LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lff barumsa 25
  • Kaayyoon Waaqayyo Nuuf Qabu Maali Dha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kaayyoon Waaqayyo Nuuf Qabu Maali Dha?
  • Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • CAALAATTI BARADHU
  • MAAL BARATTE?
  • QORANNOO DABALATAA GODHI
  • Waaqni Dhugaan Eenyu?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Jireenyi kan Jalqabe Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Kaayyoon Jireenyaa Maali Dha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Kaayyoon Waaqayyo Lafaaf Qabu Maalinnii?
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
Dabalataan Ilaaluuf
Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
lff barumsa 25
Barumsa 25. Lafti hawaa irraa yommuu ilaalamtu.

BARUMSA 25

Kaayyoon Waaqayyo Nuuf Qabu Maali Dha?

Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru
Isa Bifa Maxxansaan Jiru

Kitaabni Qulqulluun jireenyi ilmaan namootaa “gabaabaa fi rakkinaan kan guutame” akka taʼe dubbata. (Iyyoob 14:1) Garuu kaayyoon Waaqayyo nuuf qabu kana turee? Kana miti taanaan, kaayyoon inni nuuf qabu maali dha? Kaayyoon isaa kun hoo ni raawwatamaa? Mee gaaffiiwwan kanneen ilaalchisee deebii Kitaabni Qulqulluun kennuu fi nama jajjabeessu haa ilaallu.

1. Yihowaan jireenya akkamii akka jiraannu barbaada?

Yihowaan jireenya baayʼee gaarii taʼe akka jiraannu barbaada. Yeroo namoota jalqabaa, jechuunis Addaamii fi Hewaaniin uumetti jannata bareedduu iddoo biqiltuu Eedan jedhamtu keessa isaan kaaʼe. Achiis, “Waaqayyo isaan ni eebbise; akkasumas, ‘Horaa, baayʼadhaa, lafa guutaa; isas toʼannaa keessan jala galfadhaa’” isaaniin jedhe. (Uumama 1:28) Yihowaan ijoollee akka godhatan, guutummaa lafaa jannata akka taasisanii fi bineeldota akka kunuunsan barbaada ture. Kaayyoon isaa namoonni hundi fayya buleeyyii taʼanii bara baraaf akka jiraatan ture.

Yeroo ammaatti jireenya akkasiia jiraachuu baannus kaayyoon Waaqayyoo hin jijjiiramne. (Isaayyaas 46:10, 11) Namoonni isaaf ajajaman bara baraaf haala gaarii taʼe keessa akka jiraatan barbaada.—Mulʼata 21:3, 4 dubbisi.

2. Yeroo ammaatti jireenya gammachiisaa jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?

Yihowaan fedhii hafuuraa akka qabaannu godhee nu uume; isa beekuu fi isa waaqeffachuu kan barbaannus kanaafi. (Maatewos 5:3-6 dubbisi.) Yihowaan isaa wajjin michummaa cimaa akka qabaannu, ‘daandiiwwan isaa hundumaa irra akka deemnu, akka isa jaallannuu fi garaa keenya guutuu akka isa tajaajillu’ barbaada. (Keessa Deebii 10:12; Faarfannaa 25:14) Akkas kan goonu yoo taʼe rakkoowwan kan nu mudatan taʼus, gammachuu dhugaa qabaachuu dandeenya. Yihowaa yommuu waaqeffannu karaa inni barbaaduun jiraachaa waan jirruuf, jireenyi keenya kaayyoo qabaata.

CAALAATTI BARADHU

Yihowaan akka irra jiraannuuf lafa yommuu uumetti, jaalala guddaa akkamii akka argisiisee fi Dubbiin isaa kaayyoo jireenyaa kan nu barsiisu akkamitti akka taʼe baradhu.

Addaamii fi Hewaan iddoo biqiltuu bakka jireenyaa isaanii biqiltootaa fi bineeldotaan guutamte yommuu ilaalan.

3. Yihowaan ilmaan namootaa jireenya baayʼee gaarii taʼe akka jiraatan barbaada

VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

VIIDIYOO: Waaqayyo Lafa kan Uume Maaliifi?—Gabaabfamee kan Fudhatame (1:41)

  • Waaqayyo lafa kan uume maaliifi?

Lallaba 3:11 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Caqasa kana irraa, kaayyoo Yihowaan nuuf qabu ilaalchisee maal baratte?

4. Kaayyoon Yihowaa hin jijjiiramne

Faarfannaa 37:11, 29 fi Isaayyaas 55:11 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Kaayyoon Yihowaan nuuf qabu akka hin jijjiiramne beekuu kan dandeenyu akkamitti?

A. Mana dulloomaa. Baaxiin isaa irraa kaʼeera, foddaawwan isaa caccabaniiru, akkasumas mooraan isaa kosiidhaan guutameera. B. Manumti sun amma haareffamee, bareedee fi naannoon isaa qulqullaaʼee.

Manni dulloome tokko deebiʼee haareffamuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, Waaqayyo lafa ilmaan namootaatiin dagatamte kana namoota jaallatuuf deebisee ni haaromsa

5. Yihowaa waaqeffachuun jireenyi keenya kaayyoo akka qabaatu godha

Kaayyoo jireenyaa beekuun keenya gammachuu nuuf argamsiisa. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

VIIDIYOO: Jireenyi Kaayyoo Akka Qabu Hubadheera (5:03)

  • Teeruumiin kaayyoo jireenyaa beekuu ishiitiin kan fayyadamte akkamitti?

Lallaba 12:13 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

  • Yihowaan wantoota kana hunda waan nuu godheef nuti hoo maal gochuuf dirqamna?

NAMNI TOKKO AKKANA JEDHEE SI GAAFATA TAʼA: “Kan duunu erga taʼee Waaqayyo maaliif nu uume?”

  • Maal jettee deebista?

MAAL BARATTE?

Yihowaan haala baayʼee gaarii taʼe keessa bara baraaf lafa irra akka jiraannu barbaada. Garaa keenya guutuu kan isa waaqeffannu yoo taʼe, yeroo ammaatti illee jireenyi keenya kaayyoo qabaata.

Irra Deebii

  • Kaayyoon jalqaba Yihowaan Addaamii fi Hewaaniif qabu maal ture?

  • Kaayyoon Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu akka hin jijjiiramne akkamitti beekna?

  • Jireenya gammachiisaa jiraachuu kan dandeessu akkamitti?

Galma

QORANNOO DABALATAA GODHI

Ragaa iddoon biqiltuu Eedan dhugumaan akka ture ibsu dubbisi.

“Seenaan Dhaaba Eeden Dhugaamoo Sobadha?” (Masaraa Eegumsaa, Eblaa-Waxabajjii 2011)

Lafti bara baraaf akka jiraattu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baradhu.

“Lafti ni Balleeffamtii Laata?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Jireenya gammachiisaa jiraachuu ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu qori.

“Kaayyoon Jireenyaa Maali Dha?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

Namni wanta hunda akka qabu yaadu tokko, wanti jireenya isaa keessatti isatti hirʼate akka jiru kan hubate akkamitti akka taʼe ilaali.

Amma Jireenya Kaayyoo Qabu Jiraachaan Jira (3:55)

a Barumsa itti aanu irratti yeroo ammaatti jireenya akkasii jiraachaa kan hin jirre maaliif akka taʼe baranna.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi