Hisqiʼel
46 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Karri mooraa isa keessaa+ inni gara kallattii bahaatti garagalee jiru guyyoota hojii jaʼaaf+ akkuma cufametti turuu qaba;+ haa taʼu malee, guyyaa Sanbataattii fi guyyaa baatii haaraatti banamuu qaba. 2 Geggeessaan sunis karaa barandaa karrichaatiin alaa gara keessaatti seenee+ maqaanii karrichaa bira ni dhaabbata. Luboonnis aarsaa isaa isa guutummaatti gubamuu fi aarsaawwan gamtaa isaa ni dhiheessu; innis gubanii karrichaa biratti sagadee gad ni baʼa. Haa taʼu malee, karrichi hamma galgalaatti cufamuu hin qabu. 3 Namoonni biyyattiis guyyoota Sanbataattii fi guyyoota baatii haaraatti+ balbala karrichaa biratti Yihowaa duratti ni sagadu.
4 “‘Aarsaan guutummaatti gubamu inni geggeessaan sun guyyaa Sanbataatti Yihowaadhaaf dhiheessu, hoolota xobbaallaa kormaa mudaa hin qabne jaʼaa fi korbeessa hoolaa mudaa hin qabne tokko taʼuu qaba.+ 5 Korbeessa hoolaa sanaaf aarsaa midhaanii safartuu eefaa* tokko, hoolota xobbaallaa sanaaf immoo hamma namni sun kennuu dandaʼu, akkasumas tokkoon tokkoon safartuu eefaatiif zayitii hiinii* tokko tokko haa qopheessu.+ 6 Guyyaa baatii haaraatti aarsaan dhihaatu horii keessaa jibicha mudaa hin qabne tokko, hoolota xobbaallaa kormaa jaʼaa fi korbeessa hoolaa tokko taʼuu qaba; horiiwwan kun mudaa kan hin qabne taʼuu qabu.+ 7 Inni jibicha sanaaf aarsaa midhaanii safartuu eefaa tokko, korbeessa hoolaa sanaaf safartuu eefaa tokko, hoolota xobbaallaa kormaa sanaaf immoo hamma kennuu dandaʼu haa qopheessu. Tokkoon tokkoon safartuu eefaatiif zayitii hiinii tokko tokko haa qopheessu.
8 “‘Geggeessaan sun yommuu ol seenu karaa barandaa karrichaatiin ol haa seenu, karuma sanaanis gad haa baʼu.+ 9 Namoonni biyyattii yommuu guyyoota ayyaanaatti Yihowaa duratti dhihaatanitti,+ warri waaqeffannaadhaaf karra isa kaabaatiin seenan+ karra isa kibbaatiin gad haa baʼan;+ warri karra isa kibbaatiin seenan immoo karra isa kaabaatiin gad haa baʼan. Namni kam iyyuu karra ittiin ol seeneen gad hin baʼin; sababiin isaas, isaan karra fuuldura isaanii jiruun gad baʼuu qabu. 10 Geggeessaan isaan gidduutti argamu garuu, yommuu isaan ol seenanitti ol haa seenu, yommuu isaan gad baʼanittis gad haa baʼu. 11 Guyyoota ayyaanaattii fi waqtiilee ayyaanaatti jibicha sanaaf aarsaa midhaanii safartuu eefaa tokko, korbeessa hoolaa sanaaf aarsaa midhaanii safartuu eefaa tokko, hoolota xobbaallaa sanaaf immoo hamma namni sun kennuu dandaʼu, akkasumas tokkoon tokkoon safartuu eefaatiif zayitii hiinii tokko tokko haa qopheessu.+
12 “‘Geggeessaan sun aarsaa guutummaatti gubamu+ yookiin aarsaawwan gamtaa aarsaa Yihowaadhaaf fedhiidhaan dhihaatu godhee yoo qopheesse, karri kallattii bahaatti garagalee jiru isaaf ni banama; innis akkuma guyyaa Sanbataatti godhutti aarsaa isaa isa guutummaatti gubamuu fi aarsaawwan gamtaa isaa ni qopheessa.+ Inni erga gad baʼee booda karrichi isa duubaan cufamuu qaba.+
13 “‘Ati aarsaa Yihowaadhaaf guutummaatti gubamu akka taʼuuf guyyaa guyyaadhaan xobbaallaa hoolaa kormaa mudaa hin qabnee fi gara waggaa tokkoo taʼe tokko qopheessi.+ Yeroo hundumaa ganama ganama akkana godhi. 14 Kanaa wajjinis yeroo hundumaa ganama ganama aarsaa midhaanii eefaa tokko keessaa harka jaʼa keessaa harka tokko, daakuu bullaaʼaa aarsaa midhaanii taʼee Yihowaadhaaf dhihaatu irratti akka facaafamuuf immoo zayitii hiinii tokko keessaa harka sadii keessaa harka tokko qopheessi. Kun dambii dhaabbataa taʼe dha. 15 Isaan aarsaa guutummaatti gubamuu fi yeroo hundumaa dhihaatuuf, yeroo hunda ganama ganama xobbaallaa hoolaa kormaa, aarsaa midhaanii fi zayitii sana qopheessuu qabu.’
16 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Geggeessaan sun kennaa tokko ilmaan isaa hundumaatiif dhaala godhee yoo kenne, kennaan sun qabeenya ilmaan isaa ni taʼa. Inni qabeenya isaanii isa dhaalaan argatani dha. 17 Haa taʼu malee, inni dhaala isaa irraa tajaajiltoota isaa keessaa isa tokkoof kennaa yoo kenne hamma waggaa itti bilisa baʼamutti kan tajaajilaa isaa ni taʼa;+ sana booda garuu geggeessaa sanaaf ni deebiʼa. Kan isaanii taʼee kan itti fufu dhaala ilmaan isaa qofa dha. 18 Geggeessaan sun qabeenya isaanii irraa humnaan isaan ariʼuudhaan dhaala sabichaa keessaa isa kam iyyuu fudhachuu hin qabu. Saba koo gidduudhaa eenyu iyyuu qabeenya isaa irraa akka hin buqqaaneef, inni qabeenya ofii isaa irraa ilmaan isaatiif dhaala kennuu qaba.’”
19 Sana booda inni balbala isa karricha bira jiruun ol na seensise;+ karri sun gara kutaawwan nyaataa* lubootaa warra qulqulluu taʼanii fi kallattii kaabaatti garagalanii jiranitti kan geessu ture;+ achittis kallattii dhihaatiin iddoo duubaan jiru tokko nan arge. 20 Innis akkana naan jedhe: “Luboonni wanta akkamii iyyuu gara mooraa isa alaatti akka gad hin baasnee fi sabichatti qulqullummaa akka hin dabarsineef,*+ aarsaa yakkaa fi aarsaa cubbuu kan affeelan, akkasumas aarsaa midhaanii+ kan tolchan iddoo kanatti dha.”
21 Gara mooraa isa alaatti gad na baasee goleewwan mooraa sanaa arfan bira akkan darbu godhe; anis achitti tokkoon tokkoon goleewwan mooraa isa alaa biratti mooraa tokko tokko nan arge. 22 Goleewwan mooraa sanaa arfan biratti mooraawwan xixxinnoon dheerinni isaanii dhundhuma* 40, dalgi isaanii immoo dhundhuma 30 taʼe jiru turan. Arfan isaanii iyyuu wal qixa turan.* 23 Arfan isaanii irra iyyuu baattuuwwan* itti marsanii argaman jiru turan; baattuuwwan sana jalas iddoowwan foon aarsaa taʼu affeeluuf ijaaraman jiru turan. 24 Achiis inni, “Kanneen kun manneen tajaajiltoonni mana qulqullummaa aarsaa sabichaa itti affeelani+ dha” naan jedhe.