Addunyaatti Michoomuu
Namoota hin amanne kan toʼatu eenyudha?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
Luq 4:5-8—Seexanni mootummaa addunyaa kanarratti bulchaa isa gochuuf Yesuusiif affeerraa dhiheessee ture; Yesuusis Seexanni aangoo akkasii akka qabu hin haalle
Michuu addunyaa taʼuu barbaaduun hariiroo Yihowaa wajjin qabnu irratti miidhaa akkamii geessisa?
Dabalataanis Yaq 1:27 ilaali
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
2Se 18:1-3; 19:1, 2—Yoshaafaax Mootichi, Ahaab Mooticha isa hamaa akka taʼe isatti murteeffametti waan michoomeef Yihowaan isatti dheekkameera
Addunyaa kanaaf ilaalcha Yihowaan qabu qabaachuun keenya, namoota michuu godhannu filachuu irratti dhiibbaa akkamii godha?
“Michummaa” isa jedhu ilaali
Ilaalcha addunyaan qabeenyaaf qabu irraa fagaachuu kan qabnu maaliif?
“Qabeenya Jaallachuu” isa jedhu ilaali
Ilaalcha addunyaan fedhii fooniif qaburraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?
Kiristiyaanonni dhiira tokkoof, dubartii tokkoof ykn jaarmiyaa tokkoof ulfina waaqeffannaa wajjin wal gitu kennuu kan hin qabne maaliif?
Seenaa Kitaaba Qulqulluu si gargaaru:
HoE 12:21-23—Heroodis Agriiphaa Tokkoffaan ulfina Waaqaaf kennamuu qabu waan fudhateef Yihowaan isa rukuteera
Mul 22:8, 9—Maleekaan tokko waaqeffannaan Yihowaa qofaaf akka malu dubbachuudhaan Yohaannis ergamaan akka isaaf hin sagadne isa dhowweera
Kiristiyaanonni siyaasarraa walaba kan taʼanii fi sabboonummaa irraa kan fagaatan maaliifi?
“Mootummoota—Kiristiyaanonni Walaba Taʼanii Jiraatu” isa jedhu ilaali
Kiristiyaanonni amantaa kaan keessa galuurraa kan fagaatan maaliifi?
“Amantaa Walitti Makuu” isa jedhu ilaali
Kiristiyaanonni ulaagaa Yihowaa laaffisuu kan hin qabne maaliif?
Luq 10:16; Qol 2:8; 1Ta 4:7, 8; 2Xi 4:3-5
Dabalataanis Luq 7:30 ilaali