LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w11 1/15 ful. 7-8
  • Dachaa Keessatti Maqaa Waaqayyoo Arguu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dachaa Keessatti Maqaa Waaqayyoo Arguu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Dachaa Tulloota” Gidduutti Argamu Keessa Jiraadhaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
  • Kana Beektaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Dachaa Yihowaan Eegumsa Itti Godhu Keessaa Hin Baʼinaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Maqaa Waaqayyoo
    Dammaqaa!—2017
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
w11 1/15 ful. 7-8

Dachaa Keessatti Maqaa Waaqayyoo Arguu

SEEYINTI MOORIITZI. Maqaa kana dhageessee beektaa? Bakka bashannanaa addunyaarratti beekamaa taʼeefi Dachaa Ingaadiin, Siwiizarlaandi keessatti argamu waan taʼeef, dhageessee beekta taʼa. Seeyinti Mooriitzi iddoowwan bara dheeraadhaaf dachaa bareedaa kanatti namoota harkisaa turan keessaa tokko qofadha. Dachaan kun, gaarawwan Aalpis warra cabbiidhaan uwwifaman gidduu, akkasumas qarqara kibba bahaa Siwiizarlaandi daangaa Xaaliyaaniitti dhihaatee argama. Paarkiin Biyyoolessaa Siwiiz inni baayʼee bareedaa taʼeefi biqiltoonni, akkasumas bineeldonni addaddaa hedduun Uumaa keenya Isa Guddaa kan taʼe Yihowaadhaaf ulfina fidan keessa guutanis bakkuma kanatti argama. (Far. 148:7-10) Hambaawwan aadaa walakkeessa jaarraa 17⁠ffaatti turanis iddoo kanatti argamu.

Wanti adda taʼeefi manneen dachaa kana keessa jiran hedduurratti mulʼatu tokko xiyyeeffannaakee kan harkisudha. Balbala manaa dabalatee fuullee manaarratti maqaan Waaqayyoo barreeffamee argama. Jaarraawwan darbanitti, keenyan manaarratti halluudhaan barreessuudhaan ykn keenyan soquudhaan ykn barreeffama dhagaarratti bocuudhaan fuullee manaa bareechuun baramaa ture. Fakkiin asirratti argitu kun, mana mandara Beevar keessa jiru tokko argisiisa. Hiikni barreeffama mana kanarra jiruu akkas kan jedhudha: “Bara 1715⁠tti. Yihowaan isa jalqabaati, akkasumas Yihowaan isa dhumaati. Wanti hundinuu fiixaan kan baafamu Waaqayyoo wajjini, wanti tokkoyyuu isa malee hin taʼu.” Eeyyee, maqaan Waaqayyoo barreeffama bara durii kanarratti bakka lamatti argama.

Mana mandara Maaduuliin keessa jiru kanarrattimmoo barreeffama, isa kana caalaa umrii dheeraa qabu argita. Barreeffamni kun akkas jedha: “Faarfannaa 127. Yihowaan mana namaa yoo ijaaruu baate, warri isa ijaaran akkasumaan itti dhamaʼu. Luukiyas Ruumeediyas. Bara 1654⁠tti.”

Dachaa kana keessatti maqaan Waaqayyoo fuulleetti barreeffamee argamuu kan dandaʼe maaliifi? Bara haareffama amantiitti, Macaafni Qulqulluun afaan Roomaayisxii, isa Laatiiniirraa dhufeefi Ingaadiin keessatti dubbatamuun maxxanfame. Macaafni kun afaan sanaan maxxanfamuuf kitaaba isa jalqabaa ture. Namoonni biyya sanaa hedduun wanta Macaafa Qulqulluu keessaa dubbisaniin waan tuqamaniif, fuullee manneensaaniirratti maqaasaanii qofa utuu hin taʼin, yaadawwan Macaafa Qulqulluu maqaa Waaqayyoo isa dhuunfaa qabatanis barreessaniiru.

Eeyyee, barreeffamoonni kun erga jalqaba manneenirratti barreeffamanii jaarraawwan hedduu booda, hanga harʼaatti maqaa Yihowaa beeksisaa, akkasumas isa jajachaa jiru. Daawwattoonnis taʼan jiraattonni dachaa kanaa, gamoo maqaasaa qabate kan biraa, jechuunis Galma Mootummaa Dhugaa Baatota Yihowaa Beevar keessatti argamu daawwachuudhaan, waaʼee Waaqa dinqisiisaa Yihowaa jedhamu kanaa caalaatti akka baratan afeeramaniiru.

[Madda fakkii fuula 7rra jiru]

© Stähli Rolf A/age fotostock

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi