LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w11 7/15 ful. 3
  • Masaraa Eegumsaa Ingiliffa Salphaa Taʼeen Qophaaʼe

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Masaraa Eegumsaa Ingiliffa Salphaa Taʼeen Qophaaʼe
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Masaraa Eegumsaa Afaan Salphaa Taʼeen Qopheessuun Kan Barbaachise Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Maxxansa Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa Haaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Jijjiirama Gammachiisaa Barruu Masaraa Eegumsaarratti Godhame
    Tajaajila Mootummaa—2007
  • Kun Dhugumayyuu Maxxansa Qayyabannaati!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
w11 7/15 ful. 3

Masaraa Eegumsaa Ingiliffa Salphaa Taʼeen Qophaaʼe

MAXXANSA qayyabannaa kanarraa jalqabee waggaa tokkoof yaaliidhaaf Masaraa Eegumsaa Ingiliffa salphaadhaan qophaaʼes akka maxxansinu yeroo beeksisnu gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama. Matadureewwan qayyabannaafi iddoon geenyaanimmoo matadureewwan filataman kan biraa kan qabate taʼa. Qophiin kun, wanta Dhugaa Baatota Yihowaa hedduudhaaf karaa hafuuraa barbaachisu akka guutuuf ni abdanna. Akkamitti?

Obboloonni biyyoota akka Fiijii, Gaanaa, Keeniyaa, Laayibeeriyaa, Naayijeeriyaa, Paappuwaa Niiwu Giiniifi Solomoon Ayilaandis keessa jiraatan afaan Ingiliffaa ni dubbatu. Obboloonni biyyoota kana keessa jiraatan afaan biyyasaanii kan dubbatan taʼus, yeroo baayʼee walgaʼii gumiifi tajaajilarratti guyyaa guyyaadhaan yeroo waliin haasaʼan Ingiliffa dubbatu. Taʼuyyuu, Ingiliffi isaan dubbatan, Ingiliffa barreeffamoota keenyarratti itti fayyadamnu caalaa salphaadha. Kana malees, Dhugaa Baatonni Yihowaa biyyoota Ingiliffi itti dubbatamutti galaniifi afaanicha akka gaariitti beekuu baatanis isa dubbachuuf dirqaman jiru. Walgaʼii gumii afaansaaniitiin geggeeffamu argachuus hin dandaʼan.

Matadureewwan torban torbaniin Qayyabannaa Masaraa Eegumsaarratti qayyabannu, nyaata hafuuraa yeroodhaan dhihaate karaa itti argannu keessaa isa guddaadha. Kanaafuu, namoonni qayyabanicharratti argaman hundi barumsicharraa faayidaa akka argatan gargaaruuf, maxxansi Ingiliffa salphaa taʼeen qophaaʼu, jechoota gaggabaabaafi caasluga salphaa taʼetti fayyadama. Maxxansi haaraan kun, qola adda taʼe qabaata. Matadureewwan xixiqqoon, keeyyatoonni, gaaffiiwwan irra deebiifi fakkiiwwan mataduree qayyabannaarra jiran, maxxansa kanaan duraa wajjin kan wal fakkaatan taʼu. Kanaafuu, namni kamiyyuu maxxansa lamaan keessaa kan barbaade qabatee Qayyabannaa Masaraa Eegumsaarratti hirmaachuu dandaʼa. Garaagarummaa maxxansa kana lamaan gidduu jiru hubachuuf, yaada keeyyata 2⁠ffaa mataduree qayyabannaa jalqabaa Masaraa Eegumsaa kanaarraa fudhatame armaan gadiitti ilaali.

Qophiin haaraan kun, kadhannaa namoota “Abboommota kee akkan barutti hubannaa anaaf kenni!” jechuudhaan kadhatan hedduu akka deebisu abdanna. (Far. 119:73) Namoonni Ingiliffa akka gaariitti hin beekneefi ijoollee xixinnoon Ingiliffa dubbatan tokko tokko, Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa torban torbaniin godhamuuf caalaatti akka qophaaʼan ni amanna. Yihowaan ‘obbolummaa amantootaa waan jaallatuuf,’ nyaata hafuuraa baayʼinaan kennuuf ‘hojjetaa amanamaafi ogeessatti’ fayyadamuusaatiif galata hundumaa isaaf galchina.—1 Phe. 2:17; Mat. 24:45.

Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi