu.
8. (a) Yihowaan saba Israaʼel durii saba kamiin bakka buuse? (b) Biyyi ykn jannanni hafuuraa maali dha? (c) Biyyi kun kan hundeeffame yoomi? Kan keessa jiraatan hoo eenyu faʼi?
8 Yihowaan mulʼata jalqaba Hisqiʼelitti argisiise keessatti raajiiwwan Israaʼel deebitee akka hundeeffamtu dubbatan ‘tajaajilaan isaa Daawit,’ jechuunis Yesuus Kiristoos Mootii taʼee bulchuu erga jalqabee booda raawwii isaanii isa guddaa akka argatan ibseera. (His. 37:24) Kunis kan raawwatame Dh.K.B. bara 1914tti dha. Yeroo sanatti sabni Israaʼel inni durii, saba Israaʼel hafuuraa isa Kiristiyaanota hafuuraan dibaman of keessatti qabateen erga bakka buufamee waggoonni hedduun darbaniiru. (Maatewos 21:43; 1 Pheexiros 2:9 dubbisi.) Haa taʼu malee, Yihowaan saba Israaʼel isa durii saba hafuuraa tokkoon bakka buusuu qofa utuu hin taʼin, biyya Israaʼelis biyya ykn jannata hafuuraa tokkoon bakka buuseera. (Isa. 66:8) Akkuma Boqonnaa 17ffaa kitaaba kanaa keessatti ilaalle, biyyi hafuuraa kun naannoo karaa hafuuraa tasgabbaaʼaa taʼe ykn bakka sochiin hafuuraa itti godhamuu fi dibamtoonni hafan bara 1919 irraa jalqabee Yihowaa waaqeffachaa itti turan argisiisa. (Saanduqa 9B, “Bara 1919tti kan Jennu Maaliifi?” jedhu ilaali.) Yeroo booda ‘hoolonni kan biroon’ warri lafa irra jiraachuuf abdii qabanis biyya hafuuraa kana keessa jiraachuu jalqabaniiru. (Yoh. 10:16) Yeroo harʼaatti jannanni hafuuraa kun guddachuu isaa fi balʼachuu isaa kan itti fufe taʼus, eebbawwan isaa garuu guutummaatti kan argaman Armaagedoon booda dha.
Biyyattii Qixxeetti Hihiruu
9. Yihowaan biyyattii qoqqooduu ilaalchisee qajeelfama balʼaa akkamii kenne?
9 Hisqiʼel 48:1, 28 dubbisi. Yihowaan daangaawwan biyyattii erga murteessee booda biyyattiin akkamitti akka qoqqoodamtu balʼinaan ibseera. Gosa Daan isa fiixee kaaba biyyattiitti argamu irraa jalqabee hamma gosa Gaad isa fiixee kibbaatti argamuutti biyyattiin kaabaa hamma kibbaatti gosoota 12niif qixxeetti hihiramtee dhaalaan akka kennamtus ajajeera. Dhaalli gosoota 12n kanaaf kennamu lafa karaa bahaatiin daangaa biyyattii irraa jalqabee, hamma Galaana Guddaatti ykn Galaana Meditiraaniyaa isa karaa dhihaatiin argamuutti dalga diriiree jiru kan dabalatu dha.—His. 47:20.
10. Kutaan mulʼata kanaa warra boojiʼamaniif abdii akkamii kennee taʼuu hin oolu?
10 Kutaan mulʼata kanaa warra boojiʼamaniif abdii akkamii kennee taʼuu hin oolu? Laficha qoqqooduu ilaalchisee ibsi balʼaan Hisqiʼel kenne, laficha hihiruun hojii qindoomina guddaadhaan hojjetamu taʼuu isaa sabicha hubachiisee taʼuu qaba. Kana malees lafichi gosoota 12niif qixxeetti hihiramuun isaa namoonni boojuudhaa deebiʼan hundi biyyattii deebitee hundeeffamtu keessatti dhaala akka argatan kan isaaniif mirkaneessu dha. Isaan keessaa namni lafa ykn mana hin qabaanne hin jiraatu.
11. Mulʼata waaʼee biyyattii qoqqooduu ibsu irraa barumsa akkamii arganna? (Saanduqa, “Biyyattii Hihiruu” jedhu ilaali.)
11 Yeroo harʼaatti mulʼata kana irraa barumsa nama jajjabeessu akkamii arganna? Biyyattii Abdachiifamtee fi deebitee hundeeffamtu keessatti iddoo kan argatan luboota, Leewwotaa fi geggeessitoota qofa utuu hin taʼin miseensota gosoota 12nii hunda turan. (His. 45:4, 5, 7, 8) Haaluma wal fakkaatuun jannata hafuuraa keessatti iddoo kan qaban dibamtoota hafanii fi tuuta uummataa guddaa keessaa warra itti gaafatamummaa qaban qofa utuu hin taʼin, miseensota tuuta uummataa guddaa hunda dha.a (Mul. 7:9) Gaʼeen jaarmiyicha keessatti qabnu hammam iyyuu xinnoo yoo taʼe, biyya hafuuraa keessatti iddoo amansiisaa fi hojii guddaa qabna. Kun abdii nama gammachiisu mitii?
Jaarmiyaa Waaqayyoo keessatti itti gaafatamummaa akkamii iyyuu yoo qabaanne Yihowaan carraaqqii keenyaaf iddoo guddaa kenna (Keeyyata 11 Ilaali)
Garaa Garummaa Guddaa Lamaan—Hiika Maalii Nuuf Qabu?
12, 13. Yihowaan gosoota hundumaatiif qooda hihiruu ilaalchisee qajeelfama ifa taʼe akkamii kenneera?
12 Qajeelfamoonni Yihowaan laficha hihiruu ilaalchisee kenne tokko tokko qajeelfamoota kanaan dura Museedhaaf kennee wajjin garaa garummaa qabaachuun isaa Hisqiʼeliin burjaajessee taʼuu dandaʼa. Mee garaa garummaa isaan gidduu jiru lama ilaalaa. Garaa garummaan kunis inni tokko laficha kan ilaallatu yeroo taʼu, inni kan biraan immoo jiraattota biyyattii kan ilaallatu dha.
13 Tokkoffaa, laficha. Museen gosoota xixinnoo caalaa gosoota guguddaadhaaf lafa balʼaa akka kennu ajajamee ture. (Lak. 26:52-54) Haa taʼu malee, mulʼata Hisqiʼel keessatti Yihowaan gosoota hundumaatiif ‘qoodni wal qixa taʼe [‘tokkoon tokkoon isaaniitiif akka obboleessa isaaniitti,’ milj.]’ akka kennamu qajeelfama ifa taʼe kenneera. (His. 47:14) Kanaafuu fageenyi daangaa kaabaa irraa hamma daangaa kibbaatti dhaalli gosoota 12niif hiramu qixxee taʼuu qaba ture. Gosa kam keessaa iyyuu yoo dhufan Israaʼelonni hundi oomisha gaarii Biyyattiin Abdachiifamtee fi lalistuu taate argamsiistu irraa qixxee fayyadamu.
14. Qajeelfamni Yihowaan namoota biyya ormaa ilaalchisee kenne wanta Seera Musee keessatti ibsame irraa adda kan taʼe akkamitti?
14 Lammaffaa, jiraattota biyyattii. Seerri Musee namoota biyya ormaatiif eegumsa kan godhuu fi waaqeffannaa Yihowaa irratti akka hirmaatan kan isaaniif heyyamu taʼus, namoonni kun biyyattii keessatti qooda qabaachuu hin dandaʼan turan. (Lew. 19:33, 34) Haa taʼu malee, wanti Yihowaan yeroo kanatti Hisqiʼelitti hime wanta Seericha keessatti ibse irraa adda ture. Yihowaan, “Nama biyya ormaatiif naannoo gosa inni gidduu jiraachaa jiru keessatti dhaala isaaf kennaa” jechuudhaan isa ajajeera. Yihowaan ajaja kana kennuudhaan garaa garummaa guddaan ‘lammii Israaʼelii’ fi nama biyya ormaa biyyattii keessa jiraatu gidduu jiru akka hafu godheera. (His. 47:22, 23) Hisqiʼel biyyattii deebitee hundeeffamtee fi mulʼataan arge keessatti wal qixxummaanii fi tokkummaan waaqeffannaa akka jiru hubateera.—Lew. 25:23.
15. Qajeelfamni Yihowaan lafichaa fi jiraattota biyyattii ilaalchisee kenne waaʼee isaa dhugaa hin jijjiiramne akkamii mirkaneessa?
15 Qajeelfamoonni dinqisiisoon Hisqiʼel waaʼee lafichaa fi jiraattota biyyattii ilaalchisee arge lamaan warra boojiʼaman jajjabeessanii taʼuu qabu. Namoonni kun Yihowaan Israaʼelotaafis taʼe namoota biyya ormaa isa waaqeffataniif iddoo qixxee taʼe akka kennu beeku. (Iz. 8:20; Nah. 3:26; 7:6, 25; Isa. 56:3, 8) Kana malees, qajeelfamoonni kun dhugaa nama jajjabeessuu fi hin jijjiiramne tokko, jechuunis tajaajiltoonni Yihowaa hundi isa biratti wal qixa gatii guddaa kan qaban akka taʼan nuu mirkaneessu. (Haagee 2:7 dubbisi.) Yeroo harʼaatti warri samii irra ykn lafa irra jiraachuuf abdii qabnu, dhugaa kanaaf bakka guddaa kennina.
16, 17. (a) Lafichaa fi jiraattota biyyattii ilaalchisee wantoota gad fageenyaan ibsaman kana qorachuun keenya kan nu fayyadu akkamitti? (b) Boqonnaa itti aanu keessatti waaʼee maalii ilaalla?
16 Lafichaa fi jiraattota biyyattii ilaalchisee wantoota gad fageenyaan ibsaman kana qorachuun keenya kan nu fayyadu akkamitti? Yeroo ammaatti wal qixxummaa fi tokkummaan obbolummaa addunyaa maraa keessatti ifatti mulʼachuu akka qabu nu yaadachiisa. Yihowaan hin loogu. Kanaafuu, nutis akkana jennee of gaafachuu qabna: ‘Ani hoo amala Yihowaa kana nan argisiisaa? Sanyiin isaanii ykn haalli jireenyaa isaanii kan akkamii iyyuu yoo taʼe namoota Yihowaa waaqeffatan hunda garaadhaa nan kabajaa?’ (Rom. 12:10) Yihowaan hundi keenya iyyuu jannata hafuuraa irraa qixxee akka fayyadamnu gochuu isaatti baayʼee gammanna; jannanni hafuuraa kun bakka lubbuu keenya guutuudhaan Abbaa keenya isa samiitiif tajaajila qulqulluu itti dhiheessinuu fi eebba isaa itti argannu dha.—Gal. 3:26-29; Mul. 7:9.
Loogii irraa fagaachuudhaan fakkeenya Yihowaa ni hordofnaa? Warra kaan garaadhaa ni kabajnaa? (Keeyyata 15, 16 Ilaali)
17 Mee amma abdii arfaffaa mulʼata Hisqiʼel isa dhumaa keessatti ibsame, jechuunis abdii Yihowaan warra boojiʼamanii wajjin akka taʼu ibsu haa ilaallu. Abdii kana irraa maal baranna? Boqonnaa itti aanu keessatti deebii isaa arganna.
a Biyya hafuuraa keessatti Yihowaan iddoo fi hojii addaa lubootaa fi geggeessitootaaf kenne ilaalchisee ibsa kenname beekuuf Boqonnaa 14ffaa kitaaba kanaa ilaali.
-
-
“Maqaan Magaalaa Sanaa Yihowaan Achi Jira kan Jedhu ni Taʼa”Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
-
-
BOQONNAA 21
“Maqaan Magaalaa Sanaa Yihowaan Achi Jira Kan Jedhu Ni Taʼa”
YAADA IJOO: Hiika magaalattiinii fi lafti buusii taʼe qaban
1, 2. (a) Lafti kaayyoo adda taʼe tokkoof adda baafame maali dha? (Fakkii qola kitaabichaa irra jiru ilaali.) (b) Mulʼatichi warra boojiʼamaniif abdii akkamii kenna?
HISQIʼEL mulʼata isaa isa dhumaa keessatti lafa kaayyoo adda taʼe tokkoof adda baafame argeera. Lafti adda baafame kun gosoota Israaʼeliif akka dhaalaatti kan kennamu utuu hin taʼin, buusii godhamee Yihowaadhaaf kan kennamu dha. Hisqiʼel magaalaa maqaa adda taʼe qabdu tokkos argeera. Kutaan mulʼata kanaa warra boojiʼamaniif abdii baayʼee barbaachisaa taʼe tokko kenna: Yihowaan yommuu isaan gara biyya isaanii ishii jaallatamtuutti deebiʼan isaanii wajjin ni taʼa.
2 Hisqiʼel lafa buusii taʼe sana ilaalchisee ibsa balʼaa kenneera. Mee seenaa nu warra waaqeffattoota Yihowaa taaneef hiika guddaa qabu kana haa qorru.
‘Buusii Qulqulluu fi Magaalattii’
3. Naannoowwan shanan Yihowaan adda baase kam faʼi? Naannoowwan kun tajaajila maaliitiif oolu? (Saanduqa, “Buusiin Isin Adda Baastan” jedhu ilaali.)
3 Lafti adda baafame sun kallattii kaabaatii hamma kibbaatti dhundhuma 25,000 (kiilomeetira 13), kallattii bahaatii hamma dhihaattis dhundhuma 25,000 taʼa. Lafti kallattii arfaniin iyyuu wal qixa taʼe kun ‘guutummaa buusii sanaa’ akka taʼetti ibsameera. Lafti kun kutaa saditti dalga qoqqoodameera. Kutaan inni olii Leewwotaaf, kutaan inni gidduu immoo mana qulqullummaa fi lubootaaf kan adda baafame dha. Kutaawwan lamaan kun “buusii qulqulluu” taʼanii adda baafamaniiru. Kutaa xinnoon gara gadiitti argamu ykn “naannoon inni hafe” immoo “tajaajila kan biraatiif” oola. Iddoon kun magaalattiidhaaf kan kenname dha.—His. 48:15, 20.
4. Seenaa waaʼee lafa Yihowaadhaaf buusii taʼee kenname ibsu irraa barumsa akkamii arganna?
4 Seenaa waaʼee lafa Yihowaadhaaf buusii taʼee kenname kanaa ibsu irraa barumsa akkamii arganna? Yihowaan jalqaba irratti laficha buusii adda taʼe kanaaf adda baasuudhaan, achiis lafa kaan gosoota Israaʼeliif kennuudhaan lafa buusii wiirtuu waaqeffannaa taʼe kanaaf dursi kennamuu akka qabu argisiiseera. (His. 45:1) Warri boojiʼaman lafichi akka barbaachisummaa isaatti duraa duubaan hihiramuu isaa irraa wanta hedduu akka baratan beekamaa dha. Jireenya isaanii keessatti waaqeffannaa Yihowaatiif iddoo hunda irra caalu kennuu qabu. Haaluma wal fakkaatuun nutis yeroo harʼaatti sochiiwwan hafuuraa kanneen akka Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu, walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argamuu fi hojii lallabaa irratti hirmaachuu jiran jireenya keenya keessatti iddoo guddaa akka qabanitti ilaalla. Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼaniif dursa kennuudhaan fakkeenya Yihowaa yommuu hordofnu jireenyi keenya isa waaqeffachuu irratti akka xiyyeeffatu goona.
“Magaalattiin Walakkaa Isaatti ni Argamti”
5, 6. (a) Magaalattiin kan eenyuuti? (b) Magaalaan sun maal hin argisiistu? Maaliif?
5 Hisqiʼel 48:15 dubbisi. Hiikni “magaalattii” fi lafa naannoo ishiitti argamuu maali dha? (His. 48:16-18) Mulʼaticha keessatti Yihowaan, ‘dhaalli magaalattiidhaaf kenname kan guutummaa mana Israaʼel’ akka taʼe Hisqiʼelitti himeera. (His. 45:6, 7) Kanaafuu magaalattiinii fi lafti naannoo ishii jiru “buusii qulqulluu” ‘Yihowaadhaaf adda baafame’ miti. (His. 48:9) Garaa garummaa kana sammuutti qabachuudhaan mee qophiin magaalattii yeroo harʼaatti barumsa akkamii nuu kennuu akka dandaʼu haa ilaallu.
6 Wanta magaalattii irraa barachuu dandeenyu ilaaluu keenya dura jalqaba wanta magaalattiin hin argisiisne beekuu qabna. Magaalattiin magaalaa Yerusaalemii fi mana qulqullummaa ishii warra deebiʼanii ijaaraman hin argisiistu. Akkana kan jennu maaliifi? Sababiin isaas magaalaan Hisqiʼel mulʼataan arge mana qulqullummaa hin qabdu. Kana malees magaalattiin magaalaa Israaʼel ishii deebitee hundeeffamtu keessatti argamu kan biraa kam iyyuu hin argisiistu. Maaliif? Sababiin isaas warri boojuudhaa deebiʼan ykn sanyiin isaanii magaalaa mulʼaticha keessatti ibsamee wajjin wal fakkaatu hin ijaarre. Akkasumas magaalattiin magaalaa samii irratti argamu hin argisiistu. Maaliif? Sababiin isaas magaalattiin kan ijaaramte bakka waaqeffannaa qulqulluudhaaf adda baafame irratti utuu hin taʼin, “iddoo tajaajila kan biraatiif oolu [ykn iddoo qulqulluu hin taane]” irratti dha.—His. 42:20.
7. Magaalaan Hisqiʼel arge maali dha? Magaalattiin maal kan argisiistu fakkaata? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
7 Maarree magaalaan Hisqiʼel arge maali dha? Hisqiʼel mulʼata waaʼee biyyattii arge keessatti magaalattiis akka arge yaadadhaa. (His. 40:2; 45:1, 6) Dubbiin Waaqayyoo biyyattiin biyya hafuuraa akka taate ibsa, kanaafuu magaalattiin magaalaa hafuuraa kan argisiistu taʼuu qaba. Akka walii galaatti jechi “magaalaa” jedhu ergaa maalii dabarsa? Jechi kun namoota karaa qindoomina qabuun iddoo tokko waliin jiraatan argisiisa. Kanaafuu magaalaan Hisqiʼel arge ishiin akka gaariitti gurmooftee fi bakka kallattii arfaniinuu wal qixa taʼe irratti argamtu teessoo bulchiinsa sirriitti qindaaʼe tokkoo kan argisiistu fakkaata.
8. Naannoon bulchiinsa kanaa eessa dha? Maaliif?
8 Naannoon bulchiinsa kanaa eessa dha? Mulʼanni Hisqiʼel magaalattiin kan argamtu biyya hafuuraa keessatti akka taʼe argisiisa. Kanaafuu bulchiinsi kun yeroo harʼaatti jannata hafuuraa keessatti sochii saba Waaqayyoo geggeessa. Magaalattiin iddoo tajaajila kan biraatiif oolu ykn iddoo qulqulluu hin taane irratti kan argamtu taʼuun ishii maal argisiisa? Kun magaalattiin bulchiinsa samii utuu hin taʼin, bulchiinsa lafa irraa isa faayidaa warra jannata hafuuraa keessa jiraatan hundumaatiif hojjechaa jiru akka argisiistu nu yaadachiisa.
9. (a) Bulchiinsi lafa irraa kun yeroo harʼaatti eenyufaa of keessatti qabateera? (b) Yesuus yeroo Bulchiinsa Barkumeetti maal raawwata?
9 Bulchiinsi lafa irraa kun eenyufaa of keessatti qabateera? Mulʼata Hisqiʼel keessatti namni bulchiinsa magaalattii keessatti dursa fudhatu “geggeessaa” jedhamee ibsameera. (His. 45:7) Inni luba ykn gosa Leewwii keessaa kan dhufe taʼuu baatus sabicha gidduutti ilaaltuu ol aanaa ture. Geggeessaan kun yeroo harʼaatti keessumaa ilaaltota ol aanoo gumii hafuuraan hin dibamne nu yaadachiisa. Tiksitoonni hafuuraa “hoolota kan biroo” keessaa dhufan kun warra bulchiinsa Kiristoos isa samii jalatti gad of qabuudhaan lafa irratti tajaajilani dha. (Yoh. 10:16) Yesuus Bulchiinsa Barkumee gara fuulduraatti dhufu keessatti jaarsolii ykn “bulchitoota” gaʼumsa qaban filatee “guutummaa lafaa irratti” muuda. (Far. 45:16) Isaanis yeroo Bulchiinsa Barkumeetti qajeelfama Mootummaa samii kana jalatti fedhii saba Waaqayyoo ni guutu.
“Yihowaan Achi Jira”
10. Maqaan magaalattii eenyu jedhama? Kun hoo maal mirkaneessa?
10 Hisqiʼel 48:35 dubbisi. Maqaan magaalattii “Yihowaan Achi Jira” jedhama. Maqaan kun Yihowaan magaalattii keessatti akka argamu mirkaneessa. Yihowaan magaalaa walakkaa biyyattiitti argamtu kana Hisqiʼelitti argisiisuun isaa warra boojiʼamaniin akka waan, ‘Ani ammas isinii wajjin nan taʼa’ jedheetti ilaalama. Kun dhuguma iyyuu abdii nama jajjabeessu dha!
11. Mulʼata Hisqiʼel waaʼee magaalattii fi maqaa ishii isa hiika guddaa qabu ibsu irraa maal baranna?
11 Kutaa raajii Hisqiʼel kana irraa maal baranna? Maqaan bulchiinsa magaalaatti fakkeeffame kanaa Yihowaan ammas taʼe yeroo hunda tajaajiltoota isaa warra amanamoo lafa irratti argamanii wajjin akka taʼu nuuf mirkaneessa. Maqaan hiika guddaa qabu kun dhugaa baayʼee barbaachisaa taʼe tokkos ni addeessa: Magaalattiin kan hundeeffamte nama kamiif iyyuu aangoo kennuuf utuu hin taʼin, daandiiwwan Yihowaa warra jaalala irratti hundaaʼanii fi sirrii taʼan raawwachiisuufi. Fakkeenyaaf, Yihowaan akka ulaagaa namaatti biyyattii akka hihiru bulchiinsa kanaaf aangoo hin kennine. Kanaa mannaa Yihowaan bulchitoonni kun dhaala ykn mirga innumti namoota ‘rakkatan,’ dabalatee tajaajiltoota isaa hundumaatiif kenne akka kabajan isaan irraa eega.—Fak. 19:17; His. 46:18; 48:29.
12. (a) Qabiyyee dinqisiisaan magaalaan kun qabdu maali dha? Kun hoo maal argisiisa? (b) Qabiyyeen mulʼata kanaa ilaaltota ol aanoo Kiristiyaanota taʼaniif yaadachiisa gaarii akkamii qabateera?
12 Qabiyyee dinqisiisaan magaalaan “Yihowaan Achi Jira” jedhamtu kun qabdu kan biraan maali dha? Magaalonni bara durii dallaawwan eegumsaaf taʼanii fi karrawwan muraasa qabu turan, magaalaan kun garuu karrawwan 12 qabdi. (His. 48:30-34) Karrawwan hedduun kun (kallattii arfaniinuu karra sadii sadii) bulchitoonni magaalattii tajaajiltoota Waaqayyoo hundaaf salphaatti kan itti dhihaatamanii fi yeroo hunda kan argaman taʼuu isaanii argisiisa. Kana malees magaalattiin karra 12 qabaachuun ishii nama hundumaatiif, jechuunis ‘guutummaa mana Israaʼeliif’ banaa taʼuu ishii argisiisa. (His. 45:6) Magaalattiin karrawwan salphaatti ittiin seenuun dandaʼamu hedduu qabaachuun ishii ilaaltota ol aanoo Kiristiyaanota taʼaniif yaadachiisa gaarii taʼa. Yihowaan jaarsoliin kun warra jannata hafuuraa keessa jiraatan hundaaf salphaatti kan itti dhihaatamanii fi yeroo hunda kan argaman akka taʼan barbaada.
Ilaaltonni ol aanoon Kiristiyaanota taʼan kan itti dhihaatamanii fi salphaatti kan argamani dha (Keeyyata 12 Ilaali)
Saba Waaqayyoo Warra ‘Waaqeffannaadhaaf Seenanii’ fi ‘Magaalattii Tajaajilan’
13. Yihowaan gosa tajaajilaa adda addaa sabni isaa raawwatan ilaalchisee maal ibseera?
13 Mee bara Hisqiʼelitti deebinee wanta inni mulʼata balʼaa waaʼee lafa hihiruu ibsu keessatti balʼinaan barreesse haa ilaallu. Yihowaan sabni isaa gosa tajaajilaa adda addaa irratti akka hirmaatan ibseera. Luboonni “tajaajiltoota iddoo qulqulluu taʼan” aarsaawwan ni dhiheessu, akkasumas Yihowaa tajaajiluuf isa duratti ni dhihaatu. Leewwonni “tajaajiltoota mana qulqullummaa taʼan” immoo ‘tajaajila achi keessatti raawwatamuu fi wanta achi keessatti hojjetamu hundumaa toʼatu.’ (His. 44:14-16; 45:4, 5) Hojjettoonni magaalattii biratti hojjetanis jiru turan. Hojjettoonni kun eenyu faʼi?
14. Hojjettoonni magaalattii biratti hojjetan maal nu yaadachiisu?
14 Hojjettoonni magaalattii bira turan “gosoota Israaʼel hundumaa” keessaa kan dhufani dha. Hojjettoonni kun gaʼee guddaa qabu. Hojiin isaanii midhaan “warra magaalattii keessatti tajaajilaniif nyaata” taʼu oomishuu dha. (His. 48:18, 19) Qophiin kun carraa nuti yeroo harʼaatti qabnu nu yaadachiisaa? Eeyyee. Yeroo harʼaatti warri jannata hafuuraa keessa jiraatan hundi tajaajila obboloonni Kiristoos warri dibamoo taʼan dhiheessanii fi tajaajila warri Yihowaan ‘tuuta uummataa guddaa’ keessaa dura buutota akka taʼaniif muude dhiheessan deeggaruuf carraa qabu. (Mul. 7:9, 10) Karaan deeggarsa kana itti goonu inni guddaan qajeelfama garbichi amanamaan kennu hojii irra oolchuu dha.
15, 16. (a) Mulʼata Hisqiʼel keessaa ibsa balʼaa kan biraa akkamii arganna? (b) Sochiiwwan wal fakkaatu akkamii irratti hirmaachuuf carraa arganneerra?
15 Mulʼanni Hisqiʼel ibsa balʼaa tajaajila keenya ilaalchisee barumsa irraa argannu kan biraas qabateera. Ibsi balʼaan kun maali dha? Yihowaan miseensonni gosa Leewwii hin taane 12n iddoo lamatti hojii akka hojjetan ibseera: isaanis mooraa mana qulqullummaa keessattii fi iddoo dheedichaa magaalattii irratti dha. Iddoowwan kanatti maal hojjetu? Gosoonni hundi Yihowaadhaaf aarsaawwan dhiheessuudhaan mooraa mana qulqullummaa keessa ‘waaqeffannaadhaaf ni seenu.’ (His. 46:9, 24) Miseensonni gosoota hundumaa lafa dheedichaa sana qotuudhaan magaalattii ni deeggaru. Fakkeenya hojjettoota kanaa irraa maal baranna?
16 Yeroo harʼaattis miseensonni tuuta uummataa guddaa sochiiwwan mulʼata Hisqiʼel keessatti raawwatamanii wajjin wal fakkaatan irratti hirmaachuuf carraa qabu. Isaan aarsaawwan galataa dhiheessuudhaan “mana qulqullummaa isaa keessatti” Yihowaa waaqeffatu. (Mul. 7:9-15) Kanas kan godhan hojii lallabaa irratti hirmaachuu fi walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti amantii isaanii ibsuudhaani. Waaqeffannaa akkasii Yihowaadhaaf dhiheessuun itti gaafatamummaa isaanii isa guddaa akka taʼetti ilaalu. (1 Sen. 16:29) Dabalataanis saba Waaqayyoo keessaa namoonni baayʼeen karaawwan hedduudhaan jaarmiyaa Waaqayyoo deeggaruu dandaʼu. Fakkeenyaaf, Galmawwan Walgaʼii, akkasumas gamoowwan waajjira damee ijaaruu fi suphuu irratti gargaarsa godhu, hojiiwwan jaarmiyaan Yihowaa hojjetu kan biroo hedduu irrattis gargaarsa godhu. Warri kaan immoo hojiiwwan kanaaf buusii qarshii gochuudhaan deeggaru. “Ulfina Waaqayyootiif” akka fakkeenyaatti hojii lafa qotuu akkasii irratti hirmaatu. (1 Qor. 10:31) Yihowaan ‘aarsaawwan akkasiitti baayʼee akka gammadu’ waan beekaniif hojii isaanii hinaaffaa fi gammachuudhaan raawwatu. (Ibr. 13:16) Ati hoo carraawwan kanatti guutummaatti fayyadamaa jirtaa?
Hojiiwwan adda addaa Hisqiʼel karra magaalattii keessattii fi naannoo ishiitti akka raawwataman ibse irraa maal baranna? (Keeyyata 14-16 Ilaali)
“Samiiwwan Haaraa fi Lafa Haaraa . . . ni Eegganna”
17. (a) Mulʼanni Hisqiʼel gara fuulduraatti raawwii guddaa akkamii argata? (b) Yeroo Bulchiinsa Barkumeetti bulchiinsa magaalaatti fakkeeffame irraa kan fayyadaman eenyu faʼi?
17 Mulʼanni Hisqiʼel waaʼee lafa buusii taʼee kennamu sanaa ibsu gara fuulduraatti raawwii isaa isa guddaa yommuu argatu ni arginaa? Eeyyee. Hisqiʼel lafti “buusii qulqulluu” jedhamu biyyattii gidduutti akka argamu argeera. (His. 48:10) Haaluma wal fakkaatuun Armaagedoon boodas lafa irra eessa iyyuu yoo jiraanne Yihowaan nu wajjin ni jiraata. (Mul. 21:3) Yeroo Bulchiinsa Barkumeetti bulchiinsi magaalaatti fakkeeffame, jechuunis warri lafa irratti fedha saba Waaqayyoo guutuuf muudaman, “lafa haaraa” isa hawaasa ilmaan namootaa haaraa taʼan argisiisu hundaaf qajeelfama jaalala irratti hundaaʼe kennuudhaan bulchiinsa isaa guutummaa lafaa irratti babalʼisu.—2 Phe. 3:13.
18. (a) Bulchiinsi magaalaatti fakkeeffame bulchiinsa Waaqayyoo wajjin guutummaatti akka wal simu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi? (b) Maqaan magaalattii maal nuuf mirkaneessa?
18 Bulchiinsi magaalaatti fakkeeffame bulchiinsa Waaqayyoo wajjin guutummaatti wal simee akka itti fufu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi? Sababiin isaas Dubbiin Waaqayyoo magaalaan lafa irraa karrawwan 12 qabdu kun, magaalaa samii irraa, jechuunis Yerusaalem Haaraa ishii karra 12 qabduu fi namoota 144,000 warra Kiristoosii wajjin bulchan of keessatti qabattee wajjin akka wal fakkaattu ibsa. (Mul. 21:2, 12, 21-27) Kunis bulchiinsi lafa irraa kun, murtii Mootummaan Waaqayyoo inni samii dabarsu hunda akka deeggaruu fi guutummaatti akka raawwatu argisiisa. Eeyyee, maqaan magaalattii, “Yihowaan Achi Jira” jedhu waaqeffannaa qulqulluun bara baraaf Jannata keessatti akka itti fufuu fi akka dagaagu nuuf mirkaneessa. Dhuguma iyyuu yeroo baayʼee nama gammachiisutu nu eeggata!
-